Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Bahaatti Karoora Waggaa Bara 2010 Caamsa 2010 Adaamaa Seensa


Hirmaannaa ummataa fi qindoomina qooda fudhatoota guddisuu



Yüklə 0,86 Mb.
səhifə6/13
tarix27.12.2018
ölçüsü0,86 Mb.
#86821
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13

Hirmaannaa ummataa fi qindoomina qooda fudhatoota guddisuu

  1. Waltajjii qindoominaa idileedhan abbootii qabeenyaa dhaabbilee tajaajila turistii kennan waliin adeemsifame, lak.64 Waltajjii qindoominaa bara 2010ttiqooda fudhatoota,Dhaabbilee mit-Mootummaafi Ijaarsa raayyaa Ummata waliin waltajjii 95 taasiisuu.

  2. Hojiiwwan qindominaan hojjataman bara 2010tti hojjiwwan qindoominaa 10iin gahuu.

  • Toftaa Raawwii

Mana Maree Tiraansformeeshini Tuurizimii cimsuu

  • Magaalaa fi Aanaa hanga ammaatti mana marii hin hundeessine adda baasuufi hatattamaan akka dhaabaniifi hojii keessa galan taasisuu.

  • Mana marichaa cimsuudhaaf sadarkaa Godinaa, Magaalaatti Yunvaristii fi koolojota naannoo keenya jiran waliin hojjechuu,

  • Sadarkaa Aanaaleetti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi sadarkaa tokkoffaa waa'ee aadaa fi turizimii naannoo isaanii irratti waan hojjechuu qabaniif isaan wajjin dhiyeenyaan hojjechuun yaadaa fi qorannoodhaan akka nu deeggaran taasisuu

  • Waggaatti al lama ji'a jaha jahaan osoo addaan hin ciccitin manni marichaa waltajjii isaa akka gaggeessuu fi dhimmoota qorannaa, misooma, kunuunsa, piromoshinii qabeenyota aadaa fi tuurizimii irratti akkasumas ga'umsa dhaabbilee tajaajila aadaa fi turizimiirratti hojiilee hojjetaman akka dhaggeeffatu kallattii akka kaa'uu taasisuun mana marichaa cimsuun bu'aa olaanaaf hojjechuu.

  • Gumii Abbootii Gadaa ,Walda’aalee Artistoota , Walda’alee kunuunsaa fi eegumsa hambaa ,Waldaa Daawwachiistootaa , Waldaalee Hawasaa (Dubartootaa, Dargaggootaafi Qonnaan Bulaa), Qorattootaafii Qo’attoota, Abbootii Qabeenyaa, Dhaabbilee Amantaa, Dhaabbilee Mit mootummaa, Dhaabbilee Leenjii Aadaaf Turizimii, Waldaa Barreessitootaa, Dhaabbilee Midiyaa Dhunfaafi Dhaabbilee Omishaafi Gurgurtaa Meeshaalee Ogummaa Aadaa waliin waltajjii marii dhaabbii qopheessuu,Waliigaltee uumuu Karoorrii hojii damee ummataa qopheessuun gaheen qaamoota lamaanu irra caalaa gadifageenyaan adda bahee qaamoonni irratti hojjatan bifa waliigalteetiin akka waliimallatteeffamu qopheessuufi waliimallatteessun hojii waliinii hojjachuu

  • Waajjiraalee godinaa irra jiran waliin dhimma waliini irratti waliigalte uumuun hojiitti hiikuu.

  • Ijaarsa raayyaa jijjiramaa Ummata waliin mariiáchuun karoora waliigalaa baafachuun hojiitti hiiku

  1. Muuxannoowwan gaggaarii qinddeessuun akka babal’atan taasiisu

    1. Muuxannoowwan gaarii qindaa’an bara 2010tti 2-3ol guddisuu gaggeessuu.

  • Toftaa Raawwii

  • Dokumenti yaad-rimee muuxannoo gaarii itti qinda’u qopheessufi hubannoo uumuu.

  1. Sirna karoora hordoffii, deeggarsaa, to’annoofi gamagama Fooyyessu

    1. Uwwisa deeggarsa hordoffiifi gamaaggamaa hanga bara 2009tti %84 irra ture bara 2010tti sadarkaa hundatti hojjechuudhaan % 86 dhaqabsiisuu.

    2. Uwwisaduub-deebii kenname hanga bara 2009tti %n81 ture bara 2010tti %84 dhaqbsiisuu.

    3. Duub-deebii kennameen jijjirama dhufe hanga bara 2009tti %70 irra kan ture bara 2010tti % 75n gahuu.

  • Toftaa Raawwii

  • Formatii karoora, cheeklistiifi gabaasa qopheessuu.

  • Wixinee karoorafi cheeklistii adeemsoota hojiirraa walttiiqabu.

  • Karoora Waajjira Aadaafi Tuuriizmii qopha’ee irratii marii gaggessu.

  • Gamagaama rawwii karooraa Aanaaleefi magaaloota waliin kurmaana kurmaanaa gaggeessuun

  • Too’annoofi hordoffii aanaalee fi Bul/magaalotaatiif gaggeessuu.

  • Too’annoofi hordoffii pirojeektotaa gaggeessuu

  • Too’annoofi hordoffii, Gamagaama rawwii karooraa aanaalee fi Bul/magaalotaa waliin gaggeeffame irratti hundaa’u dubdeebbii kennuu.

  • Gamagaama rawwii karooraa godinaa,aanaa fi magaaloota waliin kurmaana kurmaanaa gaggeessuun jijjirama dhufe madaalaa deemuu.

  1. Danddeettii barnootaaf leenjii seektarichaa guddisuu.

    1. Humna nama barate ( leenji’ee ) seektaricha keessa jiru hanga bara 2009tti %n 4 irra kan ture bara 2010tti %5n gahuu.

    2. Humna namaa haaraa seektaricha keessatti leenjiin kennameef bara 2010tti 325 guddisuu.

  • Toftaa Raawwii

  • Human nama barateefi hin barannee adda baasuu.

  • Namoota leenjiin barbaachisu adda baasuun akka leenjii’an haala mijeessuu

  • Gosoota ogummaa duraan jiran irratti gosoonni ogummaa haaraa dabalataan sirna barnootaa keessatti akka hammataman qaama ilaalatu waliin hojjachuu.

  • Industirii Aadaafi dhaabbilee aadaaf turizimii cimsuuf ogummaa gonfachisuuf leenjii ogummaa artiifi ga’umsa ogummaa adda addaa kennuu.

  • Leenjii Tiyaatiraa, Og-barruu, Shubbii, Fakkiifi Boca harkaa, Faashishoo, Muuziqaa, Ogumaa harkarrafi dhaabbilee aadaaf turizimii irratti leenjii ogummaa haaraa kennuu.

  1. Qindoomina dhimmoota seektaroota hundaa/ main streaming issue/ guddisuu

    1. Carraa hojii ummameen dubartootaafi darggaggoota fayyadamoo ta’an bara 2010tti 4800tti guddisuu

    2. Kunuunsaafi deeggarsa hojjattoota HIV dhiiga isaanii keessa jiruuf taasifame bara 2010tti namoota 30 deeggaruu.

  • Toftaa Raawwii

  • Adeemsoota hunduuma keessaatti karoorifi raawwii dhimma Koorniyaafi daraggootaa idilla’uu isaa hordofaa deemuu.

  • Dargaggoonnifi Dubartoonni aadaa kitaaba dubbisuu akka hortaaniifi araada adda addaa irraa billiisa akka ta’aan hubannoo uumuu.

  • Rakkoowwan Dubartoonnifi dargaggoonni hojattoota sektaara godinaa qaban hiikuuf waltajjii marii itti fufiinsaan qopheessuu.

  • Barmatiille Dubartoota irraatti miidhaa geesisaan irraatti qorannoo gaggeessuun hawaasaaf ifa baasuu.

  • Fokal person dhimma koorniyaafi Dargaggoota Aanaaleefi Magalootaf leenjii kennuu.

  • Caasaa dhimma Koorniyaafi dargaggoota sadarkaa Godina,Aanaa fi Magalootatti diriirsuu.

  • Dargaggootaafi Dubartoota adda duree jajjabeessuun waltajjii adda addaa uumuun adda dureen kan biira akka hortaamuu gochuu.

  • Dubartoota fi Dargaggootaa misooma qabeenya aadaafi tuurizimii irraatti hojjataani fakkeenyaa ta’aan addaan basuun muxannoo gaggaari qindeessuun babal’suu.

  • Hojjatoota Sektaara aadaafi tuurizimii dhimma dargaggootaa, koorniyaafi HIV/AIDSii irratti leenjii kennuu. .

  • Jarmiyyalle dubartootafi dargaggootaa deeggaruuf cimsuu.

  • Xinxaala dhimma koornaayafi dargaggoo gaaggeessuu.

  • Godinaalee, aanaaleefi magaaloota hunda keessatti qabeenya aadaafi tuurizimii qoratameefi misomee irratti dubartootaafi dargaggootaaf carraa hojii uumuu. (tuurizimii hawaasa bu'ureffate, hojiifi gurgurta oogumma harkaa, faaya aadaa, nyaata aadaa, hojii artii, dhabbilee aadaafi tuurizimii keessatti fi kkf) irraa fayyadamtoota akka ta’an hojjechuu. Carraa/opportunity/ godinichaa irratti jiru fi fedhii jiru addaan baasuu drgaggootafi dubartoota 1600 carraa hojiitiin akka fayyadaman taasiisuu.

  1. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantootaa fi raawwattootaa fooyyessuu

    1. Adda dureewwan uumaman ilaalchisee hanga bara 2009 %n 38 ture bara 2010tti % 41tti guddisuu.

    2. Raawwii hoggantootaafi raawwattoota hanga bara 2009tti %83 ture bara 2009 % 85fooyyeessuu.

    3. Hoggantootaa fi raawwattootaa leenjii yeroo gabaabaa argatan hanga bara 2010tti 304tiin gahuu.

    4. Hoggantootaafi raawwattoota leenjii yeroo dheeraa argatan bara 2010tti 5n gahuu.

  • Toftaa Raawwii.

  • Madaalli raawwi hojii yeroo yeroon gaggeessuu.

  • Hoggantootafi hojjatoota sadarkaa sadaarkaan jiraniif Qajeelfama Naamusaa irratti hubannoo kennuu.

  • Malaammaltummaafi Tooftaa qabsoo farramalaammaltummaa irratti hammattoo seeraa hubachisuu

  • Fedhii leenjii yeroo gabaabaa Sakatta’iinsa gaggeessuu adda baasuun haaala leenjii waliin qindeessu.



  1. Dhiyeessii fi ittifayyadama teknoloojii guddisuu

    1. Uwwisa neetworkii diriiree hanga bara 2008tti %n 41 kan ture bara 2010tti %44n gahuu.

    2. Ittifayyadama teekinooloojii dabale hojjira oole ilaalchisee hanga bara 2009tti %75 kan ture bara 2010tti %75 dhaqabsiisuu.

  • Toftaa Raawwii

  • Sagantaa MIS biiroo keessatti diriirsuu.

  • Itti fayyadama Weebsayitii Aanaaleefi magaalota keessatti hojii irra oolchuu

  • Raawwatootaaf fayyadama IT irratti leenjii bu’uura kennuu

  • Hojii hunda atoomeeshiniin hojechuu.

  • Itti fayyadama teekinooloojii sad. godinaafi aanaa dhaqabsiisuu.

  1. Aadaa fi naannoo hojii fooyyesuu

    1. Waltajjii Hubannoo uumuuf hojjatootaaf qophaa’ee bara 2010tti tti waltajjii 61 qopheessuu.

    2. Itti quufinsa hojjattootaa dabale hanga bara 2009tti %n 71 kan ture bara 2008tti % 74 guddisuu

    3. Dhiyeessa loojistikiifi bakka hojii fooyya'e ilaalchisee hanga bara 2008tti %68 kan ture bara 2010 gara %72tti ol guddisuu.

    4. Seera qabeessumma/ namusa hojjetoota dabale ilaalchisee hanga bara 2008tti % 79 kan ture bara 2010tti % 81 ol guddisuu

  • Toftaa Raawwii

  • Qaxarriifi Jijjiirraa hojjattootaa raawwachuu. Hoggantootafi hojjatoota sadarkaa sadaarkaan jiraniif Qajeelfama Naamusaa, irratti leenjii Hubannoo uumuu kennuu

  • Haala naannoo hojii mijeessuu qorannoo mijaa’ina iddoo hojii gaggeessuu.

  • Sirna komiin itti hiikatu diiriirsuun.

  • Qorannoo mijaa’ina iddo hojii, “manning & positioning” fi faaydaalee adda addaa geggeessu

  • Madaalli raawwi hojii yeroo yeroon geggeessun.



T.L

Tarkaaffiiwwa taarsiimo Hojiiwwan gurguddoo sagantaa Idile

Saf.

Ka’umsa

2009


Karoowagg.

2010




Yeroo raawwii

Iddoo raawwii

Kurmaana 1ffaa

Kurmaana 2ffaa

Kurmaana 3ffaa

Kurmaana 4ffaa




Ad

Hag

Ful

Onk

Sad

Mud

Amj


Gur

Bit

Ebl

Cam

Wax




1

Itti quufinsa ummataa guddisuu




















































    1. Itti quufinsa dabalee%n

%

88

90

-

-

88.5

-

-

89

-

-

89.5

-

-

90

Godina

2

Fayyadamummaa Ummataa guddisuu




















































2.1 Tajaajjila dubbisaa mana kitaabaa irraa ummata fayyadamaa ta’e

Nama

20,000

30,000

20,833

21666

22499

23332

24165

24998

25831

26664

27497

28330

29163

30,000

GodinaAanaafBul.magaalaa




2.2 Ummata hubannoo argate lakka.

Lak

950,000

1,050,000

-

-

975,000

-

-

1,000,000

-

-

1,025,

000


-

-

1,050,000







2.3 Seektera Aadaa fi tuurizimii irraa namoota carraan hojii uumameef

Lakk

16,636

18,636

16,802

16,986

17,152

17318

17484

17650

17816

17982


18148

18314

18480

18363







2.4 Ummataa hojii artiitiin tajaajila argate

Lak

200,000

300,000

-

-

225,000

-

-

250,000

-

-

275,000

-

-

300,000




3

Bu’a qabeessummaa baajataa fi Itti fayyadama qabeenyaa fooyyessuu

















































Yüklə 0,86 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   13




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin