Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaatti Karoora Waggaa Bara 2010 Caamsa 2010 Adaamaa Seensa



Yüklə 0,86 Mb.
səhifə3/13
tarix27.12.2018
ölçüsü0,86 Mb.
#86821
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13

III.Boqonnaa xumuraa keessatti

Hanqinoota

  • Yeroo xumura gabaasaa irratti ragaalee gabaasaa guuttachuuf olii-gad fiiguun yeroo gabaasaa gubuu.

Ciminoota

  • Gabaasa xumura waggaa irratii Aanolee,Bul.magaalonni adeemsoniifi raawwattoonni haala istaandardiin yeroo fi qulqullinaan eeguun gabaasuu.

  1. Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo’aa fi Bu’aalee Toora Xiyyeeffannoo

(Strategic Themes & Results)

13.1Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo’waa (Strategic Focus Area)

Aaangoo waajjira Aadaafi Tuurizimii irratti hundaa’uudhaan mul’ataa fi ergamani addaan kan ba’e yoo ta’u, mul’atafi ergama kanas haala bu’a qabeessa ta’een galmaan ga’uuf dhimmoota murteessaa ta’an addaan baasuun akkasumas gufuuwwaniifi dandeesitoota sektarichaa xiinxalame yaada keessa galchuun toorri xiyyeffannoo tarsiimoo’aan adda baasuun barbaachisaadha. Akkaatuma kanaan utubaa milkaa’inaa (Pillar of Excellence) kan ta’e toora xiyyeeffannoo addaan baasuun raawwii isaatiifs hummna guutuun socho’uun haalaan barbaachisaadha. Caasaa waajjiraa keessatti rakkooleen furmaata barbaadanii fi carraaleen gaariin misoomaa fi guddinaaf gumaacha ol’aanaa taasisan hedduun jiraachuu ni danda’u. Haa ta’u malee haala kamiinuu taanaan dhiibbaan isaan milkaa’ina mul’ata tokkoo irratti qaban walqixa hin ta’u. Kanaafuu, kanneen ijoo ta’an addaan baasanii beekuudhaan ciminaan irratti hojjechuu barbaada. Yemmuu utubaaleen milkaa’inaa kun guutummaan guutuutti hojii irra oolan rakkooleen ijoo/qulfii/ ta’an hiikkatanii cee’umsi siyaas-diinagdee /political economy transformation /mirkanaa’ee jiruuf jireenyi hawaasaa jijjiiramuu ni danda’a.

waajjiri Aadaafi Tuurizimii godinaa keessatti gama misooma ittifufiinsa qabuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuutiin milkaa’uuf waggoottan shanan dhufan keessatti toorawwan xiyyeeffannoo armaan gaditti argaman irratti xiyyeeffachuun sochii humnoota misoomaa uumuun ni hojjetama.

Isaanis:


    1. Gahumsa Tajaajila dhaabbilee Aadaafi Tuurizimii

    2. Qorannoo, Misoomaafi kunuunsa Qabeenya Aadaafi Tuurizimii

    3. Kominikeeshinii, Misooma Gabaa fi Piromoshinnii

    4. Sirna Gurmeessa Ragaa fi Odeeffannoo

3.2.1Ibsa Toora Toora Xiyyeeffannoowwanii Tarsiimoo’aa

(Strategic Theme Description)

Toora Xiyyeeffannoo 1: GahumsaTajaajila Dhaabbilee Aadaa fi Turizimii

Bu'aa:Dhaabbilee aadaafi tuurizimii qulqullinniifi gahumsii tajaajila isaanii dabale

Milkaa’ina:Itti quufinsa tajaajilmtoota dabalee.

Ibsa Toora Xiyyeeffannoo

Toorrii xiyyeeffannoo Gahumsa tajaajilaa ogummaa kun hojiiwwan gugurdoo ergama waajjira Aadaafi Tuurizimii milkeessuu keessaa isaa tokko yoo ta’u kenna tajaajilarratti leenjii, too’annoofi hordoffiin cimsuufi,gahumsa dhaabbilee mirkaneessuun( hayyama kennuu,haaromsuu,) qulqullinnaafi gahumsii dhaabilee tajaajila aadaafi tuurizimii yeroo yeroon akka fooyyaa’aa deemuu gochuudhaan ragaafi galiin sektaricha irraa argamu akka guddatu gochuun mul’ata waajjira galmaan gahuuf kan gumaachuudha. Hojii kun too’annoofi hordoffii walirra hincine gaggeessuun gorsaafi deeggarsa ogummaa kennuun, fedhii leenjii adda baasuun leenjii hubannoo kennuun hayyama gahumsa ogummaa argachuun seera qabeessummaan hanqina tajaajila kennan keessatti mul’atu sirreessuun tajaajila bifa guutuu ta’een maammiltootaaf akka kennan dandeesisuuf kan gargaaruudha.



Toora Xiyyeeffannoo 2. Qorannoo fi Misooma Qabeenya Aadaafi Tuurizimii

Bu'aa: Bua’awwan qorannoo misomaaf oolan.

Milkaa’inna: Qabeenya aadaafi tuurizimii misoomaafi bu'aa hawaasa dinagdee dabale.

Ibsa Toora Xiyyeeffannoo

Toorrii xiyyeeffannoo kun hojiiwwan gugurdoo ergamaafi muldhata seektarichaa galmaan ga’uuf irratti xiyyeefatamee karoorfame keessaa isaa tokoodha. Hojiiwwan qorannoo keessaa ijoon tokko qorannoo Oromoo yoo ta’u kunneenis afaan Oromoo, seenaa, xinmaddafi artiin Oromoo ballinaaniifi ga’umsaan qorachuun bu’aaleen qorannoo uumata biraan ga’uudha.

Gama biraatiin qabeenyoota hawwata tuurstii kan ta’an qabeenyoota uumamaafi namtolchee ballinaaniifi ga’umsaan qorachuun haala misoomaaf ooluu danda’anitti qopheessuu ykn kallattii agarsiisuu ta’a. Walumagalatti, qabeenyoonni uumamaa hawwata tuuriziimiifi hambaaleen socha’aniifi hin sochoone, akasumas qabeenyii aadaa qabatamaafi killiyaa (tangible and intangible) ykn sona aadaafi beekumsa xabboo (indigenousknowledge), haambaaleefi eddoolaan seena qabeessa ta’an ni qoratamu. Hojileen qorannoo hundi haala saayinsaawaafi tooftaalee qorannoo hammayaawaa ta’een qoratamuun bu’aalee isaanii uummata/maamila ykn qaama misoomsu biraan gahuun misoomaafi proomoshiniif akka oolan gochuu irratti kan xiyyeefatuudha.

Toora Xiyyeeffannoo 3. Kominikeeshinii, Misooma Gabaafi Promoshinnii

Bu’aa: Gabaa turizimii misoome.

Milkaa’ina: Dhangala’insaafi galii turistii dabale.

Ibsa Toora Xiyyeeffannoo

Toora xiyyeeffannoo promoshinniifi qunnamtii qabeenya aadaafi tuurizimii ballinnaan beeksisuun haali yaa’insi daawwatootaa dabaluufi galiin sektaricha irraa argamu itti fooya’aa deemu irratti xiyyeefachuun ni hojjetama.Hojiilee proomooshiiniifi qunnamtii uummatnni ciminnaan akka gaggeessuufi abbootiin qabeenyaa baldhinnaan misooma qabeenya aadaafi tuurzimii irratti akka hirmaatan nihojjetama. Sirnna odeefannoofi ragaalee qabeenya aadaafi tuurizimii maamiltootaafi qooda fudhatoota waliin waljijjiiru fooyyessuun odeeffannoo yeroo qabeessa ta’e salppaan kan wal jijjiiru ta’a.



Toora Xiyyeeffannoo 4. Sirna gurmeessa Ragaafi Odeefannoo .

Bu’aa: Kuufamaafi gurmaa’ina ragaalee fooyyaa’e

Milkaa’ina: Argannaafi Iittifayyadamumaa ragaalee dabale.

Ibsa Toora Xiyyeeffannoo

Aangoo Biiroo Aadaafi Tuurizimiifi labsiin kennameef keessaa innii tokko kuusaalee walitti qabu jedha. Labsii 199/2008 keewwata 22fi jalatti Sirna kuusaaleen walitti qabamu ni diriirsa, hojii irra ni oolcha jedha; keewwata 23 jalatti barreeffamoota afaanota kamiiniyyuu dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti barreeffaman kan maxxanafamanii fi hin maxxanfamne, barruun, kuusaa seenaa, akkasumas waraabbii, argadhageettii fi kan kana fakkaataan waliiti qabuun ni kuusa, ni gurmeessa, ni kunuunsa, qaamni dhimmi ilaalu akka itti fayyadamu ni taasisa jedha..

Gama biraatiin seektera Aadaafi Tuurizimitti sirni qabiinsa ragaan seektarichaa diriiruu dhabuun isaa waajirii ergama isaa haala barbaadamuun akka hin baane gufuu ta’eera.Faayidaafi bu’aa hawaasa dinagdee seekterichii gumaachaa jiru irratti bu’aa hojii ofii madaaluu hin dandeenye.

. Kanaafuu dhimma kanaaf haala mijaawaafi tajaajilamaan salphaatti argate ittiin fayyadamuu danda’uun guurmaa’ee qabamuun barbaachisummaan isa wal-gaafachisa hin ta’u.

Qabiinsi dokimanteeshiinni teeknoloojii ammayyatiin gargaaramuun mijaawaa fi hawwata taasisuudhan tajaajilaafi gabaaf dhiyeessuu akka dandaa’amu hojimaata qindeessa ragaalee ammayyaa’e sektarichaa keessaatti garaa hanga dakaatti diriirsuun tuumsaan hojiirra oolchuun barbaachiisaadha.

Bu’uura kanaan qabinsa dokimantiifi ragaa milkaa’e fuula gaarii seekitaraa waan mul’isuuf qaamni ragaafi oodeeffannoo barbaadu salphaatti argachuu akka dandaa’an hoggantootniifi hojjattootni hubannoo gahaa horatanii gurmuun ni hojjatu.




  1. Qabeenya Aadaa fi Tuurizimii Godinicha

Aadaa

Godinni Shawaa Bahaa gosota gurguddoo Oromoo kan of keessatti qabu yoo ta’u isaanis Tuulama, Karrayyuu, Ituu fi Arsii yoo ta’u keessummaayyu aadaan Oromoo Tuulamaa keessa kan Karrayyuu fi Jiillee hanga yoonaatti aadaa isaanii ganamaa osoo kan alagaatti hinmakamiiniif hin boora’iin hanga yoonaatti tursiisuun isaanii kan dinqisiifamanidha.

Aadaa Gosota Oromoo kana jiruu fi jireenya isaanii keessatti gochaalee fi Aada calaqqisiisan Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Sadarkaa Godinaa fi Aanoleetti qorannoo adda addaa godhame keessaa sadarkaa godinaatti baroota shanan dabran irratti qorannoo adda addaa 78 sadarkaa aanoleetti immoo bara 2009hanga kur.3ffaatt qorannoon 70 ta’an hojjetamani jiru.

Afoolonni Oromoo adda addaas sadarkaa godinaatti waggootii shanan darbanitti Jiildii 43 ta’an aanolee irraa walitti qabamanii BATOtiif ergamaniiru.

Karaa barmaatilee gochoota miidha qabeessaa Gumii Abbootii Gadaa Gandoota baadiyyaa aanoleetti leenjii adda addaa kennuun hawaasa keessa seenuun sosochoosuun.


  • Barmaatilee gochoota miidha qabeessa hir’isuun;

  • Nageenya naannoo tasgabeessuu irratti;

  • Misooma naannoo irratti hawaasni bal’inaan qooda akka fudhatu Gumiin Abbootii gadaa waggoottan dabran irratti qooda guddaa fudhachuun jijjiirama argamsiisuun danda’ameera.

14.1 Hambaaleen gurguddoon Godina Shawaa Bahaa keessatti argaman keessaa

A.Boosat Karra Torbaa fi Siidaa Moomee Aanaa Boosatitti argaman.Holqa Roggee Godeetti fi Gadaamii Tulluu Cuqqaalaa, Siidaa Nabee, Dhakaa Ciniinnaa Tulluu Cuqqaalaa Aanaa L/Cuqaalaa irratti argaman.

Hambaa Gadaamotaa, kaampii xaaliyaanii Tulluu Aanaa A/T/K/argaman.

Dhakaa Booraa, holqoota Gaachanan A /Dugdaa fi Booraatti argaman.

Bataskaana Sillaasee,TulluuEererirrattiAanaa Ada’aatti argamani.

Bataskaanota, masgiidota umurii waggootii 50 ol lakkoofsisan aanaaleetti argaman.Iddoolee ardoota jilaa Sirna Gadaa Oromoo,Sirnoota aadaa Oromoo adda addaa itti kabajaman aanaalee hedduu irratti kan argaman yoo ta’u iddoowwan kun muraasni waggootii 5’n dabranitti hirmaannaa uummataatiin daangeffamanii tajaajila aadaa hawaasa naannootiif kennaa jiru.


14.2 Qabeenya Tuurizimii gurguddoo Godinichaa

Godinni Shawaa Bahaa kuufama qabeenya tuurizimii uumamaa fi nam-tolcheetiin sadarkaa biyyoolessaa fi naannootti baay’ee beekamtuudha. Kana kan taasisuu danda’es godinni keenya Sulula Afriikaa Bahaa Guddicha keessatti waan argamtuuf, uumamni Sululaa kunis qabeenyota tuurizimii uumamaa adda addaa of-keessatti akka uumaman carraa guddaa akka godinittiin argatu godheera.



Haaluma kanaan uumama Sulula Afriikaa Bahaa kanaan qabeenyonni tuurizimii gurguddoon uumaman keessaa:

  1. Haroowwan

  2. Laggeen

  3. Ow’ituu burqaalee bishaanii

  4. Aartuuwwan

  5. Tulluu, Gaarreen, Paarkii, iddoowwaan bashannana fi kkf godina Shawaa Bahaa keessatti bal’inaan kan argamanidha.

Karaa biroos immoo argamni Godinni Shawaa Bahaa giddu-galeessa biyyattiitti waan argamtuuf, (qaxxaamura daandii heddu irratti waan argamtuuf, dhaabbileen mootummaa, miti mootummaa biyya keessaa fi alaa, dhaabbileen misoomaa gurguddoo biyyoolessaa, warshaaleen gurguddoo, invastimantiin gurgddoo habaaboo dabalatee godinicha keessatti babal’atee waan jiruuf, misoomni induustirii tuurizimii godina keenyatti bal’inaa babal’atee yoo jiraatullee, haala kuufama qabeenya godinichi qabuun wal-bira finnee yoo ilaalle garuu ammayyu kan nu hafuufi kan hojjetamu qaban baay’een ni jiru.
15.Karoora Hojiiwwan ijoo waajjirichaa

15.1.1 Gurmaa’iinsa raayyaa paablik sarvisii cimsuu

  • Hojiiwwan sektarichaa hunda bifa raayyaa qindaa’een qofa hojjechuu.

  • Hooggansi sekterichaa haala sochii raayyaa sadarkaa sadarkaan jiru ija ergama itti kennamee jijjiirama irraa eegamuun hordoffii fi deeggarsa wal-irraa hincinne gochuun cimsaa deemuu

15.1.2 Hojmaata Dhaabaa fi mootummaa walitti hidhuun hojjechuu

  • Ijaarsa seelii dhaabaa w/richaa cimsuu

  • Kan w/r Godinaa

  • Kan w/r Aanolee fi Bu.mag.

    1. 1 Hojii Rifoormii



  • Hojiileen Rifoormotaa (JBAH, SMBKT, PBG) walitti hidhuun w/r Aanolee, B/Magaalotaa fi w/r Godinaa akka qindeessanii hojjetan gochuu,deeggaruu.

  • Hojii Rifoormii irratti Gareefi raayyaan 3n akka karoorfatan, hojjetanii fi Gabaasatan gochuu.

  • To’annoo fi hordoffii hojii rifoormii irratti gochuu( kur. 4)

  • Hojii Rifoormii Koree Maanajimantiin ji’an gamaaggamuu(Mar12)

  • Hojii rifoormii irratti Hojettoota w/rtiif leenjii gabaabaa kennuu(Marsa,1

  • karooraa fi gabaasa Tokko-shanee,Gumii adda-durootaafi raayyaa jijjiiramaa dhiyeessuu.(ji’a 12)



  1. Hojiiwwan Gurguddoo Idilee Waajjirichaa

    • Hojii Gahumsa Tajaajila dhaabbilee Aadaafi Tuurizimii mirkaneessuu hojjachuu

    • Hojii Qorannoo fi qu’aannoo afaan oromoo guddisuu babal’isuu gaggeesuu

    • Hojii Misoomaafi kunuunsa Qabeenya Aadaafi Tuurizimii babal’isuu hojjachuu

    • Hojii Kominikeeshinii, Misooma Gabaa fi Piromoshinnii Aadaafi Tuurizimii bal’inaan gaggessuu

  1. Kaayyoo Hojiiwwan Gurguddoo

  • Qabeenya hawwata tuuristii godinichaa midiyaalee adda addaatiin beeksisuun dhangal’iinsi tuuristootaa dachaan akka dabalu gochuudhaan galiin seektarichaa argamus haalaan akka dabalu taasisuu,

  • Abbootii qabeenyaa fi hojjetoota dhaabbiilee aadaa fi tuurizimiif hubannoo fi leenjii ogummaa kennuudhaan tajaajilaa fi sadarkaa dhaabbilee seektarichaa gara sadarkaa fooyyee fi ol’aanaatti ceessisuu.

  • Hojmaata rifoormii fi ijaarsa raayyaa siivil sarvisii sadarkaa godinaa hanga caasaalee gaditti guutumaan guutuutti hojiirra oolchuun seektaricha sadarkaa olaanaatti ceheesisuu.

  1. Galmoota Hojiiwwan Gurguddoo

  • Bu’aa qorannoowwaniin rakkoolee ummataa bal’aa gara garaa hiikuun amantaa ummataa guddisuu

  • Carraa hojii seektaricha keessatti uumamu irraa lammii hedduu fayyadamaa taasisuu.

  • Hojiilee piroomooshinii midiyaalee adda addaan hojjetameen kan ka’e iddoowwan gahumsa hawwata tuurizimii godinichaa bal’inaan ni beekamu. Kan hinmisoomne ammoo beekamanii abbootii qabeenyaan akka misooman ni ta’a.

  • Hojiiwwan hubannoo fi leenjii bal’aa hojjetameen dhaabbileen aadaa fi tuurizimii godinichaa tajaajila qulqullinaa fi gahumsa qabu kennuudhaan itti quufiinsa maamiltootaa fi ummataa ni mirkaneessu.

  • Danbii fi qajeelfama mootummaa qixa sirriitti hojiirra ooleen abbootiin qabeenyaa, mootummaa fi hawaasni bal’aa fayyadamtootaa taasisuu fi sochii kiraa sassabdootaa to’achuu fi ittisuun galii seektaricha irraa argamu guddisuu.

  • Hojmaata rifoormii fi ijaarsaan raayyaa S/S/ hojiirraa ooleen seektarichi hawaasa bal’aa keessatti ajaajila bulchiinsa gaarii ni mirkaneessa



    1. Kaayyoolee Tarsimoo’aa Waliigalaa (Corporate Objectives) 2010

La

KallattiiMadaallii

Kaayyoolee

1

Mammila (%20)

    1. Itti quufinsa ummata /lammii guddisuu .(%10)

    2. Fayyadamummaa ummataa guddisuu.(%10)

2

Faayinaansii (%15)

    1. Bu’aa qabeessummaa baajataa fi Ittifayyadama qabeenyaa fooyyessuu. (%15)

3


AdeemsaKeessaa (%45)


    1. Gahumsa tajaajila dhaabbilee Aadaafi Tuurizimii guddisuu (%6)

    2. Qorannoofi Qo’annoo Oromoo babal’isuu (6)

    3. Qorrannoo, Misoomafi kuununsa Hambaalee fi Qabeenya uumamaa hawwata turizimii guddisuu. (6)

    4. Misoomafi baball’ina Sonaa fi Indistrii aadaa guddisuu (6)

    5. Kominikeeshiinii, promooshinii fi misooma gabaa guddisuu (6)

    6. Hojimaata Hoggansa Gurmaa’insa, Kunuunsa fi Tamsaasa Ragaa foyyeessuu. (3)

    7. Hojimaata Bulchiinsa Gaariifi Kenniinsa Tajaajilaa fooyyeessuu (2)

    8. Hirmaannaa Ummataa fi Qindoomina Qooda fudhatoota guddisuu(2)

    9. Muuxannoowwan Gaggaarii Qinddeessuun akka babal’atan taasiisuu (2)

    10. Sirna karoora hordoffii, deeggarsaa, to’annoofi gamagamaa raawwii hojii fooyyessu (2)

    11. Danddeetti barnoota fi leenjii Seektarichaa guddisuu. (2)

    12. Qindoomina dhimmoota seektaroota hundaa/main streaming issue/ guddisuu (2)

4

IjaarsaDandeettii (%20)

    1. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyessuu (8)

    2. Dhiyeessii fi itti fayyadama teknoloojii guddisuu (6)

    3. Aadaa hojiifi naannoo hojii fooyyesuu (6)

Yüklə 0,86 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin