Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaatti Karoora Waggaa Bara 2010 Caamsa 2010 Adaamaa Seensa



Yüklə 0,86 Mb.
səhifə1/13
tarix27.12.2018
ölçüsü0,86 Mb.
#86821
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13





Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaatti

Karoora Waggaa Bara 2010

Caamsa 2010

Adaamaa

  1. Seensa

Karoora Bara 2010 waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaa kana adda kan isa godhu hoggansii fi raawwaattoonnii Haaromsa kallattii mootummaan kaaheen kenniinsi tajaajiltummaa paabliik sarvaantii fi hoggansaa waggootii dabran gad-aanaa waan tureef komiin hawaasa irraa ka’eef kiisuun barbaachisaa waan ta’eef ,Hoggansii fi Raawwataan sirna Haaromsaa kana keessa bahee karoora bara 2010 gutumatti uwwisuun raawwachuuf hamilee fi xiiqiin hawaasa isaa tajaajiluuf haaromsa irratti haala waadaa galameen karoorri waajjira keenyaa hirmaannaa sadarkaa Raawwataa irraa kaasee kan qophaa’ee fi irratti mari’atamee kan dhiyaatedha.

karoora Guddinaa fi ce’umsa marsaa 2ffaa waggootii shanan keessaa isa tokkoo fi bara hojiiwwan muuxannoo baroota dabraan irraa argamaniin hojiileen hedduun hojii qabatamaa keessa seenuun itti hojjetamuu eegalamedha.

Hojiin karoora Guddinaa fi ce’umsaa marsaa 2ffaa seektara keenyaa xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun hojiileen Qabeenya Aadaa fi Tuurizimii godinichaa irratti hojii qorannoo gageessuun misoomsuu kunuunsuu fi beeksisuun hawaasa Godinichaa irraa fayyadamoo taasisuu fi carraa hojii dhabeeyyiif uumuun hiyyummaa hir’isuu irratti xiyyeeffachun kan hojjechuuf karoorfamedha.

Hojiilee bal’aa kanas sadarkaa karoorsuu, to’achuu, hordofuu Gabaasa Aanolee fi B/m qindeessuu fi gabaasuu hunda qamolee hoggansa ol’aanaa waajjirichaa qofa irratti kan dhiisamu osoo hin ta’iin hojjettoonni hundi “Tokko-shaneetiin” ammatamee hojii hunda qindoominaa fi gamtaan kan hojjetuu fi maammiloota dhimmamtootaa fi qaamota dhimmi seektara keenyaa kallattiinis ta’e kallattiin ala ilaallatu hunda karoora irratti sadarkaa Gandaa irraa hanga godinaatti mariisisuun waan hojjetamuuf milkaa’ina kan qabu ta’a jennee abdanna.





  1. Kaayyoo

Raayyaa sadarkaan jiru cimsuudhaan hojii misoomaafi Bulchinsa gaarii cimsuu fi sadarkaa ergama isaa bahuu danda'u irraan gahuun karoora kurmaana sadaffaa fi arfafaa ga'uumsaan raawwachuu hojii dhuma karoora bara 2009 duguugnee xumuruun hojii hojetamudha.

  1. Galma

Raayyaa sadarkaan jiru cimsuudhaan ergama isaa bahuu danda’u uumuudhaan karoora bara 2010 sadarkaa olaanaan raawwachuu.

  1. Hojiilee Raawwatamuu Qaban

    1. Hojiilee ijoo

Hojiileen keenya bara 2010 keessatti raawwannu iddoo gurguddaa lamatti qoodamanii kan ilaallaman yoo tahan isaanis hojii ijoo keenya raawwachuudhaaf hojiilee gurguddoo raawwannuu fi hojiileewwan ijoo kana milkeessudhaan hojiilee gurguddoo mana hojii galmaan ga'uudhaaf hojjetamanii dha.Haaluma kanaanis

  • Hojii Damee Dhaabaa Cimsuu

  • Hojii Damee Mootummaa cimsuu

  • Hojii Damee Ummataa Cimsuudha.

4.1. Hojii Damee Dhaabaa Cimsuu

Akka Godinaatti miseensoota dhaabaa yeroo jennu kanneen sadarkaa hundatti hojii isaanitiin adda duree tahaniifi hojjetoota kanneen hafaniif fakeenya ta'uun socho'an jechuudha. Kanaaf hojii keenya bara 2010 kan sadarkaa olaanaadhaan raawwachuudhaaf adda duroota jiran cimsuufi kanneen biroos hojii isaaniirratti deeggaranii waliiwajjin hojjechuun raawwiin hojii isaaniis sadarkaa isaaniitti akka fooyya'uuf hojjechuu qabna. Rakkoon Gama kanaan ture miseensootni mana hojii keessatti argaman fo'annoo isaanii irraa eegalee hanqina kan qabuu fi erga miseensa tahanii filatamanii boodas ijaarsi godhamaafi ture hanqina mataa isaa waan qabuuf gahee adda durummaa isaani bah'uu mitii ofiifuu adda duree kan hin taaneefii ergama isaaniis qajeelotti beekuurratti fi ba'uurratti hanqinni isaan bira kan ture ta'uu isaa ti. Kanarraa kan kahe ijaarsi raayyaa keenyas osoo hin cimiin hafeera. Kanaafuu karoora kana keessatti miseensoota keenya cimsuudhaaf hojiileen armaan gadii kan hojjetaman taha.



Hojjiwwan Hojjatamuu Qaban

  • Gurmaayinsi miseensa akka damee Aadaafi Turizimii godinaa hojii keessatti hanga gar jalaa gahutti kanaan dura ijaaramanii jiran sadarkaa isaan irra jiran addaan baasu

  • Sadarkaa isaanii fi hanqinaaleewwan isaan wajjin walqabatee kanaan dura adda bahe karoora keenya bara kanaa keessatti akka hin dabalamneef irratti walii galuu.

  • Gurmaa’insi Miseensoota dhaabaa hundi karoora mataa isaa akka qabaatu taasisuu,

  • Miseensoota dhaabaa hundi karoora gurmaa’insa isaa irraa ka’ee kan dhuunfaa isaa akka qabaatu taasisuu,

  • Miseensoota dhaabaa godinaa sadarkaa waajjiraatti argaman 12

Magaalaa 1 Aanaa 33 walumaagalatti 46 jiran cimsuu, kana keessayis % 80 sadarkaa olaanaa fi %20 sadarkaa giddu galeessaatti akka oldhufaniif hojjechuu.

  • Miseensoota dhaabaa guyyaa meeqa marii gaggeessee? ajandaa marii ilaaluun kallatti qabsisuu.

  • Qaboo yaa’ii marii isaanii ilaaluun kallattii qabsisuu.

  • Miseensoota dhaabaa hundi karoora isaanii qabatanii hojii keessa akka galan taasisuu

  • Sirna hordoffi fi deeggarsaa cimaa hojiirra olchuu keessattuu gamaaggama hojii ji'aa irratti Ceephoo fi ceepha'ama gaggeessuu kan hojjeteefi hin hojjenne adda baasuu

  • Sirna madaalliifi badhaasaa hojiirra olchuu.

  • Gurmaayinsi hundi adda dureen akka gaggeeffaman taasisuu

  • Hojii giddu galeessa godhachuudhaan adda duroota qajeelfamaa fi hojimaata jiru irrattti hundaa'udhaan yero yeroon baasuu, fo'achuu

  • Humna rawwachiistummaa adda durootaa hojii qabatamaa keessatti, waltajjiidhaan akkasumas leenjii gagabaabadhaan cimsuu.

  • Gurmaayinsa dargaggootaa fi dubartootaa cimsuu

  • Ijaarsa raayyaa keessatti dameen ummataa eenyu akka tahe itti fufiinsaan sadarkaa hundattuu adda baafachuun cimsuu

  • Hudhaaleewwan boqonnaa qophii keessatti ka'an sirriittii addaan baasuun falmiin akka irratti taasifamuufi waliigalteerra akka gahamuuf hojjechuu.



    1. . Hojii Damee Mootummaa Cimsuu

Ijaarsa raayyaa keessatti dameen mootummaa isa tokko yoo tahu hojjettoota mootummaa ta'anii sadarkaa godina irraa kaasee hanga sadarkaa Aanaa kanneen argamaniifi galama ga'iinsa hojii mootummaatiif kanneen tumsa godhaniidha. Akka damee raayyaa tokkootti socho'uufis manneen hojii jalatti argaman keessatti gumii adda duroota, garee raayyaa jijjiirmaa fi tokkoo shaneedhaan ijaarramanii socho'aa jiru. Haala kanaan gurmaayanii yaa socho'an malee raawwii hojii keessatti damee kana biras hudhaaleen hin furamne hedduun akka jiran gubbbaatti tarreeffameera. Hanqina kana furuudhaan gahee isaanii ba'uu akka danda'aniifis hojiileen armaan gadii kan hojjetaman ta'a.

Hojjiwwan Hojjatamuu qaban

  • Raayyaa paabliik sarvisii akkaataa karoora foyyaa’een boqonnaa raawwii keessatti galchuudhaan akka soch’aan gochuu.

  • Karoora waajjira irraa hanga raawwataatti caccabee qabatamaan hojii keessa galuu isaa.

  • Hojii ijoo ,hojii gurgguddootiin bitinaa’ee qophaa’u isaa mirkaneeffachuu.

  • Gurmaayinsi mootummaa (gumii adda duree, raayyaa jijjiiramaafi tokko shanee) akka Aanaafi magaalaa manneen hojii keessatti hanga gar jalaa gahutti kanaan dura ijaaramanii jiran sadarkaa isaan irra jiran addaan baasu

  • Hojiilee bulchinsa gaarii amala seektarichaan mirkaneesan ilaaluufi kallatti fuulduraa qabsisuu.

  • Fookaaliin qoondaala naamusaa jiraachuu,karoorri bulchinsa gaariifi kiraa sassabdummaa qophaa’e hojii irraa jiraachuu mirkaneessuu.

  • Kallatti tooftaa amma diriireen raawwi hanga yoonaa jiru gamagamuu,qaawwaa hanqinoota jiran ilaaluudhaan kallatti fuunduraa kaa’uu.

  • Hojiiwwan ijoo ittifayyadamummaafi jireenya uummata keenyaa jijjiruu danda’an qorachuufi adda baasuu,

  • kuufama qabeenya tuurizimii jiran qo’aachuufi adda baasuu,kan uumamaa ,nam tolchee, rakkolee bu’uuraalee misoomaa waliin qorachuu.

  • Qabeenya Aadaa jiran qo’aachuufi adda baasuu, kan uumamaa ,nam tolchee, rakkolee bu’uuraalee misoomaa waliin qorachuun adda baasuun qaamoota dhimmi ilaaluu waliin kallattii qabsisuu.

  • Tajaajjilli turistii Daandii,Ibsaa Bishaan Hooteela,mana nyaataafi dhugaatii,tajaajila dowachistootafi taj.geejibaa haala itti guuttamu qaama dhimmi ilaalu wajjin marii gaggeessuu.

  • Kuuffama qabeenyaa kanaan haalaa dubartootaafi dargagoonni itti fayyadamuu danda’an kallatti kaa’uu.

  • Dhaabbilee Aadaafi waldaalee tajaajjila ummataa kennan sochii isaanii qorachufi gamagamuu,

  • Mana kitaabaa,Godambaa,Garee Hawwissoo aadaa,Waldaalee aadaafi turizimii irratti gurmaa’an, meeqatu jira,kaapitaala qaban,qusanaa,liqii kar. raw.feedhii leenjii,karooraafi raawwii jiru adda baasuu.

  • Waldaalee qabeenya aadaa irratii gurmaa’an,meeqatu jira.kaapitaala qaban,qusanaa,liqii kar.raawwii,feedhii leenjii,kar.fi raawwii jiru adda baasuu.

  • Gosa hojii uumamuu danda’u, dubartootaafi dargagoota meeqaaf carraa hojii umuu akka danda’e

  • Gurmaa’insi hundi (gumiin adda duree, raayyaan jijjiiramaa fi ijaarsi tokko shanee) karoora mataa mataa isaanii akka qabaatan taasisuu,

  • Hojjattonni seektara aadaa fi tuurizimii keessatti argamuufi sadarkaadhaan jiran hundi karoora gurmaa’insa isaa irraa ka’ee kan dhuunfaa isaa akka qabaatu taasisuu,

  • Karoorri hojjetaa dhuunfaa walitti dhufee kan tokko shanee, karoorri 1:5 walitti dhufee kan raayyaa jijjiiramaa akkasumatti deemudhaan karoorri mana hojichaa karoorfame hundi osoo hin harca'in walitti dhufee kan mana hojii ta'uu isaatiifi namni hundi karoora irratti waliigalu taasisuu,

  • Sadarkaa godina gumii adda durootaa jiran 1 sadarkaa magaalaatti 1 sadarkaa aanaatti 10 walumaagalatti 12 gumii adda durootaa sadarkaa godina irraa kaasee hanga sadarkaa aanaatti jiran Keessaa sadarkaa giddu galeessaa keessa kan jiran % 80 Sadarkaa olaanaatti fiduudha. sadarkaa gadi aanaa irra kan jiran %20 gara giddu galeessaatti ceesisuudha.

  • Sirna madaalliifi badhaasaa hojiirra olchuu,

  • Hojii giddu galeessa godhachuudhaan qajeelfamaa fi hojimaata taa'een adda duree horachaa deemuu

  • Gamaaggama hojii kurmaanaa, kan ji'aa, kan torbee fi kan olmaa guyya guyyaa gaggeessaa deemuu

  • Humna rawwachiistummaa gumii adda durootaa, gaggeessitoota tokko shanee fi hojjetoota maraa cimsuu.

  • Ijaarsa raayyaa keessatti dameen ummataa eenyu akka tahe itti fufiinsaan sadarkaa hundattuu adda baafachuun cimsuu

  • Hudhaaleewwan boqonnaa qophii keessatti ka'an sirriittii addaan baasuun falmiin akka irratti taasifamuufi waliigalteerra akka gahamuuf hojjechuu.

    1. Hojii Damee Uummataa cimsuu

Hudhaalee sadeen damee ummataa bira jiru hirmaannaa fi fayyadamummaa ummataa sadarkaa olaanaatti mirkanaa'e arguuf kan hojjatamuudha.

Hojjiwwan Hojjatamuu qaban

  • Hirmaanaa Uummataa hojiwwan pirojeektii uummataa,sochii isaanii akkaataa karooraa bara 2010 gamaggamuu.

  • Karoora faayinaasii gama mootumaafi uummataan qabame adda baasuu.

  • Raawwiin faayinaasi hanga yoonaa jiru gamagamuu kan Mootummaa,kar.Raawwii kan Uummataa,karooraafi raawwii adda baasuu.

  • Karoora fiizikaalaa ijaarsichii akkaataa karoora bara kanaatiin sadarkaa maal irra jira,maaltu raawwate,sochiin jiru maal fakaata?

  • Dameen ummataa adda osoo hinbaanee hafee hojii keenyaaf nu gargaaru yoo jiraate sakatta'uu fi adda baafachuun hirmaachisuu.

  • Karoorsurraa eegalee hojiilee aadaaf turizimii hundarratti ummannii akka hirmaatan taasisuu.

  • Karoora mana hojiifi isaan wajjin irratti waliigalame irraa ka'uudhaan karoora mataa isaanii akka qabaatan taasisuu.

  • Barbaachisummaa fi faayidaa raayyaan ijaarramuu sirriitti akka hubatan ergama isaanii akka beekaniifi bahan taasisuu (jaarmiyaalee,waldaalee ogummaa adda addaa)

  • Dandeettii raawwachistummaa isaanii cimsuudhaaf karaa mootummaatiin hojiin raawwatamu akkuma jirutti ta’ee walii isaanitiin walirratti qabsaayanii ijaarsi isaanii akka cimu taasisuu.

  • Faayidaafi mirga miseensota isaanii kabachisudhaaf qabsaa'uu,

  • Hudhaaleewwan boqonnaa qophii keessatti ka'an sirriittii addaan baasuun falmiin akka irratti taasifamuufi waliigalteerra akka gahamuuf hojjechuu.

  • Dameen ummata keenya waliin karoorsinee karaa ijaarameen sadarkaa hundatti waliin hojjechuu dandeenyu adda baasne yamuu ta’u adeemsaan kutaa hawaasa nu waliin hojjechuu danda’an fufiinsaan kan hojjennu ta’a.

    1. Kaayyoo waliigalaa Hojiiwwan Gurguddoo

Rayyaa jijjiiramaa cimaa ta’e ijaaruudhaan qabeenya aadaafi qabeenya uumamaa aadaaf tuurizimii godina keenyaa hirmaannaa ummataatiin qorachuu, misoomsuu, babal’isuu, kunuunsuufi beeksisuun fayyadamummaa ummataa sadarkaadhaan mirkaneessuu,


  1. Haala Waliigalaa Karoorichaa

Godinni shawaa Bahaa Godinaalee Oromiyaa kan biroo waliin wal-bira qabnee yoo ilaallu kuufama qabeenya Aadaa fi Tuurizimii tiin sadarkaa tokkoffaa irratti waan argamtuuf akkasumas haalonni mijaa’oon kan akka qilleensaa, taa’umsa lafaatiin, bu’uura misoomaa tiin, hirmaannaa Abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee miti mootummaatiin daandiileegurguddoo fi Aanolee walqunnamsiisanii, itti dhiyeenya magaalota gurguddoo fi finfinnee qabduu fi baay’ina tuuristoota Godina keenya dowachuuf dhufaniin baay’ee kan milkoofte waan ta’eef karoora bara 2010 kana akka galmaan gahu gochuun gahee fi gummaacha karoora Guddinaa fi ce’umsaa keessatti qooda guddaa akka qabaatu kan godhudha.

Karoorrii 2010 kun hanqinootaa fi ciminoota keessa keenyaa fi carraa fi sodaa alaa keenyaa sirriitti sakatta’uun karoora bahu kana irratti hawaasa bal’aa fi maamilootaa keenya mariisissuun leenjii fi hubannoo sadarkaa caasaa keenya Godinaa Aanolee fi B/m sadarkaa hoggansaa ol’aanaa Giddugaleessaa fi raawwattootaaf leenjiiwwan dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuun hojjettoonni tokko shaneen gurmaa’anii karoorsuu hanga hordofuu to’achuu fi gabaasuu irratti hirmaachuu fi hojiileen idilee kallattii rifoormota haarawaa tiin hojjechuu fi muuxannoowwan gaarii argaman sadarkaa Godinaalee Aanolee fi B/M tti argamaan sakatta’uun babal’isuun karoorichi karoora Goddinaa fi ce’umsaa marsaa 2ffaa keessatti hiyyummaa hir’isuu irratti qoodaa fi gahee guddaa akka qabaatu kan ta’u dha.



Yüklə 0,86 Mb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin