Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Bu’aa: Amantaa ummataa dabale Milkaa’ina



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə57/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   53   54   55   56   57   58   59   60   ...   84
Bu’aa: Amantaa ummataa dabale

Milkaa’ina: Hirmaannaa ummataa gama hundaan dabale



Ibsa: Maamiillii keenya tajaajila isaaf kennamu irratti gammachuu akka horatu taasisuudhaaf ammantummaa maamilii intarpiraayizichaa irratti qabu akka dabaluu gochuun barbaachisaa dha.

Kun immoo kan milkaa’uu danda’u haala walii galteen, yeroon, qulqullinaa fi gatii maddaalawaatiin fedhii maamilaa giddu galeessa godhate raawwachuun dha.



Bu’aa: Itti quufinsi maamila dabale

Milkaa’ina: Amantaa maamilaa dabale

Ibsa: Karoora hojii tokko galmaan gahuu keessatti gaheen maallaqni qabu murteessaa waan ta’eef sirna itti fayyadama maallaqa keenyaa guddisuun maallaqa muraasa qabnuun hojii bu’a-qabeessaa irratti ramaduu qabna.

Kana dhugoomsuufis karoorri qophaa’u hojiiwwan ijoo ta’an wal duraa duubaan kaa’uun maallaqa murtaa’aa jirutti fayydamuun bu’aa ol’aanaa argamsiisuuf maallaqa ramadamu akkaataa seera faayinaansii eeggateen hojii ramadame qofaaf oolchuun barbaachisa dha.

Sirna hordoffii fi gamaaggama raawwii hojii fi itti fayyadama maallaqaa irratti xiyyeeffannoo guddaa kennuun qaamolee sadarkaa adda addaatti argaman hundaaf hubannoo uumuu, hojii irra oolmaa sirnichaa cimsuu akkasumas bu’aa raawwii karooraa fi fayyadama maallaqaa yeroo yeroodhaan madaaluun tarkaanfii sirreeffamaa barbaachisu fudhachuun barbaachisaa dha. Dabalataanis haalli itti fayyadama maallaqa intarpiraayizii seera faayinaansii eeggateen kan raawwatame ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa sirna odiitii jiru cimsuun fi itti fayyadamuun argannoo bu’aa odiitii irratti hundaa’un tarkaanfii barbaachisaa ta’e saffisaan fudhachuu barbaachisa. Haaluma kanaan gahumsaa fi bu’a-qabeessuummaa dabaluun maallaqni osoo hin qisaasamne hojii karoorfameef oolee bu’aa eegamu fiduun ni danda’ama.


Yüklə 2,07 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   53   54   55   56   57   58   59   60   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin