Ido karoora bara 2006 fi 2007


Sakkata'iinsa Mana Hojii (Intarpiraayzii Diriilingii Oromiya)



Yüklə 1,08 Mb.
səhifə3/15
tarix22.01.2019
ölçüsü1,08 Mb.
#101588
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   15

2.4Sakkata'iinsa Mana Hojii (Intarpiraayzii Diriilingii Oromiya)

2.4.1Xiinxala Haala Keessaa fi Alaa (SWOT Analysis)


Karoora mana hojii gara hojiitti hiikkamuu danda’u qopheessuuf dursaanii haala qabatamaa manni hojichaa keessa jiruu fi haala qabatamaa alaa xiyyeeffannoo kennuudhaan gad-fageenyaan xiinxalluu fi hubachuun dhimma dursi kennamuufii qabu ta'uun amanamaa dha. Faayidaan xiinxalichaa haalawwan qabatamaa keessaa fi alaa maal akka fakkaatu adda baasanii beeku fi hubachuuf akkasumas dhimmoota tarsiimoo hojiirra ooluu danda’an addaan baafachuudhaaf waan ta’eef, gama tokkoon ciminaa fi dadhabina (Strength and Weakness) gara biraatiin ammoo carraawwan (opportunities) manni hojichaa qabuu fi sodaalee (Threats) mudachuu danda’an akaakuun addaan baasuun xiinxaaluu dha.
Bifuma kanaan haala keessaa ilaalchisee ciminaa fi dadhabina akkasumas haala alaa ilaalchisee ammoo carraa fi sodaa jiru hubachuuf xiinxalaa karooraa fi raawwii kan bara lamaan darbanii kan beekaman waan taheef isarraa ka’uudhaan dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadan sakatta’uudhaan akkaataa karoora keenya keenya waggaa shanii keesatti nu fayyaduu danda’aniin qophaa’anii jiru.

2.4.2Xiinxala Haala keessaa (ciminaa fi dadhabina)


Gabatee : Xiinxala ciminaa fi dadhabina haala keessaa


Qabxiilee Xiinxalaa

Cimina

Dadhabina

1. Bulchiinsa/Governance

  • Geggeesummaa



Ilaalcha

  • Kaka’umsi jalqabbiin Karoora Tarsiima’aa qopheesuu, Meeshaa jijjiiramaatf fayyadamuuf jiraachuu

  • Gaggeessummaan keenya sirna itti gaafatamumaa mirkaneessu keessatti ammallee kan hafu tahuu

  • Gochii fi Ilaalchi kiraa sassaabdummaa mana hojii keenya keessatti gufuu akka hin taanee karaa ijaarameen hubannoon akka jiraatu gochuu.   

  • Ilaalcha fi gochi kiraa sasaabdummaa sadarkaa adda addaatti darbee darbee kan calaqisu tahuu.




  • Gaggeessaan sadarkaa sadarkaan argamuu ergama fi muláta irratti hundaée hojii qindeessuu fi geggeesuu irratti laafaa ta’uu.




  • Gochii fi ilaalch hojjattoota dhaabbatichaa addaan hiruu fi hojiirratti kallattiidhaan dhiibbaa fidan gaggeessitoota Waldaa hojjattootaa biratti yeroo adda addaa kan calaqisaa jiru tahuu.

  • Hojiiwwan rifoormii adda addaa akka hojiirra oolan leenjiiwwan kennaman jalqabbii gaarrii tahuu.

  • Meeshalee jijjiiramaa (reform tools) dafanii ofitti fudhatanii xiinxaluudhaan akka mana hojii ofiitiif mijaahutti qindeessanii hojii irra oolchuu irraa harcaatiin adda addaa akka uumamu gochuu.

  • Tajaajilamtoota waliin walitti dhufeenyi gaariin akka uumamu fedhiin jiraachuu.

  • Geggeesan sadarkaa sadarkaan jiru kaayyoo dhaabatichaa bu'ura godhatee tajaajila gahaan akka kennamu gochuu irratt hanqinni jiraachuu.

Dandeettii

  • Dandeetii geggeesummaa sadarkaa sadarkaan jiru cimsuuf Leenjiin kennamaa turuu

  • Hooggansi sadarkaa adda adddaa jiru hojii beekumsa irratti hundaaudhaan gaggeessuurratti hanqinni jiraachuu.

  • Sirna too'annoo fi hordoffii keessatti itti fayadama teeknoolojii (Fleet Management, Finance system Management and Material Managemnet) fedhiin jiraachuu




  • Sadarkaa adda addaatti horodoffii fi deeggarsi hoggansaan kennamu teeknooloojii kanatti fayyadamuudhaaf kan galma hin gahin tahuu.




  • Suphaa fi Bulchiinsa Maashinarii fi bulchiinsa Kontiraataa irratti dandeetiin raawwachiisummaa jiru laafaa ta'uu




  • Meeshaaleen rifoormii (Ijaarsaa fi itti fayyadamni Raayyaa jijjiirama) akka hojii irra oolu jalqabbiin haa jiraatu malee itti fufiinsaan hordoofuu dhabuu,

Dhiheessii

  • Yaa mirkanaa’u baatullee malee Maanuwaalii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa kan qophaa’e tahuu.

  • Sirna Bittaa keessatti adeemsi bittaan itti gaafatamu ciccitaa fi harkifataa ta'uu




  • Maashinootin qabnu baay'ee dulloomaa ta'uu fi ammaa amma kan caccaban ta'uu




  • Meeshaaleen jijjiirraa Maashinootaa akka barbaadamutti gabaa biyya keessatii dhabamuu fi biyya alaatii fichisiisuun yeroo dheeraa kan fudhatu ta'uu

 

  • Meeshaaleen qotiinsas ta'ee kan suphaa gatiin isaanii gurguddaa waan ta'eef bittaa gurguddaa (Bulk purchasing) geeggeesuuf maallaqa gahaa dhabuu

  • Ergamaa fi Mul’ata, Galmaa fi Kaayyoo

  • Ergamni fi mul’atni ifa ta’ee fi hojjachiisuu danda’u qabaachuu

  • Ergamnii fi mul’atni ifa ta’e haa jiraatu malee qaamaa ogganuuf raawwatu sadarkaa adda addaa irra jiru biratti hubannoon wal-fakkaatuu jiraachuu dhabuu.

2. Hoggansa

  • Caaseffama mana hojii




  • Mana hojiichaa of danda'ee akka gurmaahu godhamuun fi akkaataa barbaachisummaa isaatti caasaa of dandahe mirkaneessisee hojii keessa kan gale tahuu.

  • Gurmaa’insi fi hojimaanni jiru JBAH (BPR) giddu gala godhatee kan hin hojjatamin waan taheef tajaajila saffisaa fi hojii bu’a qabeessa hojjachuurratti hanqina qabaachuu.




  • Caasaan diriire qaawwa adda addaa kan qabu tahuu.

  • Tarsiimoo amma jiru



  • Qabeenya bishaanii qabnu misoomsuu fi itti fayyadamuu irratti akka biyyaatis ta'ee akka naannooti imaammatni ifa ta'ee fi tarsiimoon diriire jiraachuu

  • Imaammataa fi Tarsiimoolee jiran beekanii itti fayyadamuu fi gahee akka biyyatti hoogansa irraa eegamu bahuu irratti hanqinni jiraachuu

  • Hojjataan dhaabatichaaa seera bulchiinsa kontiraataa akka beeku, seera dirqamaa fi mirga dhaabbata keenyaa murteesuu fi sochiin hundi isa irratti hundaahee akka ta'e qabsiisuu fi akka ittiin hojjatu taasisuu irratti hanqinni jiraachuu

  • Maanuwaalonni Muuxannoo gaarii hojii adda addaatiif akka mana hojiittis ta'ee akka naannootti jiraachuu

  • Muuxannoowwan gaggaarii akka biyyaatii fi naannootti jiran addaan baasuudhaan qindeessuu fi babal’isuu irratti harkifannaan jiraachuu.

3. Adeemsa fi sirna (karoora, hordoffii, gamaaggama fi gabaasaa)

  • Karoora

  • Karoora tarsiimoo mana hojii qophaa’e kan waggootii lamaa qabaachuu.

  • Karoorri tarsiimoo dhaabbataa karaa koroorichi barbaaduun hojiirra oolchurratti harcaatiwwan baay’en kan jiran tahuu.




  • Karoorri baafannu yeroo hedduu haala barbaachisuun hirmaachissa akka ta'u godhuu irratti laafinsi jiraachuu




  • Karooraaf kan fayyadu danda’u ragaan amansiisaa ta’ee fi gabaasni raawwii qabatamaa tahuu dhabuu.

  • Hordoffii fi Deeggarsa

  • Sirni hordoffii fi deegarsa raawwii hojii karoorfamee jiraachuu.

  • Sirna hordofiif deegarsaa jiraatullee sirni hordoffiif deeggarsaa fi duubdeebbii waliif dabarsuu ciccitaa fi hanqinna kan qabu ta'uu

  • Gabaasa




  • Gabaasni ji’aan, kurmaanaan fi waggaan kan dhiyaatu ta'uu

  • Gabaasni yeroo isaatii fi qulqullina manni hojii barbaaduun dhiyaachuu dhabuu.

  • Hojmaata




  • Hojimaataa fi sirni hojiin ittiin hojjatamu qopheeffachuun kan jirutahuu.

  • Hojimaata haaraa qophaa’e kana qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessudhaan akka mirkanaa’u taasisuu dhabuu fi hojimaata duriitiin hojjachuu.

 

  • Hojimaatni qooda-fudhatoota hirmaachisuu irratti hanqinni jiraachuu (Lack of strong partnership with stakeholders)

4. Madda Faayinaansii 

  • Hojii hojjatamee kanfaltiiwwan jiran adda baasanii deemu fi kanfaltiiwwan raawwachiisuuf sochiin yeroo adda addaa taasifame gaarii tahuu.

  • Gaaffii kanfaltii qulqullina barbaachisu eegatee akka gaafatamu gochuu irrat hinqinni jiraachuu

  • Hojii hojjatamuuf kanfaltii duraa (Advance Payment) sassaabuu

  • Akkuma pirojektiin fudhatameen gaafiin kan dhiyaatu ta'uu

  • hanqinna maallaqaa irraa (guaranty) waan hin qabsiifineef kafaltii duraa (advance Payment) argachuu irratti milkaahinsi jiru xiqqaa ta'uu

  • To’annoo faayinaansii




  • Sirni to'annoo itti fayyadama baajataa jiraachuu

  • Sirna jiru karaa saayinsawwaa taheen hojii irra oolchuu irrat hanqinni jiraachuu.

  • Hojiin hojjatamu kan dhaabbaticha Bu’aa fi kisaaraa Intarpiraayizichaa karaa qulqulluu taheen kan hin agarsiifne tahuu.

 

  • Sirna jiru bakka hojiif hudhaa itti ta'u qarataa akka fooya'uu taasisuu irratti laafinni jiraachuu.

  • Ittifayyadama Faayinaansii.

 

  • Maallaqa muraasa qabnu karaa tarsiima’aa taheen qusannoon itti fayyadamuu irratti hanqini jiraachuu

5. Faasiliitiwwan

  • Waajjira, Meeshaalee waajjiraa fi Konkoolaataa




  • Iddoo teessumaa,konkolaata muraasa kkf qabaachuu.

  • Hanqinni biirolee jiraachuu fi isaan jiranis kan konteenara irraa ijaaraman waan ta'eef kutaa tokko keessa namni waan baay’atuuf oo’iinsa irraa kan ka’e mijaaha ta'uu dhabuu ,hanqina konkolaataa,sarviisii hojjattootaaf kan hin qabne tahuu.




  • Waajira Damee irraa qabaachuu dhabuu.

  • Meeshaalee wal quunamtii

  • Gama kanaan faasiliitii gaarii (Telephone & Fax lines & Broad band internet access) akka waajira ol'aanatti qabaachuu

  • Hir’inni meeshaalee walquunamtii jiranitti fayyadamuun bu'aan isaanii hanga barbaadamu ta'uu dhabuu

6. Qabeenya Humna Namaa 

  • Ogummaa fi Dandeettii

  • Humni namaa oggummaa qotiinsa boollaa irrat maashinoota amma jiraniif jiraachuu

  • Humni namaa ogummaa makaanikaa fi Elektiriikaa irratti hanga barbaadamuun argamuu fi guutamuu dhabuu        

  • Leenjii gaggabaabaa hojii irraatiin ogummaa humna namaa cimsuun dandeettii raawwachisummaa cimsuun jiraachuu

  • Teeknoolojii fedhiin pirojektoota qotiinsa boollaa amma barbaadu fayyadamuuf hanqinni dandeettii jiraachuu.

 

  • Hojii beekumsa oggummaa ol’aanaa gaafatu iraatti hanqinni humna namaa jiraachuu.

 

  • Aadaan hojii fi ilaalchi maammilli mootidha jedhu rawwaattoota biratti sadarkaa barbaadamutti jiraachuu dhabuu

  • Haala mijaawaa naannoo hojii

 

  • Naannoo suphaa maashinarii fi workshoopitti jiru hojiif mijaawaa gochuu dadhabuu. Mooraan qaama lamaan bulaa (itti fayyadamaa)kan jiru tahuu.

  • Hojii misooma qabeenya humna namaa.




  • Leenjii gaggabaabaa fi hojii irraa fi hojiin walqabsiisanii kennuun jiraachuu

  • Carraa leenjii biyya alaa fi biyyaa keessaa qideesuu irratti hanqinni jiraachuu

7. Bulchiinsa qabeenya humna namaa 

  • Madaallii Raawwii

Madaalliin raawwii hojjattootaa kan jiru tahuu. 

  • Sirni madaallii iftoomina kan hin qabne(subjective)tahuu fi badhaasa raawwii hojii mana hojichaa, garee fi hojjettootaa ifa ta'e jiraachuu dhabuu.

  • Mindaa fi Faayidaa.

 

  • Sirni jajjabeessituu hojjataa hojiirrra jiru akka turuu fi kan ala jiru harkisu akka barbaadamettti jiraachuu dhabuu.

  • Turtii hojjataa

 



2.4.3Xiinxala Haala Alaa, Carraa fi Sodaa (External Environmental Analysis, opportunities and threats)

Gabatee : Xiinxala haala alaa (carraa fi sodaa)




Qabxiilee Xiinxalaa

Carraa (Opportunities)

Sodaa (Threats)

1. Haalaa Siyaasaa/Seeraa




  • Imaammata fi tarsiimoo hojii misooma qabeenya bishaanii hojjechiisuu danda’u akka naannotis ta'ee akka biyyaatti jiraachuu

  • Rakkoowwan danddeettii raawwachiiesummaa kanaan dura turan yeroo gabaabatti kan hin hiikamne yoo tahe.




  • Mootummaan Naannoo Oromiyaa Misooma Qabeenya Bishaan Lafa jelaatiif xiyyeefannaa kennuu

  • haala qilleensaa fi daandii irratti hundoofnee waggaa guutuu hojjachuuf pirojektoota yeroon argachuu dhabuu




  • Humna raawwachiisummaa dhaabbatichaa cimsuuf mootummaan naannoo maashinoota qotiinsaa haaraa bitaa jiraachuu

  • Riigonni haaraan hojii keenya akkaataa karoorfameen itti hojjann bitamanii yoo hin dhiyaanne yoo hafan(odoo hin bitamne yoo hafan).




  • Gabaan baldhaan akka naannootis ta'ee akka biyyaatti jiraachuu




Danddeetti ni fi Humni dorgomtoota kampaaniiwwanii kan baay’ee nu caalu yoo tahe

2. Ji'oograafii (Geography) fi Ji'oolojii (Geology)




  • Naannoon keessatti hojjannu (Oromiyaan) jiddu gala Biyyatii ta'uu fi bu'uraaleen misoomaa (karaan) haala fooyyee qabuun jiraachuu

  • Iddoon pirojektoota itti argannu haala hin yaadamneen karaa qabaachuu dhabuu fi magaalaa meeshaan galtee ta'an itti argamu irraa fagaachuu raawwii keenya.Desaayiniin qorannoo pirojektii haala qabatamaa lafa keessa jiruun wal simuu dhabbuu.




  • Waajirri dhaabbatichaa magaalaa guddoo biyyaa keessa ta'uun galteewwan hojii keenyaaf ta'an haala salphaa ta’een kan argachuu dandeenyu ta'uu

  • Haalli lafa keessaa fi fedhiin maamilaa dandeetii raawwachiisummaa keenya oli ta'uu

3. Hawaasuummaa – Aadaa




  • Naannoo keenya keessatti muxannoon fayyadamuu bishaan lafa keessaa gaarii waan ta'eef hojii keenyaaf simannaan gaariin kan jiraatu ta'uu




  • Ilaalchi dogoggoraa dhaabbatichi kanaan dura innaa damee ture jiru ammallee (Stakeholders) biratti karaadhuma dur tureen kan jiru tahuu.




  • Fedhiin haawaasinni misooma qabeeny bishaanitiif qabu guddaa ta'uu.

  • Hawwasni hojii pirojektiif sababa beenyaa lafarra harkisuu, riigonni daandii akka hin dabarre gochuu.

4. Haala Diinagdee (Economic Condition)




  • Qabeenyi uumamaa misoomaaf ooluu danda’u bal’inaan naannicha keessa jiraachuu

  • Akka Biyyaattis ta'ee akka naannoo keenyatti guddinni diinagdee haala gaaridhaan galmeefamaa jiraachuu

  • Hirmaannaan fi deeggarsi arjoomtootaa fi qooda fudhattootaa gudachaa dhufuu

  • Hirmaanaan abbootii qabeenyaa guddachaa jiraachuu




  • Sharafni biyya alaa haala hin eegamneen yoo dabale

  • Hanqinna meeshaalee jijjiiraa biyya keessa jiru irraa maashinoonni keenya hojiin ala ta'uu

  • Haala amma jiruun kanfaltii hojiif gaafannu yoo kan nu jelaa turu yoo ta'e

5. Haalaa Teknooloojii (Technological condition)




  • Teknooloojiwwaan ammayyaa fi bu’a-qabeessa ta’an jiraachuu isaanii

  • 'Internet'ii fayyadamuudhaan humna raawwaachiisummaa keenya cimsachuu kan nu gargaaru ta'uu




  • Teeknoolojii maashinaroota haaraa amma bitamaa jiran woliin ogeesotiin qotiinsas ta'ee suphaa dafanii yoo walbaruu dadhaban

  • Riigota harka keenya hin jirre garuu ammoo dhabbileen biro harkaa qabu yoo tahe.

  • Teeknoolojii walqunnamtii (internet) of-eegganoon yoo itti fayyadamuu baanne miidhaan Vaayrasiin qabannaa ragaa irraan gahuu hamaa ta'uu

Yüklə 1,08 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   15




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin