Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immani Oromiyaa



Yüklə 0,6 Mb.
səhifə1/45
tarix07.01.2022
ölçüsü0,6 Mb.
#89668
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   45



Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immani Oromiyaa

Qorannoo JBAH Adeemsa Deggarsaa Proojektoota Misooma Dubartootaa fi Daa’immanii

Finfinnee

Onkololeessa 2007

KUTAA TOKKOFFAA

  1. HAALA WALIIGALAA

1.1 Seensa

Addunyaan jijjiirama ariifachiisaa (dynamic change) keessa kan jirtu yoo ta’u fedhiin tajaajilamtootaas haaluma kanaan yeroo yeroodhaan jijjiirama kan waliin kan tarkaanfatuu ta’uun isaa kan hin ooleedha. Haaluma kanaan JBAH waggoota shaman darban keesaatti qoratmanii hojiirra oolaa turan jijiiramoota jiran kana waliin walsimsiisun fooyyeessuun jijiirama waliin tarkaanfachuufi jijjiiramaaaf qophii ta’uu agarsiisa. Bu’a qabeessuummaa Jijjiiirama Bu’uuraa Adeemsa hojii (JBAH) mana hojii mirkaneeffachuuf raawwii isaa yeroo yeroonmadaaluu, sirreeffama barbaachisaa taasisuudhaan, rakkoolee hojiirraa oolmaa keessatti mudate qoratamee fala itti kenuufi, adeemsa hojiichi amma keessa jiru hubachuudhaan JBAH duraan qoratame fooyyeessuun barbaachisaa ta’ee argameera .

Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa Adeemsaalee Ijoo 3, deggarsaa 5 fi kutaalee Hoggantuutti waamaman sadii of keessatti qabatee kan ijaaramee dha.

Gurmaa’ina Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa Sadarkaa Naannoo



Lakk

Kutaa Hoggantuu

Adeemsaalee Ijoo

Adeemsaalee Deggarsaa

Yaada

1

Kutaa Fooyya’insa Siivil Sarvisii

Idileessa Koorniyaa

Bittaa,Bulchiinsa Qabeenya fi Faaysinansii




42

Qondaala Naamusaa

Gahoomina Dubartootaa

Qabeenya Humna Namaa




3

Kutaa Seeraa

Mirkaneessa Mirga fi Nageenya Daa’immanii

Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa




4







Oditii Keessaa




5







Karoora, Baajeta fi gamaggama, deggarsa fi hordoffii





Biiroon garee teekinikaa JBAH fooyyeessuu/ Recalibrate/ dhaabuun adeemsaalee ijoo tanaan dura filatamanii qoratamanii jiranu keessa 2 akka irra deebi’anii fooyya’an murteesseera.

Adeemsaalee ijoo akka irra deebi’anii qoratamanii fooyyessaman murtaa’anis:

  1. Adeemsa Hojii Ijoo Gahoomina Dubartoota (Core Process of Women Empowerment)

  2. Adeemsa Hojii Ijoo Korniyaa Idileessuu (Core Process of Gender mainstreaming) dha.

Adeemsaalee kun bara 2000 qoratamanii bara 2001 eegalanii hojiirraa oolaa kan turan yemmuu ta’uu yeroo ammaa kana irra deebiin akka fooyyaa’an kan ta’aniidha.

Xinxalaa mandeettii mana hojiichaa fi haala raawwii adeemsaalee qoratamanii kana gadi fageenyaan xiinxaluun jijjiirama yeroo fi tajaajiila maamiltootni barbaadan waliin mana hojiichaa sochoosuuf gareen fooyya’iinsa JBAH Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immani adeemsaalee duran qorataman keessatti hojiileen dubartootaa gahoomsuuf akka mana hojiittis ta’ee akka seektarooratti dubartootaa fayyadamtootaa taasisuuf raawwatamaa ture keessaa hojiin projeektii qorachuu,fandii hojii mana hojichaa raawwachuu fi maddiisiisamani akkasumas projektootnnii dhaabbilee adda addaatiin qophaa’aanii fayyadammummaa dubartotaa fi daa’immanii mirkaneessan iddoon itti mallatta’aan bakka adda addaa ta’uun isaanii mamiltoota kan nuffisiisee fi bu’a qabeessuummaa mana hojiichaa kan hir’isee ta’uun isaa hubatameera. Kanumma irraa ka’uun gareen JBAH fooyyeessuuf hundeffame adeemsaalee lamaan qorataman kessatti bifa bittinaa’een hojiimataa raawwatamaa turan kana adeemsaalee san jalaa baasuun bifa haaraan maqaa “ Adeemsa Hojii Deeggersa Projektoota Misooma Dubartootaa fi Daa’immanii” jedhuun moggafamee bifa haaraatiin akka hojimaatin haaraan adiriiruuf taasiseera.
Dokumantiin kun gabaasa fooyya’iinsa Adeemsa Hojii Deggersaa haaraan diriire kan ibsudha. Dokumantiichi kutaa sadi of keessaatti ammateera. Iaanis kutaa tokkoffaa Haala Waliigala Biiroo Dhimma Dubartoota fi daa’imman Oromiyaa, kutaa lammaffaa Hubannoo Adeemsa Hojii amma mana hojii keessa jiruu (“Understanding the Current processes”) fi kutaa sadaffaan gulantaa Hojumaata haaaraa Diriirsuu (Redesigning stage) qabateera.


Yüklə 0,6 Mb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   45




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin