Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaatti Karoora Waggaa Bara 2010 Caamsa 2010 Adaamaa Seensa


Haala Mana hojii Seektara Aadaa fi Tuurizimii



Yüklə 0,86 Mb.
səhifə2/13
tarix27.12.2018
ölçüsü0,86 Mb.
#86821
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13

6. Haala Mana hojii Seektara Aadaa fi Tuurizimii

6.1.Aangoofi Gahee Mana Hojii W/r Aadaafi Tuurizimii G/Sh/Bah.



Biiroo Aadaa fi Turizimii Aangoo fi hojii armaan gadii ni qabaata:

  1. Afaan, seenaa fi aartii ummata Oromoo ni qorachiisa; qaama qoratuuf deeggarsa ni kenna; qaamota dhimmi ilaalu waliin barnoota idilee keessatti akka hammataman  haala ni mijeessa;

  2. Afaan Oromoo keessatti garaagarummaa lugaa xiqqeessuuf waaltina afaan oromoo irratti ni hojjata; jechoota haaraa ni moggaasa; qaama kana irratti hojjatus ni gurmeessa; kanneen waalta’anii fi moggaaffaman iddoo hundatti hojiirra akka oolaniif qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ni hojjata;

  3. Sona aadaa ummata Oromoo ni qorata; ni qorachiisa; ni misoomsa; ni babal’isa; barmaatilee miidhaa geessisan hambisuuf qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

  4. Industiriin aadaa fi turizimii akka babal’atu, misoomaaf akka gumaachuu fi bu’aa diinagdee akka argamsiisu ni hojjata; hirmaannaan ummataa akka cimu ni taasisa;

  5. Naannichatti sirna haddaarsawwan seena qabeessa ta’an itti qorataman, galmaa’an, walitti qabamanii fi tajaajila qo’annoo fi qorannootiif itti oolan, hawwata tuurstii ta’uun ittiin misoomanii fi gurmaa’an ni diriirsa;

  6. Ragaalee aadaa fi turizimiin walqabatan ni sassaaba; ni qindeessa; qaama barbaadauuf ni raabsa;

  7. Ogummaan aartii Oromoo kan akka gochummaa ‘performing art’, ogbarruu (litrary art), ogartii (visual art), muuziqaa, diraamaa, fiilmii fi fakkii akka babal’atanii fi beekaman haala ni mijeessa; deeggarsa ogummaa ni kenna; hojiin ogummaa uumee akka jajjabatanii fi babal’atan ni taasisa; hayyama ogummaa aartii ni kenna;

  8. Masaraawwan akka hambaatti ilaalaman sirnaan akka qabaman ni taasisa; deeggarsa barbaachisaa ni kenna;

  9. Leenjii humna namaa fi tajaajila gorsaa kennuun dandeettiin raawwachiisummaa dhaabbilee aadaa fi turizimii ni cimsa;

  10. Gareen hawwisoo akka gurmaa’u ni hojjata; deeggarsa ogummaa ni kenna; cimanii akka of danda’an haala ni mijeessa;

  11. Sochii turizimii (daawwannaa fi daawwachiisaa) naannicha keessatti gaggeeffamu ni hordofa; haalli mijaa’aa tajaajila turizimii akka jiraatu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

  12. Barreeffamootni beeksisaalee adda addaa naannicha keessatti maxxanfaman safuu fi duudhaalee hawaasaa kan eegan ta’uu isaanii ni hordofa; ni too’ata; dogoggorri barreeffama qubee Afaan Oromoo akka hin uumamne ni hojjata; bakka hanqinni jirutti akkaataa seeraatiin tarkaanfii ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;

  13. Mallattoo yookiin maqaa fi fakkii daldalaa hambaa naannicha keessatti argamaniin bahan sona seenaa hambaa kan hin miine ta’uu isaa ni mirkaneessa;

  14. Dhaabbileen tajaajila aadaa kan mootummaa fi ummataa, godambaawwan, giddugaleessa aadaa, galmawwan aadaa, manneen kitaabaa fi hadaarsaa, manneen tiyaatiraa fi fiilmii naannicha keessatti akka babal’atan ni hojjata; haala ni mijeessa; hayyama ogummaa ni kenna; ni galmeessa;

  15. Sirna hambaalee uumamaa fi nam-tolchee naannichaa itti qorataman, galmaa’an ni diriirsa; sadarkaa ni kennisiisa; ni misoomsa; ni kunuunsa; ni supha; naanneessa hambaalee ni too’ata; hayyama ni kenna;

  16. Qaamolee guddina seektara aadaa fi turizimii keessatti bu’aa ol’aanaa galmeessan ni jajjabeessa; beekamtii akka argatan ni taasisa; ni badhaasa;

  17. Iddoowwan hambaalee seenaa, aadaa, amantaa fi qabeenya uumamaa fi kan kana fakkaatan kanneen sonaa fi hawwatummaa qaban seeraan akka daangeeffamanii fi akka eegaman ni taasisa; ni misoomsa; misoomaa fi eegumsa isaanii irratti qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

  18. Manneen Maree, waldaalee fi gummiiwwan aadaa fi turizimii sadarkaa sadarkaan akka hundeeffaman haala ni mijeessa; deeggarsa ni kenna;

  19. Qabeenya uumamaa fi nam-tolchee hawwata turizimii naannichaa keessatti argaman ni qorata; lafa hawwata turistii misooma turizimiif qofa ooluu qaban qaama dhimmi ilaalu waliin adda baasuun akka zoonii turizimiitti akka daangeffamu ni taasisa; haala misooma isaa irratti qajeelfama ni baasa; qaamota dhimmi ilaalu waliin akka misoomu ni taasisa; haala ni mijeessa; ni too’ata;

  20. Dhaabbilee kenna tajaajila aadaa fi turizimii ilaalchisee ulaagaa ni baasa; hayyama ogummaa ni kenna; ni haaromsa; ni haqa; qaama dhimmi ilaalu waliin leenjii ni kenna; deeggarsa ogummaa ni kenna; ni too’ata; qaama dhimmi ilaalu waliin sadarkaa ni kenna;

  21. Hawaasni naannoo hawwattoota turizimiitti argamu misooma tajaajila turizimii irratti hirmaachuudhaan fayyadamaa akka ta’u haala ni mijeessa; ni deeggara;

  22. Iddoowwan gahumsa turistii fi hambaaleen seenaa jiranitti bu’uuraaleen misoomaa fi faasiiliitiin tajaajila turistii akka diriiru ni taasisa; galma gahiinsa isaatiif qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

  23. Qabeenyi aadaa fi turizimii naannichaa biyya keessaa fi biyya alaatti akka beekamu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

  24. Qabeenyi aadaa fi uumamaa hawwata turizimii akka eegamu hojii hubannoo cimsu ni raawwata; carraa misoomaa jiru ni beeksisa; investimentiin turizimii akka babal’atu qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

  25. Pirojektoota investimentii misooma dhaabbilee aadaa fi turizimii irratti dhiyaatan ni gamaaggama; yaada ogummaa qaama dhimmi ilaaluuf ni dabarsa; deeggarsa ogummaa ni kenna; hojii isaanii ni hordofa;

  26. Hawwattoota turizimii haala addaatti gatiin isaanii murtaa’uu qaban galii fi gatii daawwannaa isaanii ilaalchisee qaama dhimmi ilaaluuf yaada ni dhiyeessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra akka oolu ni taasisa.




  1. Rakkooleefi fala Ijoo Raawwii Hojii Bara 2009 Keessa turan

Rakkooleen Ijoo kun hudhaalee sadan bu’uura godhatanii sadarkaa waajjira Godinaa hanga caasaalee aanaalee fi Bul/Magaalotaatti kan calaqqisaa turaniidha. Haata’u malee waajjirri Godinaa rakkoolee kanneen furuuf carraaqqii ol’aanaa gochaa tureera.Rakkooleen ijoo fi falli itti kennamaa tures akka armaan gaditti kan ibsamaniidha.

  1. Hoggansa sadarkaa waajjira Aanaalee fi bulchiinsa magaalotaatti jiran keessaa darbee darbee ilaalchi qulqulluu fi ejjennoon siyaasaa cimaa ta’e dhabamuu.

  • Kanaafuu, sagantaalee deeggarsaafi hordofi hojii fi gamaggama hojii idilee- tiin dhimma kana irratti hojiin bal’aa hojjetameera.

  1. Sadarkaa waajjiroota aanaalee fi Bul/ Magaalotaatti hojimaata riifoormii lafa qabsiisuu dadhabuu.

  • Karoora bara 2010 keessatti hojichi kan xiyyeeffannoon Ol’aanaa itti kennamee fala argatuudha.

  1. Ijaarsi raayyaa S/S ykn tokko-shanee caasaalee gadii biratti haala wal-fakkaatuun ijaaramanii sochii qabatamaa keessa galuudhaan bu’aa ol’aanaa walfakkaatu akka buusan gochuu dadhabuu.

  • Sagantaalee hojii suparvizyinii fi deeggarsa ogummaa kennuudhaan waajjiroonni baayyeen sochii qabatamaa keessa galaniiru.

  1. Humni raawwachiisumma ogeessitoota Godinaa fi aanaalee tokko tokko gad aanaa ta’uu.

  • Sadarkaa waajjira Godinaa fi waltajjii kilaastaraa gara garaa irratti hojji hubannoo ogeessitoonni Godinaa kennaa turaniin rakkoon kun bal’inaan furamaa dhufeera.

  1. Yeroo qophiilee karooraa fi boqonnaa raawwii humna hirmaannaa hawaasa bal’aa fi deeggartoota waajjirichaa bal’inaan duguuganii itti fayyadamuu dadhabuu.

  • Karoora hojii bara 2010 keessatti dhimmichi akka bal’inaan irratti hojjetamu waliiigaltee irra gahameera.

  1. Meeshaalee ammayyaa fi elektirooniksii amala hojii waajjirichaaf barbaachisaa ta’an dhiheessuu dadhabuu.

  • Qaamotaa fi seektaroota adda addaa waliin qindoominaan hojjechuun yeroof fala akka argatu ta’eera.

  1. Hojiiwwan ijoo waajjirichaa geggeessuuf sadarkaa waajjira Godinaa hanga waajjiroota aanaaleetti eeggatummaan baajata idilee Mootummaa bal’inaan jiraachuu.

  • Adeemsonni hojii ijoo sadarkaa waajjira Godinaa jiran piroopoozaala deeggarsaa gara garaa qopheessuu fi hojiirra oolchuun fakkeenya ta’uuf carraaqqiin ol’aanaa taasisuu.

  1. Eergama, Mul’ata, Duudhaalee,kaayyolee,galmootaafi Toora Xiyyeefannoo Waajjirichaa.

Ergama/Mission/

Qabeenya aadaa fi qabeenya uumamaa hawwata tuurizimii godinichaa hirmaannaa ummataatiin qorachuu, misoomsuu, babal’suu kunuunsuufi beeksisuun fuula gaarii naannichaa ijaaruun bu’aa hawaasa dinagdeefi siyaasaa ittifufiinsa qabu akka argamsiisuu gochuu.`



      1. Mul’ata

Bara 2012tti Qabeenya Aadaafi Qabeenyii Uumamaa hawwata tuurizimii godinichaa misoomsuufi babal’suun Oromiyaa akka biyyaatti iddoo hawwata turistii filatamtuu taasisuu.

      1. Duudhaalee waajjira Aadaafi Tuurizimii Godinaa

Kaayyoo tarsiimoo haala waliitti hidhamiinsa qabuu fi safaramuu danda’uun galmaan ga’uu keessatti waajjiri Aadaafi Tuurizimii godinaa duudhaalee fi amantaa cimaa qabaachuu qaba. Haaluma kanaan, duudhaalee ijoonwaajjira waajjira Aadaafi Tuurizimii godinichaa fi caasaalee isa sadarkaan jiran keessatti calaqqifamuu qaban kanatti aansee dhihaateera.



Duudhaalee/Core Value/

  • Iftomina/transparency/,

  • Kabaja aadaa

  • Ittigaafatamummaa/accountability/,

  • Hirmaachisummaa/participatory/,

  • Simannaa gaarii/hospitality/

Ibsa Duudhaalee

  1. Iftomina

Iftominni Waajjiraa fi caasaalee isaa sadarkaan jiran, hoggantootaafi hojjetoota wajjiraalee sadarkaa adda addaa irratti argaman kan ilaallatu dha. Sadarkaa waajjiraatti dhimmoota misooma hawaasa-dinagdee caasaalee waajjiraa karoorfamaniifi raawwataman ilaalchisee ummata hirmaachisuufi bu’aalee hojii seektarichaa uummataaf dabarsuu irratti iftoominaan ni hojjata. Hojiiwwan karoorfaman iftoominnaan wali hubachiisuun waliiquuduu, akkasumas raawwii karoorichaas haala qulqullinnaafi ga’umsa qabuun yeroo barbaadamu keessatti walii gabuusuun iftoominnaadha Iftoominnii baajata (ittifayyadama baajataa) ifaatti walbeeksisuun haala karooraan walsimaateen hojii irra oolchuudha. Iftoominna jechuun kutaalee hojii sadarkaan jiran jidduutti odeefannoo fi yaadowwan ijaaramaa/constructive opinion and coments/ gubbaa- gadittifi jalaa- olitti akkasumas dagla yeroo yeroon walii dabarsuu jechuudha. Iftoominna jechuun hanqinnaafi ciminna irratti walmar’achuu, rakkoowwaniif fala barbaaduufi murteewwan kannaman irratti walhirmaachisuu jechuudha.

  1. Kabaja Aadaa

Aadaan saba tokkoo eenyummaan sabichaa kan ittiin calaqiifamu yoo ta’u aadaan kun dhalootaaf dabruu kan danda’u kabaja barbaachisu argatee yoo eegameefi babal’ate qofaadha, Uumatni Aadaa guddatee/babla’ateen ni boona eenyummaa isaa ittiin ni eega. Gama biraatiin aadaan guddatee/babla’ate gudinna dinagdeetiif ni gumaacha. Ergama waajjirichi ittiin dhabateef keessaa innii guddaan tokko seena uummata Oromoo qorannoon ifa baasuu, afaaniifi aadaa Oromoo guddisuu/babal’isuudha.Kanaafuu aadaa uummata Oromoo kabajuufi ittiin boonuun akkasumas aadaa sabaafi sablammoota hundaa kabajuun walqixummaatti ilaaluun duudhaa keenya.namni aadaaf kabaja hin kenine aadaa guddisuu hindanda’u.Kanaafuu aadaa keenya barmaatilee miidhaa geesisan irraa bilisa gochuudhaan aadaa boonsaa babl’isuun ergamaafi duudhaa caasaalee keenyaatti.

  1. Itti gaafatamummaa

Ittigaafatummaa jechuun mirgaafi dirqama hojjetaa mootummaaf kenname keessatti gahee hojii ofii keessatti dirqama ofii beekuudhaan kan irraa eegamu raawwachuu jechuudha. Ittigaafatummaa jechuun dhufaanis ta’ee gareedhaan ittigaafatummaa fudhachuu ykn ilaalcha ittigaafatamummaa qabaachuu/nama hojiidhaaf abbummaan ittidhaga’amu ta’uu/ jechuudha. Ittigaafatummaa jechuun eegatummaa irraa bilisa ta’uun ‘ ittigaafatamaan koo hojii kooti’ amantaa jedhu qabaachuun ga’ee ofii gumaachuuf akka lammiitti yaaduu jechuudha.

  1. Hirmaachisummaa

Qabeenya aadaafi tuurizimii ariifachisaafi ittifufiinsa qabu argamsiisuun bu’aa hawaasa-dinagdee jireenya uummataafi gudinna godinichaatiif gumaachu galmeessuu irratti hirmaannaan ummataafi qaamoolee dhimmi ilaaluu barbaachisaa dha. Kana jechuunis galmaa gahiinsa ergamaafi muldhata waajjirichaa caasaalee seektarichaa qofaan raawwachuun waan hindanda’amneef ummata sochoosuudhaan ummata waliin hojjachuun haalaan barbaachisaa waan taheef gama kanaan ummatni gahee olaanaa qaba. Haaluma kanaan hirmaachisummaa jechuun hojiiwwan qorannoo, misoomaa, piroomooshiniifi deeggarsa ogummaa caasaalee keenyaatiin gaggeefamu irratti qooda fudhatoota/dhimmamtoota, maamiltoota, qaamoolee hawaasaa kan akka dubartootaa, darggagootaafi kkf baldhinnaan hirmaachisuun bu’aa barbaachisu galmeessuu waan ta’eef hirmaachisummaan duudhaalee waajjiraa keessaa isa tokkoodha.Gama biraatiin hojjataan hundis miira gareedhaan hojjachuu aadaa gochuun, beekumsaafi muuxannoo walii dabarsuun hirmaannaa keessaa cimsuu qaba

e) Simannaa Gaarii

Tajaajila gammachiisaafi quubsaa tahe kennuufi simannaan jalqabaa haala aadaa fi dudhaalee maamilaa kabajeen simachuu qaba.Seektarii Aadaafi Tuurizimii seektaroota damee tajaajila keessaa isaa tokkoodha. Keessattuu tuurizimiin seektera simannaafi tajaajila/hospitality industry/ maqaa jedhamuun kan beekamu waan ta’eef haalii maamillii itti simatamuufi keesumsiifamu iddoo olaanaa qaba. Gama biraatiin uummatni keenyas aadaa simannaa gariin kan beekkamu waan ta’eef kenna tajaajila keessatti kanuma calaqiisuun fuula gaarii aadaa keenya kan agarsiisuudha. Haaluma kanaan simannaa garii jechuun; tajaajila saffinnaafi qulqullinna qabu kennnuu jechuudha,




  1. Haala Walii Galaa Xiinxala keessaa fi Alaa

Raawwii hojiiwwan ijoo fi gurguddoo bara 2009tti mul’atan bu’uura godhachuun hooggansi Ol’aanaa fi raayyaan jijjiiramaa mana hojichaa hanqinootaa fi ciminoota armaan gaditti ibsaman sakatta’uudhaan akka addaan bahu ta’eera.
A.Hanqinootaafi ciminoota Boqonnoota qophii, Raawiifi

xumuraatti mul’ate

I.Boqonnaa Qophii karooraa

Hanqinoota

Ilaalchaan

  • Yaroo qophiin karooraa itti qophaa’u kurmaana 1ffaa xumura aadaa godhachuu.

Dandeettiin

  • Yeroo qophiin karooraa itti xumuramuu qabutti raawwachuu dadhabuu.

  • Humna(potential)Aanoleen qaban gad-fageenyaan osoo hin qoratiin karoorsuu irraan kan ka’e humnaa gadii fi ol karoorsuu

  • Raawwii hojii bara 2009 haala barbaadameen xiinxaluu dhabuu.

Dhiyeessiin

  • Meeshaalee qophii karoorsuufi gabaasuuf gargaaran MWDn yeroon dhiyeessuu dhabuu.

Ciminoota

  • Ka’umsa karoora W/r godinaa fi Biiroon Aanoleef yeroon gad-buusuu

  • Ibsaa-orenteeshinii qophii karooraa Aanoleef kennuu.

II.Boqonnaa Raawwii

Hanqinoota

Ilaalchaan walqabatee

  • Hojiilee raayyaa,carraa hojii,misooma ardeaalee jilaa fi kkf uummata fayyadamoo godhanii fi istiraateejii mootummaan irratti xiyyeeffatee hojetu irratti qaamoleen hoggansaa,raawwattootaa fi qaamoleen hawaasaa sadarkaa Godinaa,aanolee fi Bul.magaalaa muraasa irratti xiyyeeffanoon irratti hojjechuu dhabuu.

Ciminoota

  • Hanga ta’e tokko hojiilee ijoo fi ulfaataa ta’an irratti raayyaan itti duuluun hojjechuu.

  • Iddoo hanqinni baajataa w/r qunnametti piroppozaala qopheessuun karoora w/richaa akka galmaan gahu gochuu.

  • Baajata hojii dirreetti ogeessonni itti fayyadamuun w/r Aanolee fi Bul.magaalotaa deeggaruun bu’aan akka galmaa’u gochuu.

Dandeettii ilaalchisee

Hanqinoota

  • Hoggantootaa fi raawwattoota sadarkaa W/r ,Aanolee fi Bul.magaalotaa muraasa ta’an irratti haqinni ogummaa adda addaa mul’achuu; Fkn; Dandeetti kompitaraa dhabuu,ogummaa fi beekumsa hoggansaa guutuu kennuu dhabuu,dandeettii karoorsuu fi gabaasuu fi kkf irratti hanqinni mul’achuu

Ciminoota

  • Hoggantootaa fi raawwattoota sadarkaa W/r Godinaa,Aanolee fi Bul.magaalotaa muraasa ta’an irratti dandeettii hoggansaa fi ogummaa gahaa ta’e jiraachuu.

Dhiyeessii ilaalchisee

Hanqinoota

  • Hojiilee ijoo w/richaa Leenjii,Qorannoofi Piromooshiniif baajata ramaduu irratti rakkoon jiraachuun qulqullinni hojii hanga barbaadame hojjetamuu dhabuu.

  • Itti fayyadama meeshaalee dhaabbii fi dhumataa bittinnaa’aa fi haala barbaadamuun rabsamuu dhabuu.

Ciminoota

  • Hojjettoonnii fi hoggantoonni w/r godinaa,aanolee fi Bul.mag muraasaa seera ittifayyadama meeshaa eeguun hojii barbaadameef oolchuu.

A.Hanqinoota Hooggansa Godinaa Kallattii Hudhaalee Sadaniin

1, Ilaalcha waliin walqabatee

  • Miseensoonni Manaajimeentii Ol’aanaa waajjirichaa qixa tokkoon ka’umsaa fi kutannoo ilaalchaa wal-fakkaatu horachuun karoora hojii fi raawwattoota kallattii barbaadameen hooggannuu dadhabuu.

  • Qabsoon gitaa cimaa fi haalaa waajjiricha sadarkaa ol’aanaatti ceesisu hooggansa jidduu hin jiru.

2.Dandeettiin Walqabatee

  • Garaagarummaan humna raawwachisummaa hojii ogummaa adeemsotaa fi gareewwan hojii calaqqisaa turuu.

  • Maamiltootaa fi hawaasa balaa dhimmichi ilaalu bal’inaan hirmaachisuun karoorsuu fi raawwachuu irratti qaawwan (gaps) jiraachuu.

  • Humna ogeessaa sadarkaa Biiroo hanga Aanolee jiru waliin walitti hidhamanii deemuu fi wal deeggaruun baayyee laafaa ta’uu.

  • Itti fayyadama meeshaalee ammayyaa fi I.T. irratti hooggansa ` godinaa jidduu garaagarummaan bal’aa jiraachuu.

3.Dhiheessii waliin walqabatee

  • Baajata idilee ramadamee jiruun meeshaalee biirooYeoo hojiif barbaachisu keessatti hojii irra oolchuu dadhabuu.

  • Meeshaalee Eleektiroonkisii akka koompyuutaraa yoo ballaa’ee (rakkoon teekinikaa quunname) dafee suphamee hojii irraa ooluu dhabuun raawwii hojii darbee darbee gufachiisuu.

  • Adeemsii fi kutaaleen hojii tokko tokko tooftaalee gara garaan fandii fi gargaarsa alaa barbaaduun hojii geggeessuun osoo irra jiruu eeggataa fi maxxantuu baajata mootummaa qofaa ta’uu.

  1. Hanqinoota Raawwattoota Godinaa Kallattii Hudhaalee Sadaniin

  1. Ilaalcha waliin walqabatee

  • Rifoormiin hoogganamu fi hojjechuu ilaalchisee fedhii fi kaka’umsi raawwattoota muraasaa qorraa ta’uu

  • Raayyaan siivil sarvisii tokko- Shanee sadiin sad.w/r God.tti ijaarame jijjiirama fi bu’aa wal fakkaatu fiduu dhiisuu.

  • Hojjettoonni muraasa ta’an naamusa hojii fi qajeelfama dhaabaa eeguun waajjiricha sadarkaa Ol’aanaatti ceesisuuf kutannoo fi xiiqii qabsoon siyaasaa dhabamuu.

  • Raawwattoonni muraasa karoori guddinaa fi traanisfoormeshinii karoora hiixataa waan ta’eef galmaan gahuu isaa shakkii fi mamii keessa seenuu

  1. Dandeettii waliin walqabatee

  • Raawwattoonni muraasa ta’an ogummaa fi gahumsa dandeettii manni hojjchaa barbaadu dhabuu.

  • Itti fayyadama meeshaalee ammaayyaa fi I.T. ilaalchisee hojjettoota jidduutti garagarummaan bal’aa jiraachuu.

  • Caasaa aanaalee fi bul/Magaalotaa deeggaruu ilaalchisee raawwattoota tokko tokko biratti hanqinni humna raawwachisummaa jiraachuu.

  • Ragaalee bu’uuraa /Basic Data/ mana hojichaa qulqulluu fi iftoomina qabu walitti qabuu fi qindeessanii ol kaayuu irratti hojjettoota jidduu garagarummaan jiraachuu.

  1. Dhiheessii waliin walqabatee

  • Raawwattoonni hedduu tooftaalee garagaraan gargaarsaa fi fandii alaa barbaaduun hojii gumaachuu irra baajata idilee qofaa irratti rarra’uun raawwii hojii karooraa haala barbaadameen milkeessuu dhiisuu.

  • Meeshaaleen elektirooniiksii hojii barbaachisan raawwattoota hojii ogummaa geggeessan tokko tokko biratti dhabamuu.

  • Qabeenyaa fi baajata idilee waajjirichaa baayyee qusatanii hojechuun hojjettoota maraasa ta’an biratti aadaa gaarii ta’uu dadhabuu.

  1. Hanqinoota Hooggansa Sadarkaa Aanaalee fi Bul. Magaalotaa

  1. Ilaalcha Waliin Walqabatee

  • Hooggantoonni aanaalee tokko tokko ejjennoo siyaasaa fi naamusa hooggansaa cimaa ta’een seektaricha hoogganuu dadhabuun ilaalchaa fi xiyyeeffannoon waajjirichaaf keennamu gad’aanaa akka ta’u gochuu.

  • Hooggantoonni aanaalee muraasa ta’an amala eeggatummaan xaxamanii yoo waajjirri Godinaa isaan sochoose malee kanneen raawwii hojii isaanii hin milkeessine ni jiru.

  • Hooggannaan tokko waajjiricha irraa yoo ka’e ykn jijjiirame kabineen Aanaa dafee bakka buusuu dhiisuun hojii seektarichaaf gufuu ta’uu

  • Caasaan aanaalee fi bulchiinsa magaalotaa muraasa ta’an hojmaata riformiif bakka olaanaa kennuun raawwattoota raayyaa siivil sarvisii ijaaranii mana hojichaa sadarkaa barbaadameen gahuu dhiisuu.

  • Aanaaleen hedduu hojii dagaagina aadaa fi misooma qabeenya tuurizimii bal’aa hojjechuun ilaalcha hawaasni bal’aa mootummaa irratti qabu guddisuu dadhabuu.

2.Dandeetti waliin walqabatee

  • Waajjiroonni aanaalee fi bul/Magaalotaa tokko tokko raawwatoonni isaan jala jiran humna ogummaa qaban duguugatanii jijjiirama seektarichaaf akka oolchan hin godhan

  • Raawwattoota haaraa gara seektarichaa dhufan hubannoo fi leenjii ogummaa argatanii akka seektarichaaf bu’aa batallaa fi dheeraa buusan hin godhan.

  • Mariin guyyaa fi torbaniin raawwatootatti humnaa fi hamilee horuun

laafaadha.

  • Qajeelfama mootummaa fi dhaabaa harka isaanii jiru hojiitti hiikuun fedhii fi komii maamiltootaa fi hawaasa bal’aaf deebii ariifachiisaa kennuu dadhabuu.

3.Dhiheessii Waliin Walqabatee

  • Baajata idilee muraasa ramadamuuf aanaaleen baayyee hojiilee xixiqqaa irratti dhangalaasuun hojiilee qulfii fi ijoo waajjiricha ceesisuu danda’u irratti of quuqachuu Fkn:-Hojii qorannoo fi leenjiif baajata barbaachisu ramaduu dhiisuu.

  • Meeshaalee ammayyaa fi eleektirooniksii amala hojii seektarichaaf barbaachisan gaama dhimmi ilaalu amansisuun guufachuu dadhabuu.

  • Gargaarsi fandii fi loojistikii deeggartootaa fi maamiltoota irraa gaafatamu yeroo hojiif barbaadamutti argamee hojiirra ooluu dhiisuu. Sababiin isaas yeroo gaafatamuu fi hordoffii qixa sirriitti ta’een itti karoorfamee waan hin raawwatamneefidha.

  1. Cimina Walii Galaa Sadarkaa waajjira Godinaa Jiru.

  • Waajjiricha sadarkaa ol’anaatti ceesisuuf eejjennoo fi kutannoon siyaasaa hooggansa Godinnaa fi raawwattootaa hedduu sadrkaa gaarii irratti argamuu isaa.

  • Hojmaata rifoormii hordofuu fi raawwattoota waajjirichaa raayyaa sivilsarvizii tokko- Shane sadiin ijaaruun guyyaa guyyaa fi yeroo yeroon marii gaggeessuun hanqinootaa adda baasaa deemuu fi raawwii karoora hojii galmee guyyaa fi torbaniin madaaluu eegaluu.

  • Qophii ayyaanootaa fi jilaa gara gara kabajuun, sagantaalee midiyaalee fi maxxansoota gara garaatti fayyadamuudhaan qabeenya aadaa fi tuurizimii Godinichaa beeksisuu ilaalchisee hojiileen piroomooshinii bal’aan hojjetamuu danda’uu.

  • Haalli qabiinsa ragaalee bu’uuraa dhaabbilee aadaa fi tuurizimii godinichaa fooyya’uun kan ka’e ragaalee qulqulluu fi iftoomina qabu Biiroo sadarkaa Naannoo jiruuf dabarsuu danda’uu.

  • Hojii to’annoo fi hordoffii godhamaa tureen jijjiiramni mul’achaa dhufuu

  • Sadarkaa fi tajaajilli hooteelootaa fooyyo’ee galiin tuuristoota alaa fi biyya keessaa iduustirii tuurizimii irraa argamu haalaan dabaluu.

  • Akkaataa sirnaa fi aadaa Gadaa tiin abbootiin Gadaa sadarkaa caasaa gandaa hanga godinaatti ijaaruun hirmaannaa ol’aanaa hojii seektarichaa irratti-uumamuu.

  • Sirna deeggarsaa fi hordoffii walirraa- hicine waajjirri Godinaa geggeessuun caasaa aanaalee hedduu biratti jijjiiramni qabatamaa mul’achuu jalqabuu.

Yüklə 0,86 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin