Bulchinsa Faayinaansii



Yüklə 0,87 Mb.
səhifə1/9
tarix09.01.2019
ölçüsü0,87 Mb.
#93723
  1   2   3   4   5   6   7   8   9

Bulchinsa Faayinaansii

Kutaa Tokko




Haala waliigalaa

(General Over view)




    1. Seensa

Intarpiraayiziin Ijaarsa Hojiwwan Bishaan Oromiyaa dhaabbilee misoomaa oromiyaan qabdu jahan keessaa isa duraafi guddaa dha. Erga hundaa’ee egalee, dhiyeessa bishaan dhugaatii waliin gahuuf karoora mootummaan baafate dhugoomsuu keessatti hojji bal’aa hojjateera.Wabii nyaataa mirkaneessuufis tarsiimoo mootumaan hordofaa jiru dhugoomsuu keessatti shoorri taphachaa ture olaanaadha. Hojii hanga yoonaa taasiseen ijaarsa jallisii, dhiyeessa bishaan dhugaatifi ijaarsa adda addaatiin akka biyyaattis ta’ee naannootti intarpiraayizii fakkeenya ta’eedha.


Haaluma kanaan qo`annoo JBAH adeemsifamuun hojiilee haala barbaadameen raawwachuu irratti gufuu ta`aaniif dedeebiin baayi`achuun (hand offs) bu`uura irraa maqsuun tajaajila fedhii maamilootaa fi dhimmamtootaa deebisuu danda`uu kennuun gabaasa faayinaansii qulqulluu qopheessuuf adeemsa hojii faayinaansii irratti JBAH gaggeessuun murteessaa ta`uun amanamuun faayinaansiin kanneen JBAH `n irratti gaggeeffamuu qabu keessatti filatameera.



    1. Kaayyoo Qorannoo

Adeemsi hojii faayinaansii galii sassabuu, walitti qabamaawwan walitti qabuu, kaffalamaawwan kaffaluu, kaffaltii raawwachuu fi gabaasa faayinaansii qulqulluu fi yeroo isaa eeggate qopheessuu irratti dhimoota gufuu ta`aan JBAH’n bu’uura irraa buqqisuun hojiilee bu`aa hin qabine (non value adding activities) baasuun tajaajila gahaa fi saffisaa ta`ee kennuun gabaasa herrega qulqulluu fi yeroo isaa eegee qopheesuu irratti kan xiyyeffate dha.




    1. Daangaa Qo`annoo (scope)

Waajjira olaanaa kaasee hanga waajjira piroojektitti rakkoolee jiran adda baasuun adeemsi hojii faayinaansii galii sassabuu, walitti qabamaawwan walitti qabuu, kaffalamaawwan kaffaluu, kaffaltii raawwachuu fi gabaasa faayinaansii qopheessuu akka jijjiiramu gargaaru fi itti quufinsa maamilaa daran dabaluu dha.


1.4. Mala Qo`annoo (methodology)

Gareen qo`annoo faayinaansii raawwatu dhimmoota armaan gadii ni raawwata;



  • Dhaabbileen misooma hojii akka keenya raawwatanii hojiimatni isaanii ni ilaalama (bench mark).

  • Hojjetota hojii irraa jiran irraa odeeffannoo fudhachuu.

  • Labsiiwwan qajeelfamootaa fi danbiiwwan faayinaansii jiran ilaalu.

  • Leenjii BPR irratti kenname ilaaluu.

  • Yaada maamilootaa tajaajlamtootaa fudhachuuf gaaffi qopheessuu ragaa walitti qabuu.

  • Yaada hooggantoota olaanaa fudhachuu.

  • Ogeessoota herrega olaanaa fayyadamuu.


1.5. Ergama, Muldhata, Duudhalee, Gahee fi Aangoo IIHBO

  1. Ergama

Ogeessoota gahumsa qaban fi teeknooloojii ammayyaatti qindeessudhaan misooma ijaarsa bishaanii, daandii, fi gamoowwanii gaggeessun tajaajila qulqullinaa fi bu’a qabeessa ta’e iddoo fi yeroo barbaadamu keessatti dhiheessun ummata fayyadamaa taasisudha.




  1. Mul’ata

Bara 2020tti, Baha Afrikaatti interpiraayizii dorgomaa ta’e argamuudha.

  1. Duudhaalee

  • Qulqullinni hojii Ijaarsaa Xiyyeeffannoo keenya

  • Kenninsi tajaajila qulqulluu mallattoo keenya

  • Gareedhaan hojjachuu ni jajjabeessina.

  • Fedhii maamilaa ni kabajina.

  • Muuxannoo wal jijjiruun aadaa keenya.

  • Teeknooloojii ammaayyaa wajjin tarkaaffachuun aadaa keenya.



  1. Gahee fi Aangoo interpiraayizii

  • Hojiiwwan qabeenya bishaanii misoomsuuf hojjatamanirratti bobba’uu dhaan, ijaarsawwan hidhaa bishaanii, jalisiiwwan, ijaarsa bishaanii humna ibsaa maddisiisan, sararoowwan raabsaa bishaan dhugaatii, sararoowwan xurii dhangala’aa maqsan, sararaawwan dhangala’aa, ijaarsa karaa fi ijaarsa gamoowwanii raawwachuu dha.

  • Boondii ni baasa, ni qabsiisa, ni gurguras.

  • Meeshaalee fi qodaawwan hojiilee ijaarsa bishaanitii fi ijaarsa bishaanitiin wal fakkaataaniif tajaajilan ni oomisha; biyyoota alaarraa ni fichisiisa, gurgura, raabsa; biyya allaattis ni erga, akkasumas ni kireessa.




  1. Xiinxalaa gahee fi aangoo interpiraayizii

Interpiraayiziin aangoon fi gahee hojii duraan kennameef keessa hojiiwwan kan akka:-

  • hidhaa bishaanii fi ajalisii, sararoowwan raabsaa bishaan dhugaatii, qotiinsa boolla bishaanii, ijaarsa karaa, ijaarsa gamoowwanii fi

  • hidhaawwan bishaan jalisii bulchu, baasiiwwan ijaarsa kanaaf baasii ta’e fayyadamtootarraa sassaaba turerra.

Inteerpiraayiziin hojiiwwan ijaarsa gaggeessa ture kana keessa yeroo amma qotinsa boolla of-danda’e fi bulchiinsa hidha bishaani immoo abba taayitaa jaalisii akka ta’u kara mootummaatiin waan murta’ef qoranno JBAH kana keessa bahe gaheen hojii foyya’e dhihaate jira.

Hojii hojjatama ture kana keessa hojiin ijaarsa karaa dhaabbata mootummaan Interpiraayizii Ijaarsa Daandii Oromiyaa jedhe gurmeessun kallatidhaan hajjacha kan jiru yoo ta’u raawwi isaa waliin walqabata hanga amma fedhiin waldhahu fi komiin qaama lamanu irra ifati dhihaate hin jiru. Ijaarsa gamoowwanii ilaalchisee immoo hojiin ijaarsa interpiraayzii keenya raawwatama yaa ture kana dhaabbatni Mootumma bakka bu’e gaggeessu kan hin jiree fi komiin kara kanaan dhihaate akka interpiraayizitti beekamu hin jiru. Yaa ta’u malee hojii ijaarsa gamoo kana gabaa keessa galame kan dorgomiin kennama ture otoo hin ta’inni kallatiin waan kennama turef dorgomiin argachu keessatti interpiraayiziin muxanno hin qabu.


Hojiin ijaarsa kun laman (karaa, gamoo) kaayyoo gabaa tasigabeessu fi iddo dhaabani dhunfaa hin galee mootumma bakka bu’e hojjata jedhu irratti bu’aa guddaa akka hin qabne ni beekama. Akkasumas hojii kana irratti dhaabani dhunfaa heddun gahumsa qaban waan jiraniif, interpiraayiziin fulduraatti ijaarsa humna fi gahumsa hojjatoota cimsuun irratti yoo hirmate bu’a guddaa waan argamsisuu fi hojii dhabdootaf hojii carraa bannu waan ta’ef gahee hojii ta’e itti fufu qaba.
Kara biraa interpiraayiziin hojii aangoon kennamef keessa kan arman gadi hanga amma kallatidhaan hin hojjanne.

  • ijaarsa bishaanii humna ibsaa maddisiisan, sararaawwan xurii dhangala’aa maqsan fi sararaawwan dhangala’aa,

  • Boondii baasu, qabsiisu fi gurguru,

  • Meeshaalee fi qodaawwan hojiilee ijaarsa bishaani fi hojii bishaaniin wal fakkaataaniif tajaajilaan oomishu, biyyoota alaarraa fichisiisu, gurguru, raabsu, biyya allaatti erga fi kireesuu jedhaman keessatti ni argamu.

Sabaaba hojiiwwan aangoon kenname kun akka hojii irra hin olee tasisaan fi furmaata isani tokko tokkoon haala arman gaditiin dhihaate jira.

  • Inni tokko boondi baasu fi gurguruu kan jedhu hojiin kun kara mootumatiin hanga amma hayyamni kennama jiru kan hin jire yoo ta’u kana irra kan ka’e interpiraayiziinis hayyama kana baase waan hin qabnef hojii kana hojjachu hin danda’u. Akka waligalaatti yeroo amma seektaara kana irratti dhaabani mallaqaa sochosaan baayyen waan jirani fi hojjachu waan danda’anif kara interpiraayitiin bu’a qabeessuman isa xiqaa fi hojii bishaani waliin kan wal-hin qabane waan ta’ef barootan gabaaba kana keessatti ittiin hojjachun arifaachisa mitti. Yaa ta’u malee yeroo murasaan booda gabaan isaa kara mootummaa banname yoo irratti hirmatame bu’a qabeessa waan ta’uf, interpiraayiziin hojii kana raawwachuf humna cimsun qopha’e akka egatu fi gahee hojii ta’e itti fuifu akka qabu koreen kun itti ammana,

  • Hojiin ijaarsa humna ibsa bishaani irra madisisu akka aangootti yaa jiratu malee hanga amma hojiin hojjatame hin jiru. Muxannoon ijaarsa kan gargaru interpiraayiziin hin qabu. Yeroo amma hojiin kun sadarkaa Feederalaatti kan hojjatamu waan ta’ef carraan interpiraayizii keenya kallatiin afeerame hojjachu danda’u baayye xiqaa dha. Yaa ta’u malee biyyi keenya karoora yeroo gabaaba fi dheeraa keessatti ibsa ummata waliin gahuuf hojjacha waan jirtuf, interpiraayiziin humna fi gahumsa cimsu hojii kana keessatti akka hirmachu qabdu kallatiin mootummaa ni agarsiusa. Kanaafuu, angoo fi gahee hojii kun interpiraayiziin hanga carraa kana ummutti turu akka qabu itti ammanama,

  • Interpiraayiziin hojiiwwan hanga amma hin hojjane keessa sararoowwan xurii dhangala’aa maqsani fi sararaawwan dhangala’aa isa biraatti dha. Haala qabatama amma jiru hojii kun afeera magaalootatin kan hojjatama yoo ta’u magaalooni kun ijaarsa kanaaf gabaa irra qaama hojjatu argachuf carraa balaadha waan qabuf kallatiin interpiraayizii keenya afeerre hojjachisun xiqaa dha. Kanaafuu, hojiin isa hirmaatoota baayye (IMX dabalate) waan qabuf hojiin kun aangoo keessa ta’un isa yeroo amma bu’aan qabu xiqaa yaa ta’u malee fulduraati hojii kana keessa yoo seenname hojii bu’a irra argamu fi hojii dhabdotaaf kan hojii ummu danda’u dha.

  • Meeshaalee ijaarsa bishaani gargaraan fi hojiile walfakaatu hojjachuf interpiraayiziin hanqina humna (mallaqaa, oggeessa) irra kan ka’ee waan hayyama hojii meeshaa kana fichisisuu fi raabsu dandeechisu hin qabnef hanga amma hojjachu hin dandeenye. Hojiin kun interpiraayiziin hojiiwwan hojjatu keessatti gahee gudda kan qaban fi bu’anis kan irra argamuf waan ta’ef fulduraati karooran qabame kan hojjatamu qabu waan ta’ef aangoo keessa turun isa barbachisa dha.


Kutaa Lama



Sadarkaa

Hubbannoo

(Understanding phase)







2. Yaa’iinsa hojii faayinaansii beekuu (understand the Current Process)

2.1 Adeemsa Hojii amma jiru ibsuu

Adeemsi hojii faayinaansii hojiileen raawwachaa jiru jalaqabaa hanga dhumaatti ibsuuf Galii sassabuu Kaffaliiwwan raawwachuu Gabaasa faayinaansii qophessuu dha.


2.2 Hojiilee damee faayinaansii tiin hojjetaman
Damee faayinaansii tiin qajeelfamootaa fi danbiiwwan faayinaansii jiran irratti hundaawuun hojiileen gurguddoon hojjetaman,

  • Galii interpiraayizii sassabuu, kaffaluu,

  • Kaffaltiiwwan adda addaa raawwachuu,

  • Harshameewwan faayinaansii of eeggannoon qabuu,

  • Ragaa faayinaansii tiif of eeggannoo taasisuu,

  • Dabarsaawwan maallaqaa piroojektotaaf taasisuu,

  • Walitti qabamaawwan (receivables) jiran hordofuun galchuu,

  • Madaala qabeenya hojjechuu (Stock reconciliation) fi

  • Gabaasa faayinaansii qopheessuu dha.


2.3 Yaa’iinsa hojii damee faayinaansii(Current work flows)
Yaa’iinsa hojii damee faayinaansii galii walitti qabuu kaasee hanga gabaasa herregaa qopheessuutti kan jiru dha. Kunis cicaata, yaa’iinsa hojii fi bu’aan gabateen haala armaan gadiitiin kan dhiyaate dha.


Ciicaata(Input)

Yaa`iinsa Hojii (process)

Bu’aa (Out Put)

-Galii Interpiraayizii haala waliigalteen hordofuun galii taasisuu.

-Gaaffii kaffaltiiwwan adda addaa qaama adda addaa irraa dhiyaatu.

-Gaaffii gabaasa faayinaansii dhiyaatu.


- Sartefikeetii ragaasifame bulchiinsa kontiraata fudhachuun galii sassabuu.

- Kaffaltii dhiyaatu qulqulleessuun raawwachuu.

- Ragaa kompiwutara galeerraa gabaasa faayinaansii qopheessuu.


-Galii walitti qabamee.

  • Kaffaltii qaama adda addaa tiif raawwatame.

-Gabaasa faayinaansii qophaahee.





Maappii Olaanaa Faayinaansii
Yaa’ii hojii adeemsa hojii faayinaansii Interpiraayizii Ijaarsa Hojiiwwan Bishaan Oromiyaa gurguddoo ta`aaniif yeroo amma ittiin hojjetamaa jiru (Current finance branch) kan armaan gaditti tarreeffamanii.

Gaaffii galii, kaffaltii Fi gabaasa herregaa

Maallaqa hordofuun galchuu

Kaffaltii adda addaa raawwachuu

Galmeeffama herrega adeemsisuu

Gabaasa herrega waliigalaa qopheessuu.

Madaala istookii hojjechuu (Stock reconciliation)

Caasseffama faayinaansii waliigalaa jiru (High Level Map)

2.4. Maamilootaa fi dhimmamtootaa

Dhimmamtoota keessa

  • Manajimantii olaanaa mana hojii

  • Hojjettoota Interpiraayizii

  • Waldaa hojjettootaa

  • Boordii Interpiraayizii

  • Waajjira piroojektii adda addaa

Dhimmamtoota alaa

  • Abbaa Taayitaa dhaabbilee misoomaa.

  • Mootummaa naannoo oromiyaa.

  • Koomishinii naamusaa fi farra malamltumma.

  • Mana hojii oditii olaanaa oromiyaa.

Maamilootaa keessaa

  • Hojjettoota IIHBO.

  • Waldaa hojjettoota.

  • Maanajimantii IIHBO.

  • Boordii Interpiraayizii.

Maamilootaa Alaa

  • Konsaltaantota

  • Dhiyeessitoota (suppliers).

  • Abbaa Taayitaa dhaabbilee misoomaa.

  • Mootummaa naannoo oromiyaa.

  • Koomishinii naamusaa fi farra malamltumma.

  • Mana hojii oditii olaanaa oromiyaa.

  • Waajjira galiiwwanii.

  • Baankota.


2.5.1. Fedhii maamilootaa fi dhimmamtootaa

  • Adeemsa kaffaltii saffisaa argachuu barbaadu,

  • Gabaasa faayinaansii yeroo isaa eeggate argachuu barbaadu,

  • Toftaa kaffaltii mijaahaa ta’ee argachuu fedhuu,

  • Gabaasa oditii komii oditii irraa bilisa ta’ee arguu barbaadu,

  • Gabaasa yeroo isaa eeggateef amanamaa ta`ee (reliable) fedhu,

  • Keessumeessa gaarii barbaadu,

  • Hojii iftoomina qabuuf itti gaafatamumma qabu arguu barbaadu,

  • Qabiinsa raga faayinaansii ammayyaa ta`ee argachuu barbaadu,

  • Labsiiwwan, qajeelfamootaaf danbiiwwan ifaa ta`aaniin hojjechuu barbaadu.

  • Taa’uumsa biiroo hojiif mijaahaa ta`ee barbaadu.


2.5.2. Rakkoolee Dhimmamtoota fi Maamiltootaa

  • Adeemsa hojii kaffaltii jiru jalqabame hanga xumuramutti baayyee harkifataa fi saffisaa kan hin taane ta’uu fi komiin maamilootaa guddaa ta`uu,

  • Adeemsii faayinaansii amma jiru gabaasa kan tursiisuu fi yeroo barbaadameetti dhiyaachuu kan hin dandeenye ta`uu,

  • Gabaasni faayinaansii qophaahu komii fi hamii oditii irraa bilisa kan hin taaneef sirriitti amanamummaa (reliable) kan hin qabineef irraa dedeebiin hojjetamaa kan jiru ta`uu,

  • Toftaan kaffaltii amma jiru dedeebii kan baayi`atuuf fedhii maamilaa deebisuuf mijaahaa kan hin taane ta`uu,

  • Keessumeessi gaariin kan hin jirreef walitti qabachuun kan baayi`atu ta`uu,

  • Hojiin iftoomina qabuuf itti gaafatamumma qabu kan hin jirree ta`uu,

  • Qabiinsi ragaa faayinaansii ammayyaa ta`ee kan hin jirree ta`uu,

  • Qaamni galii sassabuu adeemsa hojii faayinaansiin ala ta`uu,

  • Facaatiin fedha maallaqaa (Cash flow)waajjira olaanaa fi piroojektii kan hin qophoofineef karooraan kan hin oogganamine ta`uun komii dhimmamtootaa fi maamiltootaa ta`uu,

  • Haalli dabarsii maallaqa piroojektotaaf itti raawwatamu yeroo dheeraa fi dedeebii kan baayi`atu ta`uu,

  • Labsiiwwan, qajeelfamootaaf danbiiwwan hojii irratti gufuu ta`aan jiraachuu,

  • Kakka`uumsii hojii hojjettoota faayinaansii laafaa ta`uu fi

  • Haalli taa`uumsa biiroo fi teessuma ragaa hojiif mijaahaa ta`uu dhabuun rakkoolee mudatanii dha.




    1. Muuxannoo gaarii waajjiraalee biraa irraa fudhatame

Benchmarked Data-organizations and areas (issues) benchmarked.

Garaagarummaan fedhii fi raawwii faayinaansii IIHBO qabu fudhachuun ilaaluun fedhii Maammiltootaa fi Dhimmamtootaa giddugaleessaa godhachuun gaaffilee qaamoota adda addaa mana hojii keenyaa fi tajaajilamtootaa dhiyeessuun (Interview) fi muuxxannoo gaarii fudhachuun (bench mark) hojiimaata faayinaansii IIHBO JBAH`n fooyyeessuuf muuxxannoo raawwii gaarii JBAH kan qaban jechuun fudhachuun kan ilaallee,



  • Interpiraayizii Ijaarsa Hojiiwwan Bishaanii(WWCE),

  • Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itophiyaa fi

  • Interpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Finfinnee (AARA) yoo ta`uu, raawwii IIHBO jiru fudhachuun dhimmootni wal bira qabuun akka ka`uumsaatti ilaalaman ta`uun qabxiileen ilaalamanis,

  • Irraa dedeebi’insa hojii ( Hand offs & steps),

  • Hojicharraa yeroo turmaatii inni fudhatu (Cycle time),

  • Baasii hojichii fudhatu ( Cost),

  • Rakkolee qulqulina hojii( Quality),

  • Itti quufinsa dhabiinssa maamilootaa (Customer Dissatisfaction) fudhatamuun kan ilaame yoo ta`uu dhimmi ilaalchii irratti taasifamees,

  • Adeemsa kaffaltii dhaabbilee adda addaa,

  • Adeemsa sassabbiin galii ittiin raawwatamaa jiru fi

  • Adeemsa galmeeffama herregaa fi qophii gabaasaa ilaalameera.

2.7. Maappii fi Yaa’insa Hojii
2.7.1.1. Maappii Adeemsa galii sassabuu amma Jiru Agarsiisu

(Current revenue collection high level mapping)

Gaaffi sassabbii maallaqaa dhiyaate

Naga’ee galii qopheessuu.

Cheekii fudhatame Baankii tti galii akka ta`uu mallateessisuu.

Cheekii gara baankitti galchuu (deposited).

Naga’ee galiin itiin sasaabamee gara kutaa kaffaltiitti dabarsuu.

Faayinaansii

Cheekii baankitti galii gochuu.

Damee dag.

bizinasii

Damee bulch. Kontiraataa

Mana galmee



2.7.1.2. Yaa’insa Hojii Galii sassabuu
Adeemsi hojii galii interpiraayizii yeroo amma jiruuf ittiin raawwatamu IIHBO keessatti ittiin adeemsifamaa jiran yeroo ilaalaman


  • Galii kaffaltii dursaa ijaarsaa,

  • Kaffaltii ijaarsaa,

  • Galii kiraa maashinarii,

  • Galii mindaa irraa deebi`uu,

  • Gurgurtaa cirrachaa fi galii adda addaa haala armaan gadiitiin ibsa hojii, walitti dhufeenya (Interface) fi qaama raawwatu addaa baasee gabateen kan tarreeffamani dha.




  • galtee (Input), yaa`iinsa hojii (Process), b u`aa (Out put) yeroo galii sassabuun fudhatu



2.7.1.3. Ibsa Hojii fi Yeroo fixuu

Sadarkaa

Ibsa hojii (Activity)

Walitti dhufeenya

(Interface)



Qaama hojii raawwatu (Responsible functional unit)

Yeroo fixuu

Daqiiqaan



1

Galii sassabuu (Input)







780min

/13hrs/.

1.1

-Sartefikeetii raga`ee fudhachuu.


-Bul. Kontiraataa.

-Maamiloota.

-Damee dag. Bizi.


-Kutaa galiiwwanii.

60

1.2

-Xalayaa gaaffi kaffaltii duraa (Contract Advance) ni gaafatama.


- Bul. Kontiraataa

-Maamiloota.

-Damee dag.bizi.


- Bul. Kontiraataa.

-Kutaa galiiwwanii.



60

1.3

-Mallaqa kaffaltii duraa naga’ee galii tiin walitti qabuu.


-Maamiloota.

- Bul. Kontiraataa.



- Bul. Kontiraataa.

-Kutaa galiiwwanii.



240

1.4

-Cheekii fuudhame faayinaansitti dhiyeessuu.

-Maamiloota.

- Faayinaansii.



-Kutaa galiiwwanii.

60

1.5

-Faayinaansiin cheekiin baankitti akka galu dugda duubatti mallateessuu.

- Faayinaansii.

-Kutaa galiiwwanii.

30

1.6

- Mana galmee adeemuun chaappaa taasisuu.

- Mana galmee.

-Kutaa galiiwwanii.

30

1.7

- Cheekii fudhatame gara Baankitti galii gochuu.

-Baankii.

-Kutaa galiiwwanii.

180

1.8

- Naga’ee galiin ittiin sasaabamee gara kutaa herrega waliigalaa galmeessisuu.

- Faayinaansii.

-Kutaa herreega waliigalaa.




Yüklə 0,87 Mb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin