Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə51/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   47   48   49   50   51   52   53   54   ...   84

GULANTAA LAMMAFFAA

  1. Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo fi Bu’aa (Strategic Themes and Results)

    1. Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo (Strategic Focus Area)


Mul’ataa fi ergama kaawwame karaa bu’a qabeessa ta’een galmaan ga’uuf dhimmoota murteessaa ta’an adda baasuun xiyyeeffannoo kennuun hojjechuun dhimma bakka bu’iinsa hin qabneedha. Toorri xiyyeffannoo tarsiimoon utubaa milkaa’inaa (Pillar of Exellence) ti. Toora xiyyeeffannoo adda baasuun raawwii isaatiifis ijibbaata barbaachisaa ta’e gochuun dhimma murteessaadha.

Naannoo yookiin mana hojii mootummaa tokko keessa rakkooleen furmaata barbaadanii fi carraaleen gaariin misoomaa fi guddinaaf gumaacha ol’aanaa taasisan hedduun jiraachuu ni danda’u. Haa ta’u malee, dhiibbaan isaan milkaa’ina mul’ata tokkoo irratti qaban walqixa ta’uu hin danda’u. Kanaafuu, kanneen ijoo ta’an adda baasanii beekuudhaan ciminaan irratti hojjechuun barbaachisaa dha. Yeroo utubaaleen milkaa’inaa kun guutummaan guutuutti hojii irra oolan rakkooleen ijoo ta’an hiikkamanii cee’umsi siyaas-diinagdee /political economy transformation / mirkanaa’ee jiruf jireenyi hawaasaa jijjiiramuu ni danda’a. Kana keessattiis shoorrii ijaarsa bu’uraalee miisoomaa hiyyuummaa maqasuu keessatti qabu salphaa miti. Intarpiraayiziin ijaarsa daandiiwwan Oromiyaas babal’iina networkii ijaarsa daandii taasiifamu keessatti gumaacha bu’aa qabeessa ta’ee taasiisaati argama.

Kana irraa ka’un waggoottan shanan dhufan keessatti toorawwan xiyyeeffannoo argaman irratti xiyyeeffachuun ni hojjatama.

Isaanis:


  1. Toora Xiyyeeffannoo Tokkoffaa:Hojii Ijaarsaa qulqullina, yeroo fi baay’inaan rawwatame.

Bu’aa:

Amantaa maamilaa dabale, baay’ina maamilaa dabale, galii dabale, humna hojii dabale, dandeetti dorgommii dabale.




  1. Yüklə 2,07 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   47   48   49   50   51   52   53   54   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin