Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Kaayyolee Tarsiimo’aa Gad buusuu (Physical Cascading)



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə76/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   72   73   74   75   76   77   78   79   ...   84
2. Kaayyolee Tarsiimo’aa Gad buusuu (Physical Cascading)

Intarpiraayizi Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa jalatti Adeemsaalee fi piroojektoota jiraniif Sirni Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo qophaahee jira. Sirna qophaahe kana keessatti pirojektoonni akkasumas adeemsaaleen hojii intarpiraayizi kana jala jiran Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo gulantaa 1ffaa hanga 6ffaa qophaahe, keessattuu maappii tarsiimo’aa irraa ka’uudhaan kaayyolee, safartuulee, mannii fi tarkaanfilee tarsiimo’aa ni fudhatu. Sirni kun gulantaa 1ffaa irraa jalqabee hanga 6ffaa tti kan hojjetame wajjin walitti hidhamiinsa cimaa qabaachuu kan qabu yoo ta’u, tarsiimoon hanga sadarkaa gadiitti gad bu’u galma ga’iinsa tarsiimoo sadarkaaIntarpiraayizitti qophaa’eef gumaachuu qaba. Sirni Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiimoo qophaa’e kun gara karoora waggaatti jijjiiramee hojii irra kan oolu ta’a.


3. Onnachiistuu Bu’aan Wal-Qabsiisuu (Incentive and Reward System; Pocket Cascading)

Onnachiistuu bu’aan wal-qabsiisuun tarsiimoon hanga sadarkaa gadiitti diriire caaseffama hanga sadarkaa gareetti jiruun xiyyeeffannoo akka argatuu fi hojii irra akka oolu ni dandeessisa. Onnachiistuu bu’aan wal-qabsiisuun, kaayyolee milkaa’inaa fi sadarkaa raawwii kaayyolee wajiin wal-qabsiisuun aadaan hojii akka fooyya’u taasisa.



Yüklə 2,07 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   72   73   74   75   76   77   78   79   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin