Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Biiroo Industirii fi Misooma Magaala Oromiyaa



Yüklə 94,84 Kb.
tarix15.01.2019
ölçüsü94,84 Kb.
#96982

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti

Biiroo Industirii fi Misooma Magaala Oromiyaa

f:\11224002_121822808185658_5764746502543548409_n.jpg
Yaadrimee Jijiirama Raayyaa Siivil Sarviisii, Hojiirra Oolmaa Isaa fi Faayidaa Inni Qabu
Amajjii 2007

Sabbata
Haala Waligala

  • Maallummaa fi faayidaa Ijaarsaa Raayyaa jijiiramaa Siviil Sarvisii irratti yaada mariif ta’uu kaasuu.

  • Ijaarsaa Raayyaa jijiiramaa Siviil Sarvisiitin

  • Qabsoon Farra Kiraa Sasaabdummaa Irratti Jalqabamee Bakkaan Gahuu

  • Haaromsa Biyyaa Keenyaa sadarkaa amansiisaa ta’een Dhugoomsu murteesaa akka ta’e

  • Guddina dinagdee ariifata fi ittifufiifnsa qabu milkeesuuf akksumas KGT akka biyyaa fi naannoottii bahee dhugoomsuuf raayaan jijiiramaa sadarkaa mana hojii irraaa kaasee hanga uummataatti gurmeesuu


  • 2. Hiika fi Yaad rimee Raayyaa



2.1 Hiika Raayyaa

  • Akkataa ‘’Webster learner’s Dictionary’’ hiikutti ‘’Raayyaa’’ jechuun diinaa isaanii irrattii qabsaa’uuf looltoota gurmaanii socho’an jechuu dha.

  • Hiika Gama biraatiin immoo humna waraanaa biyya tokkoo looltuwaan leenji’anii dirree waraanaaf qophaa’aan jechuu hiika.

  • ‘’Raayyaa’’ jechuun kaayyoo, hojii, fi galma tokkoof haawaasa/qaamaa/ bal’aa gurmaa’ee socho’uu jechuu dha.




  • Haalli jechii ‘’Raayyaa’’ itti ibsamu qaama yookin hawaasa kaayyoo tokko qabatee socho’uu jedhanii hiikuun ni danda’ama.

  • Adunyaa kana irrattii qaamni moggaasaa Raayyaatiin ibsamaan ka’uun ni danda’ama.

  • Raayyaa Goondaa, Raayaa Mixii, Raayyaa Kanniisaa, Raayyaa Waraanaa, Raayyaa Poolisii/ittisaa akka fakkeenyatti kaasuun ni danda’ama.





  • 2.2. Yaad rimee Raayyaa



2.2.1 Raayyaa Ittisaa/Poolisii

  • Seenaa biyyaa keenyaatti jecha ‘’Raayyaa’’ jedhu Raayyaa Waraanaa, Raayyaa Ittisaa, Raayyaa Poolisii wajjin walqabsiisanii waan hubataniifi ija shakkii fi sodaatin ilaalama.

  • Sababni isaas uummanni sochii hawaas-dinagdee keessatti yeroo dheeraf waliin kan jiraatani waan ta’eefi dha.




  • Raayyaan ittisaatis Ajajaa Waranaa irraa kaasee hanga looltuu sadarkaa dhumaa gahuttii diina isaanii off irraa ittisuuf ejjennoo tokkoon ijaaramanii,gurmaa’anii fi gahee hojii isaanii beekanii waan waraana galaniif galma barbaadamu bira akka gahaaan ni beeekkama.

  • Ajajaan waraanaa tokkoo hanga dhumaattii gaheen hojii loltoota sadarkaa sadarkaan jiran hordoffaa, too’achaa,deeggaraa fi hooggansa ittifufiinsa qabuu kennaa hin deemu taanan shakkii tokko malee harka diinattii galuun bittinnaa’uun isaanii beekamaa dha.

  • Kanaafuu hanga diina isaa mo’achuu mirkaneefatutti Ajajaan Warannaa sadarkaa olaanaa irraa jiru boqonnaa tokko malee halkanii guyyaa qajeelchuu fi hoogganuun looltonnii hundi dirqama isaanii bahuu mirkaneefachaa injifannoo barbaadame bira hanga gahuttii raayyaa gurmaa’een duula geggeesuun dirqama ta’a.

  • Kuni gara ijaarsa raayyaa siviil sarviisii naannoo keenyatti yeroo hiikamuu hiyyummaa hammaa yeroo dheeraa nurra ture gurmaa’insa siviil sarvaantii fi uummataa ittifufiinsa qabuun qofa kan injifannu ta’uun isaa beekamuu qaba dha.

  • Bifa bittina’een /sochii namoota muraasan/ diina keenya hundaa kan ta’ee hiyyummaa moo’achuun akka hindanda’amnee beekuun bayyee barbachisaa dha





  • 2.2.2 Raayyaa Goondaa



  • Raayyaan Goondaa jireenya haawaasummaa isaanii keessatti miliyoonotaa oli ta’anii gamtaan akka jiraatan barreefamoota gara garaa irraa hubachuun ni danda’ama.

  • Raayyaa isaanii keessatti gahee hojii ifa ta’ee walii kennuun waan socho’aniif jeeqama tokko malee sarara/toora tokko qabatanii sochii isanii geggeesuu.

  • Akkaataa gahee fi qoodiinsa hojii isaanitiin looltuu raayyaa (soldier), hojjettoota bal’aa (worker),gareewan hoggummaa addaa (specialized Team) fi ajajaa raayyaa (queen) gamtaan ijaaramanii walqabatanii ittigafatammumaa adda addaa fudhatanii socho’aa jiru.




  • Qabsoo waranaa uummama waliin taasisaa jiraniin raayyaan gondaa kun diina isaanii kamiyuu off irraa ittisuu dhan kuyyisaa isaanii ijaaruun /Ant hills/ wabii midhaan nyaataa waan mirkaneesaniif jiraachuu danda’anii jiru.

  • Raayaan Goondaa kun toora tokko qabatanii hiriiru dhan akkasumas akka barbaachisummaa isaatti dameewwaan gara garaa toora tokko irraa maddu qabatanii waan socho’aniif diinaa isaanii offi irraa ittisuu qofa osoo hin taane galma bira gahuu barbaadaan sana rakkoo tokko malee milkaa’uufii danda’aa.




  • Raayyaan Goondaa miliyoonan lakkaawwaaman kuni ijaarsa raayyaa tokkoon ijaaramanii yeroo socho’an baayyee kan nama sodaachisan yemuu ta’u, isaanumti kun immoo haala bittinnaa’ee fi gar gar faca’een yeroo boba’an toorrii deemsa isaaniis waan jalaa baduuf balaa adda addaatif saaxilamuu danda’u.

  • kanaafuu wabii jireenya Raayaa Goondaatif gurmaa’anii socho’uun daran murtesaa akka ta’ee barachuun ni danda’ama


  • 2.2.3 Raayyaa Kanniisaa



  • Raayyaan kannisaa damma dameesuun faayidaa ilmaan namaatif gurmaa’anii kan socho’aan waan ta’eef muxannowwaan gaarii irraa barachuun ni danda’ama.

  • Raayyaan Kanniisaa si’a tokkoon hanga 100,000 ta’ee socho’uu akka danda’uu barreefamoota adda addaa irraa mirkaneefachuun kan danda’ame yoo ta’uu boqqannaa fi aara galfii tokko malee kanniisooni damma dameesuuf sagantaa baasun (industrious workers) guyyaa guutuu abaaboo 2000 oli irra kan qubatan ta’uu isaa barreefama gara garaa irraa mirkaana’eera. Guyyattii sa’a meeqa akka hojjetan beekuun ni dand’ama.




  • Kanniisni dammaa tokko tokko yeroo isaanii qofa osoo hin taane lubbuu isaanii arsaa godhanii kaayyoo dhabbataniif sana yeroo galmaan gahan ni mul’ata.

  • Diini isaanis gara gaagura isaaniitti yoo dhiyaate garee dhan ta’anii hidduu dhan kan off irraa ittisan yoo ta’u hanga lubbuu isaanii baasutti kan duulan ta’uu isaa ni beekama.

  • Kaayyoon Raayyaa Kanniisaa akkuma beekamutti hojii gurmaa’insaa ittifufiinsa qabuun akasumas akkataa qindaa’ee fi aadaa hojii fakeenyummaa qabuun gaagura isaanii dammaan guutuu dhan wabii midhaan nyaata isaanii haala amansiisaa ta’een mirkaneesuu irraa darbee faayidaa ilma namaatiif gahee isaanii bahaa kan jiran ta’uu isaa irraa baruun ni danda’ama.




  • Bu’aan faayidaa kun dhufuu kan danda’ee rammaddii hojii isaanii fiixaan baasuuf kanniisni hojjettaan (Worker Bees) halkaniif guyyaa,bonaaf ganna, aara galfii malee waan hojetaniif,kaniisni tajaajila maraa (Nurse Bees) hojettootaa kannisaa kan biroof kunuunsa barbaachisu hunda gochuun, kanniisa Ajaja raayaatiif haala mijeesaan (Queen’s Attendant Workers) raayyaa dhaan waan ijaaraminif.

  • Gaagura diina irraa eeguuf kanniisa waardiyaa ta’ee tajaajilu (Guard Bees) dabalatee hojjetaa kanniisaa iddoo dammi itti dammeefamuf gagaa kan ijaaru (Construction Workers) hundi isaanii gamtaan ijaaramanii jiru.



  • Sochii gurmaa’ee kanaan oomisha argamees walii qooduu dhan bu’aa isaanii waliin dhandhamachuu irra darbanii dhala namaatif wabii midhaan nyaataa ta’anii jiru

  • Gurmaa’insi Raayyaa Kanniisaa kun tokkon tokoon isaa walqabatee fi ijaaramee waan socho’eef dammi bu’aa faaydaa namaatiif ooluu kuni omishamuu danda’ee jira.



  • Kuni gonkumaa haala bittinaa’een hojiirra ooluu hin danda’uu.

  • Rayyaa jijiirama ‘’Kaizen Model’’ Jaapaan

  • Akka hiika afaan Jaappaanitti jechi kaayzeen jedhu jijjiirama ittifuufiinsa qabu (Continuous Improvement ) fiduu jechuu dha. Akkaataa jecha kaayzeen ibsutti jijjiirama jechuun hooggnsaa olaannoo irraa kaasee hanga qaama gadiitti bu’aa tokko fiduuf ijaaramuu jechuu dha

  • Kaampannoni Jaappan kan akka Kaampaanii Tooyootaa fi Kaanoon hojii jaarmiyaa isaanii keessatti jijjiirama yeroo dha yerootti galma’aa qindoominaa fi hirmaannaa qaama hundaatiin bu’aa barbaadame bira akka gahaan ni ibsu.

  • Jireenya hawaasaa fi daldalaa (Home and business life) keessattii moodeelichattti siriitti akka itti fayyadamaa jiran barreefamoonni ni ibsu.




  • Sadarkaa qulqulina hoijiiwwanii erga baasanii booda (setting standerds) isuma ittifufsiisun sadarkaa sadarkaan fooyyessaa oomishitummaa dabaluuf raayyaa jijjiiramaatin ijaaramuun murteessaa akka ta’e kaa’u.

  • Bu’aan ijaarama raayyaa moodeelaa kaayzen kun dhuma irratti jijjiirama murteessoo ta’an kan akka oomishitummaa dabaluu (Improved Productivity), qulqulina oomishaa fiduu (Improved Quality) kenna tajaajilaa fooyyesuu (Improved Service Delivery) fi ittiquufiinsa maamilaa mirkaneesuun ( Improved Customer Satisfaction) fiduu akkaa dand’amee hubachuun danda’amee jira.




  • 2.2.4 Raayyaa Siviil Sarviisii/Raayyaa jijiiramaa



  • Yeroo dheeraaf uummatni keenyaa Jecha ‘’Hojjataa Mootummaa’’ jedhu gargaaramee waamaa waan tureef jecha ‘’Siivil Sarvaantii’’ yemmuu jennu waggoota muraasaafis ta’u haaraa ta’uun isaa hin oolu.

  • Hiikkaan isaa garuu garaagarummaa hin qabu. Ilaalcha jijjiiramaa irraa kaane humna jijjiiramaa, bakka bu’aa jijjiiramaa, raayyaa jijjiiramaa kkf yaadota jedhan fayyadamuun ni danda’ama

  • Qaamolee fi namoonni yaadota jijjiiramaa jalqabsiisan bakka bu’oota jijjiiramaa “Change Agents” jedhamanii ni waamamu.

  • Namoonni kun yaadota jijjiiramaa kan maddisiisan, kan kakaasan, fi yaadota haaraa yaaludhaaf fedhii kan qabani dha.

  • Akka biyya keenyaatti namoota iddoo adda addaatti lakkoofsaan muraasa ta’anii fakkeenyummaa gaarii qaban kanaan ‘’Raayyaa Jijjiiramaa’’ jennee waamaa akka turre ni yaadatama.




  • Jechi ‘’Raayyaa Jijjiiramaa’’ jedhu humna jijjiiramaa lakkoofsaan muraasa ta’e gara hojjataa mara ( hunda) fi hawaasa dhimmamaa fi tajaajilamaatti babal’isuudhaan naannoo humna jijjiiramaatti raawwataa guutuu fi qaama isa ilaallatu akka raayyaa tokkotti gurmeessudhaan bu’aa olaanaa fiduuf taasifamu dha.

  • Waan kana ta’eef, jechi raayyaa jedhu namoonni gurmuun yookiin iddoo tokkotti ta’uun gocha ykn galma tokko raawwachuudhaan kan itti qindaa’an malee dirqama Raayyaa waraana qofaan kan walqabatu akka hin taane hubachuun ni danda’ama




  • Yeroo ammaa ummanni biyya keenyaas ta’ee Sivil sarvaantiin keenya diina guddaa kan ta’e hiyyummaa injifachuu kan danda’u akka Raayyaa Goondaa, Raayyaa Ittisaa fi Raayyaa Kannisaa sanatti qindoominaan yoo socho’e malee haala bittinaa’aa ta’een bu’aa fiduun hin danda’amu, hin danda’amnes.

  • Hiyyummaa guddaa fuldura keenyatti jiru fi kan kanaan walqabatan ilaalchi kiraa sassaabdummaa diiggamuu kan danda’an sochii gurmaa’en malee sochii bittinaa’een taanaan bu’aan keenya kufaatii ta’a.




  • Muuxannoo Gaarii Raayyawaanii

  • Dirqama raayaa dhaf kennamee bifa guutuu ta’en galmaan gahuuf ittifayadamaa fi kabaja yeroof qaban fakeenyummaa gaarii ta’uu isaa. Fkn. Raayyaa kanniisaa, Rayyaa ittisaa.

  • Galma barbaadame bira gahuuf kutannoon hojii dhaf qaban rayyaa kanniisaa irraa barachuun kan danda’amu ta’uu isaa

  • Hanga lubbuu isaanii wareegamuuf qophaa’anitti jaalala hojiif qaban mul’isuu isaanii. Fkn. Raayyaa kanniisaa, Rayyaa ittisaa




  • Mul’ata qabataan waqlii qooduun (shared Vision) galmaan gahuu kan dan’daamu ta’uu isaa. Fkn raayyaa goondaa, raayyaa kanniisaa

  • Kutannoo hojii (commitment) fi kaka’umsa hojii (motivation ) kan qaban ta’uu.

  • Hanga galma dhumaa bira gahanitti Tooraa jalqaban irraa duubatti kan hin deebinee ta’uu issaa

  • Gareen hojjechuun (T eam Work) amalawaan ijaarsa rayyaa hunda kessatti calaqisuu ta’uu isaa


  • 5. Faayidaalee Ijaarsa Raayyaa Jijiiramaa Sivil Sarvisii Guddina Naannichaatif Qabu



  • Haarmsa biyaa keenyaa sadarkaa guutuu ta’een milkeesuuf faayidaa olaanaa qaba.

  • Guddinaa dinagdee ariifataa,ittifufiinsa qabuu fi haqa qabeesa ta’ee galmesuuf sochii jalqabame galmaan gahuuf ni gargaara.

  • Qabsoo farraa Kiraa sasabdummaa irratti taasifamaa jiruun mootumaa misoomowaa fi dimookrata’waa ni ijaarama.

  • Karrooa Gudinnaa fi tiraansfoormeshinii jalqabnee galma akka gahuu ta’a




  • Meeshalee Riiformii fi bulchiinsa gaarii guutummatti hojii irra oolchuuf ni gargaaraa

  • Aadaa hojii, jaalala hojii fi kabaja hojii raayyaa jijiiramaa hunda keessatti ni uumama

  • Adda dureewwaa sadarkaa sadarkaa dhan jiraan gara hooggansa jijiiramaattii akka guddataan haalli mijaa’aan ni uummama.

  • Hirmannaa fi fayyadammumaa uummataa sadrkaa hundatti ni mirkana’aa.






  • 3. Qaamolee Raayyaa Jijjiiramaa Siivil Sarviisii fi Gahee isaan Qaban




Raayyaa Jijjiiramaa Siivil Sarviisii Sadarkaa 1ffaa: Hooggansa Olaanaa Naannoo


  • Hoggantoota olaanaa raayyichaa jechuun Pirezidaantii, I/A/ Pirezidaantii, hoggantoota fi I/A hoggantoota manneen hojii sadarkaa naannoo fi hoggantoota sadarkaa Godinaa jechuu dha.

  • kanneen keessa itti gaafatamummaa fudhatee kan hoogganuu qabu qabatama mana hojichaa irratti hundaa’ee hogganaa olaanaa duraa mana hojichaa ta’uun irra jiraata.




  • Milkaa’inaa ijaarsaa raayyaa yookiin kufaatii ijaarsa raayyaa sivil sarvisii kessatti dhufuuf gahee olaanaa kan qabu hoggansa sadarkaa olaanoo irratti argamu waan ta’eef.

  • Hiyyummaa hundee irraa dhabamsiisufis ta’ee KGT galmaan gahuuf gurmaainsa qaama hundaa fi hirmannnaa uummataa kan gaafatu waan ta’eef hoggansi sadarkaa olaanoo hundi galma gahiinsa kanaatif raayyaan sivil sarvisii ijaaramuun murteesaa akaa ta’ee amantaa guutuu dhan fudhachuu qaba.




  • Dhimmi kun yeroo tokko tokko haalan xiyyeeffannaan waan itti hin kennamnef hoggansi olaanaan gara hoggansa giddu galeessaatti, hoggansi giddu galeessaa gara hoggansa gadiitti yemmuu dabarsu haalli hojiin osoo hin hojjetamin hafun ni jira.

  • Waan ta’eefu, raayyaan dirree waraanaa jiru tokko ajajaa malee waraanicha gahumsaan keessa bahuu akka hin dandeenye, raayyaan rifoormii fi misoomaas naannoo adda dureetti gurmaa’ee hogganaa olaanaa mana hojichaatiin hoggansi kennamaafi deemuutu irra jiraata.

  • Hojii hoggansi olaanaan kooti jedhee hin fudhanne kan biroo fudhatee deemuu akka hin dandeenye beekkamuu qaba.

  • Kanaafuu hoggansi olaanaan ilaalchaa raayyaa jijiiramaaf qabu off keessaa laaluu (in ward looking) bira darbee adda duroota qopheesuu, gahoomsuu, uumuu fi hojjetaa bala’aa gara qabatama hojiitti akka galan gochuu qaba.

  • uummatni bal’aanis gahee isaan irraa eegamu akka bahuu danda’an gochuu keessattii ittigaafatammumaa olaanaa qabatee akka jiru hubachuun barbachisaa dha.









Raayyaa Jijiiramaa Siviil Sarviisii Sadarkaa 2ffaa: Hooggansa Giddu Galeesaa


  • Hoggantoota Giddu-galeessaa jechuun gaggeessitoota adeemsa hojii sadarkaa naannoo, hoggantoota aanaalee, magaalaa fi qabatama ammaatiin hoggantoota sadarkaa gandaatti argaman kan hammatu fi manneen hojii keessatti hoggansa olaanaa fi raawwatoota gidduu kan jiruu fi qaama furtuu ta’e dha.

  • Qaamni kun hoggansa olaanaaf kan dhiyoo ta’ee fi yeroo yeroodhaan kan qajeelfama fudhatuu fi hojjettoota kutaa hojitiin qoqqoodee kan hojjachiisuu dha.

  • Waan kana ta’eef haala hojjetaa keessa jiru dhiyeenyatti kan beekuu fi sochii keessatti hirmaannaan qaama kanaa baayee murteessaa dha.




  • Milkaa’inaa ijaarsaa raayyaa yookiin kufaatii ijaarsa raayyaa sivil sarvisii kessatti dhufuuf gahee olaanaa kan qabu hoggansa sadarkaa olaanootti aanee kan dhufuu qabu hooggansa giddugaleesatti argamu waan ta’eef xiyeefannaa adda aragchuu qaba.

  • Ofii isaa qaama jijjiiramaa godhee hin ilaalu, qaama hawaasaa akka ta’ee fi jijjiiramni biyyaaf dhufee anas na ilaallata jedhee qaama fudhate miti.

  • Kana irraa ka’es jijjiiramichi jijjiirama hoggansa siyaasaa qofa godhee waan yaaduf waltajjiin duuba jireenya hamii fi wal dhabdee bal’aa ta’e keessa kan argamu dha

  • Kallatti jijjiiramaatiin yemmuu ilaalamu hoggansi giddu galeessaa fedhii ittiin bulinnaa fi faayidaalee maxxantummaa bal’aa ta’ee (mindaa, dirgoo, hojii saa’atii hojiin alaa, yeroo hojii mootummaatti hojii dhuunfaa hojjachuu fi kkf) irratti mul’atu.

  • KGT guutumaan guututti galma ni gaha jedhanii fudhachuu dhiisuu.

  • Kun hawwii qofadha (ambitious) jedhanii amanuu fi onnee guutuudhaan socho’uu dhiisuu.




  • Hoggansi giddu galeessaa sadarkaa barbaadamutti hojjetee hojjachiisuudhaaf taattaaffii guddaa yemmuu godhu kan mul’atu miti. Kaka’umsaa fi yaada burqisiisuun irraa fagaatanii argamu.

  • Amantaa fi ilaalcha tattaaffatee hiyyummaa keessaa bahuu fi yeroo isaa duguugee itti fayyadamu hin qabu. Kanaa olis hojjataa qindeessee fi deeggaree hin hogganu.

  • Yaadotni fi gochootni dogongoraa yemmuu dhufanis qabsaa’ee sirressuu irra oduu akka dhugaatti fudhatee deemuun dhiibbaa hin barbaachisne hojii irratti akka uumamu ni taasisa.




  • Ijaarsa raayyaa sivil sarvisii sadarkaa hoggansa giddugaleesatti akka cimuu hoggansa kana irraa ittigaafatammumaa dachaaatu eegama.

  • Tokkoffaa adda duroota qopheesuu, gahoomsuu, uumuu fi hojjetaa bala’aa gara qabatama hojiitti akka galan gochuuf human bala’aa fi murtessaa kana gara raayyaattii jijiiruun akka salphatti kan ilaalamuu miti.

  • .




  • Lammaffaa hawaasni bal’aan ijaaramee fi qindaa’ee akka hirmaatu gochuuf uummatatti dhiyaatee waan jiruuf keniinsa tajaajilaa fi komii jiru dafee dhaggeefatee deebii ariitii kennuudhan ittiqufiinsa maamila mirkaneesuun kan irraa eegamu ta’a.

  • kanaafuu ittigaafatammumaa dachaaatu eeggata kan jedhameef kanaafi

Raayyaa Jijiiramaa Siviil Sarviisii Sadarkaa 3ffaa: Hojjettaa Adda Duree


  • Adda dureewwan/modeelota/ humnoota jijjiirramaa jechuun hojjattootaa fi hoggantoota hojii fi kaka’umsa qabaniin kan filatamanii fi fakkeenya ta’uu danda’aan kan sadarkaa Hundatti argaman.

  • Adda duree kan jennuun hojjataa kamiin dha?

  • Akkuma kutaa hawaasaa kamiyyuu keessatti jiraatu jaarmiyaalee keenya keessattis hojjetaan jijjiirama barbaadu hin dhabamu.

  • Uulaaga fi amaloota adda duree tokko irraa eegamuu maali?




  • Gaggeessaa Yookin Hojjataan Kamiyuu

  • Ilaalcha fi yaada farra kiraa sassaabdummaa kan qabu,

  • Jette jetteerraa, oduuwwan faallessanii fi hamii irraa kan bilisa ta’e,

  • yeroo isaa hunda hojii mootummaatiif kan olchu,

  • hanga danda’e yeroo boqonnaa isaa dabalatee kan gumaacha taasisu,

  • Amala gaarii fi naamusa kan qabu,

  • Hiyyummaa kan mararfatee jibbuf keessaa bahuufis hojiitti amanee kan socho’u,




  • hojii ofii hojjatee hiriyoota isaa deeggaruuf kan duubatti hin jenne,

  • Imaammataa fi karoora mootummaa irratti amantaa guutuu ta’e kan qabuu fi kanuma hojii irra olchuudhaaf kan halkanii fi guyyaa tattaaffatu.

  • Tajaajilamtoota kan kabaju fi garaagarummaa jidduu namootaa (diversity) jiru fudhatee shakii fi mamii malee kan hojii irra olchu,

  • gochoota farra dimokiraasii irraa kan fagaate, rakkoon biyya keenyaa kan itti dhaga’amu,



  • raawwiin hojii sirrii hin taane kan akka qisaasama qabeeynaa fi qabiinsi qabeenya mootummaa sirrii hin taane kan isa yaaddessu,

  • hojjataa biratti fudhatama kan qabu fi hojjetaan kan dhugaa bahuuf,

  • sochiilee jijjiiramaa hanga ammaatti hojjetamaniin na ilaallata jedhee kan socho’e gara adda durmaatti dhufuu danda’aa.




  • Hojjettaa adda duree akkasii filachuun yookin akka uumamu gochuun barbachisaa dha.

  • Adeemsa qophii adda durootaa kesssatti hoogansi sadarkaa sadarkaadhan jiru hundi adda duroota qopheessuu fi qabatama hojiitti galchuu keessattis gahee olaanaa qaba.

  • Adda durootni filatamanis humna jijjiiramaa lakkoofsaan muraasa waan ta’aniif gara hojjataa hunda fi hawaasa tajaajilamaatti babal’isuudhaan raawwataa guutuu gara jijirama hunda qabeesatti ceesisuun irraa eegama.


Raayyaa Jijiiramaa Siviil Sarviisii Sadarkaa 4ffaa:

Hojjettaa bal’aa/Siviil Sarvaantii/


  • Humni afraffaan hojii guyyaa guyyaa mana hojii keessa qofatti daangeeffame kan hojjetu hojjetaan bal’aan qaama raayyaa tokko taasifame fudhatama.

  • Hojjetaa bal’aan tiin alatti humni raawwachuu mana hojii guutuu ta’e jiraachuu waan hin dandeenyeef qaamni kun dirqamatti bu’uura qaama raayyaa taasifamee ilaallamu qaba.

  • Hojjetaan bal`aan sirni dimokiraatawaa keessoo haalaan hin cimne keessatti kan hojjetu waan ta’eef hudhaalee ilaalchaa bal`aa ta`anitu irratti mul`atu

  • Qala`insa jireenyaa sadarkaa olaanaatti afarsuun rakkoon kan hiikkamu misooma biyyooleessaa keessattuu karoora guddinaa fi tiraanisformeeshinii saffisiisuu qofaan akka ta`e hubachuu dhabuu. Kanaafuu, mootummaan mindaa dabaluu didee, Mootummaan hojjataaf xiyyeeffannaa hin kennu kkf. jedhee yaadunii fi muufachuun itti mul`atu.




  • Sagantaa riifoormicha kan ofii godhee ilaaluu dhabuu fi jijjiirama akka isaaf fidu danda`u hubachuu dhabuu.Jijjirama biyyattii keessatti galmaa’aa jiru akka dhugaa ta`etti fudhatee hin ilaalu.

  • Kana irraa kan ka`e jijjirama riiformichaas hoho`insa paartii bulchuu/bituu godhee lakkaa`a.

  • Gama qabeenya mootummaa eegutiin xiyyeeffannaa gahaa waan hin kennineef humnoota qabeenya qisaasan argee akka hin agarreetti kan dabru qofa osoo hin taane haalli hattoota dhoksuunis bal`inaan ni mul`ata.

  • Namoonni guddina, jijjiirraa fi mindeeffama argachuf karaa seeraan ala ta`een yaalan kan bay`inaan keessatti argamani dha.

  • Maalif raayyaa jedhamna, wanti adda duree jedhamu hin barbaachisu, hunduu hojjataa dha, gamaaggamaan nu rakkisuu fedhan, caasaan mootummaa osoo jiruu gurmaa’insi biroo maalif dhufe, hojii siyaasaa ofiitiif jedhaniit fi kkf jedhuu.


Raayyaa Jijiiramaa Sadarkaa 5ffaa :

Uummata Bal’aa


  • Humni shanaffaa ijaarsa raayyaa jijjiiramaa keessatti dagatamuu hin qabnee fi gahee guddaa qabu ummata. Hirmaannaan ummataa dhakaa bu’uraa dimokraasii keenya dha.

  • Hirmaannaan ummataa heera mootummaa irratti akka kaa’ametti ummata hirmaachisuun dirqama ta’uu isaa murteessun akkasumas ummata misoomaa fi bulchiinsa gaarii irratti kallattii fi bakka bu’oota isaatiin hirmaachuun mirga isaa ta’uu yaada keessa kan galche dha.




  • Adeemsi hojii tokko mooraa seektaraa qofatti daangeeffamee kan hafu osoo hin ta’in tajaajilamtoota wajjin qunnamtii waan qabuuf tajaajilamtootni seektarichaa naannoo adeemsa hojii tokko yookiin tokko ol ta’an hiriiruudhaan haalli hirmaannaa isaanii kan itti cimsatan fi itti mirkaneessan uumamuu qaba.

  • Tajaajilamtootni adeemsaalee hojii waltajjii idilee qabaatanii adda duree waliin naannoo raawwii tokko tokkon irratti kan itti mari’atanii fi gumaacha gaarii isaanii kan itti gumaachuu danda’an,




  • Haala kanaan ummanni abbaa karoorichaa, raawwataa fi fayyadamaa ni ta’a. Walqunnamtiin adeemsa iftoomina qabuu irratti hundaa’e kun cimnaan fi hojimaata iftoomina qabuun deeggaramnaan dawoon malaammaltummaa fi kiraa sassaabdummaa diigamu ni jalqabu.

  • Kanaan alas sadarkaa adeemsaalee hojii qofatti osoo hin daangeeffamin waltajjii tajaajilamtoota biroo sadarkaa mana hojiitti yoo gaggeeffame jijjiiramni olaanaan ni dhufa.

  • Fakkeenyaaf, Biiroon Galii marsaa jalqabaa kaffaltoota gibiraa waliin, marsaa lammaffaa dhimmamtoota biro waliin gaggeessuu ni danda’a.

  • Karoorri haala kana fakkaatun erga mirkanaa’e booda akkaatuma sagantaatiin gaheen hoggantootaa, adda durootaa fi adeemsaalee hojii, gaheen tajaajilamtootaa ifatti adda bahee hojiin qoqqoodamee haalli waliin itti hojjatan ni mijata.

  • Gara hojiitti erga galamee booda hojii gamaaggamaa fi supparviizyinii wayitawaa karoora keessatti qabatame karoora waliin ta’uun mirkanaa’e raawwii isaa wajjin ta’un gamaaggamuun bu’aan isaa ni galmaa’a.




  • Bu’aan gaarii yoo ta’e manni hojii fi tajaajilamaan waliin dhandhamatu, bu’aan quubsaa yoo ta’uu baate madda rakkoo eenyu fi maal akka ta’e ifaan waliin murtaa’a,. Kanaan ummanni (akka raayyaa tokkotti) komii dhiyyeeffataa irraa gara abbaa karooraa ta’e gara abbaa misoomaa ta’utti kan ce’uu ta’a.

  • Kanaan walqabatee taajaajilli mannen hojii sadarkaa hunda irra jiran yoom,akkamitti, qulqulina fi sadarkaa (standard) maaliin akka kennamuu haala uumataaf ifa ta’ee itti labsamu (declare) uumuun barbachisaa dha.

  • Kanafuu chartari lammilee (Citizen Charter) sadarkaa mana hojii hundattii qopheesuun sirna ittigaafatammumaa fi iftoominaa uummataaf driirsuun barbachisaa dha.





  • 4. Walitti Hidhamiinsa Raayyaa Jijiiramaa Qaamolee Shananii (Synergy)



  • Hojjetaa mara, adda dureen, hoggansa sadarkaa sadarkaa dhan jiru waliin karoora misoomaa ija kiraa sasabdummaa diiguu danda’uun raawchuu kessatti qaama tajaajila argachuu qabu(uummata) waliin waltajii irratti wal argaan akka driiruu taanaan galma gahiinsa karooraa misoomatif murtesaa ta’uu danda’aa.




  • Hoogganisi olaanaan,hoggansi giddugaaleesi, adda durrootni fi uumatni bala’aan qooda fudhataa ijoo sochii ijaarsa raayyaa kanaati.

  • Hoggansii oolaannoon gareewwan adda adda guubbaa irraa kaasee hanga godaattii ijaaramuu issaa mirkaneesuun, sadarkaa hundattii ergama raayyaa siviil sarvisichaaf kennuun qaama hooggansa hojii jijjiiramaa ni hundeessa.

  • Ijaarsa raayyaa jijjiiramaa kanaan alatti hojjatamun irra hin jiru, jiraachus hin danda’u




  • Gama biraatin taajaajila caasaa moottummaa keessattii keennamu fi uummata walitti fiduuf akka riqichaatti gargaaruu chaartara lammilee sadarkaa sadarkaa qopheeesuun hojii irraa oolchuun barbaachisaa dha.

  • Sababni isaa sirna iftoominaa fi ittigaafattammumaa uummataa fi mootummaa gidduutii dagaagsu irra darbee lammiin kamiyyuu tajaajila argachuu heera mootummaa irratti kaa’ammee hojjiirraa ooluu isaa kan mirkaneefatu ta’a.





  • 6.Muxannowwaan Hanga Ammaa Qabnuu fi Dhimmoota Xiyyeefaannoo Barbaadan



  • Ijaarsa dimookraasi fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneesuuf kan gargaaran Meeshaalewwaan rifoormii kan akka JBAH, SMBKT,fi hojimaaatni hirmannaa uummataa akka diriiru gochuu keessattii hojiin bala’an raawwatameera

  • Ijaarsa raayyaa sivil sarvisii cimsuuf akkataa raayyaan itti ijaaramu danda’uu maanuwaalonii fi qajeelfamonii adda addaa qophaa’nii hojiitti akka galamu ta’ee jira.




  • Faayidaa ijaarsa raayyaattii amananii fudhachuun tokko shaneen ijaaramuu jalqabee jira.

  • Sadarkaa naannootti qofa adda duroota 800 ol filatamanii hojii eegalanii jiru.

  • Sochii ijaarsa raayyaa jalqabame kanaanis, siviil sarvaantiin sadarkaa sadarkaaan jiru aadaa, namuusa fi kabaja hojiif qabu fooya’uu jalqabee jira.

  • Yeroo hojii isaattis fayyadamuun jalqabamee jira.

  • Karoora mana hojii isaa irrattii hubannoo argachuun gahee issaa bahuu Waan jalqabameef bu’aa gaarii fiduu jalqabeera.




  • Raayaan ijaarame riifoormii naannichaa akka galmaan hingeenyee hudhawaan riiformichaa irratti adda baasuu fi kallattii itti hiikamuu danda’amu irratti waltajiin marii fi leenjiin sadarkaa naannootii hanga aanatti yeroo gara garaa taasifamaa turee jira.

  • Jalqabbiin hojii riifoormii fi ijaarsa raayyaa kun haa jiraatu malee ammallee hudhawwaan gurgguddoo ijaarsa raayaa jijiiramaa hundessuu keessatti qunnaman hundee irraa hiikuun furmaata kennuun barbaachisaa dha. Isaanis:



  • 1.Rakkoo Ilaalchaa Hoggansaa

  • Rakkoon ijoon ammalee muul’atu ilaalcha hoggansa bira jiruun walqabatee hooggansi olaanaan akka hojii qulfiitti fudhachaa deemuu dhabuu dha.

  • Hojii ijaarsa raayyaa salphisanii ilaaluu fi hojicha hoggessa qofaaf dabarsanii kennuutu mul’ata.Hojjettaa bal’aa, adda dureewwaan fi uummata tajaajila kennu sanaaf akka hoogganaa/ajajjaa raayyaatti geggeesuu hin dandeenye.




  • Yaada furmaataa

  • Kanaafuu Hoggannaan/Ajajaan raayyaa tokko galma barbaadamu bira gahee jira kan jechisiisu yoo miseensota rayyaa jijiiramaa sadarkaa shananuu toora yookin sarara tokkoon hoggannuu danda’ee dha.

  • Raayaan jijiiramaa sadarkaa sadarkaan jiru Tokko- Shanneen Ijaaramee hojii ittifufiinsa qabu raawwachuu dhan fedhii uummataa mirkaneesuu yoo jalqabee dha.

  • kanaaf ittigaafatammumaa jalqabaa fudhachuu kan qabu Hooggansa/Ajajaa Raayyaa sadarkaa sadarkaa dhan jiruu dha.




  • 2,Ilaalcha Hojjettoota Bal’aa

  • Adeemsa ijaarsa raayyaa jijiiramaa fi adda duree keessatti ilaalchonnii hojjettoota baayeee keessatti yeroo gara garaa calaqqisu akka fakkeenyattii kaasuun ni danda’ama:

  • Maaliif raayyaa jedhamnaa?

  • ‘’Adda duree’’ jechuu maalif barbaachisee?

  • Hundinuu hajjetaa dhuma mitii?

  • Qorannoo dhan nu rakkisuu barbaadaniiti?

  • Caasaan mootummaa ossoo jiruu caasaan dabalataa cinaan maaliif barbaachisee?

  • Maqaa Tokko- Shaneetin hojii siyaasaatif nu gurmeesuu barbaadu kan jedhuu fi Kan kana fakkaataniin kan guutamee dha..




  • Yaada furmaataa

  • Hoggannaan/Ajajaan raayyaa tokko ilaalchaawwan kana sirriitti adda baasuudhan waltajjii marii dimookraatwaa ta’ee fi leenjiwwaan hubannoo raayyaa jijiiramaa sivil sariviisii cimsuu danda’u yeroo yeroo dhan kennuu dhan hiikkachuu qaba.

  • adda duroota filatamaan yeroo yeroo dhan ijaaruun hojii kessatti cimsuu dhan dhawaata adda duroota gama hundaan bilchaatan horachuudhan hojjettoota kaan gara human jijiiramaatti ceesisuun barbaachisaa dha.




  • 3.Rakkoo Hubanaa

  • Keessattuu Hoogansa Sadarkaa Godinaa, Aanaa fi Magaalotaa biratti yaad rime ijaarsa raayyaa jijiiramaa waliin walqabatee rakkoo hubannaa bal’aatu jira.

  • Bifa walfakaatuun rakkoon hubannaa gamma hojjettota bal’aa sadarkaa hundatti argaman birattis ni jira.




  • Yaada furmaataa

  • Hoggannaan/Ajajaan raayyaa tokko ijaarsa raayyaa jijiiramaa sadarkaa sadarkaan ijaaraame akka mikaa’uu waltajjii leenjii gara garaa uummuun rakkoo hubannaa sadarkaa hundattii jiru hiikuun barbaachisaa dha.

  • Meeshaalee riifoormii JBAH/ SMBKT hojii irraa oolchuuf hojii guyyaa guyyaan fudhatee raawwachuu isaa mirkaneesuun madaalaa deemuun murteesaa dha.

  • 4.Hirmannaan uummataa laafaa ta’uu

  • Sochiiwwaan raayyaa jijiiramaa hanga yonaattii geggeefame keessatti haalli hirmannaa gama uummataa fi tajaajilamaatin jiru baayee laaafaa ta’uu isaatti.

  • Uummatni odeeffannoo fi hubannoo issaa cimsee qophii karoora keessatti, raawwii karoora mootummaa irraa kaasee, tajaajila isaaf malu argachuu dhan hanga faayidaa fi bu’aa yaadame aragachuu danda’uttii qooda fudhannaa uummataa gama hundaan mirkaneesuun barbaachisaa dha.

  • Yaada furmaataa

  • Hoggannaan/Ajajaan raayyaa tokko ijaarsa raayyaa jijiiramaa sadarkaa sadarkaan ijaaraamu tajaajila qulqulinaa fi sadarkaa isaa eegee uummataaf dhiyeesuu isaa sirna ittigaafatammumaa fi iftoominaa mirkaneesuuf waadaa itti galuu uumuu qaba.




  • Chaartarii Lammii sadarkaa sadarkaadhan qopheesuun ummatni keenya sadarkaa fi qulqulina tajaajilaa qaama mootummaa irraa barbaaduu irrattii ifattii beekee gaafachuu akka danda’uu (Citizen Charter) qopheesuun haala mijeesuun murteesaa dha.

  • Adda durootni sadarkaa hundatti ijaaramanis ijaarsa tokko shaneetin tajaajilla uummataaf kennuu qaban kennamuu isaa Gumii/Waltajjii adda durootaa hoggansa olaanaatiin geggeefamuun mirkana’aa deemuu qaba.




  • Hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru haala Adda duroota itti uumnu irratti hanqinnii jiraachuu issaa.

  • Manneen hojii fi Kutaalee hojii hunda keessatti ogeessota olaanoo, ogeessota dargaggoota/dubarttoota ciciimoo ta’an, hoggntoota garee adda addaa fi hojjattoota hojii isaanitiin murteesoo ta’an akkasumas hojjattoota sadarkaa dakaa irratti argaman adda baafachuu keessatti hanqina guddatu mul’ata

  • Yaada furmaataa

  • Hoggannaan/Ajajaan raayyaa tokko Hojjattoota akkasii kana imammata fi kallattiiwwan mootummaa adda addaa irratti leenjii bal’aa ta’e kennuudhaan iftoomina uumuun gara hojiitti galchuudhaan hojii guyyaa guyyaa keessatti gahoomsuu, qabatamaan qabsoo farra-kiraa sassaabdummaa keessatti galchuun akka qabsa’aan gochuun

  • dhawaata hojjettoota bal’aa keessaa adda duroota kan biroo uumuun ni danda’ama. Kanaafuu adda duroota uumuu keessatti gahee jalqabaa fi guddaa kan qabu hooggansa olaanaa dha kan jedhame siriitti ifa ta’uu qaba.





  • 7. Xumura




  • Ijaarsi raayyaa siviil sarvisii yeroo tokko ijaaramee kan dhabbatamuu mitii. Akkataa kanaan hubatamnaan, Qabsoo kiraa sassabdummaa diiguu keessatti humni misoomawaa dimokraatawaan yeroo babal’achaa fi hundee godhachaa dhufu , ijaarsi raayyaa sadarkaaa hundattii ni mirkanaa’a;

  • raayyaan ijaarrame deebi’ee dabaree isaatiin hojii keessatti humna ijaarrameen kiraa sassaabdummaa ni diiga. Ijaarsi raayyaa jijiiramaa jedhamus akkataa kanaan malee ijaaruun hindanda’amu.




  • Kanaafuu guddina dinagdee ammaa jalqabamee ittfufsiisuu qofa osoo hintaanee guddina argamaa deemuu irra uumatni keenyaa bifa walqixa ta’een fayyadamaa deemuuf keniinsa tajaajilaa moottumaa sadarkaa sadrkaa dhan jiru Ijaarsi raayyaa siviil sarvisiitin fiixan bahuu qaba.

  • Bifa walfakaatuun fayyadammumaa fi hirmannaa uummataa sochii misoomaa hunda keessatti bifa iftoomina qabuun geggeefamuu qaba.

  • Kanaafuu abbumaan hoggansi sadarkaa sadarkaan jiruu adda dureen fi hojjetaa bal’aan akka meeshaa olaanoo galma gahiinsa karoora misoomaatif, kiraa sasabdummaa maqsuuf kan gargaaruu ta’uu isaa hubatee raayyaa jijiiramaa siviil sarvisii dhugoomsuu qaba.




  • The Impossible Become Possible

  • TEAM WORK FOR MUTUAL BENEFIT

  • Nageenyiis Waliin Bareeda

  • Waan hin dand’amne hinjiru



  • Team work for sport




  • Team work for health service

  • TEAM WORK FOR MUTUAL BENEFIT



Raayyaa Jijiiramaa Siivil Sarviisii Adda Duree ta’uun Haaromsa Biyya Keenyaa ni Dhugoomsna!!!

Yüklə 94,84 Kb.

Dostları ilə paylaş:




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2022
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə