Seensa Hima Rakkoo 2


Faayidaa Tekinoloojiin Quunnamtii fi Odeeffannoo Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Keessatti Qabu



Yüklə 236,66 Kb.
səhifə4/12
tarix26.10.2017
ölçüsü236,66 Kb.
#13854
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12

2.2. Faayidaa Tekinoloojiin Quunnamtii fi Odeeffannoo Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Keessatti Qabu


Kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti itti fayyadamni TQO kallattii garaagaraan faayidaawwan hedduu ni qabaata. Faaydaaleen TQO kenninsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti qabu isaan muraasa akka armaan gadiitti kan ilaallu ta’a.

2.2.1. Qulqullinaa fi Gahumsa Tajaajila Abbaa Seerummaaf

Bu’aa qabeessummaa manneen murtii dabaluuf itti fayyadamni tekinoloojii murteessaa dha. Abbootiin Murtii dhimmoota harka isaanii jiraniif meeshaalee bu’a qabeessummaa isaaniif gargaaran akka seerotaa, barreeffamootaa, qorannoowwanii fi hiikkoowwan seerota irratti kennaman interneetiin (marsaariitiin) fayyadamuun gad fageenyaan qorachuun Murtii haqa qabeessa akka kennan dandeessisa.8

2.2.2. Qulqullina Odeeffannoo

Hojimaatni Manneen Murtii dokimentii hedduu kuusuu, bulchuu fi dhiyeessuu gaafata9. Ragaan fi odeeffannoo falmiiwwaniin wal qabatan yeroodhaa gara yerootti kan heddummataa deemuu dha. TQOn gargaaramuun adeemsi bulchiinsaa fi qabannaa odeeffannoo dhimmootaa qulqullinaa fi si’aayinaan akka gaggeeffamu ni gargaara.10 Murtiiwwan fi hojimaata marsariitii irratti akka bahan gochuun odeeffannoo sirriin uummata bira akka gahu ni gargaara. 11

2.2.3. Qulqullina Hooggansa Dhimmootaa

Hooggansa dhimmaa yeroo jennu akkaataa manneen murtii dhimmoota dhiyaateef itti to’atani yoo ta’u, dhimmoota gosaan adda baasuu fi sagantaa itti falmiin dhaga’amu baasuu, istaandardii yeroo baasuu, iddoo falmiin dhimmootaa itti gaggeeffamutti yookaan nama dhimmicha keessummeessutti qajeelchuu dabalata.12 Hooggansi dhimmootaa tekinoloojii daataa beeziin yoo deeggarame Manneen Murtii odeeffannoo waa’ee dhimmoota dhiyaataniif, falmii irra jiranii fi Murtii argatan salphaatti akka argataniif dandeessisa. Kana malees, manneen murtiis ta’e abbootiin murtii hanqina raawwii ofii hubatanii akka fooyyeffatan isaan dandeessisa.13

2.2.4. Dhaqabamummaa

Tekinoloojiin Quunnamtii fi Odeeffannoo tajaajilamtootni manneen murtii, gareen falmitootaa fi hawaasni bal’aa odeeffannoo waa’ee dhimmootaa, sagantaa beellama falmii, foormiiwwanii fi murtiiwwanii salphaatti akka argatan gargaara.14

Tekinoloojiiwwan akka viidiyoo konfiraansii gareen falmitootaa naannoo teessoo isaanii irraa osoo hin fagaatiin fi dhaddachatti qaamaan dhiyaachuu osoo hin barbaachisiin bakkuma jiran irraa falmii ofii akka hordofan ni gargaara. Baasii gama kanaan baasanis ni xiqqeessa. Ragootnii fi ogeessotni ragaa bahan mana hojii ofii gad lakkisanii deemuu osoo hin barbaachisne jecha isaanii akka kennan dandeessisa. Kunis baasii fi dhiibbaa hojii isaanii irratti fidu ni xiqqeessa.15 Kana malees, manneen sirreessaa namoota mana Murtiitti dhiyeessuuf baasii isaan barbaachisu ni xiqqeessa. Tajaajilootni akka “e-filing, maarsariitii, SMS, yeroo kenna tajaajilaa bal’isa. Abbaan dhimmaa sa’atii hojii hin taanetti, guyyaa hojiin waajjiraa hin jirrettii akkasumas guyyaa ayyaanaattii guyyaatti sa’atii 24, torbaan guutuu sadarkaa dhimmi isaanii irra jiru akka beekan gargaara.16

2.2.5. Malaanmaltummaa Hir’isuu

Manneen murtii keessatti TQOn malaanmaltummaa xiqqeessuu akka danda’u qorannoowwan ni mul’isu. Doorii Reelingi qorannoo dhimma kana irratti godhan akka argisiisutti Manneen Murtii keessatti hanqinni odeeffannoo yoo jiraate itti gaafatamummaan ni xiqqaata, qaamni hoogganu hanqina odeeffannoo kan qabu yoo ta’e carraan gocha malaanmaltummaa adda baasuu laafaa ta’a.17 Akka qorannoo ogeessa kanaatti odeeffannoowwan tekinoloojiin dhiyaatan iftoomina hojimaataa fi hirmaannaa qaamolee alaa dabaluudhaan carraa gocha malaanmaltummaa adda baasuu dabala. Kana malees, qabansi dhimmoota odeeffannoo tekinoloojiin yoo deeggarame si’oominaa fi iftoomina hojii waan dabaluuf carraa malaanmaltummaa dhiphisa.18

2.2.6. Si’oomina

Qorannoon yeroo dhihoo Baankii Addunyaatiin haala raawwii Manneen Murtii biyyoota garaagaraa irratti gaggeeffame tokko akka mul’isutti itti fayyadamni TQO dhimmootni yeroo gabaabaa keessatti Murtii akka argataniif gahee ol aanaa ni qabaata.19 Tekinoloojiiwwan kutaa dhaddachaa (courtroom technology) akka kompiitaraa, meeshaa sagaalee dhageesisuu (visual display devices), viidiyoo konfiraansii, meeshaa sagalee waraabu (digital audio recording) abbootii murtiif adeemsa falmiiwwanii salphaatti akka to’atanii fi dhimmoota dhiyaataniif yeroo gabaabaa keessatti keessummeessuun murtii akka kennan ni gargaara. Tekinoloojiiwwan hooggansa dhimmootaa deeggaran daataa odeeffannoo dhimmootaa dhiyeessuun adeemsa hojii ni deeggara. Kana malees, daataa haalaa fi yeroo itti dhimmootni fala argatan kaa’uun istaandardii baafachuu fi safaruuf ni dandeessisa.20 Tajaajilli maarsariitiis manneen murtii karaa e-mail salphaadhumatti akka wal quunnaman dandeessisa.

2.2.7. Iftoominaa fi Ittigaafatamummaaa Mirkaneessuu

Hawaasni odeeffannoo waa’ee dhimmootaa, deemsa falmii fi Murtiiwwanii karaa bu’aawwan tekinoloojii akka argatu gochuun iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf gahee ol aanaa ni qabaata21. Reelingi qorannoo taasisaniin Murtiiwwan uummataaf banaa gochuun iftoominni Murtiiwwanii akka dabalu taasisa.22 Kana malees, haala beellamaa fi baay’ina dhimmoota qaban beekuun dammaqinaan hojimaata ofii sakatta’aa fi ofiin sirreeffachaa akka deeman gargaara.23

2.2.8. Hubannoo Lammiileen Seera Irratti Qaban Dabaluu

Murtiiwwan fi hojimaata Manneen Murtii tekinoloojiiwwanitti gargaaramuun hawaasaaf ifa gochuun ol aantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti ga’ee ni qabaata. Kunis namootni dhimmoota qabatamaa murtaa’an irraa ka’uun mirgaa fi dirqama isaanii irratti hubannoo akka cimsatan gargaara. Kanaan wal qabatee Dory Reiling yaada kanatti aanee jiru kenneera.

Access to courts is a service to citizens that can improve the individual’s chance of a just resolution of a legal problem. When courts publish their own decisions directly for the public, this increases their role as upholders of legal norms and standards, what is known as their shadow function. This refers to the wider normative authority of a judicial decision beyond its significance for the parties in the case.24


Yüklə 236,66 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin