Qorannoon kun gahee TQOn kenninsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti qabu fi ittifayyadama isaa ilaalchisee rakkoole mul’atan adda baasuu irratti qofa kan xiyyeffate dha. Keesumaa qorannoon kun gahee TQOn kenninsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti kallattii si’oominaa, qulqullinaa, iftoominaa fi dhaqqabamummaa mirkaneessuu keessatti qabu irratti rakkoolee mul’atan adda baasuu fi fala akeekuu irratti kan xiyyeeffate dha. Kanaaf jecha qorannoo kana keessatti haalli itti fayyadama TQO Mana Murtii Waliigala Oromiyaa dhaddacha gidduu galeessaa fi kibbaa, kan Mana Murtii Ol’aanaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee, Mana Murtii Aanaa Ejeree fi Shaashamannee ilaalameera.
1.7 Qabiyyee Qorannichaa
Qorannoon kun boqonnaa gurguddoo shanitti qoodamee kan dhiyaate dha. Boqonnaa tokkoffaan ka’umsa qorannichaa, hima rakkoo, kaayyoolee qorannichaa, gaaffiilee qorannichaa, mala qorannichaa, adeemsa qorannichaa fi ragaan walitti qabaman, daangaa qorannichaa fi qabiyyee qorannichaa kan ilaalu dha. Boqonnaa lammaffaan immoo gahee TQOn kenninsa tajaajila abbaa seerummaa Manneen Murtii Oromiyaa keessatti qabuu fi muuxannoo manneen murtii biyyoota ambaa kan biyya Hindii fi Singapor ilaaluun kan qaaccessu dha. Boqonnaa sadaffaan immoo bu’aalee TQOn Manneen Murtii Oromiyaa keessatti buuse fi hanqinaalee ittifayyadama waliin walqabatee jiru kan xiinxale dha. Boqonnaa afraffaan immoo muuxannoo ittifayyadama TQO manneen murtii biyya keessaa kan akka Mana Murtii Waliigala Federaalaa fi Mana Murtii Waliigala Saba, Sablammoota fi Uummatoota Kibbaa kan ilaallu dha. Boqonnaa shanaffaa fi inni xumuraa immoo yaada guduunfaa fi kallattii furmaataa kan akeeku dha.
BOQONNAA LAMA 2. Faayidaa Tekinoloojiin Quunnamtii fi Odeeffannoo Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Keessatti Qabuu fi Muuxannoo Manneen Murtii Biyyoota Biroo
Yeroo ammaa kanatti guddinnii fi fooyya’insi Tekinoloojii Quunnamtii Odeeffannoo (TQO) hojii guyyaa guyyaa namootaa fi dhaabbattootaa irratti jijjiirama ol’aanaa fi wal irraa hin cinne fidaa jira. TQOn akkaataa raawwii hojii irratti qofa osoo hin taane hariiroo waliin jireenya namoota dhuunfaa irrattis dhiibbaa mataa isaa ni qabaata. Bulchiinsi sirna haqaa biyya tokkootis dhiibbaa jijjiiramni tekinoloojii fiduun alatti ta’uu hin danda’u. Guddinaa fi fooyya’insa tekinoloojii waliin falmiiwwan yakkaa fi hariiroo hawaasaa bifa haaraa qabachaa deemu. Gama biraan garuu manneen murtii carraawwan TQOn uumamanitti fayyadamuudhaan tajaajila fooyya’aa kennuu ni danda’u.
2.1. Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo Tajaajila Abbaa Seerummaa Keessatti
Tekinoloojiin Quunnamtii fi Odeeffannoo gabaabumatti tekinoloojii gochawwan odeeffannoon wal qabatan deeggaru dha jechuun ni danda’ama. Hiikkoowwan TQO’f kennaman keessaa hiikkoo Dr.A.U. Nwabueze kenne yoo ilaallu;
ICT is ‘a broad based technology including methods, management and application that support the creation, storage, manipulation and communication of information1 jedheera.
Akka hiikkoo ogeessa kanaatti TQOn tekinoloojiwwanii fi toftaawwan, odeeffannoo uumuuf, kuusuuf, itti fayyadamuuf akkasumas dabarsuuf deeggaran hunda kan hammatu ta’uu isaa ti. TQO kun moosaajii (software), miidiyaawwan odeeffannoo funaanuuf, kuusuuf, daddabarsuu fi dhiyeessuuf gargaaran sagantaawwanii fi meeshaalee quunnamtii odeeffannoo akka saatalaayitii, sarara quunnamtii, kompiitaroota, moodemii, toftaawwan opireeshinii fi appilikeeshinoota hunda hammata.2
Tekinoloojiiwwan kenninsa tajaajila abbaa seerummaa deeggaruu danda’an hedduu dha. Baay’innii fi qulqullinni isaaniis yeroodhaa gara yerootti dabalaa fi fooyya’aa kan deemu dha. Ogeessi faayidaa tekinoloojiin manneen murtii keessatti qabaatu irratti qorannoo bal’aa gaggeessan Doorii Reeling akkaataa hojii irra oolmaa isaanii irratti hundaa’uudhaan tekinoloojii manneen murtii bakka sadiitti qoodeera.3 Isaanis: - Tekinoloojii dhaddachaa (Court Room Technology), tekinoloojii kutaalee keessaa hojii abbaa seerummaa deeggaran (back office technology) fi tekinoloojii quunnamtii alaa deeggarani dha.
2.1.1. Tekinoloojiiwwan Kutaa Dhaddachaa (Court Room Technologies)
Tekinoloojiiwwan kutaa dhaddachaa kan jedhaman tekinoloojiiwwan hojii dhaddachaa akka deeggaran taasifaman yoo ta’u, manneen murtii akkaataa haala qabatama isaaniitti kan hojii irra oolchani dha. Meeshaaleen tekinoloojii dhaddachaa Manneen Murtii biyyoota garaagaraatti hojiirra oolan beekamoon meeshaa sagalee guddisu, meeshaa sagalee to’atu (kill switch and control system), tekinoloojiiwwan dhiyeessa ragaaf gargaaran akka kaameraa fi meeshaa xiyyeeffachuuf gargaaru (annotation device), moniitarii dhaddachaa kan Abbootii Murtiif, juuriif, ragaaf, abukaattotaaf, hordoftoota dhaddachaaf kaa’amu, tekinoloojii afaan hiikan (Telephone or infrared interpreting, or translation system), meeshaalee awudoo konfiraansii fi viidiyoo konfiraansii, meeshaalee sagalee waraabanii fi jijjiiruuf deeggaran`hammata.4 Tekinoloojiiwwan kutaa dhaddachaa kunniin deeggarsa netwoorkii malee of danda’anii kan dhaabbatan yoo ta’u yeroo baay’ee dhaddachuma fayyadan keessatti dhaabbiidhaan kan kaa’aman waan ta’eef caaseffama humna namaa irratti jijjiirama bal’aa osoo hin taasisiin salphaatti kan hojii irra ooluu danda’ani dha.5
2.1.2. Tekinoloojii Kutaalee Keessaa Hojii Abbaa Seerummaa Deeggaran
Tekinoloojiiwwan adeemsa bulchiinsa dhimmootaa, bulchiinsa mana Murtii fi qophii dokimantiiwwan deeggaran hammata. Isaanis tekinoloojiiwwan akka daataa beezii dhimmoota falmii irra jiranii, daataa beezii dhimmoota Murtii argatanii, tekinoloojii iyyannoo elektirooniksii deeggaru, galmee elektiroonikii hammata.6
2.1.3. Tekinoloojii Quunnamtii Alaa Deeggaran
Manneen murtii quunnamtii alaa kan taasisan abbootii dhimmaa, abukaattota fi ogeessota biroo hojii mana murtii irraa fayyadamoo ta’an waliin ta’uu danda’a. Tekinoloojiiwwan adeemsa bulchiinsa quunnamtii abbaa dhimmaa (customer relations management systems) deeggaran akkuma tekinoloojiiwwan kutaa dhaddachaa gosa garaagaraa qabu. Tekinoloojiiwwan quunnamtii alaa deeggaran yeroo ammaatti manneen murtii biyyoota garaagaraatti baay’inaan hojii irra oolanii jiran websaayitii manneen murtii, galmeessa elektirooniksii fi odeeffannoo ergaa barreeffamaa gabaabaa (SMS) dabalata. Websaayitiin manneen murtii iyyannoo tajaajiloota akka foormiiwwan abbaan dhimmaa bakka jirutti baafatee waraqaa irratti guuttachuu danda’u (downloading of forms) fi foormiiwwan guutamuu danda’an (processing of forms) interneetiidhaan (marsariitiidhaan) dhiyeessuu, elektirooniksiin iyyannoo dhiyeessuu (E-filing), tekinoloojiiwwan abbaan dhimmaa bakkuma jirutti kaffaltiiwwan raawwachuu akka danda’uu fi Murtiiwwan fi ajajoota akka beeku dandeessisan, waa’ee tajaajila kennanii fi odeeffannoo waa’ee dhimmaa kallattiin abbaa dhimmaaf kennuu hammatu.7
Dostları ilə paylaş: |