Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Sirna ‘Risk management’ diriirsuu



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə62/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   58   59   60   61   62   63   64   65   ...   84
Sirna ‘Risk management’ diriirsuu

Ibsa: Hojii ijaarsaa keessatti rakkooleen hin mul’anne mudachuu ni malu. Isaan kun immoo kallattii fi kallattii alaan kaneen hojii ijaarsaa irratti dhiibbaa qabanii dha. Dabalataaniis wal diddaan dhimmamtoota gidduutti uumamuu danda’a. Kun immoo haala fooyaa’aan karoora keessa galchuun dhiibbaa uumamuu danda’u xiqqeessun irratti hojjachuun furmaata argachuu qaba. Fakkeenyaaf haala qilleensaa, rakkoolee hawaasaa, rakkoolee dizaayinii fi balaa qabeenya irratti uumamuu danda’u, rakkinoota gatii baaltokkee dursanii adda baasuun itti qophaa’un barbaachisaa dha.

Bu’aa : ‘Risk’ ykn ‘Conflict’ xiqqaate

Milkaa’ina: Haala mijaawaa hojiif uumame


    1. Sirna hordoffii fi deegarsaa fooyyeessuu

Ibsa: Karoora intarpiraayizichaa galmaan ga’uuf, bu’aa qabeesumaa karooraa fi bajata hojiichaaf qabame hojiirra oolaa jiraachuu fi itti fayyadamummaasaa fooyyesuun ergama, mul’ata fi kaayyoo intarpiraayizichaa hojiitti hiikun fayyadamummaa maamilaa mirkaneessuudhaaf hordoffii fi deeggarsa waliiraa hin cinnee taasiisuun barbaachisaa dha.

Akkaassumas, karoora karoorfame fana wal-simuu isaa fi bajani ramadames qixa sirrii ta’een hojiirra ooluu isaa mirkanneefachuudhan raawwiin isaas haala karoorfameen qofa ta’uu isaa hordofuun murteesaa ta’a.

Gama biraan sirna itti fayyadama qabeenya intarpiraayizichaa haala haqa qabeessa ta’een bulchuu dandeessisu diriirsuu fi hojii irra oolmaa isaa hordofuun karaa seera qabeessa ta’een hojii irra oolchuun qisaasamaa fi harcaatiin qabeenyaa akka hin uumamne gochuu fi kenninsa tajaajilaa bu’uuraan jijjiiruun hojiin bu’aa bahii malee yeroo barbaadame keessatti raawwachuun itti quufinsa maamiltootaa fi dhimmaamtootaa mirkaneessuun dha.

Dhimmoota kanaan olitti ibsaman mirkaneessuuf hordoffii, gamaaggama raawwii karooraa fi dub-deebii sadarkaa adda addaa keessatti cimsuun qabeenya intarpiraayizichaa kallattii karoorfamee fi akkaataa barbaadamuun harcaatii tokko malee hojii irra akka ooluu irratti ni hojjetama.




Yüklə 2,07 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   58   59   60   61   62   63   64   65   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin