Komishinii bulchiinsa manneen sirreessaa oromiyaatti



Yüklə 0.68 Mb.
səhifə1/9
tarix27.10.2017
ölçüsü0.68 Mb.
  1   2   3   4   5   6   7   8   9

KOMISHINII BULCHIINSA MANNEEN SIRREESSAA OROMIYAATTI

c:\users\tek-sis\desktop\orimiya prison.jpg


KGT II (BARA 2008-2012)

ADOOLESSA Bara 2007

Finfinnee

  1. Seensa

Koomishiniin Bulchiinsa Manneen Sirreessaa Oromiyaa jaarmiyaalee hojii raawwachiiftuu galma gahiinsa imaammata fi tarsimoo misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii uummanni irraa fayyadamu milkeessuuf dhaabbate keessaa isa tokkoodha. Koomishinichi nageenya amansiisaa fi itti fufiinsa qabu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi sirreeffamaa sirreessuudhaan uummanni tarsimoo misoomaa fi ijaarsa sirna dimookiraasii mootummaan baasu irraa fayyadamaa akka ta’uu gochuudhaaf olaantummaa seeraa mirkaneessuudha.

Keessattuu Karoora Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii marsaa tokkoffaaa akka biyyattis ta’ee akka naannoo keenyatti ba’e galmaan gahuudhaaf karoora tarsimoo mataa isaa qopheeffachuudhaan waggaa waggatti caccabsee karoorsuudhaan bu’aa isaa kurmaanaan, walakkaa waggaa fi waggaadhaan gamaaggamaa ciminootaa fi hanqinoota raawwii keessatti mul’atan irraa barachaa fi muuxannoo irraa horachaa raawwii itti aanuuf galtee godhachuun irratti hojjachaa yeroo gara yerootti jijjiirama agarsiisaa fi bu’aa gaarii galmeessisaa dhufee jira.

Kanaaf, baroota KGT tokkoffaa yeroo akka haaromsaatti fudhachuudhaan barumsaa fi muuxannoo haaraa keessatti argameen jijjiiramaa fi milkaa’ina ofduubatti deebi’uudhaaf carraa hin qabne akka bu’uuressine hubannee, KGT-2ffaa keessatti immoo humnaa fi beekumsa amma arganne kana duguugnee itti fayyadamuudhaan hojimaata badaa kan akka ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabummaa fi kkf gama hundaan koomishinii keenya keessatti mul’atu irratti qabsaa’uudhaan ijaarsa raayyaa fi raayyaa qofaan qindoofnee qabinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa fooyyessuudhaan kutannoodhaan hojjechuun nurraa eegama.

Raawwii hojii waggoottan shanan darbanii keessatti ciminootaa, hanqinoota fi muuxannoowwan argaman madda isaanii waliin adda baasuudhaan galtee KGT 2ffaa taasisuudhaankaroora hiixataa fi haala qabatamaa naannoo offii irratti qopheeffachuun murteessaa waan ta.eef karoorri waliigalaa hojiiwwan waggoottan shanan dhufanii akka armaan gaditti qophaa’ee dhiyaateera.



  1. Ergama (Mission)

Sirreeffamtoota Seeraa ajaja maneen murtiitiin ergaman simachuun murtii raawwachiisuu, hojimaata qaroominaa fi gurmaa’ina qabuun tajaajila sirreessaa kennuun yakka raawwatanitti gaabbanii jijjiirama amalaa fiduun lammii oomishaa ta’anii haswaasatti akka makaman gochuu.

  1. Mul’ata (Vision)

Bara 2012 tti qabinsa mirga namoomaa mirkaneessuun sirreeffamaan seeraa

jijjiirama ilaalchaa fidee lammii oomishaa taasisudha.


  1. Toora Xiyyeeffannoo Komishinichaa




  • Nageenya manneen sirreessaa fi sirreeffamtoota seeraa mirkaneessuu.

  • Qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa mirkaneessuu.

  • Sirreeffamtoota Seeraa Sirreessuu.




  1. Duudhaalee Ijoo Dhaabbatichaa




  • Itti-gaafatamummaa

  • Iftoomina

  • Iccitii eeguu

  • Kutannoon hojjechuu

  • Hirmaachisummaa

  • Ol’aantummaa heeraa fi seeraa kabajuu fi kabachiisuu

  • Qophaa’inaJijjiiramaa.

Karoorri KGT-II (2008-2012) bu’uura kan godhate ergamaa fi mul’ata akka komishiniitti qabamee jiru <<Bara 2012 tti qabinsa mirga namoomaa mirkaneessuun sirreeffamaan seeraa jijjiirama ilaalchaa fi amalaa fidanii lammii omishaa taasisuun >> bu’aawan fi muxanoowwan gaggarii raawwii KGT-I keesatti argamaan gama hundaan itti fayyadamuun waggoota shanan itti anu keessatti galmaan gahuuf karoora qopha’e dha.



  1. Galma

  1. Rakkoowwan gama hudhaalee sadaniin jiran hiikuudhaan qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa mirkaneessuu fi ilaalchaa fi gocha jiraa sassabdummaa dhabamsiisuu

  2. Tajaajila hojii sirreessaa sadarkaa isaa eeggate kennuudhaan hojiwwan ijoo fi gurguddoo karoora kana keessatti tarreeffaman harcaatii tokko malee raawwachuudhaan sirreeffamaan seeraa jijjiirama ilaalchaa fidee lammii oomishaa taasisuu dha.

  3. Raayyaa nageenya keenya cimsuudhaan nageenya mannen sirreessaa amansiisaa gochuu

  1. Kaayyoo Waliigalaa KGT2ffaa

Sirreeffamtoonni seeraa jijjiirama ilaalchaa fi amalaa fidanii gara hawwaasaatti akka makamanii fi sochii dinagdee fi hawwaasummaa keessatti hirmaatanii haala itti ga’ee isaanii gumaachan uumuudhaan hojiilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii naannicha keessatti gaggeefamaa jiran karaa hirmaannaa gurmaa’isa qabuun daraan cimanii akka itti fufu gochuu fi dandeettii raawwachuu fi raawwachiiftumaa koomishinichaa sadarkaa hundatti cimsuudhaan ,iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuudhaan sirna tajaajila haqa qabeessaa ta’ee fi si’ataa kennuuf dandeessisu diriirsuu

  1. Tarreeffama Kaayyolee Walii Galaa

  • Manneen sirreessaa hunda keessatti sirreeffamtoonni seeraa jijjiirama ilaalchaa fi amalaa akka fidaniif xiyyeeffannoo kennuun socho’uu

  • Ijaarsa raayyaa jijjiiramaa cimsuudhaan hojii sirreessaa milkeessuuf nageenyi manneen sirreessaa akka mirkanaa’u gochuu

  • Dandeettii raawwachiiftummaa gaggeessitootaa fi raawwattootaa cimsuudhaan qabinsi mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa guutummaa uutuutti akka kabajamu fi dhaqqabummaa tajaajilaa koomishinichaa irraatti uummanni akka amantaa qabaatu gochuu

  • Sirreeffamtoota seeraa hojiilee misoomaa adda-adda irratti bobbaasuudhaan akka irraa fayyadamanii fi galii galii keessaa koomishinichaa cimsuu

  1. Xinxala Haala Keessaa Ilaalchisee

Raawwii hojii waggoottan shanan dabarsine kanneen keessatti ciminootni fi hanqinootni garagaraa gama ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessiitiin hoggansa olaanaa irraa kaasee hanga caasaalee sadarkaa gandaatti mul’achaa turanii jiru. ciminootas ta’ee hanqinootni KGT 1ffaa keessatti mul’ate KGT marsaa itti aanu keessatti tarreeffamuun hojii gara fuula duraa raawwatamuuf faaydaa olaanaa qaba. Sadarkaa duraan irra turre yaadaachaa kan akka ciminaatti tarreeffame daraan cimsuu, mudannoowwan akka hanqinootaattii mul’achaa turaan yaadachuu, irraa barachuu fi maqsuuf kan gargaaru waan ta’eef gaggeessaa irraa kaasee hanga raawwataatti maal raawwachuu waan dadhabneef raawwiin hojii sirreessaa guutuu ta’uu akka dhabe kan agarsiisu akka armaan gadiitti dhiyaatee jira.

.


  1. Haala (Ciminaa fi Hanqina) Hooggansa Sadarkaa Sadarkaan Jiranii.

10.1 Sadarkaa Hoggansaa Olaanaa tti

  • Ciminaalee Ijoo

  • Rakkoowwan hojimaata mana hojii addaan baasuun irratti hojjechuuf qo’annoo fi qorannoon gaggeeffamaa ture kutannoo hooggansi ol’aanaan qabu kan agarsiisuu fi hojimaata mana hojichaa akka sirratuuf haalli gaariin kan uumame ta’uu.

  • Gahumsaa fi dandeettii raawwachiistummaa cimsuuf haalli itti deemamaa ture jajjabeessaa ta’uu isaa. Fkn. leenjii fi qorannoon hojii giddu galeessa godhatee kennamaa kan ture ta’uu,

  • Karoora hojjechiisuu danda’u qopheessuun ittiin hojjechuun raawwii isaas madaalaa deemuun kan ture ta’uu,

  • Hojiwwan hojjetamaa turan kami iyyuu karaa ijaarumsa raayyaa qofaan akka raawwatamu taasisuu keessatti hordoffiin ture gaarii ta’uu isaa

  • Rakkoo ijaarsa mana jireenyaa sirreeffamtoota seeraa jiru furuuf baajata xiqqaa fi lojistiksii jiru waldandessisuun daggarsi taasifamaa ture gaarii ta’uu isaa.

  • Dhiyeessiwwan tajaajila adda addaatiif oolan kan akka konkoolataa, meeshaalee ijaarsaa garagaraa, maashina mukaa, sibiilaa, callaa guddistuu, maarashaa fi makaskashaa, meeshaalee TQO adda addaa fi kkf guutachuuf hojiin hojjetame gaarii ta’uu isaa.




  • Hanqinaalee Ijoo

  • Rakkoo hojimaata mana hojichaa keessatti mul’atan kan akka naamusaa, gosummaa fi ofittummaa sirreessuuf hanga ta’e itti haa deemamu malee ammas hojii kan barbaaduu yemmuu ta’u , Akkasumas rakkoo hudhalee sadan mana hojichaa keessa turan hojimaataan hiikama jechuun hanga dhumaatti duukaa bu’uu dhabuu.

  • Dandeettii raawwachiistummaa sadarkaa sadarkaan jiru cimsuuf sochiin jiru fooyyee kan qabu yoo ta’e illee bakka hundatti haala walfakkaatuun deemuu dhabuun fi naamusa miseensotaa sadarkaa hundattuu qixa barbadamuun sirreessuu dhabuu

  • Hordoffii fi deeggarsi sadarkaa adda addaatti taasifamaa ture hanga barbaadamuun ta’uu dhabuu.


10.2 Haala Hooggansa Giddugaleessaa

  • Ciminaalee Ijoo




  • Rakkolee gama naamusa, naanummaa, ofittummaa fi gosummaa irratti mul’atan madda isaa irraa gogsuuf qabsoon gitaa yeroo adda addaa gaggeefamaa ture jajabeesaa ta’uu isaa.

  • Humna namaa fi lojestiiksii xiqqaa jiru qindeessuun nageenya mana sirreessaa amansiisaa gochuu

  • Karoora qophaa’e irratti raawwattoota hunda mariisisuudhaan hubannoo walfakkaataa ta’e uumamaa kan turee fi raawwii hojiis madaalaa deemuun jiraachuu isaa.

  • Hanqinaalee Ijoo

  • Miseensota rakkoo naamusaa adda addaa uuman irratti qabsaa’anii tarkaanfiin sirreessaa fi bulchinsaa akka fudhatamu taasisuu irratti ittiin bulinnaan kan jiru ta’uu akkasumas miseensota rakkoo naamusaa qabaniin tarkanfiin irratti yeroo fudhatamu raawwachiisuu dhabuu.

  • Madda Ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa ta’an kan akka nyaata sir/seeraa Aanaalee tokko tokko biratti IMX-tti dabarsuu dhabuu, sirr/seeraa iddoo hin mallee oolchuu

  • Karoora guutuu qopheessuun akkaataa barbadamuun hojiirra oolchuuf sochiin jiru gaarii yoo ta’e illee xiyyeeffanaa itti kennuun haala qabatamaa naannoo ofii sirriitti adda baasanii beekuun karoorfachuu fi ittiin hojjehuu irratti harcaatiin kan jiru ta’uu




    1. Haala Raawwattootaa

  • Ciminaalee Ijoo

  • Raayyoomanii hojjechuuf kaka’umsii fi fedhiin hojii fooyya’aa kan dhufe ta’uu isaa. Akkasumas hanqina humna namaa jiru uwwisuuf boqonnaa malee hojjachuudhaan ergama mana hojichaa galmaan gahaa kana jiran ta’uu

  • Raayyaa ijaarame keessatti dandeettii, ogummaa fi muuxannoo qabaniin wal deeggaruu fi walirratti qabsaa’uun hanqinaalee jiran sirreessuuf sochiin taasifamaa ture gaari ta’uu isaa

  • Hanqinaalee Ijoo

  • Miseensonni tokko tokko Sirreeffamtoota seeraa waliin walitti dhufeenya hin malle uumuun sababa jijjiirraa, amakkiroo fi eyyama rakkoo hawaasummaa jedhuun ragaa sobaa (foorjidii) adda addaa- tiin darbee darbee gad-lakkisuun kan ture ta’uu.

  • Raawwattoonni sadarkaa-sadarkaan jiran tokko-tokko Ergama, mul’átaa fi duudhaalee mana hojichaa sirriitti adda baasanii beekuu dhabuu irraan kan ka’e karoora dhuunfaa/garee/ hojjechiisuu danda’u qopheessanii ittiin hojjechuu dadhabuu

    1. Haala Sirreeffamtoota Seeraa

Sirreeffamaan seeraa beekees ta’ee osoo hin beekiin yakka raawwateen ajaja mana murteetiin mana sirreessaa akka galu ni beekama. Namni mana sirreessaa galu kun immoo Ilaalcha, ogummaa fi dandeettii adda addaa kan qabudha.

Bu’uruma kanaan sirreeffamtoonni seeraa ilaalcha badaa fi gaarii qaban kan jiran yammuu ta’u ilaalchota garaa garaa kana sirreessuuf hojileen hedduun raawwatamaa kan turan ta’uu isaa. Fknf



  • Sirreeffamtoonni seeraa wantoota mana sirreessaa galuu hin qabne galchuuf yaaluu

  • Ijaarsa garee jeequmsaa uumuun socho’uuf yaaluu

  • Hirmaana misooma adda addaa irratti fedhii dhabuu

  • Kallattii adda addaatiin mana sirreessaa keessaa baduuf yaaluu

Baayina Sir/Seeraa 2003-2007 Turan

Lakk

S/S

2003

2004

2005

2006

2007

1

Dhiira

30577

29689

28171

34579

38032

2

Dubartii

879

2112

911

1253

1354

3

Daa;imman

230

274

267

267

363

Ida’ama

31686

32,075

29,349

36,099

39,749



  1. Xiinxala Haala Alaa

11.1. Haala Maatii Sirreeffamtoota Seeraa

Sirreeffamtootni seeraa manneen sirreessaa hunda keessa jiran bu’uura Heeraa fi seeraan tumamee jiruun maatii, Firoota, Abukaatoo fi Abbootii amantii isaanii wajjin torbee guutuu akka wal dubbisan taasifamaa kan jiru ta’uu.

Qaamni isaan gaafachuu dhufu kunis Ilaalchaa fi fedhii adda addaa kan qabu waan ta’eef rakkoo hawaasummaa sirr/seeraa deeggaruu cinaatti ergaa barbaachisaa hin taane dabarsanii akka hin deemneef hordoffii fi xiyyeeffannaan godhamaa kan tureedha.

11.2. Haala Uummataa fi Qooda Fudhattootaa

Mana hojii mootummaa kamiifuu Hirmannaaan Hawaasaa fi Qooda fudhattootaa gummachaa isaan qaban iddoo guddaa akka qabu ni beekama. Bu’uuruma kanaan manni hojii keenya Uummaataa fi qaamolee qooda fudhattoota isaa kan ta’an Biiroolee Mootummaa adda addaa,Hawaasa Naannoo, NGO fi kkf wajjin galma gahinsa KGT mana hojichaaf qindoominaan hojjechuun bu’aalee gurguddoo kan akka Ijaarsa mana Jireenyaa Sirr/seeraa, Loojesitkiiwwan adda addaa irratti deeggarsi godhamaa ture guddaa akka ta’e ni beekama.



Haaluma kanaan qidoominni kun daraan cimee akka itti fufu gochuun fayyadamummaa sirreeffamtoota seeraa fi nageenya manneen sirreessaa mirkaneessuu keessatti xiyyeeffannaa kan barbaadu ta’a.

  1. Boqonnaa Qophii Ilaalcisee

  • Bara jalqaba KGT tokkoffaa irratti karoora hojii qopeessuu fi hanga ta’e hubannoo kennuun yoo jiraatellee haala qabatamaa nannoo ofii beekanii karoora guutuu ta’e qopeessuun kan in baramine ta’uusaa hojii hojjatamaa ture irraa hubacuun ni danda’ama.

  • Karoorri kan hooggansaa utuu hin taane kan ogeessaa qofa akka ta’etti hubatamee hooggansi xiyeeffannaa itti kennee hojjechaa akka in turre ni beekama.

  • Haata’u malee, kallattii salgan(9’n) dhaabni kaa’e irraa ka’uudaan adeemisa duubattihafaa fi moofaa keessaa akka ba’amu taasifamaa tureera.

Akaatuma kanaan;.

  • Karoora guutuu fi hojjechiisuu danda’u qopheessuufi qorrannoo yeroo garaagaraa gaggeeffamaa turee fi gamagama raawwii hojii supervizyiiniidaan taasifamaa tureerraa ka’uudaan haala naannoo ofii beekanii irratti karoorsuuf hubannoo ga’aa ta’e kennuudhaan gara hojii qabatamaatti galchuun hojjetamaa tureera.

  • Raawwattootni sadarkaan jiran hundi karoora ba’e irratti hubannoo fi beekkumsa wal fakkaataa qabatanii gara hojiitti akka galan tasifameera.

  • Chaarterii lammiilee qopeessuudaan itti quufinsa maammilaa fi fayyadamummaa uummataa guddisuudaaf hojiilee bal’aan raawwatamaa turaniiru.

  • Boqonna qophi kana keessatti aka hojii ijootti xiyeeffannoo argatee kan irrati hojetamaa ture keessaa hudaalee sadan adda ba’an qaama karoorichaa gochudhaan qophii ga’aan irratti godhamee akka maqifaman hojetamaa tureera.

  • Akkasumas dhimmoota kiraasassaabdummaadhaaf ka’umsa ta’uu danda’u jedamanii akka mana hojichaatti qoratamanii adda ba’an kan akka dhiyaatinsa nyaata sirr/seeraa,dhiifama sirr/ seeraa ,Amakkiroo sirr/seeraa fi sirr/seeraa waliin walitti dufeenya hin malle uumuu fi kkf hunda qabsoo ijaarsa raayyaa nageenyaatiin gaggeeffamuu akka qabu fi hojimaata mata issaatiin akka hiikkatu godamaa tureera. Akkaatuma kanan diyaatiinsa nyaata sir/seeraa ilaalchise harka caalmaan gara waldaalee IMXtti akka darbu taasifamaa tureera. ,




  1. Boqonnaa Raawwii

13.1. Haala Waliigalaa

  • Komishiniin Bulhiinsa maneen Sirreessaa Oromiyaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti manneen hojii labsiin hundaa’an keessaa isa tokko yemmuu ta’u ergamaa fi mul’ata mana hojichaa galmaan ga’uuf hojiilee ijoo fi gurguddoo ijaarsa raayyaa jijjiiramaatiin galmaan gahuuf hojjechaa turee jira.

  • Haaluma kanaan caasaaleen Komishinichaa sadarkaa Naanootti Adeemsa Hojii Ijoo (1) Adeemsaalee Deeggarsaa (4) fi Istaafii (1) akkasumas sadarkaa Godinaatti manneen sirreessaa 18, sadarkaa Aanaatti manneen sirreessaa 17 + 1( Aanaa Najjoo) fi Gi/Ga/Le/Og/Tek/Sirreeffamtoota seeraa (1) walumaa galatti manneen sirreessaa 37n kan Gurmaa’ee jirudha.


13.2. Haala Gurmaa’insa Caasaa Koomishinichaa


  • Humna namaa bu’uura qorannoo JBAH tiin guutamuu qabu keessaa % 42 irra kan jiru yemmuu ta’u humni namaa galma gahinsa karoorichaatiif galtee guddaa waan ta’eef baay’inaanis ta’ee dandeettiin akkasumas qacarrii fi leenjii dhaan guuttachuudhaan kan hojjetamu ta’a.




    1. Humna Namaa Caasaadhaan Barbaachisu

Komishinichi humna namaa bu’uura qorannoo JBAH tiin guuttachuu qabuu fi JBAH keessa deebi’amee fooyya’e (Recalibrate) ta’e irrati hundaa’uudhaan caasaan mana hojichaaf barbaachisuu fi mirkanaa’e :-



  • Miseensota Polisii ………………………………………………………………………………..6710

  • Hojjeteaa Siivilii……………………………………………………………………………………..784

  • Walumaagalatti humna namaa ….…………………………………………………...7494dha.

    1. Humna Namaa Qabatamaan Hojii Irra Jiru:-




  • Miseensotaa Poolisii Dhi 2565 Dub. 434 Ida’ama……………………………2999

  • Hojjettoota Siviilii Dhi 74 Du 77 Ida’ama …………………………………...151

  • Ida’amaa Dhi. 2639 Dub. 511 Waligala……………………………………….3150

Humna Nama Qacaramee

Bara

Kaaroora

Raawwii

2003

607

325

2004

607

240

2005

607

340

2006

607

208

2007

607

489

Ida’ama

3035

1603



  1. Xiinxala Raawwii Hojii KGT–I (2003-2007)

14.1. Kallattii Madaallii Afraniin

14.1.1. Kallattii Maamilaa tiin

Kaayyolee tarsiimo’aa kallattii madaallii kana jalatti argaman sakatta’insa yaada maamilaa fi itti quufinsaa yeroo yerootti taasifamuun raawwii hojilee ijoo fi gurguddoo irratti akka mana hojii keenyaatti sadarkaa maal irra akka jirru adda ba’ee akka beekamuuf hojiin hojjetamaa turee jira.

Haaluma kanaan:-


  1. Amantaa Uummataa Guddisuu Irratti

      • Karoora ………………………………………………………………...%94

      • Raawwii………………………………………………………………%92.5

  • B.Itti Quufinsa Maamilaa Guddisuu



  • Karoora…………………………………………………………………………………………%94

  • Raawwiin ………………..……………………………………………………………………%93

  • C.Fayyadamummaa Uummataa Guddisuu

  • Karoora………………………………………………………………………………………… %85

  • Raawwii …………………………………………………………………………………%84.75

Haa ta.u malee kallattii madaallii kana keessatti hojiileen hojjetman KGT 2ffaa keessatti xiyyeeffannaa guddaan itti kennamee hojjetamuu akka qabu ni agarsiisa.

14.1.2. Kallattii Faayinaansiitiin

  • Ga’umsaa fi Bu’a Qabeessummaa Bajataa Fooyyessuu Ilaalchisee

Bajatni galma ga’iinsa hojii karoorfame tokkoof kanneen barbaachisan keessaa isaa guddaa ta’uun isaa ni beekama. Bu’uuruma kanaan bajaata bara KGT 1ffaa 2003-2007 itti ramadamee fi hojii irra oole:-

  • Ga’umsaa fi Bu’a Qabeessummaa Bajataa Fooyyessuu Ilaalchisee

  • KGT 1ffaa 2003-2007 kan ramaQar.dame biliyoona 1,136,501,308

  • Raawwii KGT 1ffaa 2003-2007 kan hojiira ooleQar. biliyoona 1,136,501,308

Bara KGT kana keessatti akka mana hojii hojichaatti maddoota galii jiran kanneen akka hojii misooma qonnaa, misooma beelladaa, hojii gurgurtaa humnaa fi kkf cimsuun akkasuma haala itti madda galii dabalataa uumuun danda’amu irratti hojjechuun uwwisa bajataa galii irraa raawwatamu ol guddisuun danda’ameera.



  • Uwwisa Baajata Galii Irratti

  • Karoora Qar…………………………………………………….. 86,717,272.00

  • RaawwiiQar…………………………………………………65,638,185(%76) raawwatameera.

  • Itti Fayyadama Qabeenyaa Ilaalchisee

Gama kanaan qabeenya dhaabbataa fi dhumataa sadarkaa komishinii irraa hanga manneen sirreessaa Godinaalee fi Aanaaleetti jiru karaa bu’a qabeessummaan isaanii dabaluu danda’uun kunuunsaa fi qusannoon itti fayyadamama jira.

  • Bu’uuruma kanaan sadarkaa komishinii irraa hanga Aanaatti qisaasama tokko malee ittifayyadamaa kan turre yemmuu ta’u meeshaawwan tajaajila yeroo dheeraa kennuudaan hojiirra ooluu hin dandeenye Ejensii bittaa fi dhabamsiisa qabeenya mootummaa Oromiyaa waliin ta’uudaan meesaaleen gosa adda addaa qarsii 156,413.50 tti gurguruudhaan gara saanduqa mootummaatti galii akka ta’u taasifameera.
  1   2   3   4   5   6   7   8   9


Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2019
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə