Ido karoora bara 2006 fi 2007


Kaayyoo, Maniiwwanii Fi Tooftaalee Raawwii Karoora Waggaa Shanii (2008 - 2012)



Yüklə 1,08 Mb.
səhifə10/15
tarix22.01.2019
ölçüsü1,08 Mb.
#101588
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   15

Kaayyoo, Maniiwwanii Fi Tooftaalee Raawwii Karoora Waggaa Shanii (2008 - 2012)


Kaayyoo gurguddoo galmaan gahamuu qaban, manii fi tarsiimoolee Raawwii Intarpiraayizichaa akka armaan gadiitti kaa’amanii dha.
Galma 1:- Hojiiwwan Qotiinsa Boollaa, Yaalii Paampii akkasumas hojiiwwan Elektiromakanikaalaa karaa qulqulina qabuun raawwachuu.
Kaayyoo :- Humna raawwachiisummaa IDO Qotiinsa boollaatiin baayina 45 irraa gara bayina 180 ti ol guddisuu.

Manii(Target)

  • Hojii qotiinsa boolla bishaan gad fagoo 27 irraa gara 120 ol guddisuu

  • Hojii qotiinsa boolla bishaan gababaa 18 irraa gara 60 ol guddisuu

  • Hojii yaalii paampii kanaan dura raawwii waggaa 26 ture xumura bara karoora waggaa shaniitti 120 geessisuu.

Toftaalee Raawwii (Implementation Strategy):

  • Dandeettii ogeessota Intarpiraayizichaa leenjiidhaan cimsuu;

  • Hojii qotiinsatti boba’uun dura qophii gahaa akka taasisan gochuu;

  • Wal-harkaa fudhiinsa pirojektootaa (abbaa pirojektii) irraa yeroon taasisuu;

  • Riigota jiran akkatuma humna isaaniitiin hojiitti akka ramadaman taasisuun;

  • Ragaalee boolla bishaanii tanaan dura hojjatamanti fayyadamuun mala fi haala naannoo hojiin itti hojjatamuu addaan baafachuu;

  • Teknolojii Diriiliingii haaraa biyya keessa jiran filachuun hojii irra oolchuu;

  • Noormiiwwan hojii qotiinsa boollaa qopheessuudhaan hojii keenya akka saffisan taasisuu;

  • Yeroo hojii qotiinsa boollaa dheeressuudhaaf, dabaree lamaan akka hojjatamu gochuu;

  • Meeshaalee fi wal-gargaarsaf akka tolu riigota wal-fakkaatan haala kilaasteeriitiin naannoo tokkotti bobaasuu;

  • Kaampii hojjatootaa iddoo pirojektii irraa akka hin fagaanne gochuudhaan deeddeebii hin jiranne gochuudhaan baasii xiqqeessuu;

  • Hojii keenya raayyaa fi raayyaa qofaan raawwaachuudhaaf ijaarsa tokko-shanee kaayyoo dhaabbateef hojii irra oolchuu isaa guyya guyyaan mirkaneessaa deemuudhaan;

  • Deddeebii karaa waajjiraatti taasifamu hambisuuf Cheek-liistii qopheessudhaan hojiin driilingii akka raawwatamu gochuudhaa;

  • Hojiin driliingii humnaa fi danddeettii intarpiraayizichaa kan yaada keessa galche akka tahu gochuudhaa;

  • Hojiiwwan diriilingii irratti dandeettii fi gahumsa ogeessootaa fooyyeessuu;

  • Manuwaalii hojii driilingiitii fi yaalii paampiif oolu qopheessudhaan hojiirra oolchuu;

  • Paampii humna Bishaan Boollatiin walsimu addaan baasudhaan akkatadhuma barbaachissummaa isaatti itti hojjachuu.

  • Gamaaggamaa fi hordoffii bu’ a qabeessaa fi gahumsa qabuu diriirisuu;


Galma 2: Hojiiwwan haaromsa Boollaa, Paampii dhiyeessanii dhaabuu fi Paampii dhaabuu karaa karoorfameen fiixan baasuu.

Kaayyoo: Hojiiwwan Bishaan Boollaa guutuu akka tahuu fi tajaajila barbaadamaniif akka oolaniif fi hojiirra oolan taasisuuf.

Manii (Target) –

  • Hojii haaromsa Boola Bishaanii 3 ture xumura bara korooraatti 32 tti ol guddisuu

  • Hojii dhiyeessanii dhaabuu EM kanaan dura waggaatti 2 ture bara raawwii karooratti 15 tti ol-guddisuu.

  • Hojii dhaabuu paampii ilaalchisee kanaan dura raawwii waggaa 30 ture dhuma kGT 2ffaa irratti gara 45 tti ol-guddisuu.

Toftaalee Raawwii (Implementation Strategy):

  • Dandeettii ogeessota Intarpiraayizichaa leenjiidhaan cimsuu;

  • Wal-harkaa fudhiinsa pirojektootaa (abbaa pirojektii) irraa yeroon taasisuu;

  • ’Purcusion’ riigota fi kireenot jiran akkatuma humna isaaniitiin hojiitti akka ramadaman taasisuun;

  • Haaromsa boollaatiif raga boollichaa sirritti addaan baasuun hojii qulquleessuu raawwachuu;

  • Teknolojii haaraa boolla qulqulleessuuf oolan hojii irraa oolchuu;

  • Hojii paampii dhaabuu hojii dhuma irratti hojjatamu waan ta’eef, of-eeggannoo barbaachisu hunduu akka raawwatamuu gochuudhaan;

  • Hojii keenya raayyaa fi raayyaa qofaan raawwaachuudhaaf ijaarsa tokko-shanee kaayyoo dhaabbateef hojii irra oolchuu isaa guyya guyyaan mirkaneessaa deemuudhaan;

  • Deddeebii karaa waajjiraatti taasifamu hambisuuf Cheek-liistii qopheessudhaan hojiin driilingii akka raawwatamu gochuudhaa;

  • Hojiiwwan Elektiroomakanikaalaa humnaa fi danddeettii intarpiraayizichaa kan yaada keessa galche akka tahu gochuudhaa;

  • Hojiiwwan Elektiroomakanikaalaa irratti dandeettii fi gahumsa ogeessootaa fooyyeessuu;

  • Gamaaggamaa fi hordoffii bu’ a qabeessaa fi gahumsa qabuu diriirisuu;

Galma 3: Hojiiwwan bulchiinsaa fi Suphaa mashinerootaa bu’a qabeessa taasisuu.

Kaayyoo : Hojiiwwan Operashiinii fi Deeggarsaa akkaataa mana hojiitti karoorfaman bu’a qabeessa taasisuu;

Manii(Target)-

  • Sa’aa hojii Maashineerootaa(Annual operational hour) 6,574.76 ture gara 13,532.87 ti akka ol-guddatu taasisuu.

  • Mashiinaroota yeroo ammaa hojii hojjachuu danda’an lakkoofsaan 7 ta’an gara maashinaroota 15 tti olguddisuudhaan;

  • Suphaa ittisaa Mashiinarootaa fi konkolaattotaa waggaatti irra deebii 136 ture bara xumura karoora KGT tti Maashinaroonn dachaadhaan innaa dabalan Frequency isaanii gara 251 tti olguddisuudhaan Suphaawwan gurguddooo muuddachuu danda’an hir’isa deemuu.(increasing at adecreasing rate)

Toftaalee Raawwii (Implementation Strategy):

  • Hojiilee Operashiinii keenya akkatuma karoorfameen akka raawwatamu suphaan akka qulqullina qabaatu fi suphaa of eeggannoo irratti xiyyeeffachuudhaan;

  • “Fast moving items” gahaa tahe mana kuusatii qabaachudhaan yeroo qusachuudhaan;

  • Hojjatoota ogummaa adda addaarra jira bu’a qabeessa akka tahan leenjii kennisiissudhaan cimsaa deemudhaan;

  • Humna namaa murteessaa tahe kanaan dura hin guuttamin akka tooftaalee adda addaatiin guuttamu gochuudhaan;

  • Dizaayinii hojiiwwan ijaarsaa fi buufattoota dhiyeessa bishaanii fooyyesuu;

  • Maashinaroota murtaa’an tuuta suphaa kilaaster ta’aniin akka suphamanii fi hordofan taasisuu;

  • Dhaabbilee (Iddoowwan) suphaa Maashinariirratti muuxannoo gaarii qaban gargar baasudhaan akka muuxannootti itti fayyadamuudhaan;

  • “Workshop” Suphaa maashinoota hojii keenyaaf barbaachisaniin guuttachuudhaan cimsuudhaan.

  • Gamaaggamaa fi hordoffii bu’ a qabeessaa fi gahumsa qabu diriirsuu.

Galma 4: Bulchiisa Kontiraataa fi Hordoffii Pirojektii Saayinsaawaa taasisuu.

Kaayyoo: Pirojektoota Interpiraayizichaaf yeroodhaan, baay’inaan fi akaakudhaan argachuudhaan fedhii dhaabbatichaa guutuu;

Manii(Target)-

  • Argamsiisa pirojektii Qotiinsa Boollaa kanaan dura 86 ture bara xumura KGT tti gara 180 tti ol-guddisuu

  • Argamsiisa pirojektii Haaromsa Boollaa 3 ture gara 32 tti ol-guddisuu;

  • Argamsiisa pirojektoota Dhiyeessanii Dhaabuu EM bara 2007 keessa hin turre xumura bara KGT tti gara 15 tti ol-guddisuu;

  • Argamsiisa pirojektii dhaabuu 35 ture xumura KGT tti gara 45 tti ol-guddisuu;

Toftaalee Raawwii (Implementation Strategy):

  • Qorannoo gabaa gageessudhaan.

  • Beeksisa adda addaa kan gaazexaa, Teviisiyoona, Raadiyoo kkf hordofuudhaan;

  • Manni keenya tooftaalee adda addaatiin akka beeksifamu gochuudhaan;

  • Dhaabbilee kanaan dura Maamila keenya turan wajjin walitti dhiyeenyaan hojjachuudhaan;

  • Dhaabbileen hojii qulqullina qabuu hojjachaa jiraachuu keenya beekanii akka itti fayyadaman hojii hubannoo cimsuu hojjachuu;

Galma 5: Humna raawwachiisummaa mana hojii keenya cimsuudhaan dhaabbatichi galii ofii tiin of dandahee akka bulu taasisuu.

Kaayyoo: Dhaabbtichi gabaa bilisaa keessatti dorgomaa fi filatamaa akka tahuu fi hawwataa akka tahuuf;

Manii (target):

  • Galii kannan dura waggaatt Qr 40,920,419 .00 ture dhuma xumura KGT kanatt Qr 230,107,200.00 irraan gahuu;

  • Bu’aa hin qulqulloofne kanaan dura mill. 4.5 ture xumura bara KGT aatti Mill. 53.4 irraan gahuu;

  • Kaappitaala dhaabbatichaa kanaan dura Qr 246,700,000.00 ture dhuma bara KGT tti Qr 700,900,000.00 ol guddisuu;

Toftaalee Raawwii (Implementation Strategy):

  • Hojiiwwan qindoominaan raawwachuudhaan;

  • Dandeettii ogeessota dhaabbatichaa leenjiidhaan cimsuu;

  • Deeggarsa, hordoffii fi to’annoo hojiiwwan galii keenyaan walqabatanii taasisuu;

  • Hojiiwwan hirmaannaa investimentii irratti calqabaman ciminaan itti fufuu;

  • Meeshaalee tajaajilaan ala tahan karaa seeratiin gurgurtaadhaan maqsuudhaan galiin argame hojiilee idilee akka deeggaran gochuudhaan;

  • Tajaajila saffinaa fi qulqullina qabuu kennuuf hojimaata fooyya'aa ta’e diriirsuu.

  • Baasii qusachuu fi pirojektoota keenya yeroo saganteeffameef keessatti hojiin xumuramu taasisuudhaan;

  • Walitti dhufeenya qooda fudhattootaa cimsuu;

  • Qabeenya dhaabbatichaa gatii isaanii sirrii tahe adda baasuun galmeessuu.

  • Hojiiwwan investimentii kanaan dura gaggeeffamuu jalqaban cimsuu.

  • Riigonni bara 2009 irraa jalqabanii Mootummaadhaan ni bitamu jedhamnii karoora keessatti qabaman akkaataa sagantaa kanaatiin hojiirra akka oolan qaamolee adda addaa wajjin hojjachuudhaan.

Galma 6: Danddeettii raawwachiisummaa gaggeessitootaa fi hojjattootaa ol guddisuu.

Kaayyoo 1: Hanqina dandeettii yeroo adda addaa calaqisuuf fala kaahudhaan humna raawwachiisummaa mana hojii dabaluudhaan hojiiwwan dhaabbatichaa bu’a qabeessa taasisuu.

Manii (target):

  • Humna namaa yeroo ammaa baay’inni isaa 221(56%) ture xumura bara bara KGT tti 393 (100%)akka gahu gochuu.

  • Sadarkaa barumsaa hojjattoota mana hojii yeroo ammaa kana jiru dhuma KGT tti nama tokko barnoota PHD akka qabaatu gochuu, Namoota yeroo ammaa MA qaban 10 irraa gara 51 tti ol-guddisuu, namoota sadarkaaBar. BA 37 irraa gara 146 tti guddisuu, namoota Dipiloomaa yeroo ammaa kana 72 tahan gara 134 tti guddisuu , kan biroo sadarkaan barnoota isaanii xiqqaa tahe 102 irraa gara 62 tti gadi xiqqeessuu.

Toftaalee Raawwii (Implementation Strategy):

  • Ilaalchii fi dandeettin gaggeesittoota fi hojjettoota IDO akkasumaas caaseffamn , adeemsi hojii hudhallee dhiyeessi yeroo yeroon addaan baasuun kana fuuruun kan danda’u itti fufiinsa kan qabu hojjiwwaan ijaarsa dandeetti raawwachuudhaan.

  • Gahumsaa fi dandeetti kan qabu humna nama dorgomsiisuun gara IDO tti akka makamaan gochuudhaan.

  • Tooftallee leenjii garagarratti fayyadamuun dandeetti hojjettoota IDO gabbisuudhaan.

  • Hojjettootni IDO hojii guyya guyyaa keessatti tokko tokko irraa akka baratan gochuun ilaalchii fi dandeettiin hojjettoota akka guddacha deemu gochuudhaan.

  • Hojjattoonni barnoota fagoo (distance Education) akka baratan taasisuudhaan.

  • Hojjattoonni keenya sagantaa idileetiin akka baratan gochuudhaan.

  • Hojjattoonni keenya carraa barnootaa mootummaan kennutti fayyadamuudhaan akka baratan gochuudhaan.

  • Barnoota galgalaati fi yeroo gannaa tiin akka barnoota isaanii fooyyeffatan gochuudhaan.

Kaayyoo 2 : Hanqina dandeettii yeroo adda addaa calaqisuuf fala kaahudhaan rakkoo hojiirratt qunnamu gadi xiqqeessudhaan danddeettii hojii humna namaa dabaluu.

Manii (target):

  • Hojjattoota mana hojii leenjii adda addaa yeroo gabaabaa akka argatan gochuudhaan gosa leenjii kanaan dura waggaatti 12 ture xumura bara KGT tti 23 ol-guddisuu.

Toftaalee Raawwii (Implementation Strategy):

  • Leenjii Mootummaan qopheessutti fayyadamuu.

  • Leenjiiwwan dhaabbilee adda addaa wajjin dubbachuudhaan akka kennamu gochuu.

  • Muuxannoowwan gaggaarii akka mana hojiittis tahe akka dhabbilee birootti qideessanii hojiirra oolchuu.

  • Humna namaa ogummaa adda addaa qabu guuttachuudhaan.

Leenjii leenjistootaa qopheessudhaan akka mana hojiitti kennuudhaan.

Galma 7: Bittaa fi dhiyeessa meeshaalee saffisaa taasisuu fi Bulchiinsa Qabeenyaa Interpiraayizichaa ammayyawaa taasisuu.

Kaayyoo 1: Bu’a qabeessummaa fi omishtummaa dhaabbatichaa dabaluudhaaf dhiheessii amansiisaa fi itti fufiinsa qabu uumuu.

Manii (target):

  • Bittaawwan adda addaa kanaan dura Qr.44,247,931.00 ture bara xumura KGT tti QR 140,203,099.00 akka guddatu taasisuu

  • Maallaqa Waggoottan shanan dhufan bittaa addaa addaatiif karoorfaman Qr 457,225,766.00 karaa fayida qabeessa taheen hojiirra oolchuu.

  • Bulchiinsa qabeenyaa fi Raabsaa Meeshaalee bara baraan dabalaa deeman hamayyawaa taasisuu

Toftaalee Raawwii (Implementation Strategy):

  • Yeroo meeshaaleen itti dhiyaata dursanii adda baasudhaan sagantaadhaan gaggeessuu;

  • Bittaawwan walfakkaatan akkaataa fedhii fayyadamtootaatiin walitti qabuu.

  • Hanga danda’ametti carraa dorgommii Oomishtootaa biyya keessaaf alaa bal’isuun bittaan akka hirmaachisu gochuu.

  • Bittaawwan gurguddaa (BULK PURCHASE) bittaa caalbaasii ifa taheen raawwachuu

  • Ragaalee fedhii bittaa gosa gosaan addaan baafachuudhaan ;

  • Meeshalee harka keenya jiranii fi gabarraa barbaaddaman adda baasudhaan.

  • Raabsaa meeshalee akkaataa waliigaltee (BOQ) pirojektootaa tiin baay’ina meeshaalee barbaachisanii gar gar baasuudhaan.

  • Rakkoo ispeesifikeeshinii tiin bittaan haarkifachuu danda’uu furudhaaf yeroon akka qophaa’uu fi hanqina kan qaabatu yoo ta’ee attatamaan akka furmaata argatuu taasiisuu dha..

  • Gabaasa Maddaallii teeknikaa fi xinxala inspeekshinii akka wal-fakkaatuuf yeroon akka dhiyaatu gochuu.

  • Meeshaaleen Teeknikaalee (Technical Items) ispeesifikeeshinii barbaachisa yeroo dheeraa fudhatan fi istookii keessaa gabaarra hin argamnee tilmaama yeroo fudhachuun turmaata caalbaasii (Delivery Period) madaallii teeknikaa fi xinxaala ykn inispeekshinii fudhachuu danda’uu ilaalcha keessa galchuun yeroo hojiif barbaadamuu dursanii shallaguun qaama meeshicha fayyadamu waliin mari’achuun gaaffiin akka dhiyaatu gochuun barbaachisaa ta’a.

  • Meeshaalee teeknikaalee hin-ta’iniif (Non-Technical Items) gabaa irra baayyinaan argamaniif bittaa yeroo gabaabaa keessatti karoorfachuun raawwachuun ta’a .Walumaagalatti meeshaaleen bittaan isaanii walxaxaa fi yeroo dheeraa fudhatuu beekuudhaan dursanii irratti karoorffachuun, tilmaama yeroo dhiheessii isaanii ka’uun barbaachisaa ta’a.

  • Rakkoolee bittaa harkisan keessaa tokkoo rakkina sharafa biyya alaa /Availability of Foreign Currency/ LC banuudhaan meeshaa biyya alaatti bittaa raawwachun dhiheessitonni nuuf dhiheessan irratti rakkoon akka nu hin qunnamne Baankota kan akka Bankii daldala Itoophiyaa,Baankii Waldaa Gamtaa oromiyaa wajjin hojjachuu.

  • Haarshamee gutuu ta’e adeemsa bittaa irraa gara faayinaansii dabarsuun kaffalttiin yeroo raawwatamuu dadeebii tokko malee bifa qulqullina qabuun akka dhiyaatu deeggarsaaf hordoffii taasisuu.

  • Sanada caalbaasii /standard bid document/ bifa wal-fakkaatuu fi qulqullina qabuun akka qindaa’uu gochuu.

  • Xinxala Faayinaansii fi qaboo ya’ii koree caalbaassii bittaa haala wal-fakkatu fi Unka gosa tokko ta’e qindeessuun akka dhihaatuu taasisuu dha.

  • Ragaalee adeemsa bittaa ibsuu kanneen biroos tartiiba isaa akka eeggate qaboo waliin hidhamee bifa gaafii ragaa adeemsa bittaa tiif barbaadamu xiqqeessuu fi deddeebii hanbisuu danda’uun faayinaansiif akka dabruu taasiisuuni dha;

  • Meeshaaleen bittaan isaanii bara 2007 keessaa jalqabamanii haarca’anii haafan walittii deebisuun sadarkaa irra jiran/dhaabbatan waligaltee isaanii sakkatahuun akka xumura argatan taasisuu;




  1. Yüklə 1,08 Mb.

    Dostları ilə paylaş:
1   ...   7   8   9   10   11   12   13   14   15




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin