Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaatti Karoora Waggaa Bara 2010 Caamsa 2010 Adaamaa Seensa


Safartulee Raawwii Tarsiimoo’aafi Tareeffama Hojiiwwan Gurguddoo Bara 2010



Yüklə 0,86 Mb.
səhifə5/13
tarix27.12.2018
ölçüsü0,86 Mb.
#86821
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13


8. Safartulee Raawwii Tarsiimoo’aafi Tareeffama Hojiiwwan Gurguddoo Bara 2010 W/ra Aadaafi Turizimitiin Godinaa
Rayyaa jijjiiramaa cimaa ta’e ijaaruudhaan Qabeenya Aadaafi qabeenya uumamaa hawwata tuurizimii godinaa keenyaa hirmaannaa ummataatiin qorachuu, misoomsuu, babal’isuu, kunuunsuufi beeksisuun fayyadamummaa ummataa sadarkaadhaan mirkaneessuu,

  1. Ittiquufinsa /maamilaa/ ummataa guddisuu

    1. Ittiquufinsa dabalee%n 88-90

  • Qophii ka’umsahojii (TOR) fi meeshaalee ragaan ittiin funaanamu Yeroo 4 qopheessuu

  • Sagantaa xinxaalaitti fayyadamumma maamila Yeroo 4 gageessu

  • Sakatta’iinsagaggeessuu, ragaa sassaabame qaaccessuudhaanYeroo 4 qindeessuu

  1. Fayyadamummaa ummataa guddisuu.

    1. Tajaajjila dubbisaafi do’ii hambaalee irraa ummata fayyadamaa ta’e hang bara 2010tti 30,000 olguddisuu.

Toftaa Rawwii

  • Tajaajila dubbisaa godinaa hanga aanaatti kennunn.

  • Barreeffama buu’aa qorannoo godinaa ta’an, Afaan, Seena, Aadaa, Dinagdee, siyaasaaf, hawasummaa barreefaman walittii qabuu,

  • Tajaajilamtoota mana kitaabaa fi godambaa tajaajila dubbisaa fi qu’annoo kennuu

  • Goda Hambaa Aadaa fi Seenaa Godinaa Gurmeessuu

  • Meeshaalle hojii Golahambaa keessatti barbaachisan akka galan gochuu.

    1. Ummata sadarkaa godinaa hanga aanaatti hubannoo argate bara 2010tti 1,050,000 ol guddisuu.

Toftaa Rawwii

  • Aanaaleefi magaaloota hunda keessatti qabeenya aadaafi tuurizimii irratti dubartootaafi dargaggootaaf Abbootii qabeenyaatiif mata duree adda addaa irratti hojiilee hubannoo adda addaa raawwachuu. Carraa hojii irratti, Ga’umsa dhaabbilee irratti, Barmaatilee midhaa qaban irratti, HIV Edisii irratti, Kora adda addaa irratti,Sonaa fi Industrii Aadaa irratti ,Carraa Investimantii irratti Waltajjii gaggeeffamun ummataaf hubannoo laachuu. Karoora godinaa irratti Abbootii gadaa daawwachistoota, Abbootii qabeenyaa, Abbootii Amantaa, Waldaa dubarttootaa fi waldaalee adda addaatiif hubannoo kennuu.

    1. Seektera Aadaafi tuurizimii irraa namoota carraan hojii uumameef bara 2010tti 18,636tiin gahuu

  • Toftaa Raawwii

  • Dhaabbilee aadaafi tuurizimii irraa hawaasaa fayyadamaa jiru guddisuuf Aanaaleefi magaaloota hunda keessatti qabeenya aadaafi tuurizimii qoratameefi misomee irratti dubartootaafi dargaggootaaf carraa hojii uumuu. (tuurizimii hawaasa bu'ureffate, hojiifi gurgurta oogumma harkaa, faaya aadaa, nyaata aadaa, hojii artii, dhabbilee aadaafi tuurizimii keessatti fi kkf) irraa fayyadamtoota akka ta’an hojjechuu. Carraa/opportunity/ godinichaa irratti jiru fi fedhii jiru addaan baasuu

  • Qaammoolee adda addaa (IMX, BLTO, WLQO fI kkf) waliin ta’uun seektara kana keessatti carraan hojii akka babalatu haala mijeessuufi hojiilee adda addaa raawwachuu

  • Godinootaafi magaaloota keessatti caaraan hojii seektara aadaaf tuurizimii akka guddatu taasisuu irratti qorannoo gaggeessuun, haala qabatamaafi carraa jiran xiinxaluudhaan gosoota tajaajilaafi oomishaa carraa hojii uumuufi tooftawwan ittifayyadamaa qorannoon adda baasuun sadarkaa hundatti gadi buusuu, akka gurmaa’an deeggeersa ooggumma gochuun gabaa keessa akka galaan gochuu

  • Bakkeewwan ga’umsa tuuristii irratti gosoota tajaajila tuuristii hawaasa bu’uurfate irratti carratti hojiifi tooftawwan ittifayyadamaa adda baasuun tokkoon tokkoon isaanii irratti piropoozaala piroojakatii qopheesuun sadarkaawwan hundatti gadi buusuun akka hojii irra oolu taasisuu, akka gurmaa’an deeggeersa ooggumma gochuun gabaa keessa akka galaan gochuu.Walumaagalatti magaalaafi baadiyaatti carraa hojii seekterichaa gudisuu.

    1. Ummataa hojii artiitiin tajaajila argate hanga bara 2010tti 300,000 dhaqabsiisuu

  • Toftaa Raawwii

  • Tajaajila tiyaatiraa do’ii adda addaa, hojjiwwan aartii sadarkaa aanaa irraa kaasee dhiyaatu irraa ummata fayyadamaa ta,e.

  • Galmi Tiyaatira tajaajila akka kennu taasisuu

  • Bu’aalee qorannoo artii karaa muuziqa,sirba Diraamaa,bocafi haalluu 10 filachuudhaan woltajjiidhaaf akka qophaa’uu haala mijjeessuu

  • Agarsiisa Fakki, suuraaf booca aadaaf seenaa godinaa ibsan qopheessuu.

  1. Bu’aqabeessummaabaajataa fi Ittifayyadama qabeenyaa fooyyessuu

    1. Qisaasina maallaqaa fi qabeenyaa hir’ate hanga bara 2010 % 4.2-3.8. hir’isuu.

  • Toftaa Raawwii

  • Aadaan qusannoo akka fooyya'u taasisuun baajata ramadame qusannaan itti fayyadamuu qisaasina qabeenyaa hir'isuu.

  • Sagantaa odiitii Qabeenya (Dhaabbii, Dhumataafii Maxansaalee adda addaa) akkasumas raawwii hojii Qabeenya Humna Namaa qopheessuu

    1. Gahumsaa itti fayyadama baajataa dabale (efficiency) hanga bara 2010 %93.2 irra %94.2 dhaqabsiisuu.

  • Toftaa Raawwii

  • To'annaa baasii baajataa fooyyessuu

  • Odiitii , Qabeenyaa meeshaa, Humnaanama Raawwachuu % 100

  • Bittaa gaggeeffamu mara karaa seera qabeessata'een akka taasifamu gochuun % 100 kiraa sabsaabummaa gama kanaan jiru akka hafu taasisuu.

    1. Madda galii dabalataa rgachuuf pirojekti proposalli qopha’e lakkoofsaan bara 2010tti 11n gahuu.

  • Toftaa Raawwii

  • Hanqina baajataa qabnu furuuf abuura maallaqaa adda adda (pirojeekt piropoozaalii) qopheesuun

  • Bakkeewwan ga’umsa tuuristti tajaajili tuuristii hawaasa bu’uurfate ittiin adda bahe keessa 1 irratti piropoozaala piroojaktii hawaasini ittiin gargaarsa argachuu danda’u qopheessuun qaamoota mootummaafi miti-mootummaa deeggersa gochuu danda’u gara garaa biraan gahuu bu’aa isaa hodofuu.

  • Kununsaa hamabaaleefi qabeenya uumamaa hawwata ilaalchisee piropoozaala piroojaktii 1 qopheessuun qaamoota gargaarsaa mahaalaqaa kennan ykn kan dhimmii ilaalu hunda biraan ga’uu’uun hordofuu,akka milkaa’u taasisuu

  • Fedhii misoomaa dhiyaatu irratti hundaa’uun poroppozaalii porojektota misooma 15 qophessuun fundii barbaaduu.

    1. Pirojekti proposaali qopha’aan keessa kan bu’a qabeessa ta’aan bara 2010tti 8 gahuu.

  • Toftaa Raawwii

  • Hojii piromooshinii fi kennaa tajaajila aadda addaa hojechuun galiin keessaa dabaluuf Pirojekti proposaali qopha’aan keessa 1 bu’a qabeessa taasiisuun argamsiisuu

    1. Tajaajiloota kennaman irraa galii argame bara 2010tti qr. 534,279tiin gahuu.

  • Toftaa Raawwii

  1. Gahumsa tajaajila dhaabbilee Aadaafi Tuurizimii godinaa guddisuu

    1. Baay’ina Dhaabilee Tajaajila Aadaa dabale bara 2010tti 105tti ol guddisuu.

    2. Baay’ina Dhaabilee Tajaajila tuuristii dabale bara 2010tti 7ol guddisuu

    3. Dhaabilee Aadaafi Tuurizimii gorsaafi deeggarsa ogummaa argatan bara 2010tti 216 ol guddisuu.

    4. Dhaabbilee tajaajila Aadaafi Tuurizimii mirkaneessa gahumsa ogumma argatan bara2010tti 483tiin gahuu.

    5. Dhaabbilee tajaajila tuuristii sadarkaa urjii argatan bara 2010tti 7 tiin gahuu.

    6. Dhaabilee Aadaaf Turizimii Tajaajila isaanii foyyeeffatan ilaalchisee bara 2010 tti %950-960 dhaqabsiisuu.

  • Toftaa Raawwii

  • Dhaabilee dhuunfaa seektara Aadaafi Tuurizimii irratti yeroo yeroon too’annoofi hordooffii gaggeessu, hanqinnaafi cimina jiru adda baasuun hanqina mul’ate akka fooyyeeffatan taasiisuu.

  • Danmbiifi qajeelfamee bahee irratti hundaa’un dhaabileen Aadaaf Turizimii Dhuunfaa ulgaa barbaachisu guutaniif hayyama ga’umsa isaanii mirkaneessu kennu, haaromsuu, kan sadarkaa keessa galan addaan baasu, sadarakaa kennisiisuu.

  • Dhaabilee Aadaaf Turizimii ilaalchisee gosa tajaajila isaaniitiifi sadarkaa ga’umsaa isaaniitiin, carraa hojii gama kanaan uumame, sochii tuuristti naanicha keessatti gaggeefame dhaangala’iinsaafi galii argame irratti yeroo yeroon raga waytaawaa ta’e walitti qabuunfi qindeessuu.

  1. Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo babal’isuu

    1. Qorannoo fi Qo’annoo Afaan, Seenaa, Xinmaddafi Artii hanga bara 2010tti 271 kan ture bara 2010tti lakkoofsa qorannoo Afaan,49 Seeenaa, 24 Xinmadda 25 fi Artii 37 walumaa galatti qorannoo 306 gaggeessuu.

  • Toftaa Raawwii (Toftaa Raawwii keessatti Ulaagaan Qorannoo sadadarkaa Godinaafi Aanaa

  • Hojiiwwan qorannoo Afaan Oromoo, Seenaa, Xinmaddafi Artiin Oromoo ballinaaniifi ga’umsaan qorachuun bu’aaleen qorannoo jildeeffamanii uumata bira akka gahaan taasiisuu

  • Bu’aalee qorannoo hundi isaanii uummata biraan gahuun proomoshiniif oolauu isaanii mirkaneessuu

  • Qorannoofi qo’annoo sadarkaa godinaa hanga aanaatti akka hojjatamu taasiisuu.

  1. Qorrannoo, misoomafi hambaalee qabeenya uumamaa hawwata turizimii guddisuu.

    1. Qorannoo Hambaaleefi Qabeenya hawwata turiziimii irratti gaggeeffame hanga bara 2010tti 59 gahuu.

    2. Hambaalee kan haaraa ijaaraman hanga bara 2010tti 6 gahuu.

    3. Hambaalee hinsochoonefi socho’an akka godinaatti galmeeffaman bara 2010tti 51galmeessuu.

    4. Bu’uuraalee misooma bakka hawwata turizimiitti baballate ilaalchisee hanga bara 2010tti bakka hawwata turistiitii 5 irratti k.m.31 ol guddisuu.

  • Toftaa Raawwii

Porojektii Haaraa hirmaanaa uummataatiin Sada. Godinaafi aanaatti ijaaruu

I. Ijaarsa Ardaalee jilaa (Galma abbaa Gadaa) ilaalchisee

1.1.Buleeyyii ;Ijaarsi Ardaalee jilaa Buleeyyii 5 irratti gaggeeffamaa jiru akka xummuramuu hordoffii gochuu.

1. Boosat ;%99 irratt sad.baaxii irraa kaasuun galmicha xumuruun eebbisiisuu

2. Booraa; gara sadarkaa xumuruun gesisuun eebbisiisuu.

3. Gimbichuu;ijaarsa hanga baaxiitti gahuun xumursisuu

4.Fantaallee; . ijaarsa hanga baaxiitti gahuun xumursisuu

5.Dugdaa- ijaarsa xumursisuun eebisisuu

1.2.Ardaalee jilaa haaraa 2 ( Lumee,ATJk) akka hundaa’an

w/r A/T Aanolee fi hawaasa waliin marii fi xiinxala gaggeessuun haala mijeessuu

  • Waajjira A/tur/Hoggansa aanaa mariisisuu.

  • Hawaasa bal’aa ,abbootii gadaa fi maanguddoota aanaa mariisisuu.

  • Iddoo ijaarsaa jiraachuu adda baafachuun kaartaa lafaa hojjechiisuu.

  • Karoora Aanaa gochuun qabachuu.

  • Dizaayinii fi Ispeesifikeeshinii qopheessuu..

  • Qabeenya uumamaafi hambaalee akka hawwata tuuristii misoomaaf dursii keennamuuf qabu keessaa bakkeewwan akka zoonii tuurizimiitti,hambaalee ykn akka dawoo beenladaa ta’uu danda’an kaneen qorannoon adda bahan bu’aa qorannoo irratti hundaa’uun akka daangefaman, akka kunuunfamaniifi eegaman taasisuu,

  • Ardoota jilaa akka godinaatti jiran qorannoon adda baasuun haala misoomaa olaniif mijeessuu.

  • Bakkeewwan hawwata tuuristii taajaajil tuuristii akka misoomu waajjira Invastimantii Godinaa waliin hojjedhuu,

  • Bakkeewwan hawwata tuuristii irratti hirmaanaa uummataatiin daandiin baadiyaa haaraa akka ijaaramuu haala mijeessuu

  1. Misooma baball’ina Sonaa fi Indistrii aadaa guddisuu.

    1. Dhaabbilee, waldaaleefi indistrii aadaa lakkoofsaan hanga bara 2010tti 21tiin gahuu.

    2. Hojjiwwan artii qopha’anii uummata bira gahan hanga bara 2010tti lakkoofsa isaa 76 dhaqabsiisuu.

    3. Torbeefi Jiila aadaa gaggeeffame hanga bara 2010tti sadarkaa godinaa hanga aanaatti gaggeessuun 51 ol guddisuu.

    4. Dhaabbilee aadaaWalittihidhamiinsa gabaa uumameef bara 2010 Waldaalee meeshaa oomisha ogummaa harkaa , daldalaafi oomishaalee aadaa adda addaa irratti gurmaa’an 12 walitti hidhiinsa gabaa uumuu

    5. Omishaafi tajaajila Indistrii Aadaa irraa galii argamsisu bara 2010tti 450,000 Waldaalee meeshaa ogummaa harkaa aadaafi omishaawwan adaa addaa maagaalootaafi aanaalee irratti gurmeessuun hojiitti bobbaasuu galii qar. 450,000 akka horatan

    6. Beekumsa xabboo ummataa adda basuun akka beekaman taasisuu ilaalchisee bara 2009tti 16 kan turee bara 2010tti Ragawwan Sona Aadaa ta’ani kan barreffaman kan hinbarreffamiin ,kan warabamani jiran walitti qabuun qindessuun ka’un raga qorannoof gargaaran taasisuu Beekumsa xabboo ummataa adda basuun akka beekamanifi bu’aa diinagdee kessatti gahee akka taphatnan haala mijessuuf hojjiwwan 26 hojjachuu.

  • Toftaa Raawwii

  • Waajiraaleen Aadaaf Turizimii Aanoota10 fi Magaala 1 irratti tajaajila tiyaatira,muuziqaa, agarsiisaafi tajajaajila ogummaa kanaan walfakkatu kennuu kan danda’n galma aadaa tokko tokko horatan gochuu,Dhaabbilee, waldaaleefi indistrii aadaa akka hunddeessan gochuun raawwii isaairratti deeggarsa ogummaa kennuu

  • Waldaalee meeshaa ogummaa harkaa aadaafi omishaawwan adaa adda addaa oomishaniifi gurguran maagaalootaafi aanaalee irratti gurmeessuun hojiitti bobbaasuu, ogummaan deeggaruu

  • Godinicha keessatti meeshaan ogummaa harkaa aadaafi fakkiin boca harkaa misoomee baldhinaan gabaa irra akka oolu taasisuuf qorannoo gochuun dokumantii guutuu ta’e tokko qopheessuu

  • Waarii artii sadarkaa godinaalee, magaalotaafi aanaaleetti gaggeessuu.

  • Konsartii muuziqaa sadarkaa godinaaleefi magaalootaatti gaggeessuu.

  • Sadarkaa godiaatti agarsiisa fakkii 1 gaggeessuu.

  • Tiyaatirootaafi qophiiwwan muuziqaa adda addaatiif tajaajila ilaalcha/agarsiisaa kennuu.

  • Tiyaatiroota dhedheeroofi gaggaaboo akkasuma diraamaa muuziiqaa adda addaa qopheessuun uummatatti agarsiisuu..

  • Kabaja guyyoota adda addaa gaggeessuu.

  • Waldaalee meeshaa oomishaa ogummaa harkaa aadaa, daldalaafi oomishaalee aadaa adda addaa irratti gurmaa’anif walitti hidhiinsa gabaa uumuu

  • Hojii danddeettii cimsuu hojjachuun Omisha qulqullina qabu akka dhiyeessan gochuunfi Dizaayinii adda addaa hawwataa ta’an akka qopheessan taasiisuun Waldaalee meeshaa ogummaa harkaa aadaafi omishaawwan adaa adda addaa oomishaniifi gurguran maagaalootaafi aanaalee irratti gurmeessuun hojiitti bobbaasuu galii akka horatan taasiisuu.

  • Barsifata dubartootarratt, da’imanirraati hawasarratii miidhaa fidan dhabamsiisuuf gargaarsaafi deggarsa barbaaduun qaama dhimmi ilaalu wajjin hojjachuu.

  • Barsiifata midhaa fidan qorachuun adda baasuun hubannoo uumuu.

  • Aadaa alaa galtee midhaa fidaan adda baasuun akka Aadaa keenya hin booressineefi dhloota haraa hinburjaajessinee toftaa adda addaan hubannoo uumuun hawasarraa ittisuu. Guyyaawwan adda addaa uummata biratti kabajaman addaan baasuun beeksisuun madda galii akka uuman taasisuu.

  • Ragawwan Sona Aadaa ta’ani kan barreffaman kan hinbarreffamiin ,kan warabamani jiran walitti qabuun qindessuun ka’un raga qorannoof gararan taasisuu

  • Beekumsa xabboo ummataa adda basuun akka beekamanifi bu’aa diinagdee kessatti gahee taphatnan haala mijessuu.

  • Jiruufi jireenya uummtaa keessatii seera wal horuu (fuudhaafi heeruma,sirboota ,dudhaa kkf ) walqabsiisuun ragawan walitti qabuun qoratootaf hala mijessuu.

  • Sona aadaa dinagdee(omishhufi raabsuu, - qonna,daldala,horsisuu kkf qorachuun ragawan qidessani ka’u

  • Amantii, falaasama, nagaafi tasigabbii, ummataa adda baasuun qorachuunn ifa baasuu.

  • Sonni aadaa .dinagdee guddisuu (GDP) kessatti gahee qabu iftoomsuu.

  • Nyaata, aadaa uffata aadaa, faaya aadaa akka babal’atanii bekamanifi bu’aa hawaas dinagideef akka olaan qoranoo ademsisuu.

  1. Qunamtii, Piroomooshinii fi misooma gabaa guddisuu

    1. Bay’ina odeeffannoo miidiyaan tamsa’e lakk . 324

  • Odeeffannoowwan sagantaalee, oduufi beeksisaan miidiyaalee elektirooniksiifi pireesootaan tamsaasuu.

  • Dookumentarii fiilmii sadarkaa isaa eeggate 1 qopheessuun miidiyaalee mootummaaf kennuufi odeeffannoowwan CD tiin hawaasa qaqqabsiisuu.

    1. Baay’ina gosa maxxansaalee qopha’e raabsame lakk. 168

  • Barruu gosa 60 qopheessuu

  • Birooshara gosa 60

  • Banerii gosa 70

  • Postera gosa 65

  • Lakkooftuu guyyaa 5

  • Kaardii hawwii gaarii 5

  • Bilboordii 10

  • Barjaa (sign bord) 6

    1. Waltajjiiwwan qinda’efi qopha’e lakk. 252

  • Waltajjiiwwan 300 kan akka kora,paanaalii,marii haala yeroo ilaalchisee qopha’u qindeessuun ergaawwan Biiroofi godinaa dabarsuun.Qaamoolee qooda fudhattootaafi qaamoolee hawaasaa waliin waltajjii marii gurguddaa 120 qopheessuu

    1. Ayyaanoota (events) qinda’elakk. 153

  • Ayyaanoota uummataa kanneen gurguddoo ta’an,akkasumas /events/ 225 qindeessuun akka godinaatti akka kabajamu gochuu. ( Irreecha, Guyyaa tur. adunya, Guyya Torbee aadaa, kkf

    1. Yaa’insa turistii biyya keessaa gara 295,742 olguddisuu

  • Aanaaleefi Magaaloota keessatti gumiiwwan naannookee barii babaldhisuu

  • Tuurii walbarsiisuu ( fam-trip) dhaabbiilee addaa addaa waliingeeggessuu

    1. Yaa’insa turistii biyya alaa dabale lakk .105,317

    2. Galii turisti biyya alaa irraa argame qarshii 106,332,813 – 256,332,813 olguddisuu.

    3. Galii turisti biyya keessa irraa argame qarshii 3,000,000 olguddisuu.

    4. Agarsiisa egzibiishiniifi baazaarii biyya keessatti qopha’eefi hirmaatame lakk. 15

  • Egzibiishinoota socho’aniifi baazaariiwwan Godinaaleefi Magaalota keessatti qopheessuun walitti hiidhamiinsa gabaa cimsuu..

  • Egzibiishiniinoota sadarkaa naannootti qopha’an 2 keessatti hirmaachuun hojii beeksisaa raawwachuu

  • Toftaa Raawwii

  • Barruu , Birooshara, Baanerii, Poostera, Lakkooftuu,Kaardii hawwii gaarii , Bilboordiifi Barjaa (sign bord) adda addaa qopheessuun

  • Waltajjiiwwan kan akka kora,paanaalii,marii haala yeroo ilaalchisee qophaa’u qindeessuun ergaawwan waajjira dabarsuun. Qaamoolee qooda fudhattootaafi qaamoolee hawaasaa waliin waltajjii marii gurguddaa qopheessuu

  • Ayyaanoota ummataa kanneen gurguddoo ta’an,akkasumas /events/ adda addaa qindeessuun akka godinaatti akka kabajamu gochuu. ( Irreecha, Guyyaa tur. addunya, Torbee aadaa, kkf.

  • Aanaalee fi magaaloota keessatti gumiiwwan biyyakee barii babaldhisuu

  • Tuurii walbarsiisuu ( fam-trip) dhaabbiilee addaa addaa waliin geeggessuu

  • Bakkeewwan gahumsi turistii gurguddoo irratti logo mataa isaanii qabaachuun hojii beeksisuu Egzibiishinoota socho’aniifi baazaariiwwan aanootaafi Magaalota keessatti qopheessuun walitti hiidhamiinsa gabaa cimsuu.

  • Egzibiishiniinoota sadarkaa naannoofi godinaaleetti qophaa’an keessatti hirmaachuun hojii beeksisaa hojetamuun akka galiin isaanii guddatu taasisuu.




  1. Hojimaata hoggansa gurmaa’insa, kunuunsa fi tamsaasa ragaafoyyeessuu

    1. Sirna raga diriire hanga bara2009tti 10kan ture bara2010 lakk Seeraafi sirna ragaa15 dirirsuu.

    2. Ragaalee walitti qabamee ilaalchisee bara 2010tti 474 tiin gahuu.

  • Toftaa Raawwii

  • Caasaa Godina keessatti sadarkaa godinaa hanga aanaatti wirtuu ragaa 3 dirirsuu.

  • Tooftaa qabiinsa ragaa seektarichaa caasaa godinaa hanga aanaatti jiran keessatti diriirsu.

  • Tooftaa qabiinsa raga diriireen odeeffannoowwan sektarichaa % 100 gurmeessu

  • Sirnaafi hojimaata qabiisa, kuufama ragaa irratti qajeelfamaa/guide line/qopheessuun sadarkaaleen gadi buusuun hojii irra ooluchuu.

  • Qabeenya aadaaf turizimii irrattifi odeefannoo godinicha wolitti qabu

  • Qabeenya aadaa fi iddoowwan hawwata turistii, Dhangala’insafi galii turistii, Manneen kitaabaa sadarkaa godinaa hanga aanaatti jiran irratti ragaa walitti qabuun qindeessuu.

  1. Hojimaata bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajilaa fooyyeessu

    1. Komii uummataa xiqqate hanga bara 2010tti %n 6 irra kan ture bara 2009ttiRaawwii hojiirra oolmaa qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii qorachuufi qindeessuun % 5 xiqqeessuu.

    2. Kenna tajaajilaa fooyya’e hanga bara 2009tti % 78 kan ture bara 2010tti madaalli raawwi hojii yeroo yeroon geggeessu%81 gahuu.

Toftaa Raawwii

  • Rakkoowwan bulchiinsa gaariirratti sadarkaa hundatti miidhaa inni mioomaa fi ijaarsa sirna dimokiraasii irratti qabu hubatee namni hundi keessaawuu ummatni bal’aan akka irratti qabsaa’u gochuun barbaachisaadha.Dandeetti fi beekumsa raawwata guddisuu fi jijjiirama ilaalchaa fiduuf hojii ijaarsa dandeetti ittifufiinsa qabu hojjechu,Qajeelfamoota, dambiiwwan, fi qorannoowwan meeshaale jijjiiramaa guutumaa guututti hojirra akka oolan hordoffi fi gamaaggama walirraa hincinne geggeessuu,

  • Waajjirii godinaa fi caasaan dakaa kutaa hawaasa dhimmi ilaallatu fi qooda fudhattoota waliin waltajjiii marii uumuun Kurmaana kurmaanaan mariyachiisu,Waltajji marii kanarratti dhimmoota ka’an fi tarkaanfii sirreeffamaa barbaadan adda baasuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu,

  • Chaartarii lammiilee mana hojichaa irra deebiin maxxansiisuun tajaajilamtootaaf ifa fi dhaqqabamaa gochuu akkasumas Raawwii hojii haala isataandaardii kaa’ameen raawwatamu isaa mirkaneessuuf ragaan hojii sadarkaa sadarkaan jiru bifa gurmaa’een qabamaa deemu isaa kurmaana kurmaanaan gamaaggamu,

  • Sakatta’iinsa sadarkaa ittiquufinsa ummataa geggeesuun bu’aa isaarratti hundaa’un foyya’iinsaa kenna tajaajilaa fi hojii geggeessu,

  • Tajaajilamaani fi raawwataan yaada rakkoowwan raawwatiinsa hojii fi bulchiinsa gaarii irratti qabu itti dhiheessu hojimaata tokko diriirsuun galteewwan argamanirratti tajaajilamaa fi raawwata wajiin mariyachuun fooyya’insa walirraa hincinneef hojjachuu,

  • Tajaajilamaan yeroo dhufu haaldurreewwan guuttachu qabu akka beeku iddo ifaan mul’atutti maxxansu,

  • Hojimaata fi burqaawwan kiraa sassaabdummaa tahan yeoo yeroon adda baasuun furmaata isaanirratti hojjachaa deemu,

  • Meesholee refoormii bifa qindaa’aa taheen hojirra oolchu,

  • Hojimaata komiin ummataa haala qajeelfamaan itti keessumma’u irratti cimsani itti deemu,

  • Bu’aawwan marii chaartarii lammiileerratti geggeeffamuun argaman fayydamuun irra deebiin chaartaricha foyyeessu,

  • Aadaa miira gariin hojjchu fi rakko jiru mariin hiikuu dagaagsu.,

  • Karooraafi raawwiin caasaalee WATG, SMBKTtiin akka hogganamu deeggarsa kennu,

  • Hojimaatni SMBKT awtomeshiniin akka deeggaramu taasisuu,

  • Madaalli raawwi hojii yeroo yeroon geggeessu

  1. Yüklə 0,86 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin