2.1. Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo Tajaajila Abbaa Seerummaa Keessatti
Tekinoloojiin Quunnamtii fi Odeeffannoo gabaabumatti tekinoloojii gochawwan odeeffannoon wal qabatan deeggaru dha jechuun ni danda’ama. Hiikkoowwan TQO’f kennaman keessaa hiikkoo Dr.A.U. Nwabueze kenne yoo ilaallu;
ICT is ‘a broad based technology including methods, management and application that support the creation, storage, manipulation and communication of information1 jedheera.
Akka hiikkoo ogeessa kanaatti TQOn tekinoloojiwwanii fi toftaawwan, odeeffannoo uumuuf, kuusuuf, itti fayyadamuuf akkasumas dabarsuuf deeggaran hunda kan hammatu ta’uu isaa ti. TQO kun moosaajii (software), miidiyaawwan odeeffannoo funaanuuf, kuusuuf, daddabarsuu fi dhiyeessuuf gargaaran sagantaawwanii fi meeshaalee quunnamtii odeeffannoo akka saatalaayitii, sarara quunnamtii, kompiitaroota, moodemii, toftaawwan opireeshinii fi appilikeeshinoota hunda hammata.2
Tekinoloojiiwwan kenninsa tajaajila abbaa seerummaa deeggaruu danda’an hedduu dha. Baay’innii fi qulqullinni isaaniis yeroodhaa gara yerootti dabalaa fi fooyya’aa kan deemu dha. Ogeessi faayidaa tekinoloojiin manneen murtii keessatti qabaatu irratti qorannoo bal’aa gaggeessan Doorii Reeling akkaataa hojii irra oolmaa isaanii irratti hundaa’uudhaan tekinoloojii manneen murtii bakka sadiitti qoodeera.3 Isaanis: - Tekinoloojii dhaddachaa (Court Room Technology), tekinoloojii kutaalee keessaa hojii abbaa seerummaa deeggaran (back office technology) fi tekinoloojii quunnamtii alaa deeggarani dha.
2.1.1. Tekinoloojiiwwan Kutaa Dhaddachaa (Court Room Technologies)
Tekinoloojiiwwan kutaa dhaddachaa kan jedhaman tekinoloojiiwwan hojii dhaddachaa akka deeggaran taasifaman yoo ta’u, manneen murtii akkaataa haala qabatama isaaniitti kan hojii irra oolchani dha. Meeshaaleen tekinoloojii dhaddachaa Manneen Murtii biyyoota garaagaraatti hojiirra oolan beekamoon meeshaa sagalee guddisu, meeshaa sagalee to’atu (kill switch and control system), tekinoloojiiwwan dhiyeessa ragaaf gargaaran akka kaameraa fi meeshaa xiyyeeffachuuf gargaaru (annotation device), moniitarii dhaddachaa kan Abbootii Murtiif, juuriif, ragaaf, abukaattotaaf, hordoftoota dhaddachaaf kaa’amu, tekinoloojii afaan hiikan (Telephone or infrared interpreting, or translation system), meeshaalee awudoo konfiraansii fi viidiyoo konfiraansii, meeshaalee sagalee waraabanii fi jijjiiruuf deeggaran`hammata.4 Tekinoloojiiwwan kutaa dhaddachaa kunniin deeggarsa netwoorkii malee of danda’anii kan dhaabbatan yoo ta’u yeroo baay’ee dhaddachuma fayyadan keessatti dhaabbiidhaan kan kaa’aman waan ta’eef caaseffama humna namaa irratti jijjiirama bal’aa osoo hin taasisiin salphaatti kan hojii irra ooluu danda’ani dha.5
2.1.2. Tekinoloojii Kutaalee Keessaa Hojii Abbaa Seerummaa Deeggaran
Tekinoloojiiwwan adeemsa bulchiinsa dhimmootaa, bulchiinsa mana Murtii fi qophii dokimantiiwwan deeggaran hammata. Isaanis tekinoloojiiwwan akka daataa beezii dhimmoota falmii irra jiranii, daataa beezii dhimmoota Murtii argatanii, tekinoloojii iyyannoo elektirooniksii deeggaru, galmee elektiroonikii hammata.6
2.1.3. Tekinoloojii Quunnamtii Alaa Deeggaran
Manneen murtii quunnamtii alaa kan taasisan abbootii dhimmaa, abukaattota fi ogeessota biroo hojii mana murtii irraa fayyadamoo ta’an waliin ta’uu danda’a. Tekinoloojiiwwan adeemsa bulchiinsa quunnamtii abbaa dhimmaa (customer relations management systems) deeggaran akkuma tekinoloojiiwwan kutaa dhaddachaa gosa garaagaraa qabu. Tekinoloojiiwwan quunnamtii alaa deeggaran yeroo ammaatti manneen murtii biyyoota garaagaraatti baay’inaan hojii irra oolanii jiran websaayitii manneen murtii, galmeessa elektirooniksii fi odeeffannoo ergaa barreeffamaa gabaabaa (SMS) dabalata. Websaayitiin manneen murtii iyyannoo tajaajiloota akka foormiiwwan abbaan dhimmaa bakka jirutti baafatee waraqaa irratti guuttachuu danda’u (downloading of forms) fi foormiiwwan guutamuu danda’an (processing of forms) interneetiidhaan (marsariitiidhaan) dhiyeessuu, elektirooniksiin iyyannoo dhiyeessuu (E-filing), tekinoloojiiwwan abbaan dhimmaa bakkuma jirutti kaffaltiiwwan raawwachuu akka danda’uu fi Murtiiwwan fi ajajoota akka beeku dandeessisan, waa’ee tajaajila kennanii fi odeeffannoo waa’ee dhimmaa kallattiin abbaa dhimmaaf kennuu hammatu.7
Dostları ilə paylaş: