Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə14/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   10   11   12   13   14   15   16   17   ...   84
Qabeenya humna namaa

Sochii misoomaa kamiyyuu keessattii hojjataan gahumsa, barumsa, danddeetti, ogummaa fi bu’aa qabeessa ta’een aalatti milka’aanni kamiyyu argamu hindanda’u. Indastrii ijaarsaa keeessattiis dhimmi kanaa olitti ibsame hiika walfakkaataa qaba. Intarpiraayiziin Ijaarsa Daandiiwwanii Oromiyaa hojjatoota dhaabbataa fi kontiraataa goosa barumsaa addaa addaa fi muxannoo hojii garaagaraa qaban waliigalaan 1,181ta’aan qaba. Dhaabbiileen misoomaa motummaas giddu galeessaan hojjatoota 4,875 akkasumas dhaabbileen ijaarsaa dhunfaa hojjatoota 2,300 kontiraataan fi dhaabbidhan hojjatan qabu. Madaallii cunfaa waliigalaa dhibbantaa, bira qabaaniis yommu madaalamu IIDO’n baay’iina hojjatootaatiin parsantii 14 tiin sadrkaa sadaffaa irratti yommu argamu dhaabbileen Misoomaa Motummaa parsantii 58 tiin tokkoffaa fi dhaabbiileen ijaarsaa dhunfaa giddugaleessaan parsantii 28 tiin sadarkaa lammaffa irratti argamu. Itti ansuniis, Sababa adda addaatiin hojjatoonni baayyinaan waan gad-lakkisaniif IIDO’n yeroo ammaa kana ogeessota muxxannoo gahaa hin qabneen hojii ijoo ta’an irratti hojjachiisaa jira.

Baay’iina hojjataa qophaa isaatiin milkaa’ina hojii ijaarsaatiif murteessaa ta’uu baatus hojjataa danddeetti fi beekumsa ol’aanaa qabu qulqulliina fi baay’iinaan horachun dhiimma wal hingaafachisnee dha. IIDO’s carraawwan jiran fayyadamun hojjatoota gahomsun qabeenya humna namaa miisomsu fi itti fayyadamuu akka qabu dhiimma nu hubachisu dha.




  1. Yüklə 2,07 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   10   11   12   13   14   15   16   17   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin