Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Naamusa Dorgomtoota kaadhimamtoota Irraa Eegamu



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə23/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23

43. Naamusa Dorgomtoota kaadhimamtoota Irraa Eegamu


Dorgomtotaa bittaa mootummaa irratti hirmaatan labsii keewwata 22 irratti kan ibsame akkuma eegametti ta’ee hojimaata naamusa gaarii ijoo ta’an hordofuu qabu.

  1. Dhiyeessaan ykn dorgomaan kaadhimama kamiyyuu bittaa irratti kallattin ykn kallattin ala hojjetaa bobba’e ykn ittigafatama bobba’e ofiisaa ykn qaama sadaffaan kenna kennuu hin qabu.

  2. Dorgooman ykn dhiyeessan raga beekuu manni hojii mootumaa bittaa raawwachuuf ykn waliigaltee bulchuuf fi murteef kan gargaruu oodeefano barbaaduu fi dorgomaan beekkamu kennu qaba.

  3. Dhiyeessitoonni kamiyyuu dorgomtoota biroo wajjin mari'achuudhaan gatii sobaa kennuun ykn kennuu dhiisuudhaan faayidaa mana hojii miidhuuf ykn sanada dorgomaa biroo irratti hundaahanii dorgommiiti seenuu hin qabani.

  4. Raawwii bittaa mootummaa irratti gochaa malaa mmaltummaa yaadame qaama dhimmi ilaaluuf beeksisuu fi gocha malaammaltummaa irratti hirmaataa ta’ee argamuu hin qabu.



Kutaa 11: Sirna Iyyannoon Itti Gaafatamaa Ol’aanaa Mana Hojii

Mootummaatti ykn Biirootti Dhiyaatu Ittiin Fuudhamuu fi Qoratamu

44. Mirga Iyyannoo Dorgomaa Kaadhimamaan Dhiheeffachuu qabu


Akkata labsii sirna bittaa fi bulchiinsaa qabeenya mootumma keewwata 61 fi 62 akkuma jirutti ta’ee, manni hojii mootummaa caalbaasicha baase akka qajeelfama kanaatti sirriidhaan sababa hojjachuu dhisuu isaatiin miidhaan ykn kasaaraan narra gaheera ykn narra gahuu danda’a dorgomaan jedhu caalbaasichi irra deebi’amee akka ilaalamuuf ykn adeemsi isaa akka qulqullaa’uuf itti gaafatamaa ol’aanaa mana hojichaatti iyyata dhiheeffachuu ni danda’a.

45. Haalawwan Iyyanoon Itti Dhiyaachuu Hin Dandeenye


Sababbiiwwan armaan gaditti mul’atan irratti iyyannoo dhiyeesuun hin danda’amu.

1 .Labsii Bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa irratti haala tarreeffame bu’uura godhatee murtoo filannoo mala bittaa ykn dhabamsiisa qabeenyaa irratti,

2. Haala filannoo dorgomtoota bittaaf afferamanii irratti ykn ulaagaalee dorgommii duraan dursee sanada caalbaasii keessa ta’e irratti,

3.Akkaataa labsii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa keewwata 15 fi qajeelfama kana keewwata 18.18 (5) irratti hundaa’ee dhiyeessitoota biyya keessaatiif, dhaabbilee Intarpiraayizii Maayikroo fi Xixiqqaaf, oomishaalee fi hojiiwwan ijaarsaatiif ilaalcha adda kennameef,

4. Bu’uura labsii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa keewwata 20 tiin caalbaasii, sanada yaada dorgommii ykn dhiyeessa gatii kuffisuuf murtoo kenname,

5. Manni hojichaa bu’aa gamaaggamaa ykn iyyata itti dhiyaateef barreeffamaan murtiin guyyaa kennamee eegalee kan lakkaa’amu guyyaa hojii 5 (shan) yoo darbe,


46. Sirna Iyyannoon Itti Gaafatamaa Ol’aanaa Mana Hojii Mootummaatiif Dhiyaatu Ittiin

Qulqullaa’u


1. Manni hojii mootummaa caalbaasicha baasee bu’aa caalbaasichaa ykn iyyannichaa guyyaa dorgommtootaaf ibsamee jalqabee guyyaa hojii 5(shan) osoo hin guutiin dura waliigaltee bittaa mallatteessuu hin qabu.

2. Adeemsa bittaa ykn gurgurtaa qabeenyaa irratti miidhaa ykn miidhamni narraa gaheera jedhee dhiyeessaan ykn dorgomaan ykn bittaan qabeenyaa iyyannoo isaa tiif bu’uura kan ta’e murtoo erga beekee ykn guyyaa beekuun irra turee eegalee kan lakkaa'amu guyyaa hojjii 5 (shan) keessatti iyyata isaa jalqaba dhiyeessuu kan qabu mana hojii mootummaa caalbaasicha baaseef dhaa iyyannoon kana booda mana hojichaatti dhiyaatu fudhatama hin qabu.

3. Dorgomaa kaadhimmamaa iyyaticha dhiyeessee ykn bittaa meeshaa fi waliigaltee mana hojii mootummaa caalbaasicha baaseen yoo hiikamuu baatee irraa kan hafe itti gaafatamaa ol’aanaan mana hojii mootummaa guyyaa iyyannoon dhiyaatee kaasee kan lakkaawwamu labsiicha keewwata 61 keewwata xiqqaa 3 bu’uura ibsameen guyyaa hojii 10 keessatti iyyannoo dhiyaateef murtoo isaa barreeffamaan kennuu qaba. Murtoon barreeffamaan kenname maalummaa murtichaa fi tarkaanfii fudhatamu kan agarsiisuu ta’uu qaba.

4. Mana hojii mootummaa caalbaasicha baase garagalchii murtoon erga kenname guyyaa 5 keessatti dorgomaa kaadhimamaa ykn bittaa meeshaa akka gahu godhamuu qaba.

5. Haalli armaan olitti tumame akkuma jirutti ta’ee dorggomtoonni sanada tekiniikaa fi gatii poostaa adda addaatiin akka dhiyeessan caalbaasii godhameerratti yeroo bu’aa teekinikichaa ibsamu gamaaggamni sanada tekiniikaa qaphxii barbaaddame waan hin argamnneef dorggomaan caalbaasiidhaan ala ta’e sanadni gatii dorgomtoota osoo hin banamiin dura iyyata isaa waajjirichatti dhiyeessuu ni danda’a.

6.Bittaan kommiin irratti dhiyaate kamiyyuu ykn gurgurtaan qabeenyaa kan qulqullaa’u sanada caalbaasii dorggomii dhaaf qophaa’e labsii fi qajeelfama bu’uura gochuudhaan ta’a.


47. Haala Raawwiin Adeemsa Bittaa Mana Hojii Mootummaa Dhoorkamuu Itti Danda’u


1.Manni hojii mootummaa caalbaasichaa baase iyyannichi armaan olitti keewwata 41 keewwata xiqqaa 2 irratti yeroo ibsame keessatti kan dhiyaate ta’uu isaa yoo mirkaneesse iyyannichi hanga murtii argatutti caalbaasichii dhoowwamee akka turu gochuutu irra jiraata.
2. Manni hojii mootummaa caalbaasicha baase faayidaa mootummaa ariitiidhaan eegsisuu qabuuf jadhee raawwiin bittaa ykn gurgurtaa qabeenyaa akka itti fufuu qabu yoo mirkaneesse keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti kan ibsame dhoowwaan raawwatinsa hin qabu.

3. Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 irratti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee dorggomtichi iyyannoon isaa biiroodhaan akka ilaalamuuf yoo barbaade gaaffii isaa biiroodhaaf dhiyeessuu ni danda’a; waajjiri mootummaas bu’uuruma iyyannoo dhiyaateen caalbaasicha dhoowwee sababa murtii kennuu dadhabeef biiroodhaaf ibsuu qaba.

4.Murtoon manneen hojii mootummaatiin darban kamiyyuu akkasumas sababbiwwan murtichaa fi haalli jiru sanadoota qaama sirna bittichaa agarsiisan ta’anii galmaahuutu irra jiraata.


48. Sirna iyyaatni komii Biirootti dhiyaatu itti fuudhamuu fi qoratmu


1. Bu’uura labsii sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa mootummaa lakk.157/2002 keewwaata 62. 8n komii Biiroodhaaf dhiyaatu koree qoratee yaada murtee dhiyeessu ni hundeesa.

2. Biiroon komii iyyaata dhiyeessitoota irraa dhiyaatu koreen qoratee yaada murtee akka dhiyeessuu koreef qajeelchuun raawwii bittichaa ni dhorka.



49. Moggafamaa Miseensa Koree Iyyaata Qoratee Yaada Murtee Dhiyeessu


1. Ooggaanan Biiroo dorgomtoota irraa raawwii bittaa manneen hojii mootummaa irraatti iyyaata dhiyyatu qulqullessee yaada mutee kan dhiyeessu koree miseensoota 5n qabu ni hundeesa.

2. Miseessooni korees armaan gadi moggafamani jiru.



  1. Biiroo M/MDO irraa ----------------walitti qaba

  2. Mana Maree Daldaltootaa irraa -----------------miseensa

  3. Manneen Hojii Mootummaa irraa ---------------- miseensa

  4. Ejansii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa irraa----------- miseensa

  5. Adeemsa Hojii Bittaa Naannoo irraa -------------- miseensa fi barreessa

  1. Bari hojii miseensoota koree waggaa 3 ta’ee, raawwii hojii fi namuusni gaarii qaban ilaalame Ooggaanan Biiroo yoo itti amane bara hojii walfakkatuu tokkoof dheerachuu ni danda’a.

  2. Miseensoota koree ta’anii kan moggafaman hojii bittaa irraatti beekumsaa fi muxanoo ga’a , amala fi namuusa gaarii kan qaban ta’u irra jirata.

  3. Walitti qabaa fi barreesaan koree akka barbaachisummaasaatti walgahii waamuu ni danda’u.

50. Walitti Bu’iinsa Faayidaa Ibsuu


Miseensi koree kamiyyuu dhiyeessa ykn dhimmaa iyyaatni irraatti dhiyaate raawwi bittaa wajjiin kallatiin ykn kallatti ala walitti dhufeenya yoo qaabatee kanuuma korichatti ibsuun walgahii korichaa keessa ka’uu ni danda’a.

51. Aangoo Korichaa


Korichi hojii isaa yeroo raawwatu aangoowwan armaan gadii ni qabaata.

1 Dorgomaan kadhimamaan ykn dorgomaan kamiyyuu ykn manni hojii mootummaa kamiyyuu seerri kan ajajauun alaa raawwachuu isaa ykn bittaa sirritti raawwachuu dhahuu isaa ykn oggaansa bittaa sirriitti rawwachuu dhabuu isaa ykn walitti bu’insii fayyidaa ykn hojiin malaamaltummaa raawwachuu isaa iyyannoon kan dhiyaate yoo ta’e ragaaleen bitticha wajjin walqabatan, sanadoonni, galmeewwanii fi ibsoonni mana hojii mootummaa ykn dorgoma kaadhimama irraa karaa Biiroo akka dhiyaatuuf gochuu ni danda’a,

2.Dhimmicha irraatti hanga murteen kennammutti manni hojii mootummaa sochii itti aanuu akk hin tasisnee dhorkee barreeffamaa karaa Biiroo akka ga’u ni taasisa.

3.Iyyaannoo dhiyaate adeemsa bittaa fi bulchiinsa qabeenyan ykn ogeessa birootiin qoranoon facaatti tekinikaa irraatti taasifamee gabasnii akka dhiyaatuuf taasisuu:

4.Ragaa baatoota fi qamoolee bittaan isaan ilaalu karaa Biiroo waamuudhaan jechaa isaani kakuudhaan akka kennaan ni godha.

5.Manni hojii mootummaa seeraa ala hojiin bittaa raawwatee ykn murteen kenne gutumma guutuutii ykn gar tokkeen akka hafu ykn akka diigamu yaada murtee ni dhiyeessa.

6.Iyyaatni dhiyaate seera qabeessa ta’ee yoo hin argamne iyyaata dorgomaa kufiisuun yaada murtee Ooggaanaaf ni dhiyeessa.

7. Iyyaannoon kan dhiyaate manni hojii mootummaa murtee kennee guyyaa hojii 5 booda yoo ta’ee ykn iyyaanoon duran mana hojii mootummaatti kan hin dhiyaane yoo ta’e iyyaanicha kufisuu ni danda’a.


52. Hojii Korichaa


Korichii yeroo hojii isaa raawwaatuu itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata.

  1. Iyyaanno dorgomaa ykn dorgomaa kadhimamaa irraa karaa Biiroo qajeelfamuuf ni fuudha, ni qoraata,

  2. Iyyaanni Biiroodhaf kan dhiyaate mana hojii mootummaan murtoon kennameefii guyyaa hojii jiraan 5 keessatti ta’u isaa qulqulleessuu,

  3. Manni hojii mootummaa iyyaannoon irraatti dhiyaate raawwii bittaa wajjin sanadoota walqabatan fi ibsawwaan akka erguu karaa Biiroo taasisuu,

  4. Manni hojii mootummaa beeksisnii barreeffama isa qaqqabee sanadoota adeemsa bittaa itti raawwate ,ragaawwanii fi ibsawwan akka erguu hordofii taasisuu,

  5. Qabxii ijoo iyyaannicha qindaa’ee dhiyaate deebii manneen hojii mootummaa irraa kennamee ragaawwanii fi sanadoota dhiyaatan akkataa seera bittaa mootummaatiin qulqulleessuudhaan guyyaa hojii 12 keessatti yaada murtee Biiroof dhiyeessuu,

  6. Hojiiwwaan raawwatame gabaasa ooggaana Biirootiif ni dhiyeessa.

53. Sirna Iyyannoon Biirootti Dhiyaate Koreen Ittii Qulqullaa’u


1. Bu’uura labsii sirna bittaa fi Bulchiinsa qabeenya mootummaa keewwata 61 .4n itti gaafatamaan ol’aanaa mana hojii mootummaa komiin iyyaata erga irraatti dhiyaate kaassee kan lakka’amuu guyyaa hojii 10 keessatti yoo murtee hin kennine ykn iyaatan murtee kennameetti yoo qufuu baatee guyyaa hojii 5 keessatti Biiroodhaaf dhiyeessu ni danda’a. Yeroo kanaan booda iyyaannoon Biiroodhaaf dhiyaatuu fudhatama hin qabatu.

2. Dorggomaa kaadhimmamaan ykn dorgomaan komii iyyaannoo Biiroodhaf yoomuu dhiyeessu mana hojii mootummaaf iyyannoo dhiyeesse ragaalee argisisuu fi mana hojii mootummaa irraa murtee kennameef koppii walqabsisee dhiyeessu qaba

3. Biiroon komii iyyaata mana hojii mootummaa irraatti dorgomaa irraa dhiyaachuusaa beekee ragaa qabuu guyyaa hojii 5 keessatti akka dhiyeessu fi akkasumaas iyyaanichi koreedhaan qoratamee murteen dhumaa Biiroodhan hanga kennamuutti sochii raawwii bittaa itti anuu akka dhaabbuu ni dhorka.

4. Manni hojii mootummaa iyyaanoon irraatti dhiyaate ajajnii Biiroo irraa isaa ga’e kan lakka’amuu guyyaa hojii 5 keessatti erguu qaba.

5. Koreen iyyaannoo kamiyyuu kan qulqulleessuu fi yaada murtee kan dhiyeessu sanada caalbaasii ,labsii sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa mootummaa , qajeelfama , gabaasa gamagamma caalbaasii fi ragaa dorgomaan dhiyeesse bu’uura gochuun ta’a.

54. Murtoo Biiroon kennamu


1.Biiroon komii iyyaata koreen qoratee yaada murtii dhiyeesse bu’uura gochuudhan atattaamaan guyyaa hojii 3 keessatti murtee kennuu qaba.

2. Biiroon murteen kennamee yeroomasana iyyaata fi mana hojii mootummaa akka ga’u godhamuu qaba.


Kutaa 12: Sirna gabaasni balleessaa Biirootti Dhiyaatu Ittiin Ilaalamu

55. Sirna Dhiyeesa Gabaasa baalleessaa fi Qulqulleessa Raawwii


Biiroon bu’uuraa labsii sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenya mootumma lakk.157/2002 keewwata 62.7n manneen hojii mootummaa dorgomtotaa ykn dhiyeesitoota irraatti gabaasa balleessaa dhiyeessan haala armaan gadiin qoratee murtee ni kenna.

1.Manni hojii mootummaa dorgomaan ykn dhiyeessan kamiyyuu seerrii bittaan ittii gaggeeffamu kan ajajauun alaa gochii raawwatamuu isaa ykn waliigaltee mallatteessuu diduu isaa ykn waliin dhahuu ykn sanada sobaa dhiyeessuu isaa ykn waliigaluu isaa ykn hojiin malaamaltummaa raawwachuu isaa ykn dirqamaa seenee raawwachuu dhabuusaatiin hubatiin kan irra gahe ta’u issa mirkaneessuun yoo danda’ame nama ykn qaama balleessaa raawwate irratti gabaasni balleessa Biirootii dhiyaachuu ni danda’a.

2.Manni hojii mootummaa dorgomaa ykn dhiyeessa irraatti gabaasa balleessaa yeroo dhiyeessu ibsa balleessaa ijoo iyyaannoo ibsu kooppii sanadoota bittaan ittiin gaggeeffaman fi raggawwan dhimmoota biroo qoraachuuf gargaran walqabsisee dhiyeessuu qaba

3. Biiroon dorgomaa ykn dhiyeessaa gabaasnii balleessaa irratti dhiyaate ijoo isaa cunfuun karaa isaa ragaa fi ibsa qabu guyyaa hojii 5 keessatti Biiroof akka dhiyeessu ajajuun raawwii isaa hordofuu qaba.

4. Biiroon iyyaannoo komii mana hojii ykn dorgomaan dhiyaateef sanada caalbaasii ,labsii sirna bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa mootummaa , qajeelfama bittaa fi waliigaltee bittaa bu’uura gochuun guyyaa gabaasni balleessaa dhiyaate kaassee guyyaa hojii 15 keessatti qulqulleesse murtee kennuun murtee isaa qaama dhimmichi ilaaluu hundaf erguu qaba

5. Biiroon murtee adabii kennuu kanneen armaan gadii keessa tokkoo ta’u ni danda’a.

1. Dorgoman ykn dhiyeessan kamiyyuu bu’aa adeemsa bittichaa ta’e jedhee waliin dhahuuf ykn jijjiirsisuuf ykn yeroo bulchiinsa waliigaltee kanneen armaan gadii raawwachuun isaa yoo mirkanaa’e haala balleessichaan waggaa 2 kan hin caaleen ykn yeroo mutaa’eef manni hojii mootummaa caalbaasii bittaa baasuu irraatti akka hin hir’manee gochuun galmee dhiyeessaa keessa ni haqa.

a. Gocha maallamaltummaa jechuun ogeessa hojii bittaa gaggeessuuf ykn itti gaafatamaadhaaf mataa’a ykn gatii kan qabu kennaa kamiyyuu kennuun ragaan yoo mirkanaa’e,

b.Waliin dhahuu jechuun ragaa sobaa ykn sanada seera qabeessa hin taane yoo dhiyeesse ykn Biiroodhaan dhorkamee yeroo jiru keessatti yeroo dhorkaa osoo hin xumuuriin caalbaasii biraa irraatti hirmatee yoo argame ykn waliigaltee ala meeshaa , tajaajila ykn hojii ijaarsaa ykn tajaajila gorsa qulqullina hin qabne dhugaa ykn sirii jechuun dhiyeessu isaa yoo barame,

c. Dorgomtoota biroo waliin ta’uun gatii murteessun dorgomtoota biroo fi mana hojiichaa dorgomii bilisaa irraa bu’aa argachuu qaban akka hin argane gochuun yoo mirkanaa’e

d. Hojajjattoota ykn itii gaafatamaa mana hojii mootummaa waliin ta’un meeshaa ykn tajaajila ykn tajaajila gorsaa ykn hojii ijaarsaa waliigaltee ala dhiyaachuun yoo mirkanaa’e,

e. Oggeesa hojii bittaa gaggeessu ykn itti gaafatamaa kallattin ykn kallattin ala hubun ykn hubuuf sodachisuun yoo mirkanaa’e

f. Murtee adabii Biiroodhaan itti murtaa’e yeroo raawwatee kaasse kan lakka’amu waggaa 2 keessatti balleessa adaba biraa irraan ga’u raawwachuun yoo mirkanaa’e

2. Dorgoman ykn dhiyeessan kamiyyuu balleessa itti anuu raawwachuun isaa yoo mirkanaa’e , ulfinii balleessa isaa ilaalamee ji’a jaha gadi kan hin ta’nee fi waggaa 2 kan hin calleef caalbaasii mootummaa kamiyyuu irraatti akka hin hirmane dhorkuun galmee dhiyeessa irra ni haaqa.

a. Bu’uura waliigaltee seeneen dhiyeessi, tajaajilichi ykn tajaajila gorsa ykn hojii ijaarsaa yoo hin xumuriin ykn dhiyeessu eegalee sababa addaan kuteen mana hojiicha irratti kisaara maallaqa ykn harkifana hojii ykn bu’aa dhabuu yoo hordofsisee ,

b. Mo’ata caalbaasii ta’uun isaa barreeffamaan ibsameef waliigaltee seenuuf sababa fedhii hin qabneef manni hojiicha bittichaa dorgomaa biraa irraa raawwachuun mana hojiicha irraa kisaaraa ykn hojii boodatti harkisuu yoo hordosisee

c. Waggaa 3 asitti balleessa biroo raawwatee Biiroon barreeffaman akkeekachisa kan kennmeef yoo ta’e ,gabaasni ammaa irraatti dhiyaateen akeekkachisa biroo kan kennisisuu balleessa raawwii bittaa ta’e yoo argame

3. Dorgomaan ykn dhiyeessaan kamiyyuu balleessaa itti aanuu raawwachuun isaa yoo mirkanaa’e , akeekkachiisa barreeffamaa kennuufiin ni danda’ama.

a. Waliigaltee senee dhiyeessi ykn tajaajilia ykn tajaajila gorsa ykn hojii ijaarsaa yeroo waliigaltee keessa ta’e osoo hin ta’in sababa tursee dhiyeesseef hojii mana hojichaa irratti rakkoo yoo geesisee,

b. Manni hojii mootummaa kamiyyuu bittaa raawwachuuf proformaan akka kennamuuf gaafatee kennuuf hayammama ta’u yoo batee,

4. Murteen Biiroon bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa 5.1,2n galagalchii murtee kennamee Manneen hojii motummaa Fedaraalaaf, yuniversitii,koleejoota fi qaamoota hundaa f i nannoolee fi bulchiinsa magaalaaf akka ga’u ni godhama.

5. Biiroon murteen olitti kennuu akka egameetti ta’ee manneen hojii mootummaa dorgomaan ykn dhiyeessan sababa rakkoo uumeen bu’uura waliigaltee bittaa fi seeroota biiroo fudhatama qabaniin kisaaran irraa ga’e gaaffachuu ni danda’u.




56. Rakkoo Humnaa ol ta’e


  1. Rakkoon humnaa olii qaqabeera kan jedhamu dhiyeessaan haala rakkoo tasa qaqabeen dirqama waliigaltee isaa akka hin raawwanne rakkoon humnaa olii yeroo dhaqabedha.

  2. Rakkoo humnaa oliiti kan jechisiisuu danda’u sababiilee armaan gadii keessaa tokko ta’uu ni danda’a:

  1. Walii galtee akka hin raawwanne mootummaadhaan yoo dhoowwame,

  2. Kan akka sochii lafaa, bakakkaa, lolaa, fi balaa uumamaa kkf.

  3. Waraana diina biyya alaa ykn biyya keessaa,

  4. Qaamani waliigaltee raawwatee yoo du’e ykn haala hin yaadamneen balaa cimaa qaqqabuun ykn dhukkuba hamaa,

  5. Seera hariiroo hawaasaa irratti kan tarreeffame haalli dirqisiisaan humnaa olii yoo uummame,

3. Jechi faallaa waliigaltee ifa ta’e biroo yoo jiraate malee haaliwwan armaan gaditti tarreeffaman akka rakkoowwan humnaa oliitti lakkaa’amuu hin danda’ani:

  1. Warshaa waliigaltee raawwatu ykn damee warshichaa kessaa tokko keessatti fincila hojetootaa godhame ykn manni hojichaa yoo cufame,

  2. Gatiin dhiyeessa raawwatinsa waliigaltichaa tiif barbaachisu yoo dabale ykn yoo gadi bu’e,

57. Iyyannoo Mana Murtiin Ilaaluu


Dorgomaan ykn dhiyeessaan ykn bitaan qabeenyaa murtii qaama caalbaasii baaseen ykn Biiroo Mallaqaa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa tiin kenname irratti komii qabu mana murtii dhimmi ilaalutti dhiyeeffachuuf ni danda'a.

Kutaa 13: Qajeelfamoota Haqamaanii fi Guyyaa Qajeelfamni kun Itti Ragga'u

58. Qajeelfamoota Haqamaan

Qajeelfamni Sirna Bittaa Mootummaa fooyyeessuuf Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa Lakk FA-.01 / 2001 bahe qajeelfama kanaan haqameera.


59. Guyyaa Itti Ragga'u


Qajeelfamni kun fulbaana 16, bara 2004 irraa eegalee kan ragga’e ta'a.

Siraaj Kadir
Ogganaa Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Oromiyaa

Fulbaana, 16 bara 2004

Finfinnee



Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2022
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə