Seensa Hima Rakkoo 2



Yüklə 236,66 Kb.
səhifə9/12
tarix26.10.2017
ölçüsü236,66 Kb.
#13854
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12



BOQONNAA AFUR

4. Ittifayyadama Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo: Muuxannoo Biyya Keessaa, Qormaatawwan fi Carraawwan Jiran


Boqonnaa kana jalatti bu’uuraalee TQO Manneen Murtii fi itti fayyadama isaa irratti muuxannoo Manneen Murtii biyya keessaa kan Mana Murtii Waliigala Federaalaa fi kan Mana Murtii Waliigala Naannoo Saba, Sablammoota fi Uummataa Kibbaa walduraa duubaan ilaalama. Kana malees itti fayyadama TQO Manneen Murtii Oromiyaa keessatti fooyyessuuf qormaatawwan mudatanii fi carraawwan jiranis kan ilaallu ta’a.

4.1. Muuxannoo Manneen Murtii Biyya Keessaa

4.1.1. Muuxannoo Mana Murtii Waliigala Federaala Itoophiyaa


Akka Mana Murtii Waliigala Federaala Itoophiyaatti bu’uuraalee TQO fi ittifayyadama isaa waliin walqabatee Manneen Murtii naannoo keenyaaf muuxannoo gaarii ta’uu kan danda’an dhimmoota gurguddoo ta’an kanneen armaan gadii ti.

A. TQO Akka Hoogganamu Taasisuu: - Sadarkaa Mana Murtii Waliigala Federaalaatti TQOn abbaa adeemsaa hojiin kan hoogganamu ta’ee, abbaa adeemsa hojii jalatti gareen hojii sadii hundeffamaniiru. Gareen sadan kunneenis: garee daataa beezii fi soofti weerii, garee networkii fi sekuuritii, fi garee deeggarsaa fi suphaa (maintance and help desk) dha. Garee tokko tokko isaanifis ogeessotaa fi hojjettoota namoota 15 gadi hin taane akka guutaman taasifameera.67 Kana malees, ogeessota dandeettif gahumsa ol’aanaa qaban naamusa hojii abbaa seerummaa hubachuun hojjechuu danda’an gabaa irraa filatanii akka qacaraman taasisuuf miindaan oggeesota TQO akka gabaa biyya keessaa waliin walmadaalu taasifameera.

B. Wiirtuu Daataa (Data Center) Hundeessuu: - Manni murtichaa ittifayyadama meeshalee TQO daran guddisuuf wiirtuun daataa (data Center) of danda’e kan sarvaroota 9 qabu hundeeffateera. Sarvarootni kunniinis tajaajiloota garaagaraaf kan oolan dha. Isaanis ‘data base server, storage server, antivirus server, BSC atomation server, human resource system sever , DNS server ,Website server,backup server ,’application server’ fi kkf fa’i. Sarvarootni kenninsa tajaajila abbaa seerummaa hammayeessuu fi qulqulluu akka ta’u gochuu keessatti gahee mataa mataa isaanii taphataniiru. Kanaaf, manni Murtii waliigala federaalaa rakkoo dhiyyeessii waliin walqbatee fi ijaarsa bu’uuraalee TQO hiikuu keessatti hojii fakkeenyummaa qabu kan hojjetee jiru ta’uun isaa hubatameera.

C. Wiirtuu Lenjiii Hundeessuu: - Manni Murtii Waliigala Federalaa yeroo ammaa kanatti wiirtuu leenjii TQO of danda’e manuma hojichaa keessatti hundeesseera. Gidduugalli kunis meeshaalee leenjiif barbaachisaaniin kan guutame yoo ta’u laaboraatorii leenjii fi beekumsa TQO ta’uun tajaajilaa jira. Rakkoo dandeetti fi gahumsa ittifayyadama meeshaalee TQO waliin walqabatee abbootii seeraas ta’e hawaasa mana Murtii bira jiru hiikuuf gidduugala kanaatti ogeessota qabaniin leenjisaa jiru. Wiirtuun kun leenjii ogeessa keessaan kennamuun cinattis leenjii ogeessota alaatiin kennamu hawaasni mana murtichaa baasii xiqqaa fi iddoo hojii isaanii irraa osoo hin deemiin akka argatan gargaareera. Fooyya’insa itti fayyadama isaaniifis bu’aa guddaa buusaaf jira.

D. Rakkoo Dhiyeessii TQO Hiikuu: - Abbootiin seeraa mataa mataatti biiroo hojii qaban keessatti kompiitera, piriinteraa fi meshaalee barbachisoo biroo waajjiratti kan qaban ta’uu bira darbee mana mana isaaniiti meeshaleen kun bifa walfakkaatuun akka isaanii guutamu taasifameera. Kunsi abbootiin seeraa humna, beekumsa fi yeroo qaban hunda duguuganii hojii abba seerummaaf akka oolchan gochuu keessatti gahee mataa isaa gumaacheera. Akka obbo Hagos jedhanitti yeroo amma kana immoo caasaa haara hojjetameen abbootii seeraa tokko tokkoof barreessituun tokko tokko ramadamaniiru.

E.E-filling’ fi Galmeewwan Gara Dijitaalaatti Jijjiiruu: - Manni Murtii Waliigala Federaala Itoophiyaa waantoota armaan olitti caqasaman guuttachuu isaatiin tajaajilli ‘e-filling’ fi digitalization hojii irraa akka oolu isaan dandeessiseera. Yeroo ammaa kanatti tajaajila e-filling sadarkaa dhaddacha ijjibbaataatti naannoolee 5 waliin qindoomuun hojjechaa jiru. Haala kanaan wiirtuu Manneen Murtii waliigala naannoolee hundaa’e keessatti ogeessotni TQO Mana Murtii Waliigala Federaalaa kan ramadaman yoo ta’u abbootiin dhimma dhaddacha ijjibbaata mana Murtii waliigala federaalaatti iyyachuu fedhan ogeessota kanaan deeggaramanii garagalchi Murtii fi komii isaanii iskaaneriidhaan gara dijitaalaatti jijjiiramee interneetiidhaan gara mana galmee dhaddacha ijibbaata mana Murtii waliigala federaalaatti ergama. Manni galmeetis komii dhiyaatee fi garagalcha galmee maxxansuun (print) gochuun galmee erga saaqeen booda gara dhaddachaatti qajeelcha. Falmiin immoo viidiyoo konfiraansiin waan gaggeeffamuuf abbootiin dhimmaa komii iyyannoo dhiyeeffachuufis ta’e bu’aa murtii dhagahuuf qaamaan gara dhaddacha ijjibbaata Mana Murtii Waliigala Federaalaa dhufuun akka isaan hin barabaachifne hawwaasni bal’inaan waan hubateef namoota qaaman dhufan irraa kan TQO fayyadaman lakkoofsaan caalaa dhufaniiru.68 Gabaasa raawwii mana murtichaa irraas kan hubatamu baay’inni dhimmoota karaa ‘e-filing’ ilaalaman bara 2006 tti dhimmoota 709 yoo ta’u bara 2007 hanga baatii jahatti qofa galmeewwan 1059 mala kanaan keessummeeffaman ta’uun fooyya’insa jiru argisiisa.

Kana malees, galmeen dijitaalaan (soft copy) waan qabamuuf abbootiin seeraa hundumtuu dhimma galmee tokkoo yeroo tokkotti hunduu kan argachuu danda’an waan ta’eef marii galmee kan salphise, dhamaatii hojii kan xiqqeessee fi qulqullina hojii kan dabale ta’uus hubatameera. Duraan galmee tokko abbaa seeraa tokko bira yoo gahe abbootiin seeraa hafan biroon immoo ibsaa fi dhiyeessi abbaa seeraa tokkoo eeggachaa kan turan akka hafu taasifameera. Haala kanaan tajaajilli ‘e-filing’ kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa dhaqqabamaa taasisuuf, baasii fi dhamaatii abbootii dhimmaa xiqqessuu, qulqullina tajaajilaa mirkaneessuuf gahee guddaa taphachaa jira. Gama biraatiin galmeeleen bara 1992 asitti jiran gara dijitaalaatti jijjiiramuun daataa beezii fi websaayitiin akka walquunnaman ta’eera. Galmeewwan turanis pirojektiidhaan qabamanii gara dijitaalaatti jijjiiramaa jiru. Walumaagalatti, hanga bara 2007ti galmeewwan 50,000 ol ta’an gara dijitaalaatti jijjiiramuu isaa obbo Hagos Girmaa gaggeessaa garee daataa beezii fi softweerii ibsaniiru. Galmeewwan gara dijitaalaatti jijjiiruun galmeewwan salphaatti argachuuf akkasumas nageenya galmeewwanii eeguufis ga’ee ol aanaa ni qaba.

F. Tekinoloojiiwwan Abbaa Dhimmaaf Odeeffannoo Kennan Garaagaraatti Fayyadamuu- Daataa beeziin mana murtichaa sirnoota akka websaayitii fi moniitarii (screen) bakka taa’umsa abbaa dhimmaa jiru waliin wal qabatee waan jiruuf abbaan dhimmaa odeeffannoo waa’ee dhimma isaa salphaatti akka argatu gargaareera. Kana malees tajaajilootni akka ‘touch screen’ abbaan dhimmaa lakkoofsa galmee isaa yookaan maqaa ofii irratti guutuun odeeffannoo waa’ee dhimma barbaade salpaatti akka argatu gargaareera. Bilbilli tolaa ‘992’ tajaajiluma kana akka deeggaru taasifameera.

4.1.2. Muuxannoo Mana Murtii Waliigala Naannoo Saba, Sab-Lammootaa fi Uummattoota Kibbaa


Manni Murtii Waliigala Naannoo Saba, Sab- lammootaa fi Uummattoota Kibbaa gosti tekinoloojii ittifayyadaman fi haalli ittifayyadama isaanii hedduu kan babbal’ate ta’uu baatus kenninsa tajaajila abbaa seerummaa tekinoloojiidhaan deeggaramee ammayyaa’aa fi bu’a qabeessa gochuudhaaf jalqabbiin isaa fakkeenyummaaf kan caqafamuu danda’u dha. Qorannoo kana keessattis mana murtichaatti gama bu’uuraalee tekinoloojii guuttachuu fi haala itti fayyadama isaanii ilaalla.

  1. Itti fayyadama TQOf Haala Mijataa Uumuun Walqabatee

Akkuma armaan olitti ibsame mana murtichaatti baay’inni meeshaalee tekinoloojii hojii irra oole sadarkaa ol aanaa irra ga’e kan nama jechisiisu miti. Haata’u malee, babal’ina TQO isaaniif haala mijataa uumanii jiru. Gama kanaan tarkaanfiiwwan fudhataman kanneen armaan gadii hammata.

A. Wiirtuu Daataa (Data Centre) Mijataa Hundeessuu

Manni murtichaa tekinoloojiiwwan elektirooniksii ta’anitti gargaaramuuf kutaa wiirtuu daataa mijataa ta’e qofaatti qopheesseera. Kutaan wiirtuu daataa kun sarvaroota hanga fedha mana murtichaa qabachuu kan danda’u yoo ta’u meeshaa ho’insa kutaa wiirtuu daataa to’atu (AC) lama ni qaba. Yeroo ammaa kanatti wiirtuun daataa kun sarvaroota tajaajila garaagaraa deeggaran jaha qaba. Isaanis kan daataa beezii, kan Anti vaayiresii, viidiyoo konfiraansii,DNS,’appication’ fi tajaajila Interneetii dabalata.



B. Meeshaalee Tekinoloojii Kanneen Dursuu Qaban Karoorfachuun Duraa Duubaan Guutaa Deemuu

Manni murtichaa haala qabatama isaanii irraa ka’uun waanta dursa guuttachuu qabu irraa kaasee itti deemaa jiru. Xiyyeeffannoon mana murtichaa dursa meeshaalee babal’naaf bu’uura ta’an guuttachuu dha. Haala kanaan tajaajila interneetii bu’uuraan fooyyee qabutti fayyadamuuf ‘fiber optics’ diriirfame hojii irra ooleera. Kuni immoo addaan citiinsa interneetii sababa keessaan ture xiqqeesseeraaf. Sarvaroota gahaa waan horatanii jiraniifis fuula dura tajaajiloota babal’isaniif kan rakkisu hin qabu. Kana malees, yeroo ammaa kanatti abbootiin murtii mana murtichaa kompiitara lap tooppiin kennameef waan jiruuf murtiin hundi kompiitaraan barraa’aa jira. Bakka hanqinni ariitii fi dandeettii jiruttis dhaddacha tokkotti barreessituu tokko ramadamuun gargaaraa jiru.



C. Adeemsa Hojii TQO Hundeessuu

Mana murtichaatti gareen tajaajila TQO kennu akka adeemsaatti caasaan kan diriire bara 2004 keessa ta’us adeemsi kun gurmaa’ina namaan of danda’ee kan dhaabbate bara 2007 tti dha. Yeroo ammaa kanattis baay’inni ogeessa TQO jiru xiqqaa ta’us (kanneen dhaddachoota dhaabbii irra jiran waliin nama shan) sadarkaa adeemsaatti hundeessuun isaanii xiyyeeffannoo kallattii fuula dura isaanii ta’uu kan argisiisu dha.



D. Ejensii Misooma TQO Waliin Hojjechuu

Manni murtichaa itti fayyadama tekinoloojii isaa fooyyeffachaa deemuuf Ejensii babal’ina TQO naannichaa waliin hojjechaa jira. Yeroo ammaa kanattis ejensiin TQO kun deeggarsa ogummaa, leenjii fi humna namaa mana murtichaaf gochaaf jira. Deeggarsi ogummaa kennus hanga Manneen Murtii ol’aanaa fi aanaatti yoo ta’u ogeesota TQO fi hojjettoota mana murtichaaf gama leenjii kennuutiin, leenjiif affeeruutiin gargaarsa guddaa gochaaf jira.



E. Abbootii Murtii fi Hojjettoota Deeggarsaaf Leenjii TQOn Cimsuu

Mana murtichaatti hojjettootni fi Abbootiin seeraa dandeettii fi aadaa meeshaalee tekinoloojiitti fayyadamuu akka cimsataniif sagantaan leenjii yeroo yeroon ni qophaa’a. Leenjiin kennamus irra jireessaan deeggarsa ejensii babal’ina tekinoloojii qunnamtii fi odeeffannoo naannichaan dha.

II) Haala Itti fayyadama TQO Mana Murtichaa

A. Itti Fayyadama Tekinoloojii Hojimaata Mana Murtichaan Walsimsiisuu

Akkaataan itti fayyadama tekinoloojii mana murtichaa haala hojimaata mana murtichaa waliin haala wal simatuun hojiirra oolaa jira. Mana murtichaatti ajajni dhaddachaan kennamu battaluma ofiseera seeraa dhaddacha irra jiraniin kan bahu yoo ta’u meeshaaleen tekinoloojii hojimaata kanaaf mijatan akka kompiitaraa, footoo koppii fi piriintarii dhaddachuma irra waan jiruuf abbaan dhimmaa gara kutaa biraa osoo hin deemne ajaja/murtii kenname dhaddachuma itti keessifame irraa fudhatee deema. Kana malees, dhaddachootni mana murtichaa sarvarii daataa beeziidhaan wal quunnamanii waan jiraniif odeeffannoon barbaachisu galmeen gara mana galmeetti osoo hin deebi’iin kutaadhuma dhaddachaa irraa ofiseera seeraan gala.



B. Galmeewwan Mana Galmee Keessa Jiran Iskaaneraan Gara Dijitaalaatti Jijjiiruu

Manni murtichaa rakkoo dhiphina iddooo galmeewwan mudatuu fi galmeewwan barbaadanii argachuuf yeroo gaafatu hir’isuuf jecha karoora galmeewwan murtaa’anii mana galmee jiran hunda gara dijiitaalaatti jijjiiruuf karoorfateera. Haala kanaan meeshaa Iskaaneraa afur bitachuudhaan kan hojii jalqabe yoo ta’u galmeewwan erga murtaa’anii turan irraa jalqabuun gara dijitaalaatti jijjiiruu jalqabeera. Hanga ji’a salgaffaa bara 2007 ttis galmeewwan 25,000 gad hin taane gara dijitaalaatti jijjiirameera. Karoorri yeroo dheeraa mana murtichaatis galmeewwan hunda gara dijitaalaatti jijjiiruun rakkoowwan galmee kuusuuf dhiphina bakkaa fi badiinsa galmee mudatuuf fala kennuu dha.

Walumaagalatti, Manni Murtii Waliigala Naannoo Saba, Sab-lammootaa fi Uummattoota Kibbaa itti fayyadama TQO fagoo tarkaanfataniiru jechuu baannus haalli jalqabbii isaanii fi kallattiin adeemsa isaanii bifa tarsiimowaa ta’uun isaa fakkeenya gaarii kan ta’u dha.


Yüklə 236,66 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   4   5   6   7   8   9   10   11   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin