Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Haala Waliigalaa Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə3/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   84
Haala Waliigalaa Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa

Intarpiraayiziin Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa dhaabbata misooma mootummaa ta’ee dambii lakk 116/2000 Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaadhaan Hagayya bara 2000ti baheen qaama seerummaa qabu ta’ee hojii ijaarsa daandii qulqullina qabu akka ijaaruu fi dorgomaa ta’e akka bahuuf kan hundaa’edha. Dambii kana bu’uura godhachuudhaan boordii mataa isaatiin akka bulu ta’ee bara 2001 irraa eegalee hojjetaa jira. Intarpiraayizichi kaapitaala eeyyamameef qarshii biilliyoona tokkoon kan hundeeffame yoo ta’u, kan eeyyamame kana keessaa qarshii miliyoona 259 ta’u gosaan (in kind) kan kaffalameedha. Intarpiraayizichi akka koontiraaktara waliigalaatti beekkamtummaa sadarkaa duraa (GC-1) fi akka kontraaktara Ijaarsa hojiiwwan bishaaniitti beekkamtummaa sadarkaa duraa (WC-1) kan qabuudha.


Kaayyoon intarpiraayizichaa inni guddaan indastirii ijaarsaa keessatti dorgomaa ta’e argamuun qabeenya muraasa jiru qixa sirrii ta’een fayyadamuudhaan babal’isuu daandii keessatti hirmaachuun fedhii daandii mootummaafi ummanni qabu guutuudha.

Mootummaan guddina misooma itti fuufiinsa qabu fiduuf hojii misooma garagaraa gaggeessaa jira. Hojii misooma kana keessaa hojiin ijaarsa daandii isa tokkoo fi misooma biraa babal’isuuf murteessa kan ta’ee dha.

Intarpiraayiziin Ijaarsa Daandiwwan Oromiyaa hojiiwwan ijaarsa daandii haaraa, sadarkaa fooyyessuu, suphaa, ijaarsa riqaa, gamoo fi hojii ijaarsa bishaanii, akkasumas, meeshaalee hojiiwwan ijaarsaaf oolan oomishuu fi biyya aalaatii galchuudhaan dhiyyessuu akka danda’u aangoon kennameeraaf.
Intarpiraayizichi hojii ijaarsa daandii haala qulqullina fi gahumsa qabun yeroo qabame keessatti raawwatee itti qufiinsa maamiltootaa fi dhimmamtoota isaa daran guddiisu haala danda’un hojjechaa jira.



    1. Yüklə 2,07 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin