Dokumaantii Qo’annoo Fooyya’insa jbah (Recalibrated) Adeemsa Hojii Ijoo Idileesaa Korniya



Yüklə 1 Mb.
səhifə1/48
tarix10.01.2022
ölçüsü1 Mb.
#98839
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   48



Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa
Fulbannaa/2007

Dokumaantii Qo’annoo Fooyya’insa JBAH (Recalibrated) Adeemsa Hojii Ijoo Idileesaa Korniya

Kutaa Tokkoffaa

  1. Haala Waaliigalaa

Haala Waliigala Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa

1.1 Seensaa


Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa bara 1987 hanga 1994 tti sadarkaa Dameetti caaseffamee hojjechaa turee, labsii Gurmaa’ina qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fooyyeessuufi Angoofi hojiisaanii irra deebia’mee murteessuuf bahe lakk.50/1994- tiin- akka Biirootti ijaarameera.

Biiroon kun akkuma Biiroolee fi Waajjiroolee kaaniiti Labsii Lakk.123/2003 itti waamamnisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif yoo ta’u kaayyoo ittiin dhaabbate galmaan ga’uuf caasaa hanga Aanaatti diriirsuun qaamota Mootummaa fi Miti- Mootummaa dhimma korniyaa irratti hojjetani waliin dandeettii fi humna qabuun karooraan socha’aa jira.

Adunyaan jijjiiramaariifachiisaa (dynamic change) keessa Kan jirtu yoo ta’u fedhiin tajaajilamtootaas haaluma kanaan yeroo yeroo dhaan jijjiiramaa kana waliin Kan tarkaanfatuu ta’uun isaa Kan hin ooleedha.

Haaluma kanaan JBAH waggoota shaman darban keesatti qoratamanii hojiirra oolaa turan jijiiramoota jiran kanaa waliin walsimsiisunfooyyeessuun jijiirama waliin tarkaanfachuufi jijjiiramaaf qophii ta’uu agarsiisa. Bu’a qabeessuummaa Jijjiiirama Bu’uuraa Adeemsa hojii (JBAH) mana hojii mirkannesuuf raawwii isaa yeroo yeroon madaaluu, sirreeffama barbaachisaa taasisuudhaan, rakkoolee hoji irraa oolmaa keessatti muudate qoratamee fala itti kenuufi, adeemsa hojiichi amma keesa jiru hubachuudhaan JBAH duraan qoratame fooyyeessuun barbaachisaa ta’ee argameera .

Kanaafuu, Biiroon Dhimma Dubartoota fi Daa’imman Oromiyaa garee teekinikaa JBAH fooyyeessu dhaabuun adeemsaalee ijoo kanaan dura filatamanii qorataman lama akka irra deebi’anii fooyya’an murteesseera.

Adeemsaalee ijoo duraan addaan bahan qorataman

  1. Adeemsa Hojii Ijoo Gahoomina Dubartootaa (Core Process of Women Empowerment)

  2. Adeemsa Hojii Ijoo Korniyaa Idileessuu (Core Process of Gender mainstreaming) dha.

Haaluma kanaan Adeemsaalee Kun Bara 2000 qoratamanii Bara 2001 eegalanii hojiirraa oolaa Kan jiran yemmuu ta’uu yeroo ammaa kana irra deebiin akka fooyyaa’an Kan ta’aniidha.

Xinxala maandeetii mana hojiichaa fi haala raawwii adeemsaalee qoratamanii kana gadifageenyaan xiinxaluunii fi jijjiirama yeroo waliin tajaajiila maamiltootni barbaadan waliin mana hojiichaa sochoosuuf gareen fooyya’iinsa JBAH Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii adeemsaalee duraan qorataman kana moggaasa birootiin akka ittii deemamu waliigalteerra gaheera. Haaluma kanaan “Adeemsa Hojii Ijoo Gahoomina Dubartootaa” jedhu Adeemsa Hojii Ijoo Sochii Finiinsa Hirmaannaa Uummataa, “Adeemsi Hojii Ijoo Korniyaa Idileessuu” jedhamanii moggaaffamanii jiru.

Karooraa Gudinaa fi Tiraansformeshiinii (KGT) galmaan gahuuf gaheen korniyaa murtessadha. Kana immoo kan galmaan gahuu dandenyu fayyadamummaa gama siyaasaa, Dinaagdee fi Hawwasummaa karaa walqixaa ta’een akka fayyadaman yoo hojanne dha.

Dokumantiin Kun gabaasa fooyya’iinsa JBAH Adeemsa Hojii Ijoo IdileessaDhimma Korniyaa Kan ibsuudha. Dokumantiichi kutaa Afuri of keessatti ammateera. isaanis kutaa tokkoffaa Haala Waliigala Biiroo Dhimma Dubartootaa fi daa’imman Oromiyaa, kutaa lammaffaa Hubannoo Adeemsa Hojii amma mana hojii keessa jiru (“Understanding the Current processes”) fi kutaa sadaffaan gulantaa Hojumaata haaraa Diriirsuu (Redesigning stage) kutaa arfaffan hojilee Waajiraalee Dhimma dubartotaa fi daa’imman godinaalee,Magaloota fi Aanaaleetti rawwatama an qabateera.

Gabaate 1.1 Gurmaa’insa Biiroo Dhimma Dubartotaa Sadarkaa Naannoo

Lakk

Kutaa Hoggantuu

Adeemsaalee Ijoo

Adeemsaalee Deggarsaa

Yaada

1

KutaaFooyya’insa Siivil Sarvisii

Adeemsaa hojii Ijoo Idileessa Koorniyaa

Adeemsaa hojii Deegarsaa Qabeenyaa, Bitta fi Bulchinsaa Faayinaansii




2

Qondaala Naamusaa

hojii Ijoo Gahoomina Dubartootaa

Adeemsaa hojii Deegarsaa Bulchinsaa Qabeenya Humna Namaa




3

GareeDhimmotaa Seeraa

hojii Ijoo Mirkaneessa Mirga fi Nageenya Daa’immanii

Adeemsaa hojii Deegarsaa Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa




4







Adeemsaa hojii Deegarsaa fi Hordoffii Odiitii Keessaa




5







Adeemsaa hojii Deegarsaa Qophii Karoora, Bajaata Hordoffi fi Gammagamaa







    1. Yüklə 1 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   48




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin