Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Bu’aa: Kenniinsa tajaajilaa fooyya’ee fi komii maamilaa xiqqaate Milkaa’ina



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə66/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   62   63   64   65   66   67   68   69   ...   84
Bu’aa: Kenniinsa tajaajilaa fooyya’ee fi komii maamilaa xiqqaate

Milkaa’ina: Itti quufinsa maamilaa dabale fi fayyadamummaa uummataa mirkanaa’e

Ibsa: Galma ga’iinsa ergamaa fi mul’ata mana hojii tokkoof hojjetaanis ta’ee hoggansi sadarkaa adda addaa irra jiru duudhaalee fi amantaa qabaatee, sirnootaa fi seerota mana hojichaa kabajuun hojii bu’a qabeessa ta’e raawachuu akka danda’u naannoo hojii mijaawaa uumuu fi aadaa hojii akka intarpiraayizichaatti horachuun murteessaa dha.

Waan kana ta’eef, naannoo hojii hojjataa fi hoggansa hawwachuu, tursiisuu fi hamilee hojjataa kakaasuu danda’u, akkasumas hojmaata fooyya’aa ta’e diriirsuu fi meeshaalee hojiitiin guutuun naannoo hojii mijaa’aa ta’e uumuun hojjatamuu qaba. Dabalataanis hojjetaan beekumsaa fi dandeetti qabu itti fayyadamee muuxannoo wal-jijjiruun jaalala hojii horatee bu’aa buusuuf itti fufiinsaan akka hojjetu taasisuun barbaachisaa dha. Aadaa hojii itti fufiinsa qabu intarpiraayizi keessatti dagaagsuun duudhaalee fi amantaa waliinii (shared values and


beliefs) uumuun akkasumas naamusa hojjettootaa fooyyessuun akka danda’amu raawwii hojii sadarkaa dhuunfaa fi gareetti raawwatamu badhaasaa fi onnachiiftuuwwan adda addaatiin walqabsiisuun barbaachisaa dha.

Miira gareen hojjechuu guddisuun, walta’iinsa hoggansaa fi hojjettootaa daran akka dabalu gochuu fi naannoon hojii hojjetaa haala hawwatu fi jaalala itti uumuu danda’uun hojjechuun ni barbaachisa.

Walumaagalatti aadaa fi naannoo hojii fooyyessuun jijjiirama ilaalchaa fiduu, duudhaalee hojii, sirna hoggansaa hirmaachisaa ta’ee fi sirna qaxarrii iftoomina qabu uumuu, misooma humna namaa dabaluu, naamusa hojii gabbisuu, madaallii raawwii hojii bu’aa giddugaleessa godhate diriirsuu fi kkf irratti xiyyeeffannoo ol’aanaa kennuun ni hojjetama.




Yüklə 2,07 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   62   63   64   65   66   67   68   69   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin