Boqonna tokkoffaa seensawaliigalaa



Yüklə 0.57 Mb.
səhifə1/12
tarix25.10.2017
ölçüsü0.57 Mb.
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12

BOQONNA TOKKOFFAA

SEENSAWALIIGALAA

1.1 Ka’umsa

Qaamoleen mootummaa sadarkaa federaalaa fi naannootti heeraan hunda’an sadan keessaa, manni murtii isa tokkoo dha (HMRDFI kwt.50 (2) fi HMNO kwt.46). Manni murtii aangoo abbaa seerummaa kennameef, dhiibbaa kamiyyuu irraa bilisa ta’ee seeraan qofa hoogganamee aangoo seera hiikee hojii irra oolchuu qaba. Manni murtii heeraa, imaammata fi seerota jiran bu’ureeffachuun dhimmoota dhiyaataniif irratti seera yoo hiike, mirga, walabummaa fi dantaa dhuunfaa heeraan mirkaneessaman kabachiisuu; sirna siyaasaa, dingdee fi hawaasummaa heeraan mirkaneessaman kabachiisuu, seeraa fi sirni eegamee, nagaa, tasgabbii fi ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u gochuu keessatti shoora ol’aanaa qaba.


Manni murtii dhimmoota dhiyaataniif addaan baasuu baay’ina, ulfina, yeroo barbaadu, humnaa fi qabeenya gaafatu beekuun heddu barbaachisaa dha. Haala kanaan, dhimmoota gosaa fi amala isaanin adda baasanii beekuun, kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa si’aawaa, qulqulluu, haqa qabeessa fi bu’a qabeessa ta’e diriirsanii hojjechuu dandeessisa. Manni murtii dhimmoota dhiyaataniif kan hoogganu, geggeessu, bulchu yoo ta’e, bulchiinsi mana murtii adda dureedhaan waan isa irraa eegamu bahaa jira jechuun ni danda’ama.
Naannoo Oromiyaatti, caaseffamni manneen murtii: mana murtii Aanaa, mana murtii Ol’aanaa fi mana murtii waliigalaatti kan qoodamee dha (HMNO kwt.64 (1) fi labsii lakk.141/2000 kwt.4). Manneen murtii kun bu’uura aangoo isaaniif kennameen himannaa kallattii fi ol’iyyannoo simachuun ilaalanii murteessuuf aangeffamanii jiru. Asirratti ol’iyyannoo ilaalchisee, dhimmoonni mana murtii hawaasummaa gandaatti ilaalaman ol’iyyannoodhaan gara mana murtii aanaa, fi/yookiin mana murtii ol’aanaatti dhiyaatanii ilaalamu ni danda’u. Dhimmoonni mana murtii aanaa irraa ka’an ammoo ol’iyyannoodhaan gara mana murtii ol’aanaatti, akkuma haala isaatti mana murtii waliigalaattis dhiyaatanii ni ilaalamu. Gama biraan, dhimmoonni mana murtii ol’aanaatti dhiyaatan ol’iyyannoodhaan gara mana murtii waliigalaatti dhiyaatanii ni ilaalamu.
Ol’iyyannoo jechuun murtii ifa ta’e tokko irratti jijjiirraan sirnaawaa ta’e akka taasifamuuf adeemsa itti gaafatamuu dha. Akka biyya keenyaatti, ol’iyyannoon mirga heeraa fi seeraan kabajamee dha malee kan manni murtii kennu yookiin dhorkatu miti. Mirgi ol’iyyannoo kun bu’uura seeraan ifatti tumameen ala daanga’uu hin qabu. Mirgi ol’iyyannoo kun hojii irra kan oolus abbaan dhimmaa murtii kenname tokkotti itti quufinsa dhabee yoo ol’iyyannoo gaafatee fi komiis mana murtii ol’iyyannoo dhagahutti yoo dhiyeessee dha. Kanaafuu, mirgi ol’iyyannoo kun mirga biraa murtii/ajaja kennameen dhiibame yookiin tuqame jedhamee yaadame kabachiisuuf adeemsa hordofamuu dha.
Ol’iyyannoon mirga ta’u illee, komiin ol’iyyannoo tokko sababoota (dogoggora yookiin hanqina) murtiin/ajajni jalaa itti komatame tartiibaan ibsuu qaba (SDFHH lakk.328 (1)). Namni ol’iyyannoo dhiyeesse sababoota murtii/ajaja jalaa itti komate yoo hin ibsine, komiin isaa fudhatama hin qabaatu. Ol’iyyataan murtii/ajaja jalaa ilaalchisee firii dubbiis ta’ee ijoo seeraa irratti komii qabu dhiyeessuu ni danda’a jechuun alatti dogoggora akkamiitiif ol’iyyannoon mana murtii ol’iyyannoo dhagahutti dhiyaachuu qaba, manni murtichaas dogoggora gosa akkamiitiif murtii jalaa tuqa kan jedhu ulaagaan ifatti taa’e hin jiru. Kun ammoo abbaan dhimmaa dogoggora hundaaf ol’iyyannoo akka fudhatuu fi manni murtiis dogoggora hundaaf murtii jalaa akka tuqu hin taasisuu kan jedhu dhimma ilaalamuu qabuu dha. Abbootiin dhimmaa murtii/ajaja kenname tokko irratti komiin dhiyeessan akkuma dhimma isaaniitti garagar ta’uu malu illee akka waliigalaatti sababoota abbootii dhimmaa murtii/ajaja tokkotti itti quufinsa dhabsiisanii ol’iyyannoo akka deeman taasisan beekuun barbaachisaa dha. Sababoonni kun ammoo gama mana murtii, qaamolee biraa, fi seera waliin kan walqabatan ta’uu malu.
Sababoonni murtii kennamu tti abbootii dhimmaa itti quufinsa dhabsiisan Ol’iyyannoon akka baay’atu kan taasisan ta’uun beekama dha. Gama biraan, dhimmoonni mana murtiitti dhiyaatan akkuma waliigalaatti baay’achaa deemuun isaanii, ol’iyyannoon akka baay’atu taasisuu keessatti qooda qaba yaadni jedhu jiraachuun dagatamuu hin qabu. Ol’iyyannoon baay’achuun murtii saffisaa kennuu irratti dhiibbaa mataa isaa qaba. Dhimmoonni kun furmaata argachuuf yeroo dheeraa kan fudhatan yoo ta’e, “Haqni Ture Haqa Dhorkatamee dha” (Justice delayed is justice denied) kan jedhu uumamuu danda’a. Kun ammoo namoonni yeroo dheeraadhaaf haqa argachuuf akka eeggachaa turan taasisa, dhaabbanni daldalaa xixxiqoon baasii sababa falmiitiin isaan mudatu hambisuuf jecha waliigaltee yookiin araara hin taane keessa akka seenan taasisa, himattoonni waliigaltee yookiin araara gahaa hin taanetti akka seenan taasisa, mirga namoota hidhamanii ni miidha, abbootiin dhimmaa haala itti dhimmi isaanii xumura argatuuf firaan, maallaqaan, taayitaan, yookiin dhiibbaa adda addaa mana murtii irratti uumuuf socho’u. Dhimmoonni kun yeroo gahaa dha jedhame keessatti furmaata argachuu dhabnaan, uummanni ol’aantummaa seeraa ilaalchisee amantaa akka dhabu taasisa. Kun ammoo hojii mana murtii isa muummee ta’e, kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa kan takaalu ta’ee argama.
Kana waan ta’eef, ol’iyyannoon baay’achuun dhiibbaa hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdee qabaachuu waan danda’uuf, sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan adda baasuun irratti hojjechuun murteessaa dha. Haala kanaan, sababoota ol’iyyannoo baay’isan adda baasuun, ol’iyyannoo hambisuun yoo hin danda’amne illee xiqqeessuun waan danda’amuuf, gama kanaan xiyyeeffannoon irratti hojjatamuu qaba. Kun akkuma jirutti ta’ee garuu, dhimmoota ol’iyyannoon dhiyaatan gosaa fi amala isaaniitiin adda baasuun humna namaa, yeroo fi qabeenya gaafatan gahaa ramaduun, abbootii dhimmaaf furmaata si’aawaa, qulqulluu, fi bu’a qabeessa ta’e kennuun waan cinaatti dhiifamuu miti.
Akkaataa istaatiksii bara 1991 hanga 2005 Manni Murtii Waliigala Oromiyaa qopheesse yoo ilaalamu, dhimmoonni mana murtiitti dhiyaatan akka waliigalaatti kan dabalaa deeman ta’uu dha. Bu’uura kanaan, dhimmoonni Mana Murtii Waliigala Oromiyaa tti dhiyaatan bara 1991 keessa dhimmoota 4,521 yoo ta’an, bara 2005 keessa ammoo dhimmoota 23,439 ta’uu agarsiisa. Kana malee, bara 2001 keessa dhimmoonni 25,416, bara 2002 keessa dhimmoonni 33,598 kan dhiyaatan ta’uu dha. Akkuma waliigalaatti, dhimmoonni mana murtii tti dhiyaatan heddu kan dabalaa deeman yoo ta’u, kun ammoo ol’iyyannoonis akka dabaluuf gumaacha mataa isaa kan qabu ta’uu argisiisa. Kanaafuu, dhimmoonni mana murtiitti dhiyaatan akka waliigalaatti sababoota itti baay’achaa deeman madda isaa adda baasanii irratti hojjechuun akkuma jirutti ta’ee, dhimmoonni kun erga mana murtiitti dhiyaatanii ilaalamanii booda, sababoota abbaan dhimmaa murtii kennametti itti quufuu dhabee ol’iyyannoo akka deemuu fi ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan adda baasuun irratti hojjechuun barbaachisaa dha. Haala kanaan, kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa si’aawaa, qulqulluu, haqa qabeessa fi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun barbaachisaa dha.
1.2 Hima Rakkoo

Manneen murtii Oromiyaa keessatti, sababoota ol’iyyannoon akka baay’atan taasisan heddummachaa dhufuun hubatameera. Sababoota kanaan ol’iyyannoon baay’achuun ammoo rakkoo hawaasummaa, dinagdee, fi siyaasaa adda addaa kan uumu ta’uunis hubatameera. Kana waan ta’eef, manneen murtii Oromiyaa keessatti sababoota ol’iyyannoo akka baay’atu taasisan adda baasanii beekuun madda isaanii irratti kallattii furmaataa akeekuun barbaachisaa dha.Qorannoon kana gaaffilee armaan gadiif deebii kenneera.



  1. Manneen Murtii Oromiyaa keessatti haalli baay’ina ol’iyyannoo maal akka fakkaatu?

  2. Sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan maalii dha?

  3. Sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan keessaa shoora ol’aanaa kan qaban isaan kamii dha?

  4. Dhimmoonni caalaatti ol’iyyannoon itti baay’atu kamii dha?

  5. Sababoota ol’iyyannoo baay’isan hirisuuf furmaata maaltu ta’uu qaba?


1.3 Kaayyoo Qoranichaa

Akkuma mata duree irraa hubachuun danda’amutti, kaayyoon gooroo qorannoo kanaa manneen murtii Oromiyaa keessatti sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan adda baasuun kallattii furmaataa akeekuu irratti kan xiyyeeffatee dha. Bu’uura kanaan, kaayyoowwan gooree armaan gadii kan qabuu dha:



  • Ol’iyyannoon baay’achaa deemuu isaa adda baasee agarsiisa.

  • Sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan adda baasee dhiyeessa.

  • Sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan keessaa gahee ol’aanaa kan qaban adda baasee agarsiisa.

  • Sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan adda baasuun, ol’iyyannoo xiqqeessuuf mala maaltu hojii irra ooluu akka qabu kallattii furmaataa ni kaa’a.


1.4 Faayidaa Qorannichaa

Qorannoon kun manneen murtii Oromiyaa keessatti sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan adda baasuun kallattii furmaataa akeekuu irratti kan kaayyefate waan ta’eef, faayidaa guddaa qaba. Faayidaaleen kunis:



  • Manneen Murtii Oromiyaa bulchiinsa dhimmoota ykn kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa keessatti rakkoo kallattii kanaan jiru adda baasuun furmaata akka argatu taasisuuf galtee guddaa ta’a.

  • Qaamoleen haqaa, qaamoleen mootummaa biroo, dhaabbanni mit-mootummaa biroo sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan xiqqeessuuf qindoominaan hojjechuuf sirna haqaa fooyya’aa ta’e ijaaruu keessatti gumaacha isaan irraa eegamu akka bahaniif kallattii kan akeekuu dha.

  • Hawaasni waliigalaas gama kanaan hubannoo argatee deeggarsa barbaachisaa ta’e akka taasisu karra bana.

  • Bulchiinsa dhimmootaa fi kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa si’aawaa, qulqulluu fi bu’a qabeessa ta’e mana murtii keessatti daran dhugoomsuuf gumaacha godha.

  • Bulchiinsa dhimmootaas ta’ee dhimmoota ol’iyyannoon dhiyaatan ilaalchisee qorannoon biraa gara fuulduraa akka taasifamu kakaasa.

  • Sababoota ol’iyyannoo baay’isan adda baasuun kallattii furmaata akeekuun, faayidaa hawaas-dinagdee, misooma saffisiisuu, dadhabbii abbaa dhimmaa irra gahu hirisuu keessatti, dhiibbaa baay’ina hojii mana murtii irraan gahu salphisuu, kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa fooyyessuu keessatti faayidaa ol’aanaa qaba.


1.5 Mala Qorannichaa

Naannoo Oromiyaa, manneen murtii aanaa 269, manneen murtii ol’aanaa 19, mana murtii waliigala Oromiyaa—dhaddacha giddu galeessaa, Dhaabbii Bahaa, Lixaa fi Kibbaa kan qabuu dha. Qorannoon kun manneen murtii Oromiyaa hunda keessatti sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu danda’eef adda baasuu irratti kaayyefatee dha. Bu’aan qorannoo kanaa manneen murtii Oromiyaa mara kan ilaalatu ta’ullee manneen murtii kana hunda dhaquun qorannoo kana gaggeessuun yeroo fi maallaqa guddaa gaafatu irraa kan ka’e rakkisaa ta’ee argama. Kana waan ta’eef, manneen murtii Oromiyaa keessaa manneen murtii muraasa bifa eddattoon filachuun hojjechuun dirqama dha. Manneen Murtii daataan irraa sassaabame bifa teebiliin haa ibsamu.

Manneen murtii filataman kana keessaa ammoo odeeffannoon/daataan kan funaanamu galmeewwan, abbootii seeraa, ofiseroota seeraa, abukaatota ittisaa irraa ta’a. Kana malee, abbootii alangaa, dubbii fixxoota waajjiraalee, abbootii dhimmaa irraas odeeffannoon funaanameera.Waajjiraalee mootummaa irraa daataan rogummaa qabu sassaabameera. Odeeffannoon kunis kan funaaname bifa, af-gaaffii, bar-gaaffii, marii garee, hubannoo fi xiinxala dhuunfaan ta’a. Odeeffannoo fi daataan sassaabaman kunis safaramanii xiinxalamu. Kana malee, seerota, labsiilee, kitaabolee fi barruulee qorannoowwan biroo dhimmoota kanaan rogummaa qaban, gabaasni raawwii hojii manneen murtii Oromiyaas ilaalameera.
Haaluma kanaan, odeeffannoon ykn daataan kun mana murtii waliigalaa dhaddacha giddu galeessaa fi dhaddachaalee dhaabbii lama, manneen murtii ol’aanaa 7 (torba), manneen murtii aanaalee 5 (shan) fi namoota 164 (dhibbaa fi jaatamii afur) irraa funaanamera.
1.6 Daangaa Qorannichaa

Manneen murtii Oromiyaa guutuu irra naanna’uun qorannoo kana gaggeessuun rakkisaa waan ta’eef, qorannichi baay’ina godinaalee eddattoon filatamanii fi yeroodhaan kan daangeffamee dha. Qorannoon kun manneen murtii ol’aanaa 7 (torba), manneen murtii waliigalaa dhaddacha giddu galeessaa fi dhaddachaalee dhaabbii fi baay’ina namoota olitti ibsamanii irratti kan daangahee dha. Kanaafuu, qorannoon kun dhimmoota ol’iyyannoodhaan mana murtii hawaasummaa gandaa irraa gara mana murtii aanaatti dhiyaatan kan hin hammanne ta’a. Gama biraan, ol’iyyannoo qaama jaarsummaa fi mana murtii bulchiinsaa kan hin dabalanne ta’uunis hubatamuu qaba.


Daangaa yeroo ilaalchisee manneen murtii Oromiyaa erga hundeeffamanii eegalee galmeewwan ilaalaman hunda xinxaluun heddu rakkisaa waan ta’uuf, galmeewwan ol’iyyannoo muraasa qofa sakkata’uu irratti xiyyeeffata.

1.7 Caasaffama Qorannichaa

Qorannoon kun boqonnaa afuritti kan qoodamee dha. Boqonnaan tokkoffaan haala waliigala qorannichaa kan ilaalatu ta’a. Boqonnaan lammaffaan maalummaa ol’iyyannoo fi ibsama isaa irratti kan xiyyeeffate ta’a. Boqonnaan sadaffaan ammoo sababoota ol’iyyannoon akka baay’atu taasisan adda baasuun kan agarsiisuu dha. Boqonnaan arfaffaa ammoo sababoota ol’iyyannoon akka baay’atan taasisan hirisuuf kallattii furmaata akeekuu fi yaada guduunfaa xumuraa irratti kan kaayyeffatee dha.



BOQONNA LAMA

MALUMMAA OL’IYYANNOO FI IBSAMA ISA

2.1 Hiikkoo Jecha “Ol’iyyannoo” Jedhuu:

Seera keenya keessatti jechi ‘ol’iyyannoo’ jedhu maal akka ta’e hiikkoo seeraa kallattiin hin argannu. Haa ta’uuti, ol’iyyannoon maal akka ta’e keewwattotni mirga bu’uuraa ol’iyyannoo haammatan fi kanneen adeemsa ol’iyyannoo ibsan haala al-kallattiin ibsaniiru. Bu’uura HMFDRI 20(6) fi HMNO kwt 20(6) tiin mana murtii falmiin itti dhagahamutti namni ajajni ykn murtiin itti kenname tokko mana murtii itti aanutti mirgi ol’yyannoo isaa eegamaa akka ta’e ni kaa’a. Kana malee, dhimma hariiroo hawaasaa irratti SDFHH kwt. 320 yoo ilaalamu, seera kanaan yookiin seera addaa biroodhaan haala addaatiin yoo taa’e malee himataan ykn himatamaan murtii dhumaa manni murtii kennerratti ol’iyyachuu akka danda’u ni tuma. Dhimma yakkaarrattis haala addaatiin murtii balleessummaa kennamerratti,bilisaan himatamaa gadi lakkisuu fi murtii adabbii kennamerratti ol’iyyannoo fudhachuun akka danda’amu kwt 181(1) fi kwt 185(2) SDFY ni ibsa.Keewwattoota kanarra ol’iyyannoon murtii dhumaa manni murtii dakaa kennerratti gareen komii qabu dogoggorri uumameera jedhee yaade akka sirratuuf mana murtii sadarkaa itti aanutti yeroo murtaa’e keessatti dhiheeffachuudhaan sirna sirreessiffachuu danda’eessisu ta’uu hubachuun ni danda’ama.

Akka ilaalamettis galmee jechootaa Blacks Law Jedhamu:

Appeal is: ‘‘a proceeding undertaken to have a decision reconsidered by bringing it to a higher authority: esp., the submission of a lower court’s or agency’s decision to a higher court for review and possible reversal, the case is on appeal”.

Hiikkoo kana gara afaan Oromiffaatti yeroo jijjiirru: Ol’iyyannoon adeemsa ittiin murtiin kenname qaama aangoo ol’aanu qabutti dhihaachuun keessa deebi’amee ittii ilaalamu dha: Keessayyuu murtii mana murtii jalaatiin ykn ejensii jalaatiin kenname mana murtii ol’aanutti dhihaatee keessa deebi’amee ilaalamuu fi carraa ittiin murtichi jijjiiramu kan itti argamu akka ta’e kan ibsu dha.

Akka hiikkoo kanatti ol’iyyannoon adeemsa ittiin murtii manni murtii jalaa kenne tokko mana murtii ol’aanutti dhihaachuudhaan keessa deebi’amee ittiin ilaalamu, dogoggora manni murtii jalaa raawwate carraan itti ilaalamu kan itti argamu dha.

Gama biraatiin, galmee jechootaa Word Browser jedhamu marsaa interneetii irraa kallattiin argamu jecha “ol’iyyannoo” jedhuuf hiikkoon kenne: Appeal is: “Timely resort by an unsuccessful party in a lawsuit or administrative proceeding to an appropriate superior court empowered to review a final decision on the ground that it was based upon an erroneous application of law.”

Hiikkoo lammaffaa kana gara afaan Oromiffaatti yeroo hiiknu: Ol’iyyannoon fala yeroodhaan qaamni adeemsa kenniinsa murtii mana murtiitiin ykn qaama bulchiinsaatiin milkaa’ina dhabe murtii dhumaa kennamerraa gara mana murtii sirrii ol’aanutti fi aangoo qabutti murtiin kenname dogoggora raawwii seeraa kan qabu dha jechuun dhihaatu dha jechuun hiikeera.

Galmee jechootaa Concinse legal dictionary jedhamu– with legal maxisms, Latin terms and words and phares jedhu ol’iyyannoo akka armaan gadiitti hiikeera. Appeal is: “The right of entering a superior court and invoking its aid and interposition to redress the error of the court below.A proceedings taken before a superior court or authority for reversing or modifying decision of an inferior court or authority on the ground of error.” Hiikkoo kana gara afaan Oromiffaatti yeroo jijjiirru ol’iyyannoo jechuun mirga mana murtii is ol’aanutti dhihaachuun dogoggora mana murtii jalaa sirreessuun gargaarsa akka godhuuf gaafachuu ti.Ol’iyyannoon adeemsa mana murtii aangoo daran ol’aanaa qabutti dhihaachuun murtiin mana murtii jalaa dogoggora qabu akka jijjiiramu, akka fooyya’u keessatti taasifamu dha.

Galmee jechootaa Oxford Advanced Learnes jedhamu “ol’iyyannoo (appeal)” jecha jedhu akka armaan gadiitti hiikeera. Appeal is”a formal court request or sb in authority for judgement or decision to be changed. Hiikkoo kana gara afaan Oromiffaatti yoo jijjiiramu “ol’iyyannoon jechuun gaaffii barreeffamaan mana murtii ykn qaama biraan aangoo qabu murtii manni murtii jalaa kenne akka jijjiruuf dhihaatu dha.”

Walumaagalatti ol’iyyannoo jechuun akkaataa hiikkowwan diishinaroota armaan olii irraa hubachuun danda’amuttii fi akkaataa al kallattiin seera keenya keessatti ibsameen murtii dhumaa manni murtii kenne irratti daangaa yeroo taa’e keessatti mana murtii sadarkaan ol’aanutti dogoggorri mana murtii jalaatiin uumame jedhamee komatamu akka sirratuuf iyyannoo dhihaatu jechuun gudunfuun ni danda’ama.



2.2 MIRGA OL’IYYANNOO FI DAANGAA ISAA

A) Seenaa Mirga Ol’iyyannoo

Mirga ol’iyyanno biyyoota sirna seera sivilii fi Kooman low hordofan keessatti yeroo adda addaatti beekamti argate.Biyyoota sirna kooman low tiin bulaan keessatti mirgi ol’iyyannoo beekamti kan argate jaaraa 20ffaa keessa yoo ta’uu, kanneen sirna seeraa siviili hordofan kessatti bara 1100 A.D yeroo qaroma impayera Romaa durii yookiin “middle age” keessaa dha.1


Mirgi ol’iyyannoo biyyoota sirna seeraa siviili tiin bulaan keessatti amantaa uummani motummaa giddu galleessa irratti qabu dabaluf kan uumaame yoo ta’u, biyyoota kooman low tti, dogogora manneen murtii jalqabaa dhimma illaalaniin haqa hir’atu sirressuf jechaa kan dhalaate dha.2Biyyoota sirna kooman low tiin bulaan keessatti mirgii ol’iyyannoo beekamti argachuun duraatti dogogora mana murtii jalqabaan rawwatame sirresuuf mala adda addaatti faayyadamuun murtii mana murtii jalqabaan kennaame haala dhiphaa ta’een fooyya’aa tureera.3Fakkeenyaaf, juriin garee heddu of keessaa qabu irra debi’ee firii dubbii akka qulqulleessu gochuu, falmiin irra debi’aame akka haaraatti akka illaalamu (new trial) taasisuu fi kankana fakatan .

Yeroo ammatti, mirgi ol’iyyannoo, seeraa, heeraa, fi waadaalee idil-addunyaa mirgoota namoomaa adda addaatiin beekamtii argateera. Fakkeenyaaf, biyyoota kanneen akka USA fi Canada keessatti beekamti seeraa (statutory right) kan qabu yommu ta’u,biyyoota akka Afrikaa Kibbaa fi “New Zealand” keessatti mirga bu’uurra fi beekamtii heeraa qabudha.4 Bara 1966 irra egale, ol’iyyannoon kessuumma iyyu, murtii ballessuma fi adabbii dhimmaa yakkaan walqabaate himatammaa irratti kenname ilaalchise waadaa Mirgoota siviili fi siyaasaa Idil-addunyaa kwt,14(5) fi chaartara mirgoota nama Afrikaa, Ameerikaa fi Awurooppa irratti mirgoota nama isan bu’uura keessaa tokko ta’uun tumaamera.

Mirgiol’iyyannoo amala addaa qabachuu isaa irraa kan ka’ee “opportunity right” jedhamuun beekama. kana Jechuunis, mirga itti faayadamni isa fedhii nama dhuunfaa itti murta’ee irratti hundaa’e waan ta’eef, mootummaan mirga kana daangessuu irraa dirqama of qusachuu (negative action) fi yeroo qamni himatammee ol’iyyachuu barbaadu immo dirqama haala mijessu: qaama bilisa ta’e wal-dhabbii hiikuu yookiin itti ol’iyyatamuu fi dhaqabama ta’e qopheessu qaba jechu dha.5

Biyyi tokko mirga ol’iyyannoo qabiyyee gahaa qabu qabdi jechuun kan danda’amu, mana murtii bilisa ta’e ol’iyyannoo ilaaluu, murtii balleessummaa fi adabbii mana murtii jalaatiin kenname diiguu, fooyyessu yookiin cimsuuf aangoo qabu yoo jiraatee dha. Akkasumas, manni murtii, garagaarumaani biyyoota sirna seeraa siviili fi kooman low tiin hordofaani akka jiruutti ta’e, ragaa mana murtii jalaatiin dhagahame yookiin ragaa haaraa dhiyesu fi falmii seeraa ilaaluf angoo qabaachu qaba.6

Biyyi keenyaa, biyyoota calmaan sirna seera siviili hordoftudha jechuun ni danda’ama. Biyyoota sirna seera siviili hordofan keessatti mirgi ol’iyyannoo beekamti bara dheeraa kan qabu dha. Seena mirga ol’iyyannoo biyya kenyaa heeraa fi seeraa waliin yommuu ilaalamu: heeraa mootummaalle duraanii keessatti mirgi ol’iyyannoo ifaatti yoo hin tumaamne ille, casseeffamni manneen murtii sadarkaan (hierarchical) ta’uu fi mootummaan giddu galleessa adabbii jijjiiruu akka danda’u heera bara 1931 kwt, 16 fi 50 fi heera bara 1955 fooyya’ee kwt 35 fi 109 ni hubachiisa. Seerooni deemsa falmii biyya kenyaa SDFHH kwt 320 fi SDFY kwt 181 irraa akka hubatamuutti murtii manni murtii dhimmaa ilaalee kennee irraa ol’iyyachuun mirga ta’uu dha. Kana irra hubachuun kan danda’amu sirnoota darbaan keessatti murtii manneen murtii sadarkaa jalqabaa kennaani irraa ol’iyyannoon kan danda’amu ta’u dha.Hima biraan, sirnoota darbaan keessatti ol’iyyannoon mirga seeraa (statutory right) ture jechuudha.

Yeroo amma, Waadaan mirgoota siviili fi siyaasaa Idil-addunyaa qaama seera biyya keenyaa ta’uun akkuma eegaametti ta’e, HMF kwt 20(6) fi HMNO kwt 20(6) irratti himatamaan ajaja yookiin murtii manni murti falmii ilaalee kenne irrakomii yoo qabaate mana murtii aangoo qabuutti ol’iyyachuun mirga ta’u tumaamera.HMF kwt 78(2) irra, Caaseffamni manneen murtii mootuummaa federaalaa fi naannoolle ille mirga ol’iyyannootti gargaarrammuf akka tollutti kan hunda’aan ta’u hubachuun ni danda’ama. Kanaafu, biyya kenyaa keessatti ol’iyyannoon mirga heeraatti (constitutional right) dha jechu dha. Seeroota deemsa falmii biyya fi Naannoo keenyaa irra hubachuun kan danda’amu biyya keenya keessatti mirgi ol’iyyannoo qabiyyee gahaa kan qabu ta’u dha.7



B) Faayidaa Mirga Ol’iyyannoo

Walfalmittoota keessaa gareen murtii abbaa seeraa tokkoon kennamen mo’atame, gara mana murtii abbootii seeraa hedduun (yeroo baay’ee sadiin) ilaalamutti akka ol’iyyatu mirga taasisuun faayidaa garagaara qaba. 8 Ol’iyyannoon mirga ta’uun: mirga dogogori akka sirreffamu gochu, dhiibba(prejudice) irra eeguu fi haqa hanqina dhalaa namaan uumamuu hir’isuuf waan gargarruuf. 9 Kanaafu, manneen murtii ol’iyyanno ilaalanni caaseffama manneen murtii keessa jiraachuun, carraa gareen murtii mana murtii sadarkaa jalqabaan keennameen miidhaan irra qaqabe irra debi’amee akka ilaalamuf carraa kan baanu waan ta’eef mirga eegumsi gadhamuuf qabu dha.10

Ol’iyyannoon dogogora sirreessuuf carraa waan banuf qofa midhaa hordofsisu hin qabaatu jechuun hin danda’amu.Ol’iyyannoon yeroo dheeraa kan fudhatu, baasii guddaa kan qabu, wantii fuulduratti mana murtii ol’iyyannoon murta’u ifatti kan hin beekamne, waldhabbii hambisuu kan hin dandeenye fi murtii mannii murtii jalqabaa dhimma ilaalee kennee xumura kan dhabsisuu ta’uun isaa akka hanqinaalee ol’iyyannootti illaalun ni danda’ama.

Akka waliigalaatti, ol’iyyannoon dogoggora faayyalummaan manneen murtii jalqabaa dhimma ilaalan, haalla ijoo dubbii itti qulqulleessaan, haala ijoo dubbii itti hundessan fi seeraa hojii irraa itti oolchaan irratti raawwataan sirressuf ta’e, duudhaalee adda addaa ni qabata jedhame yaadama.Isaaniis,





  1. Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12


Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2019
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə