D) Qajeeltoowwan naamusaa kabajuu,
Qajeeltowwan naamusa kabaju jechun sirna iftomiinaa, itti gafattamummaa, Iccitii eegu, sirnaan angotti fayyadamu, alloogummaa, deebii hatattamaa keennu, amanamummaa fi kan biro diriirsun rakkoolee gama bulchiinsa gaariitiin mul’atan hiikun maammilli tajaajila akka aragatu taasisu dha.
E) Malaammaltummaaf obsa hin qabnu
Malaamaltummaa jechun karaa qaxxaamuraan qaamni tokko otoo itti hin dadhabiin qabeenya horachuu jechuu dha. Kanaaf, bakka malammaltummaan calaqqisutti ykn jirutti hojiin hojjetamu kamiyyuu galma ga’uu hin danda’u. Kun immoo qabeenya murtaa’aa akka biyyaattis ta’e akka Interpiraayiziitti jiru waan quccarsuf itti qabsaa’uun sirressuun ni barbaachisa.
Haaluma kanaan, Interpiraayizichis maddoota malaammaltummaaf karaa banan cufuun hojiin hojjetamu kamiiyyuu qajeelfama eegee akka hojjetamu ni taasisa. Hojjetaaf hubannoo kennuun qaamota malaammaltummaa kana dalagan soda tokko malee irratti kan qaabsoofnu ta’a.
Dostları ilə paylaş: |