3. Manneen Murtii Oromiyaa Keessatti Gahee Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo: Bu’aalee Argaman fi Hanqinoota Mul’atan
Boqonnaa kana jalatti ittifayyadama meeshalee Tekinooloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo Manneen Murtii Oromiyaa keessatti bu’uuraalee TQO guutaman, bu’aalee argaman fi hanqinaalee mul’atan walduraa duubaan tokko tokkoon kaasuun ibsuuf ni yaalla.
3.1. Itti fayyadama Tekinoloojii Quunnamtii Odeeffannoo Manneen Murtii Oromiyaa
Yeroo dhihoo asitti rifoormiiwwan Manneen Murtii Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa turan waliin tekinoloojiiwwan garaagaraa hojii irra oolaniiru. Kunis kenninsa tajaajila Abbaa seerummaa karaa adda addaan fooyyesseera. Armaan gaditti haala dhiyeessa meeshaalee tekinoloojii fi sadarkaa itti fayyadama Manneen Murtii irratti ragaa karaa adda addaan arganne bu’uureffannee ilaalla.
3.1.1 Bu’uuraalee Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo Guutaman
Gabaasota waggaa waggaa irraa akka hubatamutti sadarkaa Manneen Murtii hundatti iyyuu dhiyeessi meeshalee TQO yeroo dhaa gara yerootti fooyya’aa kan dhufe dha. Keessumattuu dhiyeessi tekinoloojiiwwan sadarkaa Manneen Murtii hundaaf iyyuu si’aayina, qulqullummaa fi dhaqqabummaa tajaajila A/seerummaa caalmaatti fooyyessuuf gargaaran akka kompiitaraa, maashina sagalee waraabu, viidiyoo konfiraansii fi daataa beezii xiyyeeffannoo dursaa argateera jechuun ni danda’ama.
Meeshaalee tekinoloojii xiyyeeffannoon kennameef keessaa tokko viidiyoo konfiraansii dha. Itti fayyadamni Viidiyoo konfiraansii baasii fi dhamaatii abbaa dhimmaa xiqqeessuun cinatti yeroo fi dadhabbii Abbootii seeraa xiqqeessuuf bu’aa ol aanaa waan qabuuf Manneen Murtii naannoo keenyaa keessatti tekinoloojii bal’inaan hojii irra akka oolu karoorfamee irratti hojjetamaa ture dha. Dhiyeessii gama kanaan jiru yeroo ilaalamuttis bara 2004 tti Manneen Murtii ol’aanaa 4 qofti gidduugala viidiyoon konfiransii irraa darbu kan mataa isaanii qabu. Baay’inni Manneen Murtii wiirtuu viidiyoo konfiraansii mataa isaanii qabanii bara 2005 tti godinaalee 11 fi dhaddachi dhaabbii fi giddugaleessa MMWO 3 yoo ta’u Manneen Murtii hafanis bara 2005 asitti akka guuttatan ta’eera. 55
Daataa beeziin tekinoloojii Manneen Murtii hundatti iyyuu bal’inaa fi haala walitti dhiyeenya qabuun hojii irra ooleeru dha. Yeroo ammaa kanattis daataa beeziin haaraa bu’uura JBAH tiin qoratamee qophaa’e sadarkaa Manneen Murtii hundatti iyyuu hojii irra ooluu akka danda’uuf yaalii irratti argama. Kana malees, maashinni sagalee waraabu Manneen Murtii aanaalee muraasa irraa kan hafe Manneen Murtii hundatti iyyuu bitamee guutamee jira.56
Armaan gaditti baay’inni meeshaalee tekinoloojii yeroo ammaa kanatti Manneen Murtii Oromiyaa keessatti hojii irra oolanii jiran armaan gaditti chaartiidhaan agarsiifamaniiru.
Chaartii 1ffaa: Baay’ina Meeshaalee TQO Manneen Murtii Aanaa fi Ol’aanaa
Chaartii 2ffaa: Meeshaalee TQO Mana Murtii Waliigala Oromiyaa
Maddi: - Kutaa karooraa, gamaggamaa fi bajataa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa dha.
Akkuma chaartiiwwan armaan olii irraa hubachuun danda’amutti akka waliigalaatti dhiyeessi meeshaalee TQO akka kompiitara minjalaa (Desk top), Laaptooppii, piriintera, meeshaa sagalee waraabuu fi viidiyoo konfiraansii Manneen Murtii sadarkaa hundatti iyyuu xiyyeeffannoo akka argatee jiru dha. Tekinoloojiiwwan akka waliigalaatti Manneen Murtii hundatti babal’atan cinatti Manneen Murtii tokko tokko kaka’umsa mataa isaaniitiin tekinoloojiiwwan haaraa madaqsuuf kan yaalan jiru. Fakkeenyaaf Manni Murtii Aanaa Shaashamannee bakka teessuma Abbootii dhimmaatti odeeffannoo beellama guyyaa tokkoo iskiriiniidhaan akka agarsiifamu gochuun itti fayyadamaa jiru, jecha ragoota daa’immanii fuudhuuf kaameraa CCTV tti gargaaramaa jiru,kana malees abbootiin seeraa fi hojjettootni mana murtichaa hundi kompiitara isaanii irraa odeeffannoo daataa beezii akka argatan taasisaniiru. Kuni immoo hojjetaan manichaa hundi beellama dhimmootaa fi sadarkaa dhimmootni irra jiran kompiitaruma ofii irraa akka argatu qaama odeeffannoo barbaaduufis akka kennu dandeessiseera. Mana Murtii Aanaa Ejereetti qalama piriinteraa daakuun isaa bitamee “cartridge” isaatti ofummaan itti naqachuun yeroo dheeraa itti fayyadamuu danda’ameera. Mana Murtii Ol’aanaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti tajaajilli IVR (Interactive voice response) hojii irra oolee jira. Sadarkaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaattis namootni odeeffannoo bilbila tolaan akka argataniif abbootiin dhimmaa naannoo jireenyaa ofii irraa ta’anii odeeffannoo akka argatan taasifamaa jira.
Gama biraan Manneen Murtii Oromiyaa gama meeshaalee TQO ta’an guuttachuutiin carraaqqiin godhan gaarii ta’us Manneen Murtii sadarkaa hundatti iyyuu babal’inni bu’uuraalee TQO akka wiirtuu daataa (Data centre), sarvarii fi marsariitii laafaa dha. Fakkeenyaaf, Manni Murtii Waliigala Oromiyaa wiirtuu daataa of danda’e hin qabu. Yeroo ammaa kanatti sarvarii lama qofaatti gargaarama. Kanas kan mana Murtii waliigala Federaaalaa waliin yoo madaallu yeroo ammaa kana Manni Murtii Waliigala Federaalaa wiirtuu daataa mataa isaa fi sarvaroota 9 kan fayyadamaa jiru ta’uun isaa garaagarummaan jiru guddaa ta’uu isaa argisiisa. Kana malees, gama ogeessota TQO guuttachuutiin hanqinni jira. Fakkeenyaaf sadarkaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti yeroo ammaa ogeessota TQO sadii qofatu jira. Dhaddachootni dhaabbii Mana Murtii Waliigalaa fi Manneen Murtii jalaa hedduun ogeessa TQO hin qaban. Kuni immoo bal’ina tajaajila barbaadamuun kan wal madaalu miti. Walumaagalatti, gama dhiyeessii meeshaalee TQO tiin hojiileen bal’aa kan hojjetamaa turan ta’us gama bu’uuraalee TQO diriirsuu fi humna ogeessaa guuttachuutiin hanqinootni kan jiran ta’uu isaa ti.
Qorannoo kana keessatti sadarkaa itti fayyadama TQO Manneen Murtii Oromiyaa maal akka fakkaatu madaaluuf odeeffannoon karaa adda addaa funaanameera. Haala kanaan yaadota gabaasaa fi Af gaaffii namoota mana Murtii keessaa filataman waliin taasifame irraa argameen cinatti maamiltootni manneen murtii kan ta’an Abukaattota, Abbootii Alangaa fi Abbootiin dhimmaa hanqinaa fi cimina argan irratti barreeffamaan yaada akka kennan taasifameera.
Haaluma kanaan haala itti fayyadama tekinoloojii Manneen Murtii Oromiyaa irratti maamiltootni manneen murtii (Abukaattota, Abbootii Alangaa fi Abbootii dhimmaa) namoota baay’inni isaanii 29 ta’an yaada akka kennan gaafataman keessaa harki caalu (16) sadarkaan itti fayyadama Manneen Murtii gidduu galeessa ta’uu ibsaniiru. Irra jireessi yaada kennitootaa kun dandeettiin ittifayyadama tekinoloojii Abbootii seeraa fi ofiseerota seeraa gidduugaleessa jedhanii yaada kennanii jiru. Yaada maamiltootaa waliigalatti graaffii armaan gadiin agarsiifameera.
|
Yaada dabalataa maamiltootni barreeffamaan kennaniin manneen Murtii itti fayyadamummaa TQO isaanii guddisuuf tattaaffiin godhanii fi Abbootiin seeraa fi ofiseerotni seeraa irri jireessi itti fayyadama isaanii cimsachuuf kaka’umsi qabanii fi fooyyessuuf tattaaffiin dhuunfaan barachuun godhan akka ciminaatti ka’eera.
Akka hanqinaatti immoo Manneen Murtii hundatti iyyuu meeshaalee jiraniif hordoffii gahaan taasifamuu dhabuu fi suphaan yerootti raawwatamuu dhabuu, babal’innii fi sadarkaan itti fayyadama tekinoloojii Manneen Murtii gidduutti garaagarummaa guddaa qabaachuu, meeshaalee jiran namoota baratanii fi gahumsa qabaniin hojjechiisuu dhabuu ka’aniiru. Kana malees maashina oolmaa dhaddachaa waraabuun wal qabatee yeroo baay’ee ogeessi sagalee waraabu muuxannoo dhabuu irraan kan ka’e darbee darbee sirnaan waraabamaa akka hin jirree fi bakka tokko tokkottis meeshaaleen kun yeroo ammaa tajaajila kennaa akka hin jirre ibsaniiru. Haalli itti fayyadamaas keessattuu viidiyoo konfiraansiin addaan ciccitaa akka ta’e ibsaniiru.
Haala itti fayyadama abbootii seeraa fi hojjettoota mana Murtii ilaalchisee qabxiileen akka hanqinaatti ka’an rakkina xixxiqqoof jedhanii tekinoloojiitti fayyadamuu dhabuu, dandeettiin itti fayyadamaa fakkeenyaaf saffisaan barreessuu irratti hanqinni jiraachuu, abbootiin seeraa tokko tokko meeshaa sagalee waraabuu fi kompiitara jiru dhiisuun harkaan barreessuu filachuu akka hanqinaatti ka’aniiru. Ciminootaa fi hanqinoota armaan olitti ka’an kanneen namootni yaada af gaaffiin kennanis ibsaniiru.
Meeshaalee tekinoloojii bu’a qabeessummaan isaanii ol aanaa ta’e keessaa tokko viidiyoo konfiraansii dha. Itti fayyadama viidiyoo konfiraansii dabaluuf waggoottan shanan darbanitti dhiyeessiin jiru keessattuu manneen murtii wiirtuu (gidduu gala) mataa isaanii akka qabaatan yeroodhaa gara yerootti kan fooyya’aa dhufe ta’us itti fayyadamni garuu sadarkaa barbaadameen kan fooyya’e miti. Sadarkaa itti fayyadama viidiyoo konfiraansii bara baraan ture gabatee armaan gadii irraa hubachuun ni danda’ama.
Bara
|
Baay’ina Manneen Murtii Ol’aanaa fi Dhaddachoota Dhaabbii Wiirtuu VC ofii isaanii qabanii
|
Baay’ina dhimmoota Viidiyoo konfiraansiin hojjetamee
|
Mana Murtii Waliigala Oromiyaa irraa gara Godinaalee fi Aanaatti
|
Mana Murtii Ol’ aanaa irraa gara Aanaatti
|
Ida’ama.
|
2003
|
Irra jireessaan qaamolee biroo waliin fayyadamaa turan
|
Ragaa hin arganne
|
Raga hin arganne
|
|
2004
|
MMO afurii fi DH/DHMMW-1
|
4288
|
4078
|
8366
|
2005
|
MMO 11 fi
DH/DHMM-3
|
2577
|
3297
|
5874
|
2006
|
Godinoota addaa irraa kan hafe hundinuu qabu.
|
2812
|
4756
|
7568
|
2007(hanga baatii 9)
|
2581
|
726
|
3307
|
Madda-Gabaasa raawwii waggaa waggaa kan Mana Murtii Waliigala Oromiyaa
Gabatee armaan olii irraa akka hubatamutti itti fayyadamni viidiyoo konfiraansii sadarkaa dhiyeessiin fooyya’aa deemeen kan dabalaa dhufe miti. Fakkeenyaaf Manneen Murtii Ol’aanaa fi dhaddachootni dhaabbii hundi bara 2005 fi 2006 tti wiirtuu viidiyoo konfiraansii kan mataa isaanii akka qabaatan ta’anis baay’inni dhimmoota viidiyoo konfiraansiin ilaalamanii kan yeroo osoo Manneen wiirtuu mataa isaanii hin qabaatiin hojjetan kan ga’u miti. Kunis rakkoo dhiyeessiin olitti rakkoon itti fayyadamaa jiraachuu kan argisiisu dha. Hanqina ogeessaa, muuxannoo fi leenjiin barbaachisu gahaa ta’uu dhabuun rakkoo itti fayyadama kanaaf akka gumaachan yaadota kennaman irraa hubatameera.
Akka waliigalaatti Manneen Murtii Oromiyaa keessatti meeshaalee tekinoloojii guuttachuuf tattaaffii godhamaa tureen cinaatti itti fayyadama cimsachuuf kaka’umsi jiru irra jireessaan gaarii dha jechuun ni danda’ama. Keessumattuu manneen murtii tokko tokko kaka’umsa ofii isaaniitiin tekinoloojiiwwan haaraa madaqsuun fooyya’insa tajaajila isaanii irratti milkaa’ina argataniiru. Tattaaffiin haala dhuunfaan jiru gaarii ta’us sadarkaan itti fayyadama TQO Manneen Murtii ammas hanqinoota kan qabu dha. Armaan gaditti mata duree 3.3 jalatti rakkoowwan itti fayyadama keessatti mul’atan gurguddoon ka’aniiru.
Dostları ilə paylaş: |