Ummanni Oromoo akkuma sabaafi sablammoota ummatoota Itoophiyaa biro hundaa cunqursaa sirna gita bittaa nafxanyaa jaarraa tokkoof golboobee ture jalatti gidiraa argaa ture



Yüklə 95,52 Kb.
tarix09.01.2018
ölçüsü95,52 Kb.
#37422

Duree:

Ummanni Oromoo akkuma sabaafi sablammoota ummatoota Itoophiyaa biro hundaa cunqursaa sirna gita bittaa nafxanyaa jaarraa tokkoof golboobee ture jalatti gidiraa argaa ture. Haata’u malee garuu cunqursaafi dhiibbaa nafxanyootaa kana tole jedhee sagadee yeroo itti fudhate hinqabu. Ummanni Oromoo bifa tatamsa’eefi bifa gurmaa’een qabsoo farra nafxanyaa adeemsisaa tureera. Qabsoo ummata Oromoo bifa bittinnaa’een adeemsifamaa ture gurmeessinee gaggeessina jechuu dhaan kan ka’an humnoonni dhiphootaa foxxoqanii jiraachuu furmaata filannoo hinqabne godhanii socho’uusaaniitiin qabsoo ummatichaa qixa hintaanetti jallisuusaaniirrayyuu injifannoo akka hingonnfane godhanii turaniiru. Qabsoon ummatummaa kun sababa dhiphootaatiin firii dhabee turuunsaammoo cunqursaafi dhiibbaan ummaticharra ga’aa ture yeroorraa gara yerootti itti caalaa akka adeemu taasiseera. Wayita kan egaa Dhaabbanni demokraatawaa ummata Oromoo /Dh.D.U.On/ qabsoo farra cunqursaa ummatichaa qorachuu dhaan kaayyoo warraaqsa demokraasii qabatee kan hundaa’e.


Dh.D.U.On kan hundaa’e yeroo gabaabaa yoo ta’eyyuu humnoota demokraasii kanneen biro wajjin gamtaa’ee qabsoo ummatichaa adda durummaan ooganuusaatiin kan ka’e sirni gita bittaa nafxanyaa burkutaa’uu danda’eera. Waggootii kudhan darban keessa ummanni keenya sabaafi sablammoota ummatootaa biro wajjin irreesaa cimdeesseen qabsoo ijibbaataa adeemsiseen cunqursaafi hacuucaa sabummaa golboobee ture maqsuu, injifannoo siyaasaafi dinagdummaa hedduu gonfacchuu danda’eera. Mirgoonni namomaafi demokraasii ummata keenyaa beekamuu, heera mootummaatiin wabii amansiisaa argachuu danda’aniiru. Hiree mataa ofii murteeffachun hanga foxxoquutti heera mootumaatiin mirkanaa’eera. Karaa dirree dinagdeefi siyaasaas injifannoo boonsaan argameera. Rakkoon dinagdeefi hawaasummaa ummanni keenya qabu dhawaataan maqfamuu eegaleera.
Injifannooleen karaa dirree dinagdeefi siyaasaa galmeessisiifne akkuma jiranitti ta’ee, garuu ammas rakkooleen heddummina qaban jiru. Mirgoonni namoomaafi demokraasii ummata keenyaa heera mootummaa tiin wabii kan argatan yoo ta’eyyuu, kanneen kana guutummaan hojiirraa oolchuuf qabsoo cimaatu nu eeggata. Dirree dinagdeefi hawaasummaa karaa ilaaluunis, ummanni keenya hiyyummaafi boodatti hafiinsa keessaa hinbaane. Walumaa gala rakkoo ummata keenyaa walxaxaafi walfaalaa ta’e kana hiikuudhaaf, kabachiisuu dhaaf ammallee ciminaan hojjechuu, murannoon qabsaa’uu gaafata. Dh.D.U.On har’as tooraasaafi keessasaa haaromsuudhaan mirgoota ummata keenya kabachisiisuuf faaiydaa ummataa eegsisuuf kutatee ka’eera. Dh.D.U.On akka dhaaba miseensa A.D.W.U.I tokkotti, sagantaa ADWUI waliiggalaa akka haala qabatamaa ummata Oromoofi naannoo Oromiyaatti walsimsiisee hojiirra oolchuuf niqabsaa’a. Kana birattis sagantaan kun akkuma biyyaaleessatti hojiirra akka ooluuf ga’ee mataasaa nigumaacha, kutannoon niqabsaa’a.

Seensa:
1. Itoophiyaan waggaa kudhan har’aa imaammata diinagdee farra misoomaatiin sakaalamtee, ummatoonnishee bittaa farra demokraasiitiin afaan hidhamanii, jibbiinsa sabootaa xumura hinqabneen jeeqamaa,walumaa gala tatamsaatee manca’uudhaaf ededarra turte. Kanaafuu, diinni hafnaan, firriyyuu badiin biyyattii dhiyaateera, har’aafi bor keesaa bittinnooftee baduu dandeessi jechuudhaan sadarkaa eeguurra ga’anii turani.
2. Waggootii kudhan darban keesa imaammatoonni farra misoomaa bara dargii duraa haqamanii, imaammatoonni misoomaa gabaa bilisaatirratti bu’ureeffamaniifi sirrii ta’an qophaa’anii hojiirra ooluu eegalaniiru. Dinagdee ajajaan adeemsifamurraa gara dinagdee gabaa bilisaatti ce’umsi adeemsifame biyyootii garaagaraarraa karaa adda ta’een kan adeemsifame ta’uusaarra yyuu, dinagdee keenya karaa miidhuufi karaa rakkoo keessa galchuun kan adeemsifame hinturre. Ce’umsichi sadarkaa kanaan dura biyyi keenya tasuma agartee hinbeekneen gudddina dinagdee akka galmeessitu kan taasise ture. Guddina karaa kanaan argame caalaattimmoo guddina biyya keenya ariifataa mirkaneessuuf akkaataa dandeessisuun muuxannoo horachuun danda’ameera. Guddina itti aanuufis haala mijaawaan uumameera. Kanarraa kan ka’es karaa dirree dinagdeetiin injifannoo boonsaa gonfanneerra.
3. Bittaan farra demokraasii bara dargii ture burkutaa’ee, sirni demokraasii bakka bu’eera. Mirgi namoomaafi demokraasii tiin lammiiwwan nii heera mootummaatiin beekamee kabajamuu eegaleera. Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu sabaaf sablammoota biyya keenaa heera mootummaatiin beekameera. hojiirra oolaa jira. Akkuma sochii misooma dinagdee, karaa ijaarsa sirna demokraasiis muuxannoo guddaan horatameera. Sirna demokraasii haarawaa ijaaruuf qabsoo fufiinsaan taasifamuufis haala mijaawwan uumameera. Kana waan ta’eefuu kraa kanaan ijiffannoo hunde-qabeessa gonfanneerra.

4. Injifannoofi bu’aawwan hunde-qabeeyyiin armaan olitti eeraman kun yoo jiraataniyyuu, garuu ammas taanaan, biyya keenya keessa rakkoowwan hundee gadi-fageeffatan hedduutu jiru. Akkuma beekamu, qonnaan dinagdee biyya keenyaa keessatti iddoo olaanaa kan qabu ta’uusaarrayyuu ummata biyya keenyaa dhibbeentaa 85 ta’uufis hundee jireenyaati. Haata’u malee garuu, rakkoo caasaa bara hedduuf tureefi babal’ataa dhufeen takaalamee tureera. Naannoo addaddaa keessatti lafti borqachuusaatiin kan ka’e callaa quubsaa argachuuf haala mijaawaan dhibamaa dhufeera. Hanqinni roobaafi hongeen bal’inaan kan mul’atu ta’eera. Teknolojiin qonnaa boodatti hafaa ta’uusaatiin kan ka’e ummanni keenya beela hamaadhaaf saaxilamaa jira. Iddoo hedduutti lafti borqachuusaatiin, dhiphaachuusaatiin, hanqinni roobaa babal’achuusaafi teknoloojiin qonnaa boodatti hafaa ta’uusaatiin kan ka’e ummanni keenya nyaataan ufdanda’aa hinjiru waan kana ta’eefis qonnaan keenya rakkoo baay’ee gadi fageenya qabu keessa galee tureera. Guddinni induustirii biyya keenyaa sadarkaa baay’ee gadi aanaa ta’eerratti kan argamu, addunyaarratti qulqullinaanis ta’e gatiidaan hoomisha dorgommii keessa seenuu danda’u hoomishuuf rakkoo mataasaa danda’e qaba. Hundeen misoomaas sadarkaa guddinaa baay’ee gadi aanaa ta’erratti argamu. Caasaaleen mootummaa humna namaa leenja’een, gurmaa’inaan, akkaataa raawwii hojiitiin, walumaa gala, hubannaafi ilaalchaan sochii guddina misoomaa kan deeggru ta’uu hindandeenye. Waan kan ta’eefuu, biyyi keenya maxxantummaafi eegattummaan akka jiraattu taateetti. Rakkooleen dinagdee hidda gadi naqatanii jiran kun, atattamaan hinmaqfamani taanaan akkuma biyyootii Afriikaa kanneen biroo keessatti mul’atee ture sana, rakkoolee dinagdeefi hawaasummaa, akkasumas jeequmsaafi bibittinnaa’ umsa waliigalaa fiduu danda’u. Gaaffiin misooma ariifataa, gaaffii dinagdee qofaa utuu hintaane, gaaffii tasgabbiifi nageenya biyyaattiiti.

5. Karaa ijaarsa sirna demokraasiis tiin akkasuma rakkoon jira. Hawaasa keenya keessatti yeroo dheeraadhaaf hundee gadifageeffatee kan ture bittaan sirna farra demokraasiifi barmaatiilee boodatti hafiinsa uumuu danda’eera. Kunimmoo ummattoonni cunqur famoonni biyya keenyaa daalaa demokraasii cimoofi hinsochoone ta’anii akka hindhaabbanneef hanqina mataasaa uumeera. Sirni demokraasii biyya keenyatti akka dagaagu gochuuf barbaachisummaa guddaa kan qaban jaarmoleefi caasoleen bulchiinsa demokraasii ammallee sadarkaa kichuurratti argamu, Waldaaleen ummataa sadarkaa cimaarratti kan argamu miti. Tokkummaa ummata keenyaa kan laaffisan ilaalchi dhiphummaafi oftuulummaa hawaasa keessatti bal’inaan demokraasii ammallee sadarkaa kichuurratti argamu, Waldaaleen ummataa sadarkaa cimaarratti kan argamu miti. Tokkummaa ummata keenyaa kan laaffisan ilaalchi dhiphummaafi oftuulummaa hawaasa keessatti bal’inaan calaqqisaa jiru. Sabab kanaan kan ka’e demokraasiin keenya ammas rakkoo keessa jira. Rakkooleen kun atattamaan maqafamuu baannaan ummata keenya misoomaaf kakaasuun, misooma ariifataa fiduun hindanda’amu. Demokraasii akka ijoo misoomaatti fayyadamuudhaan ummata keenya rakkoo dinagdeefi balaa bittinnaa’uu jalaa baraaruu hindandeenyu. Haadha sabaafi sabalammoota hedduu kan taate biyya keenya kan keessatti sirni demokraasii yoo cimu baate, dhiphummaafi oftuulummaan maqfmuu yoo baate ummanni keenya balaa bittinnaa’uutiif saaxilamuu danda’a. Kanaafuu haala qabatamaa biyya keenyaatti, demokraasiin filannoo bulchiinsa gaarii hordofuu utuu hintaane, wabii nagaafi jireenya biyyaati. sirna demokraasii cimsuun ala, nageenyai, jireenyiifi misoomni dhugoomuu hindanda’u.

6. Dhaabbanni keenya waggootii kudhan darban keessa ummata keenya hoogganuudhaan injifannoowwan eeraman galmeessisuu kan dandeessise meeshaa guddaan aantummaa ummatummaafi ilaalcha warraaqsa demokraasiisaatii. Haata’uuti garuu, dhimmoota misooma dhinagdeefi ijaarsa sirna demokraasii tokko tokkorratti ilaalchiwwan qulqullina hinqane dhaabbata keessa waan turaniif, jireenyi demokraasummaa siyaasummaa dhaabbatichaa dadhabaa waan dhufeef, sadarkaaleefi naannolee garaa garaatti malaammaltummaa babal’achaa waan dhufeef, aantummaa ummatumaan dhaabbatichaa haphataa, uumamni demokraatawaa warraaqaan dhaabbatichaa dadhabaa akka dhufu taasiseera. Hanqinoonni kun injifannowwan amma dhaabni keenya galmeesseen ala akka hingalmeessi neef sababa guddaa ta’anii turusaaniirrayyuu adeemsa keessa injifannoowwan keenya akka ququnxuraman taasisaniiru.

7. Dhaabbanni keenya Dh.D.U.On balaa kana bal’inaan sakatta’ee hubachuudhaan hanqinoota turan hundeedhaa maqsuudhaaf akkaataa dandeessisuun tarkaanfi seerrssaafi sochii haaromsaa adeemsiseera. Ammas adeemsisaa jira. Ijaarsi misooma dinagdeefi sirna demokraasii keenyaa ilaalcha qulqullaa’een karaa itti oogganamu, miseensaafi deeggaraan dhaabbata keenyaa hundumtuu dhimmoota kanarratti hubannaa ga’aa akka argatuuf haalli bu’ureeffameera. Ilaalcha farra demokraasii qabatamaa dhaan maqsuufi malaamatummaarratti ga’umsaan qabsaa’uuf haalli dandeessisu uumameera. Sagantaan Dh.D.U.O. fooyya’ee dhiyaate kunis bu’aafi firii sochii haaromsa kanaati.

8. Kaayyoowwan demokraatowaa Dhaabbanni keenya fiixa ba’uu kan danda’an hojii misooma dhinagdee fiixa ba’erraatti yoo bu’ureeffame qofaadha. Waan kana ta’eefuu, kaayyoon misooma dinagdee dhaabbata keenyaa, hundeefi utubaa kaayyoowwan keenya hundaati. Sochiin misoomaa biyya keenya keessatti adeemsifamu rakkoofi kufaatii caasaa qonnaa keenyaa atattamaan kan maqsu ta’uu mala. Adeemsa misoomaa kanaanis qonnaafi Industiriin wal-deeggaranii ariitiin kan ittiin guddatan dameen dinagdee keenyaa inni murteessaan industirii sadarkaa itti ta’urra ga’uu qabna. Guddinni dinagdee ariifachiisaan mirkanaa’uunsaa qofaan ga’aa miti. Misoomni dinagdee ummanni bal’aan wal-qixa itti hinfayyadamne biyya keenya rakkoo walii galaa keessaa baasuu hindanda’u. Waan kana ta’eefuu misoomni dinagdee ummanni sadarkaa olaanaan kan keessatti fayyadamu ta’uu qaba. Adeemsa misooma dinagdee ariifataa kanaafi guddina misoomaa argamuun ummanni sadarkaa olaanaadhaan fayyadamaa ta’aafi, biyyi keenya kadhaafi maxxantummaa keessaa ba’a. Bilisummaan dinagdeeshee mirkanaa’aa adeemuu qaba. Guddina dinagdee Addunyaa keesatti qulqullinaafi gatiidhaan dorgomuu kan danda’u hoommisha shaqaxaafi tajaajila kenninu fooyyessuu dhaan kanaafi maxxantummaa jalaa baanee bilisummaa dinagdee keenya qabatamaa mirkaneessuu qabna. Kaayyoowwan keenya kana fiixa baasuu kan dandeenyummoo dinagdee gabaa bilisaa mirkaneessuun ta’uu hubannee seera gabaa bilisaatiin qajeelfamaa sochii misooma dinagdee keenya cimsuu qabna. Waan kana ta’eefi egaa biyya keenya keessatti guddina ariifataa mirkaneesuufi faayyadamummaa ummata bal’aa sadarkaa olaanaatti guddisuun dinagdee gabaa bilisaa dhugoomseen kaayyoo Dh.D.U.On hunde-qabeessa kan ta’e.

9.Kaayyoo kana fiixa baasuuf humnootiin misoomaa hundumtuu qixa hundaanuu hojii misoomaa keessatti qooda dudhachuu qabu. Dandeettiin hoomishtummaa ummataa cimuu, humna hoomishtummaa ummataa kana cimsuufimmoo tarsiimoo misooma dinagdee amansiisaa qopheessuufi hojiirra oolchuudhaan fayyadamummaa ummataa olguddisuu, karaa kanaanis biyyi keenya kanaafi maxxantummaa keessaa akka baatu qodhamuu qaba. Ummanni sochii misoomaa kana keesatti fedhiifi amantaa mataasaatiin qooda akka fudhatu gochuuf haalli mijaawaan uumamuu qaba. Demokraasiin hirmaa ummataarratti bu’urreeffame guddina misoomaatiif murteessaa ta’uunsaa mirkanaa’uu qaba.
10.Ijaarsi dinagdee gabaa bilisaa abbootii qabeenya dhuunfaa hojii misoomaarratti qooda fudhatu uumuun ala kan yaadamuu miti. Haala qabatamaa biyya keenyaatiin abbaa qabeenyaa hojii misoomaarratti bobba’urraa, aangoo mootummaafi hanqina dinagdee biyya keenyaatti fayyadamuu dhaan karaa seera alaa dorgoomuu kan barbaadutu caala. Abbaan qabeenya dhuundaa sochi misoomaa keenya keessatti ga’ee guddaa akka taphatuuf haala mijeessuu, sochii abbootii qabeenya dhunfaa seera-qabeessa deeggaruu, sochii kanneen seeraa alaammoo daangesuu barbaachisa. Qixa kana hordofuunis murteessaadha. Abbootii qabeenyaa dhuunfaa wajjin ciminaan wal-deeggaruun akka jiraatuuf rakkoo sochii abbootii qabeenyaa kan gufachiisu kamiinuu maqsuudhaan deggersi barbaachisaan kennamuu qaba. Kanaan cinattis, sochii abbootii qabeenyaa sochii misoomaa keessatti ga’ee guddaa gumaachuu danda’an uumamuu qabu. Kana cinaattimmoo abbootii qabeenya dhuunfaa seeraan alaafi maxxantummaa jajjabeessu maqsuuf qabsoofi yaalii walirraa hincinne gochuu qabna. Karaa kanaan, biyya keenya keessatti abbootiin qabeenya dhuunfaa biyya alaa sochii misoomaa keenya keessatti ga’ee gumaachuu akka danda’aniif carraa hunda banuu, deeggarsa barbaachisaa hunda kennuu qabna.

11.Ummanniifi abbootiin qabeenyaa qabsoo misoomaa keenya keessatti ga’ee mataasaanii gumaachuu akka danda’aniif mootummaan isaan deeggaruufi cinaa dhaabbachuu qaba. Humnootiin misoomaa kun humna qaban hundaan akka socho’aniif haala mijaawaan uumamuu qaba. Kanaan alattimmoo, humnootii misoomaa kanaan kan hinhojjetamne, hojjetamuu dhabuusaatiinimmoo sochii guddina misoomaatiif rakkoo kanneen ta’uu danda’an sirriitti filachuudhaan hojii misoomaa tartiiba qabuun hojjechuu barbaachisa. Waan kana ta’eefis, mootummaan humnootii misoomaa deggaruu dhaan, gurmeessee bobbaa suudhaan, kanneen isaaniin hin hojjetamnemmoo sochii misooma keenyaarratti gufuu akka hintaaneef hanga humnisaa eeyyametti mootummaan boba’ee ga’ee mataasaa gumaachuu qaba.

12.Sirni demokraasii keenya akka gabbatuuf mirgooleen heera mootummaatiin kabajaman hundi karaa hundaanuu mirkanaa’uu qabu. aadaafi hubannaan dimokraasii ummatichaa cimee, mirgoota kanattis fayyadamaa wabii mirgootii kana akka ta’u godhamuu qaba. Utubaa sirna keenyaa kan ta’an ijaarmonniifi caasaaleen demokraasii hojiileesaanii sirriitti akka raawwataniif cimuufi jabaachuu qabu. Ummanni karaa garaagaraafi karaa itti fakkaate hundaa bilisummaan gurmaa’ee ga’eesaa gumaachuu qaba. Walumaa gala, mirgootiin lammiiwwan hundaa kan ittiin kabajamu, ummanni bal’aan mirgootii kanatti bal’inaan kan fayyadamuufi kana keessatti hirmaatu, utubaa sirna demokraasii kan ta’an caasaaleefi ijaarmonni demokraasii ummataa kan ittiin gabbatu, ifaafi bilisummaan kan oogganamu, hirmaannaa ummata bal’aatiin kan mirkanaa’e sirni demokraasii haarawaan biyya keenya keessatti bal’inaafi ariifachiisaan dagaaguu qaba.

13.Sirni demokraasii keenya mirga namoomaafi demokraasii lammiiwwanii kabachiisuurratti kan daangeeffame miti. Mirgootii kana hundee kan godhateefi kabajama mirgootii kanaa cinaatti, hiree mataa ofii murteeffachuu sabaafi sablammootaa wal-qixxummaan kan ittiin kabajamuudha. Kanaafuu mirgootiin ummatoota Itoophiya hundaa wal-qixxummaan akka kabajamu taasifamuu qaba. Kana cinaattimmoo ummatoonni mirgootii kanaatti fayyadamuu akkaataa danda’aniin humnasaanii cimsachuufi sadarkaa olaanaatti guddifachuu qabu. Hawaasa dinagdee cimaa tokkoon walitti hidhate uumuudhaaf naannoleen biyya keenyaa hundi wal-qixa guddachuu akka danda’aniif mirgaafi deeggarsa walqixa argachuu qabu. Wal-qixxummaa, wal jaalalaafi Obbolummaarratti kan hundaa’e tokkummaan ummatoota Itoophiyaa akka cimu gochuuf qabsoo guddaa barbaachisa. Ilaalchawwan farra tokkummaa ummata keenyaa ta’an maqasuudhaaf hadheeffannee fufinsaan qabsaa’uu qabna.


14.Dh.D.U.On kaayyoowwan kana galmaan ga’uuf ummata Oromoofi ummatoota Itoophiyaa mara cinaasaa hiriirsuuf niqabsaa’a. Dhabni keenya hundeedhaa dhaaba qonnaan bulaati. Deggeraafi humni adda warraaqsa demokraasii keenyaa hangfummaan qonnaan bulaadha. Kanaafuu hundumaa caalaafi hundumaa dura qonnaan bulaa fo-cinaa hiriirsuuf cimsinee qabsoofna. Haata’u malee, ummanni magaalaa bal’aan, jechuun, dafqaan bulaan, hayyuun hawaasni magaalaa bal’aan, jechuun dafqaan bulaan, hayyuun hawaasni magaalaan galii xiqqaa argatu walumaa gala deggeraafi hundee kaayyoo keenyaati. Waan kana ta’efis ummata magaalaa bal’aa cinaa keenya hiriirsuudhaaf dhamaatii guddaa goona. Abbootiin qabeenyaa sochii misoomnaarratti boba’an guddiaaf murteessaa qabu. Abbootii qabeenyaa sochii misoomaa gufachiisu maqsuuf qabsaa’aa qabsoo misooma dinagdee adeemsifnu keessatti cinaa keenya akka hiriiruuf bal’inaan sochoona.

15.Kaayyoon warraaqsa demokraasii keenyaa kan itti hinmi’oofne humnootiin mormitootaa tokko tokko jiraachuu malu. Abbootiin qabeenyaa sochii misoomaatiin ala, aangoo mootummaafi hanqina misoomaa keenyatti fayyadamuun dorgomuu kan barbaadan kaayyoo warraaqsa demokraasii keenyaa mormanii dhaabbachuu nidanda’u. Humnootiin kun fiixa ba’iinsa demokraasiitiif dhaabbanneera jedhanii hagam yoo kakataniyyuu, gocha farra demokraasiisaaniitiif haguuggii godhachuurra darbanii demokraasii dhaabbachuuf uumamni saanii kan isaanii heeyyamu miti. Waan kan ta’eefis kaayyoo ijaarsa warraaqsa demokraasii keenyaa cimsanii mormu. Dh.D.U.On kaayyoo qabatee ka’e kan fiixa baasuuf qixa siyaasaa demokraatawaan qasaa’uu qaba. Heera mootummaafi seera biyyattii cabsuudhaan yakka raawwatamu kamiinuu karaa seera qabeessa ta’een to’achaa, heera mootummaafi seera biyyattii hordofuun kaayyoosaanii karaa nagaa tarkaanfachiisan taanani mirgootasaanii kabajuu barbaachisa. Kana bu’ura godhatee karaa nagaafi demokraasii qofa qabsaa’uu qaba.


16.Waiyta ammaa kana biyyoota addunyaa mara gidduutti walitti hidhinsi damee hedduu qabu guyyaa guyyaan uumamaa jira. Biyyi keenya Itoophiyaanis walitti hidhiinsa kana keessatti ciminaan kan hirmaattuufi ga’umsaan qooda kan fudhattu ta’uu qabdi. Biyyootiin hundinuu faayidaasaanii fiixa baafachuuf qabsaa’u. Itoophiyaanis akkasuma furmaata rakkooshee kan ta’e misooma dinagdee ariifataafi ijaarsa sirna demokraasii fiixa baasuuf cimsitee niqabsoofti. Biyyootii baay’een dinagdee ariifataafi ijaarsa sirna demokraasii kanatti fayyadamoo akka ta’an beekamaadha. Karaadhuma wal-fakkaatuun addeemsi kun faayidaasaanii kan jalaa tuqu jiraachuu danda’u. Faayidaa keenyarraa kaanee, biyyoota fiixa ba’iinsa kaayyoo keenyaa deeggaranii wajjin gartee uumna cinaasaanii nidhaabbanna. Kanneen kaayyoo keenya gufachiisan garuu cimsinee balaaleffanna. Rakkoo kana maqsuufis ta’e balaa karaa kanaan nuquunnamuu danda’u xiqqeessuudhaaf karaa adda addaa inqabsoofna.
17.Dh.D.U.On kaayyoowwan hunde-qabeeyyii armaan olitti eraman raawwachuuf akkaatan dandeessisuun, sagantaa dinagdee, siyaasaa, kan hawaasummaafi imaammataa alaa sirriitti ibsu haala armaan gadiitti qopheesseera. Sagantaa warrqsa demokraasii kanatti fayyadamoo kan ta’an ummatoonni biyya keenyaa hundi kaayyoo kana jalatti walitti qabamuudhaan fiixa ba’insasaatiif akka qabsaa’u waamicha dhiyeessa.
1. SAGANTAA SIYAASAA
1) Tarsiimoo siyaasaa Dh.D.U.O.

Tarsiimoon siyaasaa Dh.D.U.O. mirgootiin namoomaafi demokraasii lammiiwwanii heera mootummaatiin mirkanaa’an guutummaan akka kabajaman, aadaafi caasaaleen demokraasii akka dagaagan, ummatichi sochii siyaasaafi dinagdee biyyattii hirmaannaa ho’aafi bilisa ta’een akka mirkaneessu, kabajama mirga ummatootaatiin, walqixxummaafi wal-jaalaa ummatootaatiin tokkummaa cimaan akka uumamuufi sirna demokraatawaa paartiiwwan hedduu akka uumu gochuudha. Kaayyoo tarsiimoo siyaasaa kana fiixa baasuufis sagantaa siyaasaa kanatt aanu hojiirra oolcha.




2. Mirga Lammiiwwanii Kabachiisuu, Aadaafi Caasaalee Demokraasii Jajjabeessuu

2.1. Mirgootiin namoomaafi demokraasii heera mootummaatiin dhugooman lammiiwwan hundumaaf guutummaan kabajamanii akka itti fufaniifi cimaa akka adeeman gochuu.


2.2. Sirna demokraasii mirgooleen lammiiwwan hundaa kabajame keesatti ummanni bal’aan mirgoolee kanatti guutummaafi bal’inaan akka fayyadamu cimsanii qabsaa’uu.
2.3. Karaa seeraafi demokraasii aangoof kan dorgoman paartiileen siyaasaa akka babal’atan, karaa seera-qabeessa ta’een ummata akka gurmeessan, yaadasaanii akka ibsaniifi hojii siyaasaatti bilisummaan akka hirmaatan gochuu.
2.4. Karaa seera-qabeessa ta’een, oduu, yaada bilisaafi hojiiwwan miidhiyaa kanneen biroo kan hojjetan caasaaleen miidhiyaa bilisaa akka babal’atan gochuu.

2.5.Seera biyyatiitiif ajajamaafi amanamaa kan ta’e dhiibbaa kamirraayyuu bilisa kan ta’e, abbootii seeraaa ga’umsa qabaniifi ogeeyyota seeraatiin kan caaseffame sirna seera si’ataan akka uumamuufi akka cimu gochuu.


2.6.Qaamoleen seera baaftuufi seera raawwachiiftuu aangoofi gaafatama heera mootummaatiin argatan haala guutuun akka raawwatan gochuu.
2.7. Seera baaftuu, seera raawwachiiftuufi seera hiiktuu gidduu jiraachuu kan maluufi seera mootummaatiin kan tartiibame, sirna qaamni tokko isa biraa ittiin to’atu guutummaan hojiirra akka oolu gochuu.
2.8.Dagaagina demokraasiitiif barbaachisaa kan ta’an, waldaaleen ogummaafi ummataa, dhaabbileen mit-mootummaa garaa garaa bilisummaansaanii eegameefii karaa seera qabeessa hordofanii akka jabaataniifi akka ciman gochuu.
2.9.Garaa Garummaa keenya karaa qixa demokraasiitiin hiikuu, bilisummaan dorgomuufi falmuun aadaa ta’ee akka guddatu gochuuf karaa walirraa hin cinneen yaalii gochuu.

2.10. Mirgootiin kana ukkaamsuuf, ququnxuruuf, sirna demokraasii hundeedhaa balleessuuf, yookiimmoo geeddaruuf yaalii seeraan ala gochamu kamiinuu cimsanii balaaleffachuu, to’achuu, maqsuuf qabsaa’uu.


3. Hirmaannaa Ummata Bal’aa,Bilisaa fi Demokraatawaa ta’een Sirna Demokraasii ijaaruu

3.1.Mirgi namoomaafi demokraasii lammiiwwan hundaa kan keessatti kabajaman sirni demokraasii paartiiwwan hedduu akka mirkanaa’u, kana keessattis mirgi ummata bal’aa, keessumaammoo qonnaan bulaafi ummata magaalaa, mirgoota kanatti fayyadamuun hirmaannaa demokraatawaa bal’aa ta’e akka qabaataniif hubannaa cimaa kennanii qabsaa’uu.

3.2.Ummatichi waldaalee ogummaafi ummataa garaa garaa keessatti akka gurmaa’u, bilisummaafi demokraasummaan waldaalee akka mirkanaa’u, gochuuf deggarsa guutuu kennuu, ummatichi karaa waldaalee kanaa mirgaafi faaydaasaatiif akka qabsaa’u jajjabeessuu.

3.3.Ummanni kallattiidhaanis ta’e karaa waldaalee kanaa misooma dinagdee mootummaan adeemsifman keessatti fedhiisaatiin bal’inaan akka hirmaatu haala mijjeessuu.

3.4. Sadarkaalee aangoo ummanni bal’inaan keesatti hirmaachuu danda’u, keessumaammoo caasaaleen aanaafi gandaa aangoo seeraan beekamee kaa’ame akka qabaatan gochuu, sochiin caasaalee kanaa, ummaticha, waldaalee ogummaafi ummataa, waldaalee maayibaasii ga’umsaan kan hirmaachisu akka ta’u gochuu.

3.5.Ummanni bakka bu’ootasaa sadarkaa sadarkaadhaan kan itti filatu kan itiin to’atuufi bakka bu’ummaaf ga’umsa hinqabdani wayita jedhummoo iddoorraa kaasee kan biraa filachuuf sirna isa dandeessisu akka argatuuf qabsaa’uu, qabatamaanis mirkaneessuu.

3.6.Qaamoleen aangoo mootummaadha waataan ijaaraman hojiisaanii ifummaafi gaafatamummaan akka raawwatan gochuuf sirna dandeessisu uumuu, ummatichi caasaalee kana mirkaneessee, fayyadamaa akka ta’u gochuuf hirmaannaa bal’aa akka qabaatu gochuu.

3.7.Ummanni mirgootasaatti ga’umsaan fayyadamuu akka danda’uuf barmoota sadarkaa jalqabaa lammiiwwan hundaa waliin ga’uu, manneen barmootaa yaada demokraasiitiin akka ijaaraman, lammii heera mootummaatiif amanamaa ta’e kan horatan akka ta’an gochuu.

3.8.Imaammataafi karoora mootummaafi Dh.D.U.On qopheessan irratti ummanni bal’inaan akka hirmaatu, akka mari’atu yaadasaa akka kennu, akka falmuufi yaada bilisaa isaati fakkaate akka kennu gochuu, ejjennoo barbaade akka qabatu gochuu, adeemsa kanaanis ummanni keenya aadaa demokraasii cimsachaa akka adeemuuf qabsaa’uu.

3.9. Biirookraasiin mootummaa dhawaataan jiru ummata akka tajaajilu, murteewwan qaamoleen aangoo ummata murteessan ga’umsaafi amantummaan hojiirra oolchuu kan dandeessisu ilaalcha, gurmaa’ina humna namaa leenji’eefi akkaataa hojii si’ataa akka qabaatu gochuu. Biirookraasiin imaammata mootummaa hojiirra oolchuuf beekumsa ga’aa akka qabaatu gochuu.

3.10. Biirokraasiin mootummaa dhawaataan jiru beekumsaa fi bu’aa hojiisaa qofaan kan fo’atamuufi kan guddatu akka ta’u gochuu, muudama siyaasaafi hojii biiroo karaasii sirriitti addaan baasuu, karaa kanaan biirookraasiin mootummaa federaalaa hirmaannaa sabaafi sabalammootaa kan mirkaneessu akka ta’u gochuu.

4 Mirga Ummattootaa Kabajamee, Walqixxummaafi Waljaalalarratti

Kan Bu’ureeffame Tokkummaa Demokraasummaa Cimaa Uumuuf Qabsaa’uu

4.1. Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu sabaafi sablamootaa heera mootummatiin mirkanaa’e akka hinququnxuramne qabsaa’uu.

4.2.Mirgi ummatootaa heera mootummaatiin kabajamee, tokkuummaan ummatoota fedhiifi jaalalarratti bu’ureeffame akka jiraatuuf fufiinsaan qabsaa’uu.

4.3.Ummatoonni naannoo saaniitti mataasaanii akka bulchan, mirgi qooqasaaniitti fayyadamuu sirriitti akka mirkanaa’u qabsa’uu, mirga kana hojiirra oolchuu kan isaan dandeessisu hojii ijaarsa humnaa hojjechuu, garaa gartummaa humna raawwii naannolee giddu jiru dhphisuuf qabsaa’uu.

4.4.Qaamolee aangoo ummataa filannoon hundeeffamefi dhimma waliiwajjin murteessan keessatti ummatoonni hirmaannaa walqixa akka qabaatan gochuu, bakka bu’oonni ummataa sadarkaa kanatti hirmaatanis ga’umsa humna akka qabaatan gochu, gargaaruu.

4.5.Seenaan ummatoota hundaa akka beekamu, aadaansaanii akka gabbatuufi akka kabajamu gochuu,

4.6.Ummattoonni naannoosaanii misoomsuudhaaf mirga walqixa akka qabaatan gochuu. Naannoleen boodatti hafan humna raawwachiisaa isaanii akka cimsatanfi hundeen misoomaa akka babal’atuuf deeggarsa cimaa gochuu. Hojiin naannolee gidduutti guddina walqixxaate fiduuf hojjetamu kun Itoophiyaa keessatti hawaasa cimaa dinagdeen wal hidhe tokko uumuuf akkaataa dandeessisuun akka adeemsifamu gochuu.

4.7.Tokkummaa Itoophiyaa walqixxummaafi waljaalala ummatoo taarratti bu’urreeffame fiduuf fufiinsaan qabsaa’uu.

4.8. Walqixxummaa ummatootaa laaffisuu kan danda’an dhiphummaafi oftuulummaa dhabamsiisuuf qabsaa’uu. Yaada kana ummata keessaa haquuf ciminaan hojjechuu.

4.9.Qabeenya ummatoota Itoophiyaa wal-wajjinii kan ta’an aadaafi seenaa ummata keenyaa cimsuuf akka beekamaniifi akka babal’atan gochuu.

4.10.Waltajjiiwwan ummattoonni Itoophiyaa hundi ittiin wal-ga’an, ittiin wal-baran, faayadaa wal-wajjiniittiif ittiin qabsaa’an akka cima akka babal’atan gochuu

5. Raayyaa Ittisaafi qaama seera

eegduu cimaa uumuu.

5.1. Heera mootummaa sirriitti kan beeku, heera mootummaaf amanamaa kan ta’e, olaantummaa ummataatiif kan dhaabbatu, biyyattii weerara alagaarraa ittisu raayyaa ittisaa cimaa ijaaruu

5.2. Rayyaan ittisaa ijaaramu, humnaafi eegumsa nageenya biyya keenya kan hubate, qulqulinaafi bal’ina diramasaa ba’uu isa dandeesisu kan qabu, bifa ammayyaa’een gurmaa’ee, fufiinsaan cimaa kan adeemu akka ta’u gochuu.

5.3.Ummanni bifa gurmaa’een hojii ittisa biyyaarratti qooda akka fudhatu kan dandeessisu sirna mijaa’a uumuu.

5.4.Raayyaan ittisaa dirqamaafi gaafatamummaa heera mootummaatiin itti kenname sirriitti kan hbate, tokkummaa cimaa kan qabu, guddinni miseensotaa beekumsaafi bu’aa qabatamaa argamsiisaniin akka ta’u, beekumsaafi meeshaa waraanaa ammayyaa’een kan cime, wal-qixxummaa sabaafi sablammootaa kan qabu akka ta’u gochuu.

5.5.Mirgi lammummaa miseensota raayyaa akkuma jirutti ta’ee, garuu, miseensi raayyaa kamiyyuu miseensa jaarmiyaa siyaasaa akka hintaane dhorkuu. Gaafatamummaan raayyaa mootummaa ummataan filatameef akka ta’u gochuu, Raayyaan ajajaafi to’annoo jaarmiyaa siyaasaa jala akka hin taane gochuu.

5.6. Heera mootummaafi seera biyyattii kanneen biroo hunda sirriitti kan hubate, amanamaafi bekumsa ammayyaan kan leenji’e humni poliisii dhawaataan akka jiraatuufi akka cimu gochuu.

5.7. Humni poolisii dhawaataa jiru kamiyyuu, mirga ummataa kan kabajuufi kan kabachiisu akka ta’u, yakkamoota ogummaa poolisiitiin adamseefi hordofee seeratti kan dhiyeessu ga’umsaafi ilaalcha amansiisaa kan qabu akka ta’u gochuu.

5.8. Ummanni hojii yakka ittisuu keessatti bal’inaan hirmaachuu kan dandeessisu, sirna bal’aafi mijaa’aa uumuu, yeroo yeroon cimsaa, fooyyesaa adeemuu.

5.9. Mirgi lammummaa polisootaa kan eegamuufi kan kabajamu ta’ee, garuu, pooliisiin kamiyyuu miseensa paartii siyaasaa akka hintaane dhorkuu, gaafatamummaan polisii filatamtoota ummataa dhawaataan jiraniif akka ta’u gochuu. To’annoo paartii siyaasaa jala akka hin galee gochu.

5.10Humni poolisii kun dirqamasaa ga’umsaan raawwachuu akka danda’uuf leenjiifi meeshaalee polisii ga’aa ta’e gabaachuu mala, humni poolisii dhawaataan jiru kamiyyuu waldeggareefi walgargaaree akka adeemu gochu.


II. SAGANTAA DINAGDEE

6. Kaayoo Tarsiimoo Dinagdee Dh.D.U.O

Kaayyoon guddina ariifataa mirkaneessuudhaan, ummanni guddina kanarraa sadarkaa olaanaa fayyadamaa akka ta’u gocuu, sadarkaa biyyi keenya dinagdee addunyaa keessatti qabdu fooyya’aa, cimaa akka adeemu gochuudhaaf dinagdee gabaa bilisaa ijaaruu, kana fiixa baasuu fimmoo sagantaa dinagdee armaan gadii hojiirra akka oolu godha.

7.Qixa misoomaa baadiyaafi qonnaan bulaa giddugaleessa godhate hordofuu

7.1. Misooma ariifataa ta’eefi fufiinsa qabu mirkanessuudhaaf ga’ee murteessaa kan taphatu ummata waan ta’eef Ummata jechuunimmoo hangafummaadhaan baadiyyaa keessa kan jiraatu waan ta’eef, akkasumas baasii muraasaan bu’aa misoomaa guddaa argachuu kan dandeenyu qonnaarraa waan ta’eef sochiin misoomaa keenya baadiyyaafi qonnaan bulaa kan waalteffate ta’a.

7.2.Misooma ariifataa kana mirkaneessuuf, qonnaan bulaan lafa qonnaa ga’aa akka qabaatu, lafa argatummoo callaa baay’ee argachuuf akka itti fayyadamu fayyadamnisaa qabeenya uumamaa sadarkaa olaanaadhaan kunuunsuu kan gargaaru gochuu, kana fiixa baasuufimmoo imaammaani fayyadama lafaa akka ba’u, yeroo yeroon fooyya’aa akka adeemu gochu.

7.3.Humni misoomaa ummataa dandeettiisaa waan ta’eef humni hoomishtummaa qonnaan bulaa barmootaafi leenjiidhaan akka gabbatu gochuu, fayyaansaa akka eegamu, yeroodhaan fooyya’aa kan adeemu dhiyeessiin teknooloojii qonnaa akka mirkanaa’u gochuu.

7.4.Ummata baadiyaa hojii misoomaa keessatti bal’inaafi ga’umsaan akka hirmaatu gochuuf kan gargaaran waldaaleen maayibaasi akka uumaman, bilisummaansaanii akka eegamu, ummatichi hirmaannaa bal’aafi bilisaa akka qabaatu haala mijjaawaa uumuu.

7.5.Sochiin misooma dinagdee keenyaa hoomishtummaa lafaa sadrkaa olaanaa kan eeguuf kan guddisu, qonnaan bulaan humnasaa akkaataa barbaachisaa t’een akka fayyadamuufi bu’aaf akka argatu kan godhu akka ta’u gochuu.

7.6.Misooma baadiyyaa kan gargaaran, karaa, barmootaa, leenjii, tajaajila fayyaafi jallisii, walumaa gala bu’ura misoomaa ga’a diriirsuu. Gurmaa’inni misooma baadiyyaa bifa gurmaa’een adeemsisuuf gargaaru akka jiraatu gochuu. Qaamolee mootummaa sadarkaa aanaafi gandaatti argaman cimsuu.

7.7. Misoomni qonnaa keenya haala gabaa Addunyaatti kan oogganamu akka ta’u gochuu-sirni bittaa qonnaa akka fooyya’uuf waldaalee maayibaasii babal’isuufi cimsuu. Qonnaan bulaan meeshaalee bu’aa teknoloojiitti fayyadamuu dhaan hoomisha qonnaa gatiifi qulqullinaan dorgommii keessa seenuu danda’an akka hoomishu gargaaruu abbootiin qabeenyaas sirna bittaafi gurgurtaa qonnaa kana keessatti bal’inaan akka hirmaatu jajjabeessuu.

7.8. Sochiin misooma keenyaa iddoo hundumaatti callaa gosa tokkoofi daree qonnaa murtaa’e qofaarratti kan daangeffame akka hintaanee gochuu. Misooma qabeenya beelladaa, kunuunsa qabeenya uumamaafi eegumsa bosonaa, callaa midhaan nyaataa, kuduraafi muduraa meeshaalee industiriifi kanneen kana fakkaatu kan oomishu misooma qonnaa cimaa akka ta’uuf qabsaa’u. Naannoleen akka haala qabatamaasaaniitti kanneen akana keessaa filatanii, kanneen bu’aa caalaa argamsiisanirratti akka xiyyeeffatan gargaaruu. Kanarraa ka’uun hojii misooma qonnaa babal’isuufi naannoleen ammoo damee tokkorratti akka xiyyeeffatan gochuun wal-deeggaranii akka adeeman gochuu.

7.9.Qonnaafi dameen misoomaa kanneen biroon wal-deeggaraniifi wal-simanii deemuun akka wal-cimsan gochuu. Guddina qonnaa dhufurratti hundeeffamee Industriifi daldalli akka babal’atu, qonnaan humna namaatiin kaappitaala dinagdee birootiif carraa akka argamsiisu, adeemsaan, Industirii, daldalaafi tajaajilli daree dinagdee isaa hangafa akka ta’u gochuu. Sirni faayinaansii baadiyyaa guddina kana karaa deeggaruun akka gurmaa’u gochuu.

7.10.Biyya keenyatti wabiin midhaan nyaataa akka mirkanaa’u gochuu. fayyadama lafaa fooyyessuudhaan, akka naannoosaatti hojii qonnaa bu’aa caalaa argamsiisurratti akka bobba’an gochuu, bishaan gadameessa lafaafi bokkeenyatti fayyadamuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu. Baadiyaatti, akkasumas walitti dhufeenya baadiyyaafi magaalaa cimsuudhaan wabii midhaan nyaataa cimsuu keessatti ga’ee mataasaa akka gumaachu gochuu. Qubiinsa fedhii ummataarratti hundaa’e hojiirra oolchuudhaan, sochiin humnaa bilisa ta’e akka jiraatu deggaruudhaan wabiin midhaan nyaataa akka dhugoomu gochuu. Carraa hojii misooma qonnaarratti hundaa’e fiixa baasuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu. Kanaafimmoo haala naannoleerratti hundaa’uudhaan qindoominaan hojjechuu.

7.11.Naannoo tikfatee bulaatti, misooma looniirratti kan xiyyeeffate, tikfatee bulaan loonsaa gosaafi baay’inaan akka fooyyeefatu kan godhu, gabaa looniifi argama loonii akka argatu kan gargaaru sochii misoomaa qindoome adeemsisuu. Adeemsa keessammoo tikfatee bulaa qubachiisuuf yaaluu, haala mijjeessuu. Ummata fi ooggantoota naannoo wajjin ta’uudhaan misooma naannoo tikfatee bulaa karoorsuu, yeroo yeroon fooyyessuu.

7.12.Abbaa lfummaa karaa ilaaluun qajeelfama heera mootummaarratti ibsame guutummaan hojiirra oolchuu.

7.13.Mirgi fayyadama lafaa qonnaan bulaan qabu wabii akka argatuuf toftaa baasuu, hojiirra oolchuu, yeroo yeroon fooyyessuu, qonnaan bulaan lafa kireessuuf mirga akka qabaatu gochuu, qotiisa ammayyaan baay’inaan humna fayyadaman oyiruu qonnaan bulaarratti babal’isuu, abbootii qabeenyaa lafa kiraa argachuu akka danda’aniif haala mijeessuu, kana deggaruu, gurmeessuu, hojiin kun qonnaan bulaa akka hinbuqqifneefi humnasaa akka hintamsaafne of-eeggannoo cimaa gochuu, to’achuu.

7.14.Abbootiin qabeenyaa qonnaa ammayyaa babal’isuu barbaadan lafa mootummaa kiraa yeroo dheeraatiin (investimentiifi liizii) akka argatan jajjabeessuu. Naannoo kanaatti hundeen misoomaa akka babal’atu gochuu, humni namaa qonnaa kana keessatti qaxaramee hojjetu baay’inaan akka argarmu gochuuf hojii bal’aa hojjechuu. Abbootii qabeenyaa misooma qonnaarratti bobba’aniif tajaajila gorsaafi leenjii kennuu.

7.15.Misooma gonnaa qu’annoo qonnaa fufiinsa qabuun deggaruu, qu’annoofi qabatamni wal-deggaranii akka adeeman gochuu, fala qonnaa biyya keessaa babal’isuu cinaatti teknooloojii biyya alaa qabatamaa biyya keenyaa wajjin walsimsiisuun bal’inaan akka galan gochuu. Kanaafimmoo qu’annoon qonnaa biyya kenyaa akka babal’atuufi akka cimu godhuu.

7.16.Barnoota sadarkaa tokkoffaa baadiyaatti babal’ataa jiru bu’uura godhachuun leenjiin misoomaa bal’aan akka kennamu, teknooloojiin qonnaa yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama guddaa akka argamsiisu, qonnaan bulaan jireenya gidiraa keessaa ba’ee qonnaan bulaa ammayyaa’etti akka jijjirramu gochuu. Barmootaafi leenjii, dhiyeessii qu’annoofi teknooloojii gabaafi faayinaasiin qindoominaan tajaajila kana akka deeggaru gochuu. Yeroo gabaabaafi giddu galaa keessatti hojiin qonnaafi misooma baadiyaa hundee kana akka qabaatu gochuu.
8. Humnoota misoomaa keenyaatti karaa sirrii ta’eefi qindoominaan fayyadamuu

8.1.Ummata baadiyyaa qofaa utuu hintaane ummanni magaalaa fayyaansaa eegamee, humni oomishtummaasaa barmootaafi leenjiidhaan jabaatee hojii misoomaarratti akka bobba’u gochuu. Qonnaa qofaa utuu hintaane misoomni Industiriis dareewwan humna gurguddaa fayyadamanirratti akka xiyyeeffaatuufi humna ummataa sadarkaa olaanaan kan fayyadamu akka ta’u gochuu.

8.2.Misoomni biyya keenyaa ariifataafi fufiinsa kan qabu ta’uu kan danda’u yoo ummanni hojii misoomaarratti hirmaate waan ta’eef mootummaan hirmaannaa ummataa kana jajjabeessuurratti akka xiyyeeffatu gochu. Ummanni misooma kanarraa caalmaatti fayyadamaa ta’uu kan danda’u, humni misoomaa ummataa barmootaafi leenjiidhaan, eegumsa fayyaatiin yoo cime, haala gurmaa’een sochii misoomaarratti yoo qooda fudhateefi tarsiimoon misoomaa hojiirra yoo oole waan ta’eef qixa kana hordofuu. Mootummaan hirmaannaafi fayyadama ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffatee akka socho’u gochuu.

8.3.Abbootiin qabeenyaa sirna gabaa bilisaa keenya keessatti ga’e uuddaa gummachuu kan danda’an ta’uu hubachuudhaan hoomishaafi tajaajila dinagdee keenyaaf haala mijeessan keessatti akka hirmaataniif deggersa addaan kennuu, kunuunsa olaanaa gochuu.

8.4.Abbootiin qabeenyaa sochii misoomaa keessatti hirmaatanii shaqaxaafi tajaajila gabaa keessatti dorgomaa ta’e hoomishuun akka danda’aniif deggarsa qindoomee akka argatan gochuu. Qulqullinnisaa kan eegame, gatiin kan dorgomuufi si’ataaa kana ta’e bu’ura misoomaa, tajaajila faayinaansii, odeeffannoo, gorsaafi tajaajila leenjii akka argatan gochuu. Mootummaan abbootii qabeenyaa misoomarratti bobba’anii wajjin mari’ateefi walii galee akka hojjetuuf haala mijjeessuu.

8.5.Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa kutaawwan dinagdee mootummaaf jedhamanii adda ba’anii ala, dirree hundumaarrattuu daangaa kaappitaalaa malee akka bobba’aniif eeyyamuu. Abbootiin qabeenyaa biyya alaamoo kanneen abbootii qabeenyaa biyya keessaaf, yookiinimmoo mootummaaf jedha manii kanneen adda ba’aniin ala, dirree hundumaa keessattuu akka bobba’aniif ooganuu.

8.6.Abbootii qabeenyaa misoomarratti hirmaatan deggaruu cinaatti, kanneen hojii misoomaarratti utuu hin hirmaatiin, matta’aa dhaan, dalda sobaatiin,karaa hintaaneen duroomuu barbaadan to’achuufi maqsuuf qindoominaan hojechuu.

8.7.Mootummaan haala dinagdee mijjaawwaafi dirree dinagdee tasgabbaa’aa uumuudhaan, hirmaa nnaa ummataa deggaraafi cimsaa, hirmaannaa abbootii qabeenyaa jajjabeessaa akka adeemu gochuu.

8.8.Mootummaan kan ka’umsa godhatee hojii hundee misoomaa diriirsuufi babal’isuurratti akka xiyyeeffatu gochuu. Hojiin daandii humna mootummaafi ummataa qindaa’een akka raawwatamu gochuu. Abbootiin qabeenyaa daandii baaburaa babal’isuurratti akka hirmaatan gochuu. Abbootiin qabeenyaa biyya keessafi biyya alaa humna elektiriikaa burqisiisuurratti akka bobba’an gochuu. Tajaajila telekomuni keeshinii babal’isuuf abbootiin qabeenyaafi mootummaan qindoomanii akka hojjetan gochuu.

8.9.Kana birattis mootummaan kanneen abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin akkaataa barbaadametti hojetamuu hindandeenyeefi dirreewwan hundee misoomaa ta’anirratti filannoon akka bobba’u, kanneen uumama akkanaa hinqabne keessaammoo harkasaa akka baafatu gochuu.

8.10.Industiriin raayyaa ittsaa to’annoo mootummaa jala akka turu gochuu. Ce’umsa teknooloojiitiif, fooyya’ina bulchiinsaatiif barbaachisaa kan ta’animmoo waliigalaan dirree kana keessa akka jiraatan gochuu.

8.11.Dhaabbileen faayinaansii mootummaaf, yookiimmoo abbootii qabeenyaa biyya keessaatiif akka heeyyamaman gochuudhaan tajaajila faayinaansii babal’isuu. Qulqullinasaa eeguudhaan fufiinsa akka qabaatu gochuu. Mootummaansis ta’e, abbootiin qabeenya dhuunfaa biyya keessaa hanqina bulchiinsaa maqsuudhaaf ogeeyyotaafi kubbaa niyyoota biyya alaa qacaranii akka hojjechiisaniif haala mijeessuu. Dareen faayinaansii si’ataa akka ta’uuf dorgommii karaa kanaan jiru cimsuudhaaf toftaa baasuu. Yeroo yeroon cimsuu.

8.12.Kaayyoon biirookraasii mootummaa hawaasa tajaajiluu, ummataafi abbaa qabeenyaa misoomarratti bobba’ee jiru deeggaruu akka ta’e hubachiisuu. Biirookraasii misoomaaf gufuu ta’u maqsuu. Manneen hojii mootummaa deggartoota misoomaa akka ta’aniif humna namaa leenji’een akka ciman, gurmaa’innisaaniifi akkaataan hojiisaanii akka cimu gochuu. Yeroo yeroon cimsaa adeemuu.

8.13.Mootummaan humnootii misoomaa qindeessuufm humnasaanii cimsuuf, ofiisaas ga’eesaa gumaachuuf haala isa dandeessisu uumaauu, hojii ijaarsa humnaatiif hubannaa kennee socho’uu qaba.

9.Naannoo Biyya keenyaa Hundumaa Keessattuu Guddinni Wal-qixxeen Akka Jiraatu, bilisummaan Dinagdee Biyya Keenyaa Akka Cimu Gochuu

9.1.Guddinni naannolee biyya keenyaa garaa garaa guddina biyyattii ariifachiisuufi hawaasni dinagdee wal-hidhiinsa cimaa tokko qabu tokko akka uumamu gochuu. Shaqaxoonnifi kaappitaalli bilisummaa akka socho’u gochuu.

9.2.Naannoleen biyya keenyaa hundinuu guddina misooma ariifataa fiduu danda’an akka mikrkaneessaniif carraafi mirga wal-qixa aakka qabaatan gochuu. Kana mirkaneessuuf ga’ee ijoo kan qabu humna raawwachiisuu waan ta’eef kana naannoo hundumaa keessatti wal-qixxee guddisuuf yaalii fufiinsa qabu gochuu. Naannolee humna xiqqaa qabaniif hubannaa addaa kennuu.

9.3.Guddina biyya keenyaa ariifachiisuuf dinagdee wal deeggaru fiduuf bu’uura misooma diirirsuun akkuma jirutti ta’ee, hojii kana naannoo hundumaa keessatti wal-qixa raawwachiisuuf hubannaaaddaattiin socho’uu.

9.4.Naannolee biyya keenyaa hundumaaf wal-qixxee kan ta’e, madaallii ifa ta’een kan qixxaa’e, deeggarsa baajataa kennuu. Madaallicha yeroo yeroon fooyyessu. Naannolee misoomaan boodatti hafaniif deeggarsa baajataa adda ta’e kennuu.

9.5.Naannolee biyya keenyaa hundumaa keessatti human misoomaa murteessaa kan ta’e ummanni bal’aan iddoo hundattuu misoomaafi akka ka’u gochuu. Abbootiin qabeenyaa naannoo hundattuu hojii misoomaarratti akka bobba’an jajjabeessuu. Naannolee boodatti hafan keesatti inbestimeentii jajjabeessuu, kanaafimmoo imaammata kan ilaalu baasuu.

9.6.Biyyi keenya kadhaa keessaa baatee bilisummaan dinagdee keenya cimaa kan adeemu, sirn dinagdee adduunyaa baay’ee cimaa adeemu kana keessatti adda durummaan yoo qooda fudhattewaan ta’eef kan hubachuudhaan ga’ee keenya fooyyessuuf tumsuu. Hoomishniifi tajaajjiila keenya gabaa addaunyaa keessatti gatiifi qulqullinaan dorgamaa akka ta’u gochuu.

9.7.Hummootiin misoomaa biyya keessaa misooma keenya ariifachiisuuf fufiinsasaa mirkaneessuun, bilisummaa dingdee keenya oomishuufi biyaa keenya kadhaa keessaa baasuun ga’eesaanii akka gumaachan gochuu. Abbootiin qabeenyaa biyya alaa bilisummaa dinagdee keenya cmsuufi dinagdee ariifataa fiduu keessatti ga’ee guddaa akka taphatan jajjabeessuu, carraa fi filannoo karaa kanaan jiran hunda duguuganii fayyadamuu.

9.8. Guddina ariifataa fiduudhaan kadhaa jalaa bahuuf faayidaa gabaa bal’aan qabu sirriitti hubachuudhaan humni bittaafi gurgurtaa ummataa akka guddatu, dinagdee bilisaa wal-deggaree adeemu akka uumamu gochuu. Guddinni ariifataan gabaa biyya keessaa bal’aa uumuuf, gabaan biyya keessaa bal’aanimmoo guddina ariifataa mirkaneessuuf ga’ee wal-deeggaree adeemu cimaa akka qaban hubachuudhaan kan hojiirra oolchuu.

9.9. Guddina keenya ariifachiisuu dhaan kadhaa keessaa bahuufi bilisummaa dinagdee keenya cimsuuf naannoo keenyattis ta’e sadarkaa Afiriikaatti dinagdee waldeeggaru cimaa tokko uumuuf cimsinee hojjechuu.

9.10. Kadhaa keessa bahuufi bilisummaa dinagdee keenyaa cimsuuf wantoota nu gargaaraniifi waldeeggarsa addunyaa hunda cimsuu, kanneen kanaaf gufuu ta’animmoo dhawaataan hir’isuu, maqsuu, haala Addunyaa jijjiranii hubachuun toftaalee kana wajjin tarkaanfataaa hunda qopheessuu, fooyyessuu,

10.Tarsiimoo Misooma Magaalaa Guddina Keenya Ariifachiisu Baasuudhaan Hojiirra Oolchuu

10.1. Misooma daldalaafi idustirii misooma baadiyyaa deggaraniifi kan wajjin wal qabatan, akkasumas magaalonni hojiileen kun keessatti hojjetaman dhawaataan akka hundeeffaman gochuu. Ijaarsiifi adeemsi misooma magaalaa sochii misooma baadiyyaafi Industirii naannoo naannootti jiraatu wajjiin kallattiin kan walqabateefi karooraan kan oogganamu akka ta’u gochuu

10.2. Hundeen misoomaa magaalotaa ga’ee misooma naannichaa keessatti gumaachuu danda’an wajjin akka walqabatu gochuu. Magaalaa ga’ee kana qabuuf bu’urri misoomaa kamtu barbaachisa wanti jedhu addaan ba’ee karooraan raawwachuu mala.

10.3. Dhiyeessiin lafaafi bu’urri misoomaa magaalonni qabaachuu malan, tajaajila daldalaafi misoomaf faayidaa qixa kennuun to’atamuu qaba. Haala qabatamaa magaali chaatiin iddooleen kanumaaf taa’an akka jiraatan gochuu.

10.4. Rakkooleen imaammata liizii magaalaarratti argaman atattmaan akka maqafaman gochuu. Akkaataa lafti liiziin itti kennamu, sochii misoomaa kan deeggaru, ifummaa kan qabuufi si’ataa ta’uusaa mirkaneessuu. Kanammoo yeroo yeroon cimsaa deemuu.

10.5. Ummanni bulchiinsa siyaasaa magaalotaa keesatti, sochii misoomaafi eegumsa nageenya naannoo keessatti bal’iinaan akka hirmaatu gochuu. Karooraafi misoomni magaalaa hirmaannaa ummataatin akka mirkanaa’u gochuu.

10.6. Tajaajila bulchiinsa magaalaa guddina magaalaafi qophii master pilaanii ilaalchisee ogummaan qabanu akka jabaatu, akka guddatu gochuu. Karaa kanaan qooda fudhannaan ogeeyyotaa akka bal’atu gochuu. Humna raawwachiisaa magaalaa cimsuuf fufiinsaan hojjechuu.

10.7. Magaalonni maallaqa bulchiinsafi misoomasaanii deemsi suuf isaan barbaachisu walitti qabuuf human akka qabataan gochuu. Liqaa galiisaanii waliin walsimu argachuu haala isaan dandeessisu mijeessuu. Tajaajilooni bulchiinsa magaalaa kennan yoo xiqqaate baasiisaanii danda’uu akka qabu gochuu.

11. Misooma Indusitrii Ariifataa Mirkaneessuu

11.1. Industiriin guddina qonnaarratti hundaa’eefi misooma qonnaa wajjin walqabate akka babal’atu gochuu.

11.2Industiriin uumamu hanga danda’ametti humna guddaa kana fayyadamu akka ta’u gochuu.

11.3Guddinni Industirii keenyaa shaqaxoota qulqullinaafi gatiin gabaa Addunyaa keessatti dorgaman oomishuufi alatti erguu danda’an babal’isuurratti akka xiyyeeffatan gochuu.

11.4. Ga’ee abbootiin qabeenyaa guddina misoomaa keenya keessatti gumaachan hubachuun deeggarsa guutuu gochuu. Dhaabbilee misoomaa harka mootummaa jiran gara dhuunfaatti jijjiiruu, kanneen utuu hin jijjiiramiin turanis sochii misoomaa abbootii qabeenyaatiin adeemsi famaniif deeggarsa akka kennan gochuu.

11.5. Abbootiin qabeenyaa biyya alaa ga’e guddaa misooma Industirii keenya keessatti gumaachuu danda’an hunda akka gumaachaniif haala mijaawaa uumuu. Abbootii Industirii biyya keessaafi abbootii qabeenyaa biyya alaa giddu qindoominniifi waldeeggarsi akka jiraatu gochuu.

11.6. Abbootiin Industirii biyya keenya akkaataa isan cimsuun waldaadhaan akka gurmaa’an gargaaruu, mootummaafi abbootii Industirii giddu walgargaarsi Industirii guddisuu danda’u akka jiraatu, qindoominni Industirii babal’isu akka jiraatu gochuu.

11.7. Abbootiin qabeenyaa biyya keenyaa, keessumaammoo abbootiin Industirii akka baay’ataniif hundee cimaa akka qabaatan gochuu, guddinni dinagdee keenyaa akka ariifatauuf dhaabbilee misoomaa xixiqqaafi halleenyaa babal’isuu, akka ciman gochuu, dargaggoonni dirree garaa garaatiin leenjifaman kana keessatti qooda akka qabaatan jajjabeessuu.

III. SAGANTAA HAWAASUMMAA

12. Kaayyoo tarsiimoo hawaasummaa Dh.D.U.O

Kaayyoon tarsiimoo hawaasummaa Dh.D.U.O misooma hawaasummaa ariifataafi misooma dinagdee keenyaa wajjin qindoome adeemu, kan ummanni keenya keessatti fayyadamu mirkaneessuudha. Kaayyoo tarsimoo hawaasummaa kan fiixa baasuufimmoo kaayyoo hawaasumaa kana hojiirra oolcha.
13. Sirna barmootaafi leenjii bal’aa qulqullinnisaa eegameefi callaafi misoomaa wajiin qindoominaan socho’u diriirsuu

13.1. Barmoonni sadarkaa tokkoffaa lammiiwwan hundaatiif akka walga’u gochuu barumsichi lammiiwwan yaadaafi amantaa demokraasii qaban horachuu.

13.2. Barmoonni sadarkaa lammaffaa guddina misoomaa wajjin walcinaa aka adeemu gochuu. Barumsi kennamu lammiiwwan mirgaafi dirqamasaanii beekaniifi beekumsa demokraasii qaban horachuu kan dandeessisu akka ta’u gochuu.

13.3. Lammiiwwan barumsa sadarkaa tokkoffaafi lamaaffaa baratan, misooma dinagdee adeemsifnu, keessumaammoo qonnaa teknooloojii sadarkaa olaanaatti guddisuufi misooma Industirii si’achiisuuf, human mootummaa, ummataafi, abbootii qabeenyaa cimsuudhaan ga’ee guddaa akka gumaachan gochuu, hojii misoomaaratti bal’inaan akka hirmaatan, hojii kan uumaniifi kan hoomishan akka ta’an gochuu, tarsiimoo misoomaa keenya wajjin kan walsime sirna leenjii diriirsuu. Sirni leenjii diriirfamu guddina misooma dinagdee keenyaa wajjin walsimee fufiinsaan akka fooyya’aa adeemu gochuu.

13.4. Barmoonni olaanaan guddina dinagdee keenyaas wajjin walsimeefi qindoomee akka babala’tu gochuu. Barumsichi lammiiwwan mirgaafi dirqama saanii hubatanii beekan, qu’attoota, ogeessotaafi amantaa demokraasii kanneen qaban akka ta’u gochuu.

13.5. Dhaabbileen barmootaa olaanaa qo’annoo guddina dinagdee keenyaatiif, siyaasaafi hawaasummaa keenyaaf kan gargaaran akka ta’an gochuu. Barumsi kennamu qulqullinasaa kan eeggateefi misoomaa walquunnamtii kan qabu akka ta’u gochuu. Barmoonni sadarkaa olaanaa faayinaansii kan deeggru, sababa hanqina maallaqaatiin barattoota barumsarraa kan hin buqqifne akka ta’u gochuu. Sirni baasii qooddachuu akka jiraatu gochu.


13.6. Barmoota addaa, barmoota idilee hintaane, hanga humni heeyyametti akka babal’atu gochuu. Oolmaan daa’immanni harkaa caalaa qooda fudhannaa ummataafi abbootii qabeenyaatiin akka babal’atu gochuu.
13.7. Ummanni bulchiinsa manneen barmootaa keessatti qooda fudhannaa kallattii ta’een akka hirmaatu, karaa faayinaansii barmootaa, keessumaa karaa ijaarsa mana barmootaa ummanni bal’inaan akka hirmaatuuf sochoosuu, manneen barmootaa galii argamsiisuun baasiisaanii akka gumaachan gochuu, carraa akkasii xumuranii itti fayyadamuu.

13.8.Abbootiin qabeenyaafi dhaabbilee mit-mootummaan sirna barnootaa mootummaan kaa’e hordofanii sadarkaalee barmootaa hunda keessatti tajaajila akka kennan, hirmaannaa akka qabaatan jajjabeessuu.

13.9.Naamusaafi ga’umsa barsiistotaa ol-guddisuuf irni leenjii ga’aafi bulchiinsi demokraatawaan akka jiraatu gochuu. Jireenyi barsiisotaa akka fooyya’u mirgisaanii akka kabajamu haala mijeessuu. Barsiisonniifi bartoonni bulchiinsa barmootaa keessatti haala demokraata waa ta’een akka hirmaatan gochuu.

14. Sirna tajaajila eegumsa fayyaa ittisurratti xiyyeeffatu ijaaruu

14.1.Hojiin eegumsa fayyaa keenyaa hangafummaan ittisa dhukkubaarrtti xiyyeeffatee akka hojjetu gochuu. Sochiin kun misooma baadiyyaafi magaalaa wajjin walsimeefi qindoomee akka raawwatamu gochuu. Ogeeyyotiin kanaaf jecha leenji’an, gurmaa’inni sirriifi si’ataa ta’e akka jiraatu, sirna ittisa dhukkubaa kana fufiinsaan cimaafi fooyya’aa akka adeemu gochuu.

14.2.Balaa dhukkubni eedsii misooma hawaasummaafi dinagdeerratti, keessumaammoo jireenya ummata keenyaarratti balaa dhufuu danda’u hubachuu dhaan iris fufiinsa qabu gochuu, fiixa ba’iinsa kanaatiifimmoo hirmaannaa ummataa giddu galeessa godhachuun duula ittisaa adeemsisuu.

14.3.Tajaajilli eegumsa fayyaa hundee qabeessa ta’e, ummanni bal’aan, keessumaammoo ummanni baadiyyaa tajaajila eegumsa fayyaa dhabee ture sadarkaa olaanaan fayyadamaa akka ta’uu gochuu.

14.4.Akka humni mootummaa heeyyameen hoospitaalota sadarkaa adda addaa qaban ijaaruu. Ijaarmonni fayyaa kunimmoo ogeeyyota ga’umsa qaban qaxaruufi bulchuu akka danda’an gochuu. Srina kana fufiinsa akka qabaatuufi fooyya’aa akka adeemu gochuu.

14.5.Abbootiin qabeenyaa tajaajila eegumsa fayyaa kennuurratti akka hirmaatan gochuu.

14.6.Ummatichi ijaarmota eegumsa fayyaa, keessumaa, eegumsa fayyaa bu’uraa ijaaruu keessatti qooda akkafudhatu gochuu. Ummanni baasii eegumsa fayyaa qooddachuudhaan ga’ee akka qabaatu gochuu. Sirni wabii eegumsa fayyaa misooma dinagdee wajjin walsime akka jiraatu gochuu.
15. Mirga hojjettootaafi walqixxummaa dubartootaaf murannoodhaan qabsaa’uu

15.1.Mindaafi haalli hojii guddina dinagdee keenyaa wajjin walsimee akka fooyya’u qabsaa’uu. Mirga hojjettoonni waldaan gurmaa’uuf hojii dhaabuuf, mari’achuuf heera mootummaatiin gonfatan sirriitti hojiirra akka oolu qabsaa’uu. Bilisummaan waldaafi demokraasummaan bulchiinsa hojjettootaa akka kabajamu gochuu. Calleessummaan hojjettootaa leenjii fufiinsa qabuun akka fooyya’aa adeemu gochuu.

15.2.Sirna wabiifi soorama hojjetaa mirkaneessu dririsuu, sirni kunimmoo dhawaataan dhaabbilee misoomaa mootummaarra darbee kanneen dhuunfaa akka seenu gochuu.

15.3.Misooma keenyaaf baay’ee barbaachisa kan ta’e nageenyaafi tasgabbiin Industirii akka mirkanaa’u gochuu. Calleessummaan fooyya’aa akka adeemuf, hojjetaafi hojjechiisaan tumsa akka godhan jajjabeessuu, qindeessuu kanarratti bu’uramee mindaan hojjetaa fooyya’aa akka adeemu gochuu.

15.4.Hojjetaan sochii misoomaafi siyaasaa keessatti hirmaannaa ho’aa, bilisaafi demokraata waa akka qabaatu gochuu, kanas qixa gurmaa’een raawwachuuf yaalii gochuu.

15.5.Akkaataa heera mootummaarratti eerameen, dubartoonni dhimmoota dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa keessatti dhiiraan qixxee qooda fudhannaa akka qabaatan, walqixxummaanis fayyadamuu akka danda’an gochuuf qabsaa’uu. Ilaalcha walqixxummaa dubartootaa morman hunda murannoon qabsaa’uu.

15.6.Dubartoonni mirgasaaniif ga’umsaan akka qabsaa’an kana fimmoo waldaaleen akka gurmaa’an, waldaansaanii akka cimu gargaaruu. Bilisummaan waldaalee akkaataan hojii demokraatawaa ta’e jiraatuuf qabsaa’uu. Dubartoonni karaa waldaaleesaanii hirmaannaa akka gochan gargaaruu. Dubartoonni barmootaan dhiiraa wajjin hirmaannaa qixxee akka qabaatan gochuu.

15.7.Aadaa bodatti hafaarraa bilisa akka ta’an, heeyyama da’umsaa mindaa guutuu wajjin akka argatan mirga sooramaafi wabii dhiiraa wajjin walqixxee ta’e akka argatan qabsaa’uu.

15.8Dubartoonni qabeenya horachuun, bulchuun fayyadamuufi dhaala dabarsuuf mirga wal-qixxee akka qabaatan gochuu. Dubartoonni baadiyaa mirga lafa argachuufi fayyadamuu akka qabaatan qabsaa’uu.

IV. Sagantaa dhimma alaa

16. Kaayyoo tarsiimummaa imaammata dhimma alaa Dh.D.U.O

Dh.D.U.O sirna dimokraasii handhuura faayidaa keenya biyyaalessaa ta’ee ijaaruufi hojii diinagdee bilisaa uumuuf hojennuuf sadarkaa biyyaalessaafi addunyaa haala mijaa’aa uumuudha. Haalawwan ibsituu faayidaa keenyaa biyyaaleessafi walabummaa keenya ta’an kanneen galmaan geessisuufis haala nageenyi itti mirkanaa’u uumuudha. Kaayyoo tarsiimummaa imaammataa dhimma alaa kan galmaan geessisuufimmoo sagantaalee dhimma alaa armaan gaditti tarreeffaman hojiirra oolcha.


17. Imaammata mirgaafi faayidaa ummataa eegsisuu danda’u hordofuu

17.1. Imaammanni dhimma alaa biyya keenyaa, demokraasii faayidaa keenya biyyaalessaa biyya keenyaa bu’uraafi giddu-galeessa godhate akka diriiran, misooma diinagdee keenya cimsuu, walabummaa biyyaa keenyaa mirkaneessuufi ummata sadarkaa sadarkaan fayyaduu danda’u uumuu,

17.2Kaayyoo kana fiixaan baasuuf biyyoota hundumaa wajjin michooma gaarii uumuu, kunis haala faayidaa walii eegsisuun akka deemu gochuu. Hojiilee faayidaa walii eegsisan deeggaru. Hojiilee faayidaa biyya keenyarratti balaa fidan gara kuteenyaan mormuu.

17.3Biyyoota olla wajjin qunnamtii siyaasaa, dinadeefi hawaasummaa cimaa t’e uumuu. Walta’insaafi obbolummaa ummataa cimsuu.

17.4Nageenyi naannoo keenyaa eegamunsaa lattuu demokeaasii keenyaafi guddina si’ataa qabaachuusaa hubachuu. Biyyi keenya negeenyi naannoo akka mirkanaa’u ga’ee taphatuu qabdu tilmaama keessa galchuudhaan nageenyiifi tasgabbii naannoo keenyaatiif gara kuteenyaan dhaabbachuu. Imaammata faayidaa walqixxummaa biyyootaafi ummataa akkasumas faayidaa ummataa waliin tarkaanfachuu danda’u dhimma biyyaatti kan hingalle uumu. Humnoonni farreen nagaa naannichaa jeeqan hojii kanarraa akka of qusatan sochii siyaasaa, dinagdeefi dippilomaasii qindaa’e deemsisuu. Kanas humnoota nagaafi dhaabbatan waliin hojechuu. Aggaamsa hubaatii ala biyya keenyarratti agaamamu balleessuuf ciminaan socho’uu.

17.5Tokkummaa Afriikaafi walta’insa sadarkaa Afriikaatti gaggeeffamuuf ciminaan dhaabbachuu.

17.6 Yaalii guddina ummata addunyaa nagaaf, hawaasummaafi seeraaf godhamu deeggaruu.

18. Humna Raawwannaa Sagantaa Dhimma alaa Cimsuu

18.1Mootummaan sagantaa dhimma alaa caasaafi gurmaa’ina daangaa biyya keenyaa kabachiisuuf faayidaa biyyaalessaa eegsisuu danda’u akka qabatu gochuu. Leenjiin gama kanaan kennamus fuufiinsaafi cimina akka qabaatu gochuu.

18.2Dhaabbilee qu’annoo dhimma alaafi biyya keenyaafi fufiinsaaniifi qulqullinaan qorachuu danda’an dhaabu. Qornnoon gama kanaan gaggeffamees sochii dhimma alaa keenyaarratti ga’eesaa akka ba’u taasisu.

18.3Qaamni sagantaa dhimma alaa raawwachiisu kun hojiisaa galmaan geessisuu akka danda’u ilaalcha, amantii cimaafi ogganummaa ga’aa akka qabaatan gochuu.

19. Sagantaa dhimma alaa Raawwachiisuurratti Ummanni Bal’inaan akka Hirmaatu Gochuu

19.1 Ummanni raawwannaa sagantaa dhimma alaa mootummaan baaseerratti hirmaannaa bal’aa akka qabu gochuudhaaf hubannoo ga’aa ak ka argatu taasisu.



19.2 Waltajjii ummanniifi ogeeyyoonni qabxiilee sagantaa dhimma alaarratti mari’atan uumuu. Walta’iinsa mootummaan biyyoota alaa wajjiin godhu kaayoosaa sirriitti akka hubatamu marii gochuu.

Lammiiwwan Itoophiyaa biyyoota ormaa keessa jiraatan heeraafi seera addunyaatiin mirgaafi faayidaansaanii akka kabajamu qabsaa’uu. Kana malees, adeemsa siyaasaa dinagdeefi dhimma alaa biyyattiittii hirmaannaansaanii akka cimu jajjabeessuu.
Yüklə 95,52 Kb.

Dostları ilə paylaş:




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin