Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Qabeenya (maashinarii, ikupimantii fi kkf)



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə13/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   84
Qabeenya (maashinarii, ikupimantii fi kkf)

Hojii ijaarsaa keessatti leeccallowwan baay’ee barbaachisoo ta’aan keessaa inni tokko maashinarii ga’umsa fi bu’aa qabeessa ta’e qabaachu dha. Gama qaabeenya ikkupimantootaatin IIDO’n intarpiraayizoota ijaarsaa biroo waliin bira-qabaan yommu ilaalamu sadarkaa gadi aanaa irratti argaama. Kana jechuniis akkuma gabatee Lakkoofsa 6 keessatti ilaalamu akka waliigalaatti maashinaroota dhaabbileen hunduu IIDO’s dabalatee jiran keessaa, IIDO kan qodatu parsanataa 17 qofa dha. Karaa biraatiin dhaabbileen misoomaa motummaa ikkupimantoota ida’aaman jiran keessaa parsantii 60’n tokkoffaa yoo ta’u dhaabbileen ijaarsaa dhunfaa immoo parsantii 23 fudhachun sadarkaa lammaffaa irratti argamu. IIDO immoo sadarkaa 3ffaa irratti argama. Sababni IIDO’n dorgomtootaa isaa wajjiin yoo madaalamu sadarkaa gadi aanaa irratti argameef, qabeenya dhaabbataa ilaalchisee, IIDO’n yeroo hundeefamu maashinaroota ijaarsaa, konkolaattota gurguddaa fi xixiqqaa waggaa hedduu tajaajilan (dullooman) Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itiyoophiyaa fi Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa irraa kan dhufaniidha. Sababa kanaaf irra caalaan maashinaroota hojiidhaan ala kan ta’an yoo ta’u, kan hafaniis tajaajila qubsaa fi gahaa hin taane kan kennani dha. Kana malees rakkooleen biroo hanqinni ikkupimentoota murteessaa ta’anii lakkofsaan xiqqaachuu dha. Xiinxallii kana keessattis kan hammataman maashinaroota hojjachuu danda’an ykn sadarkaa gaarii irra jiran qofa. Kanarraa ka’un Inarpiraayiziin baay’iina, qulqulliina fi bu’aa qabeessummaa maashinarootaa irratti of sakkatta’un akka barbaachisu dhiimma agarsiisudha.


  1. Yüklə 2,07 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   9   10   11   12   13   14   15   16   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin