Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Ibsa waliigalaa Dorgomtootaa /Summary/



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə16/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   12   13   14   15   16   17   18   19   ...   84
Ibsa waliigalaa Dorgomtootaa /Summary/

IIDOn hojii ijaarsa daandii bonaa gannaa irratti muxannoo gahaa kan qabu fi hojii hanga ammaatti hojjateen maqaa gaarii maamiila isaa biratti waan qabuf humna gama hundaan dabalataan cimsinaan dorgomaa cimaa ni ta’a. Daandii Asfaaltii fi hojii ijaarsa bishaanii ijaaruu ilaalchisee hanga ammaatti hojii kana waan hin eegalleef sadarkaa irra jiru beekun hin danda’amu. Haa ta’uuti hojiin kun bal’inaan gabaa keessa waan jiruf, dabalataanis kontiraaktaronni irratti hirmaachaa jiran lakkoofsaan muraasa waan ta’aniif meeshaalee fi humna gahaa hojii kana irratti hirmaachuf barbaachisan guuttachun hojii kanatti seenun dhimma murteessaa dha.

Akka waliigalaatti, Intarpiraayizichi waggoottan jahan darban keessaa milkaa’iina fi hanqina garagaraa keessa darbaa turera. Akka fayidaatti kan argachaa ture hojii dorgommii malee argachaa turuu, baasii xiqqaan hojii kontiraataa guddaa qabu hojjachuu, kontiraata qopheessuu fi bulchuu irratti muxannoo gahaa argateera. Muxannoo kanneen haa argatu malee dhibbaa mataa isaas kan qaban jiraachuu isaaniti kunis hojii akka salphaatti argachun bakka Intarpiraayizichi kontiraaktaroota biraa waliin jiru beekuu hin dandeenye. Dabalataaniis, kaapitaalla ittin dhaabbate gutumaa gututtii argachuu dhabuu, gatii gadii anaan hojjachaa turuu, maamila tokko qofa irratti daangefamuu, kaffaltii hojii yeroon argachuu dhabuu fi kkf waan turaniif dorgomaa cimaa ta’uu irratti gufuu kan itti ta’anii dha.

Dhuma irratti dorgomtoota biroo bira-qabaan yeroo madaallu madaalli baay’een sadarkaa jiraachu qabu irra waan hin jirreef hojii guddaa kan gaafatuu dha.


Yüklə 2,07 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   12   13   14   15   16   17   18   19   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin