Itti fayyadama qabeenyaa fooyyessuu
Ibsa: Qabeenyi, jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti iddoo ol’aanaa kan qabuu fi sochii siyaasa, hawaasummaa fi misooma diinagdeetiif murteessaa dha.
Itti fayyadama qabeenyaa jechuun meeshaalee dhaabbataa fi dhumataa hunda kan dabalatu ta’ee, qabeenyi kun intarpiraayizi keessatti hojiif ramadame tajaajila hojii barbaadameef qofa akka ooluu gochuu dha.
Gama biraatiin bittaa qabeenyaa irraa jalqabee itti fayyadamaa, kunuunsaa fi eegumsa akkasumas haalli ittiin maqasamu iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabaatee fi foyya’aa ta’e irratti hoggansi, raawwataa fi qaaamni ilaallatu hundi hubannoo gahaa argatee, amantaa abbummaa fi quuqama horatee meeshaalee intarpiraayizichaa dhaabbataas ta’e dhumataa hojii barbaadame qofaaf akka ooluu gochuun baasii hin barbaachisnee xiqqeessuu.
Dostları ilə paylaş: |