Bu’aa: Gahumsa dandeettii raawwachiisummaa fooyya’e
Milkaa’ina: Raawwii hojii fooyya’e
-
Dhiheessaa fi Itti Fayyadama Tekinooloojii guddisuu
Ibsa: Teeknoloojiiwwan adda addaa babal’isuun, intarpiraayizi keessatti itti fayyadama teeknooloojii tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu kennuu dandeesisu dhiyeesuun barbaachisaa ta’a.
Teeknooloojiin hojii ijaarsa keessatti qooda ol’aanaa waan qabuuf dhiyeessi teekinooloojii adda addaa dabalatee
itti fayyadamni isaa bakka hundatti akka babala’atu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan kan irratti hojjetamu ta’a.
Kana malees, teeknoloojii jiranii fi dabalataan barbaachisan addaan baasuun beekumsaa fi gahumsa itti fayyadama teknoloojii guddisuun akkaataa bu’a qabeessa ta’een kan hojirra oolu ta’a.
Bu’aa: Dhiyeessa fi itti fayyadamaa teknooloojii dabale
Milkaa’ina:Ga’uumsaa fi bu’aa qabeessuumaa hojii dabale
Dostları ilə paylaş: |