Seensa Hima Rakkoo 2


Muuxannoo Manneen Murtii Biyya Hindii



Yüklə 236,66 Kb.
səhifə6/12
tarix26.10.2017
ölçüsü236,66 Kb.
#13854
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12

2.3.2. Muuxannoo Manneen Murtii Biyya Hindii


Manneen Murtii biyya Hindii keessatti kompiitaraan deeggaramuun tajaajila kennuun bara 1990 ALA jalqabe.40 Bu’a qabeessummaa tajaajila abbaa seerummaa isaanii fooyyessuuf akkasumas tajaajilli haqaa dhaqabamaa, ifaa fi itti gaafatamummaan kan itti mirkanaa’e gochuuf TQO sadarkaa ol aanaatti fayyadamuun akka isaan barbaachisu waan amananiif gama TQOtiin tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhataniiru.

A-Koree “E-Committee” Hundeessuu: - Manneen Murtii biyyattii keessa jiran haala wal fakkaatuun tekinooloojiin akka deeggaramaniif jecha imaammata biyyoolessaa itti fayyadama tekinoloojii Manneen Murtii baasuuf akkasumas jijjiirama gama TQO’n fiduuf koree deeggarsaa “E-committee” jedhamu bara 2004 hundeeffame41. Dirqamni koree kanaatis adda durummaan kenninsi tajaajila haqaa biyyattii kompiitaraan akka deeggaramuuf imaammata biyyoolessaa qopheessuu fi toora raawwii daangaa yeroo barbaachisu waliin qopheessuu yoo ta’u hojiiwwan armaan gadiis ni raawwata.42



  1. Haala itti fayyadama kompiitaraa irratti Manneen Murtii ol aanaa fi distiriiktii sadarkaa kam irra akka jiran irratti odeeffannoo funaanuun fedhaa fi haala raawwii isaanii madaaluu,

  2. Manneen Murtii keessatti hojii irra oolmaa TQO qorachuun hanqinoota jiran adda baasuun yaada furmaataa akeekuu, muuxannoowwan gaggaariis adda baasuun Manneen Murtii birootti akka madaqfaman gochuu,

  3. Wal quunnaamtii (network technoogy) odeeffannoo qindeessuu, manneen murtii irraa fi jalaa netwoorkiin akka wal quunnaman gochuu,

  4. Sagantaa raawwii (action plan) qopheessuu, hordofuu fi madaaluu,

  5. Moojula leenjii TQO abbootii seeraa fi ogeessota biroof qopheessuu fi deeggaruu,

  6. Kenniinsi tajaajila haqaa dhaqabamaa akka ta’uu fi abbaan dhimmaa salphaatti akka odeeffannoo argachuu danda’uuf mala dandeessisu irratti yaada dhiyeessuu fi kan kana fakkaataan dabalata.

B-Imaammata Biyyoolessaa Qopheessuu:- Koreen “E-committee” bara 2004 tti erga hundeeffamee booda bara 2005 keessa gabaasa toora tarsiimowaa hojii irra oolmaa TQO Manneen Murtii biyyattii qopheessuun ogeessotni manneen murtii fi qaamolee haqaa biroo, qorattootni, ogeessotni TQO, Ministeerotni isaan ilaallatu, ogeessotni seeraa dhaabbilee garaagaraa keessaa hojjetan yaada bifa garaagaraan akka irratti kennan taasifameera.43 Mariinis irratti gaggeeffameera. Haala kanaan qabiyyeen isaa erga gabbateen booda koreen “E-committee” kun imaammata biyyoolessaa fi toora raawwii hojii irra oolma TQO manneen murtii qopheesseera44.

C-Toora Raawwii Hojii Irra Oolmaa TQO Manneen Murtii Qopheessuu:- Karoora biyyoolessaa kanaan koreen kun manneen murtii biyyattii keessatti TQO waggaa shan keessatti sagantaa marsaa sadiin hojii irra oolchuuf dhiyeesseera. Haaluma kanaan:-



Marsaa tokkoffaan yeroo waggaa lama kan turu yoo ta’u yeroo kanatti hojjetaan hundi leenjii barbaachisaa argachuun aadaa tekinoloojiin hojjechuu akka gabbifatu gochuu dha. Bu’uura karoora kanaanis sagantaawwan karoorfaman gurguddoon; mooraa Manneen Murtii biyyattii keessa jiran 2,500 keessatti kutaan kompiitaraa akka banamu gochuu, abbootiin seeraa 15,000 kompiitara Lap toopii akka argatan gochuu, abukaattotni sagantaa hubannoo waliinii akka argataniif haala mijeessuu fi moojula leenjii qopheessuufii, humna namaa (ogeessa) dabaluu fi tursiisuu, dhimmoota beellama irra jiranii fi haaraa banamaniif Daataa beezii sadarkaa isaa eeggate qopheessuu, tajaajiloota maarsariitii akka “WI-fi”, istuudiyoo viidiyoo konferaansii mana Murtii waliigalaa fi Manneen Murtii ol aanaatti qopheessuu, mana Murtii waliigalaatti tajaajila “e-filing” tiif haala mijeessuu raawwatamu.

Marsaa lammaffaan waggaa lama kan turu yoo ta’u hojiin yeroo kanatti hojjetamuuf karoorfatan gurguddoon Mana kitaabaa fi hojiiwwan mana Murtii darban gara dijiitaalaatti jijjiiruu, dhimmootni, seerotni fi barreeffamootni seeraa gara dijiitaalatti jijjiiramuun websaayitii mana Murtiiwwanii irratti akka argamu gochuu fi tajaajila “e-filing” yoo xiqqaate Manneen Murtii waliigala naannootti babal’isuu dabalata.

Marsaa sadaffaan waggaa tokko qofaaf kan turu yoo ta’u kaayyoon isaa meeshaalee TQO fi saayinsawaa sadarkaa isaanii eeggatanitti fayyadamuu fi mana Murtii fi dhaabbiilee biroo waliin hariiroo uumuu dha. Sagantaawwan kana keessatti hammatamanis Waajjiraalee Poolisii, Mana Sirreessaa, Waajjira Galmeessa Lafaa fi Waajjiraalee biroo waliin sirna odeeffannoo diriirsuu fa’i. Akka waliigalaatti, koreen “E-Committee” kun sirna hojimaata Manneen Murtii TQO tti fayyadamuun haaromsuuf tarkaanfiiwwan marsaa marsaan kan qopheesse yoo ta’u tokkoo tokkoon sagantaawwanii mul’ata mana murtichaa galmaan gahuuf kan yaadamani dha. Marsaawwan hunda keessatti sagantaawwan hojii irra oolan leenjii barbaachisuun kan deeggaramani dha. Manneen Murtii biyya Hindii sagantaawwan kanaan fayyadamuun tajaajila abbaa seerummaa isaanii fooyyessuu danda’aniiru.45 Keessumattuu kuufama dhimmootaa xiqqeessuu keessatti milkaa’ina gaarii argataniiru. 46

D. Pirojektiiwwan Mana Murtii Elektiroonikii (E-court):- Yeroo ammaa kanatti galmi Manneen Murtii biyya Hindi gara mana murtii elektiroonikiitti (E-court) ce’uu dha.47 Galma kana gahuufis pirojektiiwwan garaagaraa Manneen Murtii filatamanitti bifa yaaliidhaan (pilot test) yeroo yeroon yaalamaa jiru. Fakkeenyaaf bara 2010 tti pirojektiin “E-court” to’annoo koree tekinoloojiitiin Mana Murtii Ol’aanaa Delhii tti jalqabamee ture. Yaaliin mana Murtii elektiroonii (e-court) kun sagantaawwan hedduu kan of keessatti qabate yoo ta’u isaan keessaas dhimmoota Murtii argatan Iskaaneriidhaan gargaaramuun gara dijitaalatti jijjiiruu (Digitization of Case files),48adeemsa mana Murtii booda irra deebi’anii ilaaluuf akka mijatu kaameraa PTZ dhaan guutummaatti waraabuu, tajaajila ‘E-kiyooskiin’ dhaan abbaan dhimmaa Iskiriinii harkaan tutuqaniin odeeffannoo dhimma isaa akka argatu gochuu(screen touch),49 Manneen Murtii waajjiroota poolisii, Mana sirreessaa fi Hospitaala Viidiyoo konfiraansiin wal qabsiisuun ragaa fi falmii dhaga’uu dabalata50 Haala kanaan mana murtichaatti guutummaan falmii jalqabaa hanga dhumaa osoo waraqaan hin deeggaramiin xumura akka argatu taasifameera.51

Yaaliin taasifame kunis yeroo fi baasii abbaa dhimmaa fi mana Murtii qusachuutiin, odeeffannoo karaa salphaan waliif daddabarsuutiin bu’aa ol aanaa akka argamsiise qorannoodhaan mirkanaa’eera.52 Fakkeenyaaf Mana Murtii fi Mana Sirreessaa viidiyoo konfiraansiin wal quunnamsiisuun nama himatame gara mana Murtiitti deddeebisuuf humna namaa, baasii fi yeroo fudhatu akka xiqqeessu taasifameera.



E. Bu’aawwan Qorannoo Hojiirra Oolchuu- Pirojektiiwwan akka yaaliitti dhiyaatanii bu’aa argamsiisan koree “e-committee” dhaan yoo mirkanaa’e Manneen Murtii haala qabatama isaanii irraa ka’uun hojii irra oolchu. Fakkeenyaaf bu’aa qorannoo armaan olitti ibsame booda manni Murtii ol aanaa Delhii mana Murtii jalqabaaf “e-filing” jalqabe yoo ta’u yeroo ammaa kanatti dhimmoota muraasa irratti dirqisiisaa dha.53 Qajeelfama itti iyyanni karaa “e-filing” dhiyaachuu qabus bara 2013 baasee hojii irra oolcheera54. Haala kanaan iyyannoon barreeffama kompiitaraa karaa dijitaalaan mallatta’ee yookaan waraqaa iskaaneriidhaan gara dijitaalaatti jijjiiramee mala elektirooniksiin erguun ta’a. Kaffaltiin abbaa seerummaas koodii dhimma kanaaf gurguramuun raawwatama. Ragaa falmii keessa jiru garee falmitootaa qofti akka beekan taasifama. Adeemsi Manneen Murtii kanaatis galma “Mana Murtii elektiroonikii” hundeessuuf deemaniif tarkaanfii ol’aanaa dha.

Yüklə 236,66 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin