Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Bu’aa: Aadaa hojii fooyya’ee fi naannoo hojii mijaawaa uumame Milkaa’ina



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə67/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   63   64   65   66   67   68   69   70   ...   84
Bu’aa: Aadaa hojii fooyya’ee fi naannoo hojii mijaawaa uumame

Milkaa’ina: Kaka’umsaa fi raawwii hojii dabale

    1. Dandeettii Raawwachiisummaa Hoggantootaa fi Rawwattootaa Fooyyessuu

Ibsa: Galma ga’insa kaayyoo hojii keessatti dandeettii fi gahumsi hoggantootaa fi raawwattootaa murteessaa waan ta’eef, sagantaalee leenjii fi barnoota babal’isuudhaan hojiilee hogganaanii fi raawwataan adda baasanii beekuu fi ittiin hojjachuu akka danda’an dandeessisuun barbaachisaa dha.

Sagantaalee rifoormii adda addaa qabatamaan galma gahiinsa kaayyoo keenyaatiif gargaaran fudhatanii hojiitti hiikuu akka danda’an hubannoo ilaalchaa, dandeettii, deeggarsaa fi hordoffii akkasumas dhiyyeessii irratti qaban cimsuu, yeroo yeroodhaan duuka bu’anii hanqinaalee gama kanaan jiran furuudhaan dandeettii karoorsuu, raawwachuu fi gamaaggamuun tarkaanfii sirreessaa akka fudhatanii adeemsa hojii isaanii fooyyeffatan taasisuun murteessaa dha.

Hogganaa fi raawwataan miira tajaajiltummaa uummataa uumanii kabaja lammii fi maamilaaf qaban guddisuudhaan qabeenya intarpiraayizichaa hojii intarpiraayizichaatiif oolchuu, yeroo hojii hojiif qofa olchuu, iftoominaa fi amanamummaan haala naamusa ogummaa eegen tajaajila gahaa, saffinaa fi qulqullina qabu, fakkeenyummaan kennuu akka danda’an hubannoo isaanii cimsuun sochii ilaalcha kiraa sassaabdummaa dhabamsiisuu fi hojii irra oolmaa ergamaa fi mula’ata intarpiraayizichaatiif gahee guddaa akka taphatan gochuu irratti ciminaan kan hojjetamu ta’a.


Yüklə 2,07 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   63   64   65   66   67   68   69   70   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin