Seensa Hima Rakkoo 2


Bu’aawwan Itti fayyadamni TQO Manneen Murtii Oromiyaa Keessatti Argamsiise



Yüklə 236,66 Kb.
səhifə8/12
tarix26.10.2017
ölçüsü236,66 Kb.
#13854
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12

3.2. Bu’aawwan Itti fayyadamni TQO Manneen Murtii Oromiyaa Keessatti Argamsiise


Akka waliigalaatti Manneen Murtii Oromiyaa meeshaalee tekinoloojii garaagaraatti fayyadamuu isaaniitiin bu’aawwan hanga ammaatti argaman ilaalchisee ragaan mala af gaaffii fi bar gaaffiin arganne akka mul’isutti gama si’oomina, qulqullina, dhaqqabamummaa fi iftoominaan bu’aan jajjaabeessaan kan argame ta’uu isaati. Armaan gaditti ragaa dhiyaate irraa ka’uun ittifayyadamni TQO bu’a qabeessummaa tajaajila Abbaa seerummaa naannoo keenyaaf gumaache buuse xiinxalameera.

A) Qulqullummaa Tajaajila Abbaa Seerummaa Fooyyessuuf: - Manneen murtii tajaajila abbaa seerummaa meeshaalee tekinoloojii garaagaraan deeggaramuun kennuun isaanii qulqullina tajaajilaa fi galmeewwanii akka dabale yaadotni af gaaffii fi bar-gaaffiin kennaman ni ibsu. Kunis abbootiin murtii kompiitaraan fayyadamuun isaaanii Murtii ifa ta’ee fi dubbifamu akka kennan dandeessiseera. Komii dubbifamuu dhabuu barreeffama harkaan wal qabatee ka’aa tures xiqqeesseera.57 Rakkoo yeroo Murtiin harkaan barraa’u abbaan dhimmaa qabiyyeedhuma murtii kennamu hubachuuf rakkatu ture iyyuu fooyyesseera.58

Gama biraan maashinni sagalee waraabu jecha ragaa harcaatii malee fi haala qulqullummaa qabuun akka galmaa’u fi bakka ifa hin taanettis irra deebi’uun dhaggeeffatamee akka hubatamu kan gargaare ta’uu namootni yaada bar-gaaffiin kennan ibsaniiru. Kanumaan wal qabatee Manneen Murtii keessatti komii duraan abbaan dhimmaa jechi ragaa koo na jalaa jijjiiramee barraa’e jechuun kaasaa ture kan xiqqeesse ta’uu ibsameera.59 Kana malees, maashina sagalee waraabuun falmiiwwan dhaga’uu fi jecha ragaa dhaga’uun abbootiin Murtii yaada isaanii walitti qabatanii falmii dhimmicha irratti gaggeeffamu qofa irratti akka xiyyeeffatan gargaareera.60Kuni immoo qulqullina Murtiiwwaniif gumaacha mataa isaa ni qabaata.

Daataa beeziin odeeffannoo haala qulqullinaa fi si’ataa ta’een argachuuf dandeessiseera. Gabaasa qulqulluu fi dhugummaan isaa mirkanaa’u akka dhiyaatu dandeessiseera. Kana malees, manneen murtii dhimmoota gosaa fi yeroon adda baasuun akka beekanii fi sadarkaa irra jiranis madaalaa akka deeman dandeessiseera.61 Tekinoloojiiwwan akka marsariitii abbootiin Murtii seerotaa fi barreeffamoota salphaatti akka argatanii gahumsa ofii cimsatan Murtii kennanis gahumsaan xiinxalan gargaareera.62

B) Si’oomina Mirkaneessuu:- Yeroo ammaa kanatti Manneen Murtii daataa beezii fayyadamuudhaan dhimmoota yeroo gabaabaa keessatti akka galmeessanii fi salphaatti hoogganan dandeessiseera; odeeffannoo waa’ee dhimmootaa yeroo gabaabaa keessatti akka argatanis gargaareera.63 Hooggansi manneen murtiidhaas dhimmoota gosaan adda baasuun murtii hooggansaa akka kennuuf dandeessiseera.64 Meeshaawwan akka footo koppii fi kompiitaraa si’oominni tajaajila kennamuu akka dabalu taasiseerara. Foormaatiiwwan garaagaraa kompitaraan qophaa’an baasuun itti fayyadamuun abbaan dhimmaa si’oominaan akka gaggeeffamu gargaareera. Maashinaan sagalee waraabuu fi jecha ragaa dhaga’uun yeroo gabaabaa keessatti ragaa bal’aan akka dhaga’amu kan dandeessise ta’uu namootni yaada bar-gaaffiin nuuf kennan ibsaniiru.

C) Dhaqqabamummaa Mirkaneessuu: - Viidiyoo konfiraansiin fayyadamuun dadhabbii fi baasii abbaa dhimmaa akkasumas dhamaatii ragaa xiqqeessuun dhaqqabummaa tajaajila abbaa seerummaa fooyyesseera. Dhamaatii abbootii murtii dhaddacha naannawaan hojjechuuf deemanis xiqqeesseera. Tajaajiloonni akka IVR fi bilbila tolaa abbaan dhimmaa dhamaatii malee fi baasiif osoo hin saaxilamiin bakkuma jiru irra taa’ee waa’ee dhimma isaa odeeffannoo akka argatu gargaareera. Marsariitiin abbootiin Murtii seerota, barreeffamootaa fi qorannoowwan salphaan akka argatan kan gargaare ta’uu abbootiin murtii yaada barruun kennan irratti ibsaniiru.

D) Iftoominaa fi Amantaa Uummataa Horachuu 65 - Maashinni sagalee waraabu shakkii abbaan dhimmaa loogiin jecha ragaa na jalaa jijjiirame yookaan hafe jedhu xiqqeesseera. Barbaachisaa yoo ta’e kan maashinaan waraabame irra deebi’uun dhaggeeffatamuu waan danda’uuf komii gama kanaan ka’aa tures xiqqeesseera. Haala kanaan TQO’n amantaa uummataa horachuu irrattis bu’aa ol aanaa buuseera. Kana malees, maashina sagalee waraabuun fayyadamuun gocha naamusa badaa to’achuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf ga’ee mataa isaa taphateera.

3.3. Rakkoolee Itti fayyadama TQO Waliin Walqabatee Manneen Murtii Oromiyaa Keessatti Mul’atan


Manneen Murtii Oromiyaa kenninsa tajaajilaa abbaa seerummaa keessatti TQO tti fayyadamuun bu’aaleen armaan olitti eeraman kan argaman ta’us, itti fayyadamni isaa sadarkaa barbaadamu irra hin geenye. Kenninsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti itti fayyadama TQO waliin walqabatee rakkooleen gurguddoo mul’atan kanneen armaan gadiiti. 66

A-Hanqina Ogeessa TQO: Manneen Murtii keessatti TQO haala guutuu ta’een fayyadamuuf ogeessi gahaan jiraachuun murteessaa dha. Manneen Murtii Oromiyaa keessatti ogeessotni TQO jiran lakkoofsaan muraasa. Meeshaaleen akka viidiyoo konfiraansii fi meeshaa sagalee waraabuu iddoo baay’eetti qixa barbaadameen hojiirra ooluu kan dhabeef ogeessi itti dhiyeenyaan deeggaree hojjechiisuu fi suphaa barbaachisu raawwatu haala ga’aan waan hin jirreefi dha. Kana malees, iddoo tokko tokkotti ogeessotni jiranis gahumsa hojichi barbaadu kan gonfatan waanta hin taaneef ittifayyadama TQO Manneen Murtii keessatti kunis sadarkaa barbaadamu irra akka hin geenye godheera.

B-TQO Abbummaan Hoogganuun Wal qabatee: - Rakkoon guddaan yeroo ammaa Manneen Murtii Oromiyaa keessatti mul’atu hanqina meeshaalee tekinoloojiin olitii meeshaalee tekinoloojii jiran iyyuu sirnaan itti fayyadamuu dhabuu dha. Kanaaf immoo qaamni abbummaanii fi itti dhiyeenyaan hoogganu, hojii irra oolmaa isaanii hordofuu fi deeggaru irratti qaawwaan waan jiruuf dha.

C-Rakkoo Dandeettii Itti fayyadamaa Hiikuuf Leenjiin Gahaa Kennamuu Dhabuu: - Iddoo fedhii fi kaka’umsi jirutti leenjiin osoo hin kennamiin iyyuu abbootiin seeraa fi ogeessotni biroon TQO fayyadamuun tajaajilli kennaa jiran akkuma jirutti ta’ee, bakka tokko tokkotti immoo rakkoon dandeetti itti fayyadamuu irratti kan calaqqisu ta’uu yaadotni kennaman irraa hubatameera. Kana fooyyessuufis leenjiin kennamu gahaa akka tahu irratti hojjechuu dha.

D-Rakkoo Dhiyeessii Meeshaalee fi Bu’uuraalee TQO Diriirsuu: - Ittifayyadama TQO kenninsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti sadarkaa barbaadamu irraan gahuuf dhiyeessiin meeshaalee tekinoloojii fi bu’uuralee barbaachisoo diriirsuun hedduu murteessa dha. Manneen Murtii Oromiyaa keessatti rakkoo dhiyeessii jiru hiikuuf waggaa waggaan tarkaanfiin fudhatamaa ture jajjabbeessaa ta’us, ittifayyadama TQO sadarkaa ol’aanattii ol guddisuu fi hammayyeessuuf bu’uuraaleen TQO diriirfame xiqqaa dha.

E-Sadarkaan Itti fayyadama Manneen Murtii Gidduutti Garaagarummaa Qabaachuu

Manneen Murtii tokko tokkotti itti fayyadamni tekinoloojii sadarkaa gaarii irra kan jiru yoo ta’u bakka tokko tokkotti immoo fedhii fi kaka’umsi itti fayyadamaa laafaa ta’uu irraan kan ka’e itti fayyadamni jiru addaan kan ciccituu fi rakkinoota xixiqqoof jedhanii itti fayyadamuu dhabuun ni mul’ata. Ittifayyadamni fi dhiyeessiin TQO manneen murtii keessatti kan walfakkaatu miti.kanaafuu bifa walfakkaatuun dhiyessiin akka tahu gochu fi Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa TQOti fayyadamuu fi rakkoolee mul’atan adda durummaan hiikuu, hoogganuu fi babal’isuu irratti ga’ee dursummaa sadarkaa irraa eegamuun kan bahaa jiru waan hin taaneef akka bahu gochuudha.

F-Rakkoolee Qaama Alaan Wal qabatan: - Kenninsi tajaajila abbaa seerummaa si’oomina kan qabu, dhaqqabamaa fi qulqulluu akka ta’u gochuu keessatti meeshalee TQO guutachuun qofti gahaa miti. Hojiirra oolmaa ykn ittifayyadama meeshaalee TQO kanaatiif ibsaa fi neetworkiin hedduu murteessaa dha. Yeroo ammaa kanatti sababa addaan ciccitinsa ibsaa fi netwoorkiitiin tajaajilootni akka viidiyoo konfiraansii akka addaan ciccitan taasiseera.




Yüklə 236,66 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin