Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Humna qabeenya dhaaboota Ijaarsaa waliigalaan, bira-qabaan



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə12/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   84
Humna qabeenya dhaaboota Ijaarsaa waliigalaan, bira-qabaan

Lakk

Taatewwan Galma ga’iinsaa Ijoo

IIDO

DHMM

DHIDH

Ida'aama

1

Gatii ijaarsaa (Mil)

2.89

5.17

2.71

10.78

Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira-qabaan

0.27

0.48

0.25

100


2

Kaapitaala hojii (Bil)

1.00

2.31

0.46

3.78

Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira-qabaan

0.26

0.61

0.12

100

3

Qabeenya (maashinarii, ikupimantii fi kkf) Lakk.

330

1,188

461

1,979

Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira qabaan

0.17

0.60

0.23

100

4

Qabeenya humna namaa

1,181

4,875

2,300

8,356

Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira-qabaan

0.14

0.58

0.28

100

5

Muuxannoo hojii (Waggaa)

6

8


21

35


Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira-qabaan

0.17

0.23

0.60

100




Ida’aama madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira- qabaan

1.01

2.51

1.48






  1. Gatii ijaarsaatiin

Akkuuma gabatee lakkofsa 6 kanaa olitti argamutti gama gatii ijaarsaatin yoommu ilaalamu daandiwwan dheeriina fi gatii kontiraataa adda addaa qaban akkasumas giidduu biyyatti fi kan daangaa biyyatitti dhihaatan, kan kontiraaktaroota dhunfaa fi motummaatiin ijaaraman sadi fi isaa ol fudhachun xiinxaluf yaalameera. Kunis kan agarsiisu IIDO’n, Dhaabbileen Motummaa fi Dhunfaa, ijaarsa daandii cirracha kiloomeetraan qarshii mil. 2.89, 5.17 fi 2.71 walduraa dubaan raawwachaa jiru. Kanarraa hubachun kan danda’aamus IIDO’n, DHIDH walbira qabamee yommu ilaalamu gatii ijaarsaatiin walitti yommu dhihaatan DHMM irraa immoo gatii gadi bu’aa fi dorgomaa ta’een fi adda addummaa hiikaa qabuun caala. Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaan, bira qabaan ilaaluf IIDO’n, DHMM fi DHIDH gatii ijaarsaatiin yommu walbira ilaalaman parsantii 27, 48 fi 25 irra jiru.

IIDO’n dhaabbata ummataa ta’usaa irraa kan ka’e, tajaajila ummatichaatiif jecha bu’aa gadi aanaa /marginal profit/ kan itti fuufinsa hojii isaaf mirkaneessuuf gargaaru qofa argachuf kan hojjatuu dha.

Dabalataaniis Intarpiraayizichi hojii ijaarsaa fi suphaa daandiiwwanii naannoo giddu galeessaa irraa fagoo ta’anii koontiraaktaroota dhunfaatiif gatiidhaan, nageenya, haala qilleensaa fi kkf niin mijaawaa hin taannetti hojjachuf fedhii qabaachuu fi qophii ta’un isaa dorgomtoota biraa irraa kan adda isa taasiisu waan ta’ef filatamaa dha.

Akka waliigalaatti IIDO’n gatii baaltokkee ijaarsaatiin dhaabbiilee ijaarsaa irraa gadii aanaa waan ta’eef gabaa keessatti dorgomaa cimaa ta’uu akka danda’u hubachun ni danda’aama.



  1. Kaapiitaala hojii

Hojii kamiyyuu hojjachuf yommu ka’amu Kaappitaallii ka’umsaa hojiif barbaachisu guttachun baay’ee murteessaa dha. Karaa kanaan kaappitaalla hojiitiin IIDO, DhMM fi DHIDH’n giddugaleessaan Qr. bil. 1.00, 2.31 fi 0.46 tiin walduraadubaan kan hunda’aanii dha. Kuniis dhiibbantaadhan yommuu madaalamu walduraadubaan parsantii 26, 61 fi 12 dha. Gama kaappiitaala ka’umsaatiin IIDO’n dorgomtoota biro waliin bira-qabaan yommuu madaalamu, dhaabbilee ijaarsaa dhunfaa irraa kaappitaala caalaan kan hundefamee dha. Dhaabbileen Misoomaa motummaa immoo giddugaleessaan kaappitaalli ka’umsaa itti hundeefamaniin IIDO ni caalu jechun ni danda’aama. Haata’u malee ka’umsi kaappitaalaa dhaabbiilee kunneennii
dorgomaa cimaa ta’u isaaniitiif kan wabii ta’uu isaa agarsiisu miti, qulqulliina fi raawwii hojiiti male.

IIDO’n yommu hundeeffamu maallaqaan wanti kaffalame hin jiru. Kanarraan kan ka’e Intarpiraayizichi waggootan jaha darban keessatti hir’inni kaapitala hojii guddaan mul’ateera. Rakkoolee kannen adeemsa keessa furaa, maashinaroota fi ikkupimantoota jiran suphun fi haaraa barbaachisan biitachun akkasumas danddeetti raawwachisummaa hogantootaa fi hojjatootaa dagaagisun sababbiin dorgomtoota isaa dursuu hin dandeenye tokkolle hin jiru.




  1. Yüklə 2,07 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   8   9   10   11   12   13   14   15   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin