Kutaa Tokkoffaa Seensa



Yüklə 166,91 Kb.
səhifə1/3
tarix09.01.2019
ölçüsü166,91 Kb.
#94560
  1   2   3



Kutaa Tokkoffaa

  1. Seensa

Misoomni Fi Guddinni Biyya Tokko Dhugomu Kan Danda’u Lammii Biyyatti Hundinuu Walqixa Hirmaattoota Fi Fayadamtoota Firii Misoomaa Yoo Tanidha. Karaa Biraatiin Ammo Dhimmi Koorniyaa Dhimma Misoomaa Ta’uun Hubatamee Seektaroota Mootummaa Hundaa Keessatti Idileeffamee Garaagarummaa Hirmaannaa Fi Fayyadamummaa Firii Misoomaa Fi Jijjiiramaa Eegamu Yeroo Gabaabaa Keessatti Argamuu Ni Danda’a.

Godini Arsii Misooma Jalqabamee Jiru Itti Fufinsa Haala Qabun Akka Hojiirra Oluuf Haalawwan Dubartootaa Gama Hundaan Hirmaattootaa Fi Fayyadamtoota Taasisan Akkaataa Barbaadameen Akka Hojjatamuuf Karoora KGT Tokkoffaa Keessatti Haanqinaalee Fi Ciminaalee Jiran Xiinxaluun Xiyeeffannoo Gudaa Itti Keennuun KGT Lammaffaa Keessatti Hojii Irra Akka Olu Haala Taasiisuun Tarsiimoo Raawwii Hojeechiisu Danda’u Kaa’ee Jira.

Waajjiri Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Erga Hundeefffamee Eegalee Rakkoo Dubartoota Godinichaa Gama Siyaasaa Dinagdee Fi Haawaasummaattin Qaban Hiikuu Fi Haala Mijataa Uumuuf Mirgaa Fi Nageenyi Daa’immanii Mirkaneessuuf Sochii Adda Addaa Taasisaa Tureen Milkaa’inni Heedduun Argamee Jira.

Kroora Keessaattii Hojjiilee Harca’anii Hafaan Hojii Irra Oolchuuf Karoora Keesaattii Hammachisuun Kanaaf Qophii Godhaee Jira. Hojiiwwan Hanga Ammaatti Raawwatamaniin Hirmaannaa Fi Fayyadamummaa Gama Hundaan Fooyya’insa Guddaa Agarsiisaa Jira. Keessattuu Rakkoo Dubartootaa Karaa Ijaarama Qabuun Hiikuuf Raayyaa Misoomaa Dame Dubartootaaiin Akka Ijaaraman Taasiisun Hojiin Hojjetame Fooyyee Kan Qabudha. Akkasumas Mirgaafi Nageenya Daa’immanii Mirkaneessuf Hojiiwwan Hanga Ammaatti Hojataman Jajjabeessaadha.

Karoorri Hoji Waggaa Shani (2008-2012) Karoora KGT Tokkoffaa Iratti Hundaa’ee Hojiileen Kanaan Dura Karoorfaman Osoo Galma Barbaadamee Hin Gahiin Haafan Gamaaggama Hojii KGT Tokkoffaa Gaggeefamee Keessatti Dhimmoota Ijoo Adda Bahan Galtee Karoora Itti Aanuu Gochuun Karoora Caasaa Keenya Sadarkaa Aanaa Jiru Waliin Haala Hirmaachisaa Ta’en Qophaa’ee Irratti Mari’achuun Akka Gabbatuu Taasisun Xiinxala Raawwii Gurguddoo Baroota Darbani Hojiileean Gurguddoo Hojilee Hafaan Kanaan Akka Raawwatamanuuf Karoorafaman Haammachuun Kan Qophaa’eedha.

1.1.Ergama, Mul’ataa fi Dudhaalee Ijoo

Ergama Waajjirichaa (Organizational Mission)


  • Godina Arsii Keessatti; Dubartonni Hirmaattootaa Fi Fayyadamtoota Misoomaa Akka Ta’an, Dhiibbaan Isaan Irra Ga’u Akka Hafu Taasisuu, Rakkoo Hawaas-Diinagdee Dubartootaa Fi Daa’immanii Furuuf Hawaasa Barsiisuu,Deeggersa Kennuu, Dhimmamtotaafi Deeggertoota Waliin Qindoominaa Uumuun Hojjechuu Fi Kenna Tajaajilaa Fooyyesuuf Qorannoo Fi Sakkatta’iinsa Itti Fufiinsa Qabu Gaggeesuu Dhaa

Mul’ata Waajjirchaa (Organizational Vision)

  • Bara 2012tti Godina Arsii Keessaatti Wal-Qixxummaan Koorniyaa Gama Hundaanu, Gahoominni Dubartootaa Fi Mirgii Fi Nageenyi Daa’immanii Kessatti Mirkanaa’ee Uumuu.

Duudhaa (Sona) Muummee Mana Hojichaa (Core Values Of Our Organization)

Duudhaan Haala Qabatamaa Ergama Fi Mul’ata Mana Hojiichaa, Amalaa Fi Naamusa Hojjettootaa, Qajeelfama Naamusaa, Kenna Tajaajila Gaggeeffamu Fi Aadaa Hojii Mana Hojjichaa Waliin Dhimmoota Hariiroo Qaban Kan Ibsuudha. Ulaagaalee Ykn Haalota Kana Irratti Hundaa’uudhaan Duudhaaleen Mana Hojii Keenyaa Haala Armaan Gadiitti Kan Eeraman Ni Ta’u.

A. Ittigafatamummaa,

B. Iftoomina,

C. Tajaajila Gahuumsa Qabu Kennuu,

D. Qophaa’ina Jijjiramaa,

E. Beekumsaa Fi Amntaan Hogganu,

F. Hirmaachisummaa,

G. Aadaa Qusannoo Fi Bu’a Qabeessuummaa,

H. Aantummaan Daa’immaniif Qabaachu Fi Walqixummaa Korniyaa Hojeechu

1.3 Toorawwan Xiyyeeffannoo Fi Bu’aawwa Toora Xiyyeeffannoo

Toora Xiyyeeffannoo

(Strategic Themes)



Bu’aalee Tarsiimaa’aa(Strategic Results)

1.Hirmaannaa Fi Fayyadamummaa Dubartootaa Mirkanessuu

Dubartootaa Gama Hawaasummaa,Dinagdee Fi Siyaasaan Gahoomanii Wal Qixummaa Koorniyaa Mirkanaa’e

2.Mirkaneesa, Mirgaafi Nageenya Daa’immanii

Daa’imman Mirgii Fi Nageenyi Isaanii Kabajamee Guddatanii Abdii Gaarii Egeree Biyya Ta’an.



1.4. Haalaa Waliigala Seektarichaa (Organizational Background/Profile)

A). Hundeeffama Biiroo Dhimma Dubartoota Fi Daa’immanii

Biiroon Dhimma Dubartootaa Fi Daa’imman Naannoo Oromiyaa Bara 1987 Hanga 1994 Tti Wajjira Preezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Jalatti Sadarkaa Dameetti Caaseffamee Hojjechaa Turee. Labsii Gurmaa’ina Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyyeessuuf Angoofi Hojiisaanii Irra Deebia’mee Murteessuuf Bahe Lakk. 50/1994-Tiin-Akka Biiroo Dhimma Dubartootaa Oromiyaatti Kan Ijaaramee Dha.

Bara 2001tii Labsii Lakk.144/2001 Tiin Gurmaa’ina Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyyeessuufi Angoofi Hojiisaanii Irra Deebia’mee Murteessuuf Bahen Biiroon Kun Biiroo Dhimma Dubartootaa Fi Daa’imman Oromiyaa Ta’uun Irra Deebiin Kan Ijaaraame Yemmuu Ta’uu; Bara 2003ttii Immoo Labsii Lakk. 163/2003 Waamama Maqaa Kanaatiin Aangoo Fi Gahee Hojii Dabalataa Kennameefii Akka Qaama Raawwachiistuu Mootummaa Tokkoottii Migaa/Sirna Dimookraasii Dagaagsuu, Bulchiinsa Gaariifi Nageenya Dubartootaa Fi Daa’immanii Kabachisuu, Qindoomina Qoodhafudhattootaa(Dhimmamtootaa) Adda Addaa Uumun Fayyadammummaa Fi Hirmaanaa Isaanii Mirkaneessuu Akkasumas Walqixxummaa Korniyaa Mirkaneessuuf Kan Caasefamee/Ijaarameedha.

B).Hojiilee Seektarichi Raawwatu

Waajjirri Dhimma Dubartootaa Fi Daa’imman Godina Arsii Akkuma Waajjiraalee Kaanii Itti Waamamnisaa Biiroo Dhimma Dubartoota Fi Daa’imman Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif Yoo Ta’u; Kaayyoo Ittiin Dhaabbate Galmaan Ga’uuf Caasaa Hanga Gandaattii Diriirsuun Qaamota Mootummaa Fi Miti Mootummaa Dhimma Koorniyaa Fi Daa’immanii Irratti Hojjetani Waliin Dandeettii Fi Humna Qabuun Karooraan Socha’aa Jira.Haaluma Kanaan Waajjirichii Tajaajiloota Armaan Gadii Maamiltootaa Fi Dhimmamtootaa Isaatiif Kennaa Jira. Isaanis- Dubartootaa Fi Daa’imman Kallatii Hundaan Gahoomsuu; Dubartonni Hirmaattootaa Fi Fayyadamtoota Misoomaa Akka Ta’an, Dhiibbaan Isaan Irra Ga’u Akka Hafu Taasisuu, Rakkoo Hawaas-Diinagdee Dubartootaa Fi Daa’immanii Furuuf Hawaasa Barsiisuu,Deeggersa Kennuu, Dhimmamtota Fi Deeggertoota Waliin Qindoominaa Uumuun Hojjechuu Fi Kenna Tajaajilaa Fi Fayyadammuummaa Dubartootaa Fi Daa’immanii Fooyyesuuf Qorannoo Fi Sakkatta’iinsa Ittifufiinsa Qabu Gaggeesuu Fi Human Raawwii(Ijaarsa Dandeettii) Caasaa,Qooda Fudhattootaa Fi Hawaasaa Cimsuu Dha.



C).Aangoo Fi Gahee Hojii /Maandeetii/ Mana Hojiichaa

Labsii Lakk. 196/2008: Labsii Qaammota Raawwachiistuu Mootummaa Naanno Oromiyaa Irra Deebiidhaan Gurmeessuuf Aangoo Fi Hojii Isaanii Murteessuuf Baheen;Keewwata 29 Irrattiii Aangoo Fi Gaheen Hojii Biiroo Dhimma Dubartoottaa Fi Daa’immn Oromiyaa Haala Armaan Gadiitiin Tarreeffameera.



  1. Seerota Dubartootaa Fi Daa’imman Ilaalchisee Hojiirra Jiran Irratti Qo’annoo Ni Gaggeessa; Qaama Aangoo Qabutti Yaada Furmaataa Ni Dhiyeessa; Argannoon Qo’annichaa Hojiirra Akka Oolu Ni Taasisa;

  2. Mirgaa Fi Dantaa Dubartootaa Fi Daa’immanii Kabachiisuuf Hubannoo Ni Uuma; Akka Uumamu Ni Taasisa;

  3. Ragaalee Dhimma Dubartootaa Fi Daa’immanii Ilaallatan Ni Gurmeessa; Qaama Dhimmi Ilaaluun Akka Beekaman Ni Taasisa;

  4. Manneen Hojii Mootummaa Keessatti Sirni Sochii Diinagdee, Hawaasummaa Fi Siyaasaa Keessatti Hirmaannaa Dubartootni Taasisan Cimsuu, Diriiruu Fi Hojiirra Ooluu Isaa Ni Mirkaneessa;

  5. Dhaabbilee Mootummaa Fi Miti Mootummaa Dhimma Dubartootaa Fi Daa’immanii Irratti Hojjatan Ni Qindeessa; Qindoominni Hojii Akka Jiraatu Haala Ni Mijeessa; Ragaalee Fi Gabaasa Qaamolee Kana Irraa Dhiyaatan Ni Qindeessa; Hojiirra Akka Oolu Ni Taasisa;

  6. Garaagarummaa Fi Loogiin Koornayaa Irratti Hundaa’ee Raawwatamu Akka Maqfamu Ciminaan Ni Hojjata;

  7. Dubartootni Hojii Dhabeeyyii Of Danda’anii Jireenya Isaanii Hoogganuuf Akka Isaan Dandeessisu Leenjii Ogummaa Fi Teeknikaa, Akkasumas Tajaajila Gorsaa Haala Itti Argatan Ni Karoorsa; Hojiirra Ni Oolcha; Haala Liqii Itti Argatanis Qaama Dhimmi Ilaalu Waliin Ni Mijeessa;

  8. Dubartootni Fedhii Isaaniitiin Gurmaa’anii Mirga Isaanii Akka Kabachiifatan Diinagdee Keessatti Akka Hirmaatan Hubannoo Ni Uuma; Deeggarsa Ni Taasisa;

  9. Barmaatilee Dubartootaa Fi Daa’immanii Irratti Miidhaa Dhaqqabsiisan Maqsuuf Haala Itti Fufiinsa Qabuun Hawaasa Ni Barsiisa;

  10. Leenjii, Ramaddii, Jijjiirraa Fi Guddina Hojjattootaa Raawwatamu Keessatti Hirmaannaan Dubartootaa Jiraachuu Isaa Ni Hordofa; Raawwii Isaatiif Deeggarsa Ni Kenna;

  11. Mirgi Abbaa Qabeenyummaa Dubartootaa Haala Itti Mirkanaa’uu Fi Hojiiwwan Misoomaa Keessatti Hirmaachuun Tooftaa Galii Mataa Isaanii Ittiin Maddisiisuu Danda’an Ni Mijeessa; Ni Qindeessa; Ni Deeggara;

  12. Hojiin Koornayaa Idileessuu Seektaroota Mootummaa Fi Miti Mootummaa Keessatti Akka Mirkanaa’u Ni Qindeessa; Ni Too’ata; Akkasumas Qorrannoo Ni Gaggeessa; Bakka Hanqinni Argametti Tarkaanfiin Sirreeffamaa Akka Fudhatamu Qaama Dhimmi Ilaaluuf Ni Dhiyeessa; Hojiirra Akka Oolu Ni Taasisa;

  13. Dhimma Falmii Hariiroo Hawaasaa Fi Yakkaa Ilaalchisee Akkaataa Seeraatiin Raawwatamuu Fi Faayidaa Fi Mirgi Dubartootaa Fi Daa’immanii Kabajamuu Isaa Ni Hordofa; Haala Raawwii Isaa Qaama Dhimmi Ilaaluuf Ni Dhiyeessa;

  14. Hubannoon Dubartootni Seera Maatii, Seera Yakkaa Fi Seerota Biroo Irratti Qaban Akka Cimu Qaama Dhimmi Ilaalu Waliin Qindoominaan Ni Barsiisa;

  15. Daa’imman Guddisa Gaarii Akka Argatan Tooftaaleen Dandeessisan Akka Diriirfaman Qaama Dhimmi Ilaalu Waliin Ni Hojjata; Hojiirra Akka Oolu Ni Taasisa;

  16. Mirga Dubartootaa Fi Daa’immanii Kabachiisuuf Konveenshinii Mootummoota Gamtoomanii Fi Gamtaa Afrikaa Akkasumas Waliigalteewwan Biroo Itoophiyaan Raggaasifte Akka Hojiirra Oolan Ni Taasisa;

  17. Daa’imman Mirgaa Fi Dirqama Isaanii Beekanii Guddachuun Lammii Gaarii Akka Ta’anii Fi Mirgi Heeraa Fi Seeraan Kennameef Akka Kabajamuuf Qaama Dhimmi Ilaalu Waliin Ni Barsiisa;

  18. Dhaabbilee Miti Mootummaa Guddisa Daa’immanii Irratti Bobba’an Waliin Waliigaltee Ni Raawwata; Hayyama Ni Kenna; Ni Hordofa; Ni Too’ata; Ni Haaromsa; Ni Haqa;

  19. Daa’imman Maatii Isaanii Sababa Adda Addaatiin Dhabanii Fi Rakkoo Hawaasummaatiif Saaxilaman Irratti Qaama Dhimmi Ilaalu Waliin Ni Hojjata.

    1. Boqonnaa Lamaffaa

2. Xinxaalaa Waggaa Lamaa Fi Wadhakaa Ga’uumsa Qabu Qopheessuuf Dhimmoota Ka’uumsa Ta’aan

2.1. Toora, Imaammtoota Dimookraatawaa Fi Misoomawaa Keenna Akka Ka’umsa Karooraatti

Toori Mootummaan Keenna Hordofaa Jiru Toora Mootummaa Misoomawaa Fi Dimookraatawaa Akka Ta’ee Beekamaadha. Dhaabni Keenna Toora Kana Yoo Filatu Sababa Mataa Isaa Qaba.

Tokkoffaa Mosooma Dhimma Jiraachu Fi Jiraachu Dhabu Ta’u Isaa Hubatee Haariroo Toora Kanaatin Socho’u Baannaan Biyya Hiyyummaan Keessa Jaarraa Dheeraa Turte Waan Ta’eef Biyyatti Akka Biyyaatti Itti Fufsisun Hinda’nda’aamu. Qabsoon Hiyyummaa Waliin Taasifamu Wareegama Lubbuu Gaafatu Baatus Aarsaafi Kutannoo Kan Barbaadu Waan Ta’eef Hojiin Misoomaa Murteessaadha Kallatti Jeedhuun Imaammataa Fi Sagantaalee Garagaraa Baafachudhaan Socho’aa Jira. Keessattu Ilaalcha Niyoolibraalistootaa Jalaa Biyyonni Akka Keennaa Kan Bahu Danda’aan Toora Misoomawaa Nuqabannee Sochoonu Kanaan Ala Filannoon Akka Hinjirree Beekamaadha. Dubartootni Hiyyeessa Hiyyeessaa Gadi Keessa Warra Turan Waan Ta’eef Torri Kun Dubartoota Irratti Hoji Hojjatamuf Hikko Ol’aanaa Qaba.

Lammaffaa Sirni Darbee Ummata Haala Gara Garaatin Walqixxumman Isaa Hin Egaminiif Sarbamaa Tureedha Dhisee Kan Darbee. Ummata Kana Haala Waldanda’un Walin Jiraachudhaan Misooma Biyyatti Keessatti Akka Bobba’u Fi Irraayis Akka Fayyadamu Gochuf Karaa Dimookraatawa Ta’een Socho’un Dirqama Ta’aa.Dubartootnis Qaama Haawaasaa Mirgi Namoomaa Fi Dimookraasi Isaani Sarbamaa Turee Waan Ta’aanif Bakka Dimookraasummaan Hin Egaminitti Hirmaattootaa Fi Fayyadamtoota Sagantaalee Misoomaa Ta’u Hindanda’aan. Kanaaf Mootummaan Keenna Dimookraassummaaf Iddo Guddaa Keennudhaan Kan Socho’uf. Toorri, Imaammattotni, Sagantaaleen Fi Tarsimoowwan Keenna Hundaa Mootummaa Misoomawaa Fi Dimookraasi Dagaagsu Ta’un Qophaa’un Isaani Hoji Dubartootaa Fi Daa’imman Irratti Hojjataman Caalmaatti Akka Safisan Kan Taasisan Waan Ta’aanif Akka Ka’umsa Karooraatti Itti Fayyadamun Murteessaadha.



2.2. Mul’ata Yeroo Dheeraa Fi Yaroo Giddu Galeessaa Godinicha Fi Aanaalen Qabu Akka Ka’umsa Karooraatti

Godini Keenya Omishaa Fi Omishtummaa Dachaan Dabaludhaan Midhaan Nyaataatin Godina Of Danda’ee Ta’u Bira Darbee Sharafa Biyya Alaa Argamsisu Keessatti Omishni Qonna Keenna Gahee Akka Bahu Fi Qonna Industriin Durfamu Akka Ta’u Hojjachun Akka Nurraa Egamu Ta’eera. Gama Biraatin Babal’inan Bu’uraalee Misoomaatif Xiyyeefannoo Keennudhaan Hojjachuun Safisa Guddina Dinagdeetif Galtee Gochun Deemsa Toora Xiyyeefannoo Keennaati. Hojilee Gama Haawaasummaattin (Tajaajila Garagaraatin) Jiranifis Xiyyeefannaa Keennun Galmoota Barkumee Bira Gahu Akka Qabdus Mul’anni Taa’ee Hojjatamaa Jira. Babalinna Invastmanti Irrattis Xiyyeefatani Hojjachudhaan Lammilee Hoji Dhabeeyyi Ta’aan Gara Hojitti Galchu Akkasumas Biyyattin Sharafa Biyya Alaa Argachudhaan Guddinna Akka Safisu Gochuf Sagantaaleen Garagaraa Dirirani Hojitti Galameera. Kun Akkuma Jirutti Ta’ee Tarsimoo Misooma Imxtis Fudhanee Yoo Ilaallee, Hoji Dhabeeyyii Hojitti Hojii Qabsisuu Irraa Kaasee Cee’umsa Industirii Akka Ta’u Gochudhaan Guddinni Dinaagdee Biyyatti Akka Saffisuuf Tarsimoon Diriree Hojitti Galameera. Akka Waligalaatitti Biyyattin Teenna Yaroo Gabaabaa Keessatti Biyyoota Gali Giddugaleessaa Argatan Keessa Akka Galtuf Sagantaalee Garagaraa Baasun Kan Hojjatamaa Jirtu Ta’un Fi Fuleeffannaa Mul’ata Kaa’eette Milkeessuttii Garagaltee Akka Ta’ee Beekkamaadha. Kallattii Kanaan Biyya Hoji Isii Hogganaa Jirtu Ta’un Dubartootaafi Kallattinis Ta’ee Kallattin Aala Hikkoo Guddaa Waan Qabuf Akka Galtee Ykn Ka’umsa Karooraatti Itti Fayyadamun Nidanda’aama Jeechaadha.



Imaamataafi Tarsimichaa (PMGD) Yomuu Ilaalu Ammo, KGT 2ffaa Keessatti Haala Imaamata Fi Paakeeji Keessatti Ibsamee Walsimsisudhaan Gara Karooraatti Jijjirum Hirmaanaanfi Fayyadamummaa Dubarootaa Pakeejii Misoomaa Jijjiiramaa Keessatti Taa’een Hojiiwwan Gama Hawaasummaan Diinagdee Fi Siyaasaatiin Raawwatamaa Turan Keessatti Dubartootni Fayyadamoo Akka Ta’an Hojiiwwan Calqabamani Raawwatamaa Turanif Wantootni Nama Jajjabeessan Heeddun Ni Jiru.

Kanuma Mirkaneefachudhaaf Haala Raawwi Paakeejichaa Kan Bulaa Osoo Hin Dabalatiin, Qaama Biraatiin Akka Gaggeefamu Ta’eera.



Akkaattaa Sochiwwan Taasifamanifi Bu’aalee Gama Haawaasummaa, Dinagdeefi Siyaasaatiin Jiru Adda Baasani Ilaaluf Yaalameera. Haaluma Kanaan Argannowwan Gama Hawaasummaatiin Jiraan:-,

  • Barnoota Ilaalchisee Paakeejii Misoomaa Fi Jijjiirama Dubartootaa (PMJD) Irratti Gama Misooma Barnoota Ilaalchisee Hirmaannaan Barattoota Dubartootaa Akka Dabalu Fi Garaagarummaan Hirmaannaa Dhiiraa Fi Dubaraa Jidduu Jiru Akka Dhiphatu Gochuu Fi Hirmaannaan Barattoota Dubaraa Sadarkaa 2ffaa Fi Olaanaatti Akka Dabalu Hojjachuu, Gahumsa Dubartoota Shamarranii Cimsuu Fi Harcaatii Barattoota Dubaraa Xiqqeessuu Fi Hojjachuun Fayyadamummaan Dubartootaa Mirkaneessuu Keessatti Hojiin Bal’inaan Hojjatamee Jijjiiramni Guddaan Dufee Ragaan Deeggarun Ibsamee Jira.,

  • Fayyaa Wajjiin Wal-Qabatee Paakeejii Keessatti Dubartootnni Fayyaa Ofii Isaanii Fi Maatii Isaanii Eeguun Misooma Diinagdee Keessatti Ga’ee Isaanii Karaa Raayyaa Misoomaa Dame Dubartootaan Akka Ba’an Qaama Ilaalu Waliin Hojjachuun, Tajaajila Fayyaa Dubartootni Kara Guutuu Ta’een Akka Fayyadaman Taasisuu Irratti Dhimmoota Guutuu Ta’uu Danda’an Adda Baasuudhaan Du’aatii Haadholee Salphisuu Fi Kallattii Hundan Hojjachuu Fi Mirgi Fayyaa Hormaata Guutuumman Akka Eggamu Gochuu Fi Walii Gala “PEF” Hojii Irra Oolee Galmi “KGT II ” Akka Galama Gahu Hojiin Hojjatamaa Jiru Salphaa Akka Hinta’inifi Jijiijiiramni Guddaanis Akka Argamee Qoranichi Mirkaneessera. Sagantaa Karooraa Maatii Hojii Irra Oolchuuf Filannoon Dhiyaatu Fooyya’aa Akka Deemuu Fi Human Qaban Omishtummaa Irratti Akka Oolchan Gochuu Irratti Bu’aaleen Argaman Abdachiisaa Akka Ta’aanis Nihubachisa.

  • Brmaatilee Midha Geessanis Ilaalchisee Hojin Balinna Qabu Gama Haawaasaati Fi Gama Qaamoolee Haaqaatiin Akka Hojjatameefi Barmaatilee Kun Reebicha Malee Kan Haafan Hundinu Baraa Baratti Akka Gadi Bu’aa Jiru Sakkata’insaa Ni Ibsa. Fakkeennaaf, Bara 2008 Irraa Bara 2009tti Gudeeddiin , Buttaan , Umri Malee Heerumsisun , Ajjeechaan Fi Fudha Irratti Fudhuun Kan Gadi Hirrattani Ta’ufi Reebichi Garu Kan Ol Dabalee Ta’u Ragaa Argatee Irratti Hundaa’un Ibseera. Haata’u Malee Akka Waligalaatti BMG Haala Gaari Ta’een Akka Hirrachaa Jiru, Qaamni Haawaasaa Marisisanis Kanuma Akka Mirkaneessan Sakkaata’insaa Gaggeefamee Mirkaneessera. Haata’u Malee Jijjiramni Amalaa Ammas Kan Haafu Ta’u Isaatis Walumaan Ibsameera.

Gama Dinagdeetinis:-

  • Gama Sochii Dubartootni Maxxantummaa Diinagdee Jalaa Baasuuf Qabeenyaa Fi Carraa Jiruun Dhiiraa Wal-Qixa Haala Fayyadamuu Danda’an Sochiwwan Garagaraa Taasifamaniru. Tarsiimoo Guddina Baadiyyaa Irraa Dhiiraan Qixa Fayyadamoo Akka Ta’aniif Adeemsifamu Keessatti Hirmannaa Fi Fayyadamummaa Isaanii Bal’isuu, Teknolojiiwwan Haaraawwan Bahan Hundaa Akka Fayyadamoo Ta’an Hojiin Mootummaan Keenya Hanga Ammaa Raawwateen Bu’aan Gaariin Argamee Akka Jiru Sakkaata’insii Kan Ibsu Ta’ee Haala Qabatamaa Addeemsa Korniya Idileessutinis Kan Mul’ateedha. Akkuma Sakkaata’insii Kun Ibsuf Yaaleetti, Hirmaannan Dubartootaa Dinagdee Keessatti Baraa Baratti Dabalaa Kan Dhufee Ta’u, Yaroo Amma Kana (Dubartootni Abbaa Manaa Isaani Walin Badhaafaman Akkuma Jirutti Ta’ee), Gama Walqottin Carraa Liqi Argachu Keessattis Yaroo Ammaa Kana Dubartootni %40 Irra Akka Jiranis Ragaa WALQO Wabi Godhachudhaan Ibsameera.

  • Gama IMX Tiinis Rakkoo Hiyyummaa Fi Hojii Dhabdummaa Magaalaa Fi Baadiyyaa Keessaa Jiru Salphisuuf Imaammatni, Tarsiimoonnii Fi Seerootni Misooma Carraa Hojiii Ummuu Dubartoota Irratti Xiyyeeffannaa Gochuun Dubartootnni Haadha Qabeenyaa Misoomawwaa Akka Ta’an Baay’inaan Akka Carraa Hojiii Ummuu Uummaman Keessatti, Ijaarama Hunda Keessatti %50 Akka Hirmaatan Gochuf Sochi Taasifameen Bar 2008-2009 Alitti % 35 Irra Gahun Sakkaata’uun Mirkanaa’eera. Dabalataanis Bara 2010 ALI Int.P. Cee’an Keessaa %25 Kan Dubartootaa Akka Ta’ees Ibseera.

Gama Siyaasaatin:-

Raawwi Imaammataa Fi Tarsimidhaa PMGD Yoo Madaalamu Hojin Gama Haawaasummaattin Hojjatamani Fi Hirmaannaafi Fayyadamummaan Dubartootaa Foyyee Kan Qabu, Hojin Gama Dinagdee Dubartootaa Cimsu Sadarkaa Lammaffaatti Kan Ilaalamu Danda’u Fi Hojiin Gama Siyaasaatiin Hirmaanna Fi Fayyadamummaa Dubartootaa Cimsuuf Hojjatamee Sadarkaa Sadaffaatti Kan Ilaalamu Ta’u Isaa Sakkaata’insaa Mirkanaa’eera. Sadarkaa Kanaan Bu’aawwan Gama Haawaasummaa, Dinagdeefi Siyaasaattin Yoo Madaalaman Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dubartootaa Argamee Walbiratti Ilaalun ( Relatively) Kam Keessatti Dubartooti Caalmaan Fayyadaman Haal Jeedhuun Kan Ilaalamee Ta’u Isaa Hubachun Barbaachisaadha. Akka Sakkaatta’insa Mulisutti Hojin Hojjatamee Jijjiramni Haajiraatu Malee Gama Hundaanu Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dubartootaa Mirkaneessu Keessatti Haanqinni Balina Qabu Irratti Xiyyeefatamee Hojjatamu Qaban Heedun Akka Jiran Kaa’eera.



2.4. Feedhiwwan, Komiwwan Fi Gaafiwwan Dubartootaa, Daa’immanifi Haawaasaa Akka Ka’uumsa Karooratti

Mootummaan Keenna Kaayyoon Isaa Ummata Keessattu Dubartoota Biratti Akka Fudhatama Argatuu Dhimmoonni Taasisan Keessaa Inni Tokko Ummata Dhageefachuun Komi Fi Feedhi Ummataa Karooraan Deebisu Danda’udha.“Yoo Haarras Hin Argatiin Boru Nuf Raawwatta” Amantaa Jeedhu Qaba Ummanni Godina Keennaa. Keessattu Dubartootni Konfrasni Aayyaana “March 8” Sababeefachuun Waggaa Waggaan Sadarkaa Gandaa Irraa Kaasee Hanga Godinatti Gaggefamu Irratti Gaafifi Komi Qaban Ifaan Gaggeessaaf Kaasun Deebi Argachaa Turaniru. Kun Akkuma Jirutti Ta’ee Hojii Riformii Galmaan Gahu Keessatti Inni Ol’aanaan Itti Qufinsa Maamilaa Irratti Fi Komi Ummataa Ilaalchisee Sakkata’insa Yoo Danda’aamee Waggaatti Yaroo Lama Ta’u Baanaan Garu Yaroo Tokko Gaggeessun Dirqama Ta’ee, Seektarri Keenna Kana Raawwachaa Tureera.Haaluma Kanaan Komiwwan Dubartootaas Ta’ee Haawaasaa Daa’immanifi Dubartoota Ilaallatan Deebi Argaachaa Turun Isaa Ni Beekkama.

Dhimmoni Heeddun Gara Fula Duraatifi Xiyyeefannaa Barbaadanii Fi Sakata’iinsa Gaggeefameen Adda Bahan Waggootan Lamaa Fi Wadhaakkaa Keessaatti Xiyyeefatamee Hojjatamee Jira.Addaa Isaanii:-


  • Carraa Hojii Ummuu Haagurmaa’an Malee Liqi Gahaa, Iddo Omishaa Fi Gurgurtaa Dhabu,

  • WALQO Irraa Qarshi Liqi Argachuuf Bu’aa Bahi Guddaa Kan Qabu Fi Dhalli Isaatis Baayyachu, Kana Keessaa Bahu Dadhabu Irraa Kan Ka’ee Abdi Kutun Bittanaa’u,

  • Walitti Hidhaminsi Gabaa Umuf Hojiin Hojjataee Laafaa Ta’u,

  • Sababa Ibsaa, Bishaanfi Daandi Hinjirreef Dhiyeessi Ambulaansitis Gahaa Hinta’inif, Kanumti Jirus Haalli Qabinsa Isaa Rakkoo Qabuf Ammas Du’aati Haadholee Haambisu Dhabu.

  • Bggxn Walqabatee Haarcaatiin Jiraachu Dhabu, Sababiin Isaatis Dareen Itti Baratan Jiraachu Dhabu, Yooma Furmaatni Keennameefis, Barsisaa Argachu Dhabu, Akka Waligalaatti Haala Qindaa’een Hojichi Hoggamanu Dhabu.

  • Dubartootni Heeddun Osoo Baratani Qabxi Ol’aanaas Argatani Jiranu, Sistama Sivil Sarvisis Keessa Galufu Garu Haalli Ulaagaa Jiru Kan Daangeessu Ta’u, Kana Irraa Kan Ka’een Gara Hoggansaattis Dubartootni Gahumsa Qaban Dhufu Dhabu.

  • Gama Aamoole Haaqaatiin Dubartoota Dhibbaan Dubartumma Isaanitin Irra Yoo Gahu Murti Haaqa Qabeessa Ta’e Keennu Irratti Haanqinni Kan Jiru Ta’u,

  • Bmgn Wal-Qabatee,Ammas Fudha Irratti Fudhaafi Reebichi Haafu Dhabu,

  • Rakkoo BMG Kan Maqsuf Qaamooleen Qindoominaan Hojjachu Qaban Gahee Isaani Bahudhabu,

  • Ummannis Rakko Dubaartootaafi Daa’imman Irra Gahu Kana Akka Haafuf Daangaa Haanga Daangaatti Balaaleefatee Akka Haafu Gochu Keessatti Haanqinni Kan Jirufi Kanaaf Immo Qaamni Kana Qindeessu Gahee Isaa Bahu Dhabu, Fakkeennaaf, Daa’imman Yoo Gudeedaman, Yoo Gataman, Rakkoon Gara Garaa Yoo Irra Gahu, Dubartootni Yoo Ajjeefaman Balaaleeffannaan Jiru Laafaa Ta’u,

  • Hordoofin Maatin Daa’immanif Godhu Fi Haala Iftoomina Qabuun Mari Irratti Hundaa’un Daa’imman Amalaa Fi Naamusa Gaarin Guddisu Irratti Haalii Jiru Haanqinna Kan Qabu Ta’u,

  • Daa’immanifi Haala Mijaa’aa, Iddo Bashananaa Umri Isaanitin Walgitee, Daa’imman Rakkoo Gara Garaaf Saaxilamanif Iddo Turti Jiraachu Dhabu,

  • Kan Jeedhan Akka Komitti Kan Ka’aan Yoo Ta’u Sababni Haanqinnaalee Kanaa Hubannoon Yaroo Yaroon Umamu Haajiraatu Malee Jijjiramni Amalaa Sadarkaa Hundattu Iddo Barbaadamee Bira Kan Hingahin Ta’u Isaa Komi Dhiyaatan Keessatti Ka’aaniru. Kanaafu Dhimmoni Gubbaa Irratti Ka’aan Kun Yaroo Itti Aanutti Kan Irratti Xiyyeeffatamee Hojjatamu Ta’u Qaba

2.6. Carraa Bal’aa (Potential) Godinii Keenyaa Qabdu Akka Galtee Karooraatti

A) Carraawwan:

Kutannoon Mootummaan Hoji Kana Galmaan Gahuf Qabu, Qajeelfamoonnifi Tarsimowwan Gara Garaa Safina Hoji Kanaatif Akka Carraatti Fayyadamun Nidanda’aama. Kana Malees Kaka’umsi Dubartoota Baadiyyaas Ta’ee Magaalaa Bira Jiru Fi Raayyaan Misoomaa Dame Dubartootaas Ta’ee Raayyaan Misoomaa Guddichi Galma Gahinsa Hoji Kanaafi Galtee Guddaa Qaba.Raayyaan Misooma IMX, Raayyaan Barattootaafi Barsiftootaa, Raayyaan Fayyaa, Akkasumas Raayyaan Jijjirama Mana Hoji Keennaa Gaheen Kaayoo Keenna Galmaan Gahuf Qabu Guddaadha. Gama Biraatiin Idileessi Sirna Korniya Fi Daa’immani Yaroo Amma Irra Jirus Haanqinna Haaqabaatu Malee Akka Carraatti Fudhachun Nidanda’aama. Hirmaannaan Gama Haawaasaatinis Jiru Kan Foyyee Qabufi Yoo Irratti Hojjatamee Hoji Hojjannu Hundaafu Carraafi Humna Kan Ta’udha Walumaagala :-



  • Imammattootnnii, Seerootnnii, Qajeelfammootnnii, Waliigalteewwan Addunyaafi Afrikaa Fi Paakkejotnnii Dubartootaa Fi Daa’imman Fayyadan Akka Mootummaattii Fi Akka Seekatarichaattii Jiraachuu

  • Kutannoon Hoggansa Siyaasaa Gama Mootummaatiin Jiraachuu

  • Dhaabbilee Barnootaa Motuummaa Fi Dhunfaa Bal’inaan Jiraachuun Isaanii Dubartootaa Gama Barnootatiin Gahoomsuu Irrattii Gaheen Qaban Carraa Guddaa Ta’uu

  • Dhabbilee Miti Mootummaa Fi Arjoomtotnnii Diinagdee Dubartootaa Irrattii Hojjetan Jiraachuu Isaanii

  • Raayaa Misoomaa Adda Addaa Jiraachuun Sochii Hawaasaa Bal’aa Bal’aa Gama Kanaan Taasisuun Mirga Dubartootaa Fi Daa’immanii Kabachiisuu Fi Mirgootaa Dimookraasii Isaanii Gabbiisuuf Waltajii Mijataa Ta’uun Isaa Akka Carraa Guddaattii Fudhachuu Kan Dandeessisu Ta’uu

  • Raayaan Misoomaa Damee Dubartootaa Fi Jaarmiyaaleen Dubartootaa Bal’inaan Ijaaramuun Fi Jiraachuu Isaanii

  • Miidiyaaleen Eeleektrooniiksii Fi Preessii Balinaan Jiraachuu Isaanii Hubannoo Fi Barumsaa Ilaalcha Hawaasaa Fi Dubartootaa Jijiiruu Gumaachaa Guddaa Kan Qabuu Ta’uu Isaa

  • Dhimmii Korniyaa Fi Fayyadammumaa Fi Hirmaannaa Dubartootaa Guddisuu Utuubaa Tarsimaa’aa(Strategic Piilar) Guddaa Tokko Ta’ee KGT II Mootummaa Keessattii Qabamuun Isaa

  • Humnaa Raawwachiisummaa Caasaa Mootumma Fi Humnotaa Misoomaa Cimsuuf Mootummaan Qabu

  • Milkaa’innii, Muuxannoowwaan Fi Bu’aaleen Raawwii KGT I Keessatti Mul’atan Karootaa Ittii Aanuuf Gumaachaa Gudaa Fi Kaka’uumsaa Fi Fedhii Hojii Dabaluun Isaa

B)Sodaawwan:

  • Barsiifata Yeroo Dheeraaf Hawaasaa Keesssa Tureen Ilaachii Mirga Dubartootaa Fi Daa’immanii Irrattii Jiru Hanga Barbaadamuu Jijiiramuu Dhabuun Raawwii Irrattii Dhibaa Uumuu Kan Danda’uu Ta’uu Isaa

  • Fedhii Guddaa Gama Dubartootaatiin Jiruu Guutuu Ilaachisee Dhiyeessii Liqii Fi Kkkf Haala Gahuumsa Qabuun Arjoomtootaa Bira Yeroo Barbaadamettii Argachuu Dhabuun Gama Dubartootatiin Abdii Kutachuun Mul’achuu Kan Danda’uu Ta’uu

  • Dhiibaa “Globilization” Fiduunn Safuu Hawaasaa Tiin Dhimmootnnii Faalla Ta’an Miidhaa Dubartootaa Fi Daa’imman Irra Geessisuu Danda’an Mul’achaa Jiraachuu

  • Deeggersa Daa’immanii Fi Dubartootaaf Kan Ooluu Qabeenyii Sasaabamuu Haala Barbaadamuun Gahaa Ta’uu Dhabuun Quunnamuu Kan Danda’uu Ta’uu Isaa

  • Baajataa Fi Loogeestiikii Karoorichaa Barbaachiisuu Haalaa Fi Yeroo Barbaadameettii Argachuu Dhabuu

  • Balaa Tasaa Uumamuun Dhibbaa Dubartootaa Fi Daa’imman Irra Gahuu

  • Hallii Fi Naannoon Dhaabbilee Bargnootaa Barattootaa Dubaraf Mijataa Ta’uu Dhabuun Dhiibaa Fi Miidhaan Irra Gahuu Danda’uu Jiraachuu

2.7.Gamagamaa Raawwii Galmoota Misooma KGT II (2008 – 2009) Akka Ka’umsaatti

Akkuma Beekamu Utubaawwan KGT II Keessatti Kaa’aaman Keessaa, Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dubartootaa Gama Hundaan Jiru Mirkaneessun Tora Xiyyeefannoo Tokko Ta’ee Ibsameera. Utubaa Kana Bu’ura Godhachudhaan, Imaamata, Maandeeti Mana Hojichaafi Paakeeji Misoomaafi Jijjirma Dubartootaa Walin Haala Walsimu Danda’un Karoora Tarsima’aa Mana Hojichaa Keesatti Ammachisudhaan Hojiwwan Heeddun Waggaa Waggaatti Qodhamani Raawwatamaniru. Bu’aan Heeddus Argameera. Kun Akkuma Jirutti Ta’ee Raawwi Barootan Darbanii Xinxaludhaan Bu’aa Argameefi Sochi Taasifamee Kana Keessatti Haalli Mana Hojichaa Ummataa, Haalii Dubartootaa, (Magaalaa, Baadiyyaa,) Daa’immanifi Korniya Idileessun Walqabatee Haala Seektarootaa Xinxalunn Ciminaafi Haanqinnoota Jiran Adda Baasudhaan Akka Ka’umsa Karoora Bara Dhufutti Fudhachuun Da’nda’aameera.



Raawwi Waggaa Lamaa Fi Walakaa Kana Keessatti Bu’aawwan Galmaa’aan

Godina Arsii Keessaatti.

Kallattiiwwan Bu’ura Karoora Guddinaa Fi Tiraansifoormeeshinii Lammaffaa Waggaa Shanii Kallattiiwwan Bu’ura KGT-I Irratti Kan Ijaarame Yoo Ta’u Karoora Jijjiirama Caasaa Diinagdee Haala Fiduu Dandahuun Gaggeessuu Fi Kaayyoowwan Ijoo Asiin Olitti Lafa Kaahaman Fulduratti Akka Galma Gahuu Ciminaan Irratti Hojjechuu Kan Nama Dandeessisuu Fi Karoora Sekteroota Gur-Guddootiifis Akka Ka’umsaatti Kan Tajaajilani Dha. Kallattiiwwan Bu’ura 9 Akka Naannootti Qabaman Fi Minsteera Dhdd Giddu Galeessa Godhachuudhaan Utubaan Tarsimoo Arman Gadi Ka’uumsa Karoora Keenya 2ffaa Taasisuun Fudhatameera.



  1. Gahumsa Hirmannaa Fi Fayyadamummaa Dubartoota Fi Da’imanii Gama Siyaasaa,Dinagdee Fi Hawaasummaan Fayyaadamoo Taasisuu.

  2. Dhimma Dubartoota Fi Dalimanii Seektaroota Hunda Keessaatti Idileessuu

  3. Waltajjiiwwaan Hubannoo Uumuun, Dhimma Dubartoota Fi Da’imanii Jijjiirama Ilaalchaa Fiduu

  4. Humna Raawachuu Fi Raawachisummaa Guddisuu

  5. Misoomaa Fi Guddinaa Diinagdee Ariifachiisaa, Wal-Irraa Hin Cinnee Fi Haqaqabeessaa Jalqabamee Jiru Itti Fufsiisuu,

  6. Dandeettii Oomishtummaa Diinagdee Irra Gahuuf Si’ayina Dabaluu, Qulqullina Damee Oomishtootaa Haalaa Jajjabeessuun, Oomishtummaa Fi Miira Dorgomtummaa Ol-Aanaa Ta’een Guddina Aja’ibsiisa Fiduu,

  7. Tiraansifoormeeshinii Ariifachiisaa Abbootii Qabeenya Biyya Keessaa Fiduu Fi Humna Misoomaa Gahumsa Ol-Aanaa Qabu Isaan Taasisuu,

  8. Humna Damee Ijaarsaa Ciimsuu, Gahumsa Misoomaa Bu’ura Dabaluu Fi Qulqullina Tajaajiilicha Mirkaneessuu,

  9. Guddina Ariitii Magaalootaa Siirnaan Ogganuu Fi Bulchuun Ariitii Guddina Dinagdee Waligaalaatiif Qoddii Isaa Akka Cimuu Gochuu,

  10. Ijaarsa Dandeetti Misooma Qabeenya Humna Namaa Fi Tekinoloojii Ariifachiisuu Fi Itti Fufinsa Isaa Mirkaneessuu,

  11. Ijaarsa Humna Raawwachiisummaa Mootummaa Akkasumas Hirmannaa Uummataa Cimsuun Dimookiraasii, Misoomaa Fi Bulchinsa

  12. Gaarii Mirkaneessuu;

  13. Gahumsa, Hirmaannaa Fi Fayyadamummaa Dubartootaa Fi Dargaggoota Guddisuu,

  14. Diinagdee Magariisaa Jijjiirama Qilleensaaf Kan Tole Hin Jenne/Miidhamne Ijaaruu Dha

3.3 Ibsa Kallattiiwwan Bu’uura Karoora/Strategic Pillars/ KGT 2ffa Godina Arsii

Kalattii Tarsiimoo 1ffaa:-

Gahumsa, Hirmannaa Fi Fayyadamummaa Dubartoota Fi Da’imanii Gama Siyaasa,Dinagdee Fi Hawaasummaan Guddiisu

Bayyiina Uumata Waliigalaa Keessaa Dubartoonnii Lakkoofa Guddaa Kan Qabaan Waan Ta’eef,Qaamni Hawaasa Kuni Ammo Rakkoolee Hawaasumma Fi Diinagdee Garaa Garaatiif Saaxilamuu Irraatti Carraan Isaani Ballaadha,Gama Biratiniis,Gama Siyaasatiiniis, Dubartoota Sadarkaa Barbaadamu Irraan Gahuun Ewaan Hin Danda’amneef,Gahee Gamaachuu Qabaan Hanga Barbaadamu Gumaachuu Hin Jiraan.Waan Kana Ta’eef Sochiiwwaan Akka Godima Keenyaatti Tasiifamu Adda Addaa Keessaatti, Gama Misooma Godina ,Hawaasummaa,Dinagdee Fi Siyaasa Keessaatti Hirmaachisuun Akka Biyyaatti, Qabsoo Duula Hiyummaa Hirisuu Fi Misooma Arifataa Itti Fufiinsa Qabu Fiduuf Tasifaamu Keessaatti Gahee Issanii Akka Bahaan Gochuu Barbaachisa.

Waan Kan Ta’eef,Dubartoota Gama Hundaanuu Hirmaattoota Fi Fayyaadamummaa Isaanii Mirkaneesun Gama Hundaanu Hojiiwwaan Itti Fufiinsaan Hojeechuun Dubartoota Itti Fufiinsaan Gama Siyaasa,Dinagdee , Hawaasummaafi Misooma Godiniichaa Keessaatti Gahoomsuun,Guddiina Fi Misooma Nannoo Keessaattii Gahee Olaana Kan Taphaateedha..

Kallattii Tarsiimoo 2ffaa:-

Dhimmi Dubartoota Fi Da’imanii Idileeesuun .

Seeroonni,Tarsimoowwaan,Imaammataa,Pirojektoota,Sagataa Fi Karoori Misoomaa Hundinuu Dhimmi Dubartoota Fi Da’imanii Akka Of- Keessaatti Hamaatu Gochuun Hirmaattota Fi Fayyaadamtoota Akka Ta’aan Hojiin Ballaan Hojeetamee Jira.Dhimmoota Jajabeessoo Jiraan Cimee Akka Itti Fufu Bara KGT 2ffaa Gurm’insa Qaamni Raawachiiftuu Mootummaa Murteesuuflabsii Lak.691/2003 Baheen Misoomni Dubartoota Kalattii Karaa Garaan Dheebii Kan Barbaadu Waan Ta’eef,Seektaroonni Sadrakaa Sadarkaan Jiraan Dhimmi Dubartoota Fi Da’imanii Akka Idileesaan Hojii Fi Itti Gafatamummaa Kennuufiin Isaa Ni Beekama.Bu’ruma Kanaan,Rawwiin Karoora Waggootaan Yomuu Ilaalaamu, Dhimmi Dubartoota Fi Da’imanii Sadrkaa Barbaadameen Karoora Keessaatti Hamatamee Idila’ee Hojiirra Oola Akka Hin Ture Agarsiisa .

Bara Karoora Waggootaan Lamaaf Wadhaakaa Dhimmi Dubatrtoota Fi Da’imanii Xiyyeefannoo Argatee Dhabilee Misooma Hunda Keessaatti Qixa Hirmaattoota Fi Fayyaadamtoota Akka Ta’aan Fi Dhaabileen Hirmaannaa Fi Fayyaadamumma Dubartoota Fi Da’imanii Mirkaneesaan Akka Jiraataan Tasifamee Jira. Hojiin Eegalaame Cimee Itti Fufa.Dabalataaniis,Biyyaatiin To’annoo Faalaama Qileensaa Idiili Addunyaa Keessaatti,Hojiirra Olmaa Hamaata,Sagantaa Tarsiimoo,Imaammaata Misooma Dinagdee Jijjiirama Qileensa Keessaatti Dhimmi Dubartoonni Fi Da’imanii Idileesuun Wal Qabatee ,Ragaawwaan Kanaan Wal Qabataan Gurmeesuunakka Qaqqaabu Hojiin Hojeetamu Cimee Kan Itti Fufu Ta’a.Walqixummaa Dubartoota Mirkaneesuuf “ Korniyaa Idileesu”Dhaabatummaa Gochuun Gahumsa Dubartoota Hordofuun ,Safartuu /Tool/ Hordoffii Hamaata Sadarkeesu Bu’uura Godhachuun Sirni Deegarsaa Fi Hordoffii Cimaan Kan Tasifamaa Jirudha..

Kallattii Tarsiimoo 3ffaa :-

Fayyaadamummaa Da’immanii Guddiisu

Ilaalchoota Dogongoraa Hawaasni Nannoo Dubartoota Fi Da’imaniin Irraatti Qabaan Jijjiiruun Dubartoonnii Fi Da’imaan Bar-Maatilee Midhaa Geesisaan,Miidhaa Humnaa Fi Midhaa Hawaasummaa Irraa Eeguuf,Mirga Heera Motummaa Kenneef Fayyadamuun,Kayyoo Barbaadaan Jalaatti Hubannoo Gahaa Qabaatanii,Ijaarsa Sirna Dimokiraasi Keessaatti Karaa Ijarameen Hirmaannaa Ho’aa Tasisuun Hirmaanna Fi Fayyaadamumma Isaani Guddisuuf, Gahumsa Rakkoo Isaan Ofii Isaaniif Hikaachu Jijjiiramakana Fudhatanii /Dhaalanii Gaggeesu Fi Bulchuu Keessaatti Dubartoota Gahee Tarsiimowaa Adda Durummaan Taphachuu Danda’aan Uumuuf, Hojii Waltajjii Sosochii Hubannoo Uumuun Cimee Itti Fufa. Haaluma Wal Fakkaatuun,Da’imaan Hunda Keesatuu Ammo Da’imaan Haala Jireenya Rakkisaa Keessa Jiraataanmirgaa Fi Nageenya Isaani Eegsiisuudha Fi Hawaasni Dhimmi Dubartoota Fi Da’iman Hirmaannaa Ho’aa Akka Tasisaan Hojiin Waltajjii Hubannoo Uumuu Cimiinaan Irraattii Hojjatamee Jira..



Kallattii Tarsiimoowa 4ffaa:

Fayyaadamummaa Da’immanii Gama Hawaasummaan Mirkaneesu.

Nannoo Keenya Keessaatti Ijaarsa Sirna Dimokiraasi Fi Bulchiinsa Gaarii Uumamuu Irraa Kan Ka’e,Seeroota,Tarsiimoo Hawaasumma Fi Dinagdee Baasuun, Misooma Hariifachiisa Fiduun Hawaasa Biyya Keenyaa Sadarkaan Jiraan Fayyaadama Taasisuuf Hojii Hojeetameen,Biyyi Teenya Guddiina Safisaa Addaan Cituu Hin Dandeenye Fiduu Irra Jirti.Gama Biraatiin Ammo Dhaltoota/ Biyyaatti Fudhanii Gara Ful Duraa Deemaa Da’imaan.Mirgaa Fi Nageenya Isaanii Eegsisaani Da’imaan Fayyaa Fi Amaala Garii /Biyya Jaalaataan Uumuuf Motummaan Tarkanfii Gara Garaa Fudhachaa Jira.

Da’immaan Waliigala,Keessatuu Da’imaan Haadhaa Fi Abbaa Hin Qabne Rakkoo Hawaasummaa,Dinagdee Fi Siyaasaa Saaxilamaan,Mirgii Fi Nageenyi Isaani Akka Eegamu,Fedhii Bu’uraa Isaanii Akka Guutamuuf Hijiin Ballaan Hojeetamuus,Keessatu Rakkoo Gama Hawaasummaa,Dinagdee Fi Jijjiirama Qileensaa Irraa Kan Ka’e Fedhiin Bu’uura Isaani Kan Hin Guutamneef,Jiruu Fi Jireenyi Fi Guddiini Isaani Rakkoo Guddaarra Kan Bu’aan Da’imaan Lakkoofsa Murraasnii Kan Ta’an Godina Keenya Keessaatti Argaamu

Barnoonni Guddiina Hunda Galeessa Da’imanii Fi Misooma Itti Fufiinsa Qabu Fiduuf Meesha Qulfii Ta’uun Isa Ni Beekama.Hirmaannaa Da’imanii Barnoota Keessaatti Qabaan, Barnoota Idilee Duraa Hanga Qopha’inaatti Kan Jiru Kan Of-Keessa Qabu Ta’uus, Sababoota Rakkoo Hawaasummaa Fi Dinagdee Garaa Garaatiin Ammallee Da’imaan Barnootaaf Gahanii Carraa Barnoota Hin Argaane Ni Jiru.Da’imaan Maatii Hin Qabne Rakkoo Hamaa Keessatti Argamaan Balinaan Rakkoo Hawaasummaaf Kan Saaxilamaan Yoo Ta’aan,Barnoota Isaani Yeroo Adda Kutaan Mulaata.Waan Kan Ta’eef,Saamicha Human Da’imanii Fi Godaansa Seeraan Alaa Wal Qabatee Umrii Barnoota Itti Barataan Keessaattii Saamicha Humnaa Fi Reebicha Gara Garaaf Da’imaan Saxilamaan Ni Jiru.Da’imaan Qaama Midhamtoota Ilaalcha Aadaa Duubatti Hafaan Da’imaan Kanaafiis, Manneen Barnoota Mija’aan Kan Hin Babalannee Fi Human Namaan Kan Hin Guutamne Waan Ta’eef Carraa Barnoota Haala Barbaadanii Argatanii Fayyadamoo Ta’uu Hin Dandeenye

Gama Fayyaa Da’imanii Eeguttiniis,Nannoo Keenya Tajaajila Fayyaa Waliin Gahuun Du’a Da’imanii Hirisuuf Hojiin Bu’aa Qabeessa Ta’e Hojeetamuus Ammallee Tajaajila Fayyaa Waliin Gahuu Irraatti Gahaa Waan Hin Taaneef,Keessaatu Badiyyaa Da’imaan Jiraataan,Dhukuuba Salphaatti Dursanii Ofirraa Ittisu Danda’aamuun, Rakkoo Fayyaa Hamaaf Akasumaa Du’aaf Saxilamoo Ta’a Jiru.

Gocha Barmaatilee Midhaa Da’imaan Irraatti Geesisaan Fi Reebicha Qaama Da’imanii,Sammuu,Miira Fi Hawaasummaa Guddina Da’imanaii Irraatti Dhibbaa Geessisuu Bira Darbee,Dubartoota Yeroo Dheeraaf Dhukubaa Fi Miidhaa Qamaaf Saaxilaanyoo Ta’u, Da’imaan Umrii Isaani Malee Du’aa Jiraan Lakoofsi Isaani Xinnaa Miti.

Gama Biraatiin,Gamoowwaan Gurguddoon Ijaaramaan, Iddoo Da’immaan Itti Taphatanii Fi Itti Bashananaa Gidu Galeessa Godhatanii Kan Hin Hojeetamne Waan Ta’eef,Bulchiinsa Gaarii Dubartoota Irraattidhibbaa Geesisa Jira.Waan Ta’eef,Rakkoowwaan Armaan Oliitti Ilaalamaan Furuuf,Gama Motummaa,Mit-Mootummaa,Qaama Uumataa Fi Deegartoota Biroo Dabalatee Hojiiwwaan Ballaan Hojetamaa Ture Jiraatuus, Amallee Calmaatti Akka Itti Fufu Gochuun Fayyadamummaa Hawaasummaa Da’imanii Mirkaneesuun Dhimmi Xiyyeefannoon Itti Kennamu Qabudha.

Kallattii Tarsiimoo 5ffaa:-

Humna Raawwii Fi Raawwachiistummaa Guddisuu

Mootummaan Mirga Dubartootaa Fi Daa’immanii Sadarkaa Barbaadameetti Kabachiisuuf Dhimmicha Abbummaadhaan Qabatee Geggeessuu Kan Danda’uu Ijaarsa Sadarkaa Addaa Addaatti Akka Qabaatuu Gochuun Gama Kanaan Bu’aa Barbaadamee Galmeessuf Tarkanfii Sirrii Ta’uu Dha. Haaluma Kanaan Caasaa Isaa Nannoo Eegalee Ijaarsa Qaama Mootummaa Keessatti Akka Ijaaramuu Ta’uun Gama Dhimmaa Dubartootaa Fi Daa’immaniin Hojjetamuu Abbaa Akka Qabaatuu Gochuuf Dandeessisa. Kanuman Dubartootni Fi Daa’iimman Fayyadamtoota Misooma Isaan Godhee Jira. Haata’uu Malee Caasaaleen Sadarkaa Bulchiinsa Gadiitti Jiran Ergama Isaanii Raawwachuuf Rakkolee, Human Namaa, Loojestikii Fi Bajetaa Balinaan Kan Mul’atuu Fi Gama Biraatiin Caasaa Gama Kanaan Jiruu Misooma Kana Irraa Dubartootni Daa’imman Fayyadamummaa Isaanii Guddisuuf Hojiilee Jajjabeessaa Haa Hojjetanuu Malee Ammas Dhimma Dubartootaa Fi Daa’immanii Idileessuun Irratti Rakkoo Ilaalchaa Fi Raawwii Fi Human Raawwachisummaa Gad Aanaatu Mul’ata.

Gama Biraatiin Ijaaramoota Dubartootaa Fi Daa’immanii Ijaaraaruu Fi Jajjabeessun Akkasumas Fayyadamuummaa Seekteroota Kessatti Guddisuuf Yaalii Godhamuuf Gahee Guddaa Nii Qabaatu.Gama Kanaan Ijaramootni Kun Gahee Isaanii Ba’uuf Yaalii Isaan Godhan Kan Tuffatamuu Miti.Garuu Amma Barbaadamee Itti Gafatamuummaa Isaanii Ba’uuf Rakkoo Human Raawwachisummaa Isaanii Hudhaa Ta’ee Kan Jiruudha. Haata’uu Malee Hirmannaa Fi Fayyadamuummaa Dubartootaa Akkasumas Mirgaa Fi Nageenya Daa’immanii Mirkanessuu Ilaalchisee Ergama Fi Mul’ata Ka’amanii Jiran Galmaan Ga’uuf Human Raawwachisummaa Sekterichaa,Qaama Qooda Fudhattootaa Fi Jaarmiyaaleeykn Ijaramootaa Cimsuun Dhimma Qulfii Ta’ee Kan Itti Fufuu Ta’a.

3.4 .Galmoota Tarsiimoo Fi Manniiwwaan Gurguddoo

Galma 1.Hubannoo Uumuun Ilaalcha Hawaasaa Jijjiiru.

Galma 2.Fayyaadamummaa Dubartootaa Guddisuu.

Galma 3.Gahee Murteesummaa Dubartoota Guddisuu

Galma 4.Mirgaa Fi Nageenya Dubartoota Fi Da’imanii Mirkaneessuu

Galma 5.Kunuunsa Fi Deegarsa Da’imanii Miidhaa Adda Addaaf Saaxilamaanguddisuun

Galma 6.Qorannoo Dubartootaa Fi Daa’immanii 0 Irraa 5 ‘Tti Guddisuu

Galma 7.Humna Raawachuu Fi Raawachisummaa Seektarichaa Ol Guddisuun.


3.5. Tarsiimoo Raawwii Galmoota Misoomawaa

Galma 1.Hubannoo Fi Amantaa Dubartootaa Fi Hawaasa Guddisuunilaalchaa Jijjiiru

Bmgfi Miidhaawwan Humna Dubartoota Irra Gahaa Akkasumas Godansa Seeraan Alaa Hambisuu /Hir’isuu Dubartoota 445,000 Kan Ta’aniif Hawaasa Hundaaf Hubannoon Addan Hin Cinne Raawwachuun Kittannaa Shamarranii Sadarkaa Amma Irra Jiru , Akkasumas Fudhaafi Heeruma Umrii Malee Hir’isuuf Karoorfamee 436,660 Keename Jira . Dubartoota Sababa Adda Addaan Miidhaan Irra Gahuuf Taajaajila Barbaachisa Bakka Tokkotti Wiirtuun Baname Tajaajilli Barbaachisaan Akka Kennamuuf Hojjetamee Jira.



Galma 2. Fayyaadamummaa Dubartoota Fi Da’imanii Guddisuu

Kaallattii Dinaagdeen Fayyadammummaa Dubartootaa Guddisuuf Dub.22,250 Miseensota WHG Tasisuuf Karoorfamee 15,092 Hojjetamee Jira . Karaa Biraan Dubartootni 57,361 Tti Maallaqni Liqiin Kennamuf Karoorfamee 63,272 Kenameefi Jira Qar. Biliyoona 43,199,879 Akka Argatan Ciminaan Hojjetamee 50,540,671. Tajaajilli Kenna Liqiin WALQO Dha 30% Irraa 40% Akka Qindoominaa Kan Hojjetamu Ta’ee Jira.



Gama Hawaasummaan

Kallattii Hawaasummaan Fayyadamummaa Dubartootaa Mirkaneessuuf Garee Misooma Dubartoota Cimsuun Daa’immaan Umriin Isaanii Barnootaf Gahe Gara Mana Barumsaa Akka Erga Gochuu, Barnoota Isaanii Akka Addan Hin Kunnee Fi Barnoota Isaaniiti Bu’a Qabeessa Akka Ta’an Deeggaruu Irra Deeddebii Hanbisuun Akkasumas Dubartoota Hin Baratin Barnoota Ga’eessoota Keessatti Akka Hirmaatan Hawaasa 41,035 Hubannoo Kennuun Jijjirama Ilaalchaa Fiduun Raawwii Isaa Hojii Hordofuufi Deeggarsa Gochuu Xiyeeffannoon Kennamee Kan Raawwatamee Ta’ee Jira..

Gamaa Birraattii Dubartootaa 171 Tajaajila Gorsaa Seeraa Akkaa Kenamuuf Karoorfamee 202 Gorsaa Seeraa Argataan Ta’anii Jiru.

Shamarran Dhaabbilee Barnoota Olaanaa Keessatti Argamaniif Rakkina Diinagdeen Baranoota Isaanii Akka Addaan Hin Kunneef Barattoota Shamarraniifi Waldaalee Dubartootaa Leenjii Ijaarsa Dandeettii Fi Gargaarsi Meeshaalee Kan Godhamuuf Yoo Ta’u ; Yuunvarsitoota Mootummaafi Dhuunfaa Hunda Keessatti Gumileen/Fooramoonnii Akka Hundeeffaman Haala Mijeessuun Hirmaannaan Shamarranii Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Akka Guddatu Kan Hojjetamu Yoo Ta’u; Hoosteloota Godinaalee Keessa Jiraniif Deeggarsi Meeshaalee Barnoota Ni Godhamaaf.

Du’atii Haadhooleefi Daa’iammanii Hir’isuuf Garee Misooma Dubartoota Sadarkaa Sadarkaan Ijaaramaniifi Gara Fuulduras Ijaaraman Waliin Kutaalee Hawaasaa Hubannoo Guddisuun Gahoomsuu,Finiinsa Sochii Hawaasa Finiinsuun Jijjirama Ilaalcha Fiduun Qusannaa Maatii; Tajaajila Dahumsa Duraafi Booda Fayyadamoo Akka Ta’an, Mana Yaalatti Ogeessan Akka Dahan ; Sirna Nyaata Qulqullina Dhuunfaa Akkasumas Dhiibbaa Jijjirama Qilleensaa, Qorannoo Kansarii Harmaafi Gadameessaa Akka Godhaman Xiyyeffannoon Itti Kennamee Ni Hojjetama.

Hirmannaa Fi Fayyadamuummaa Daa’immanii Guddisuuf Barnoota Sadarkaa Tokkoffaa Keessatti Hirmannan Isaanii Akka Guddatuu Gochuu,Warra Rakkoo Qaban Fi Barnoota Fedhii Addaa Fayyaadamoo Akka Ta’aanii Fi Guutumman Guutuutti Daa’imman Taalaallii Akka Fayyadamoo Ta’aaniif Maatii Fi Kutaa Hawaasa Addaa Addaa Hojiilee Hubannoo Uumuu Nii Hojjetama.



Galma 3: Gahee Murteesummaa Dubartoota Guddisuu

Gahee Kenna Murteessummaa Dubartoota Guddisuu Kanneen Hoggansarra Jiran 339 Humna Isaanii Jira; Ijaarsa Sirna Dimookiraasii Fi Bulchiinsa Gaarii Keessatti Hirmaannaa Ho’aa Akka Godhan Hojiin Hubannoo Guddisuu Sadarkaa Hundatti Kan Raawwatamee Yoo Ta’u; Dubartoota Gara Murtee Kennutti Akka Dhufan Qaamni Hundi Gahee Isaanii Akka Bahan Godhamee Jira.



Galma 4. Mirgaa Fi Nageenya Daa’immanii Kabachiisuu

Mirgaa Fi Nageenya Daa’immanii Kabachiisuu Ilaalchisee Bara Karoora KGT II Akka Godina Keenyaatti,Daa’iimman Miidhaa Koorniyaa Bu’uuraffatee Akka Eegaman,Hojiilee Human Isaanii Olii Irratti Kan Bobba’aan Fi Daa’imman Biyyaa Gara Biyyaatti Deemsiisuu Akkasumas Barmaatilee Miidhaa Geessiisan Addaa Addaa Eeguudhaaf Qaama Hawaasa 445,000 Hubannoo Kenamuuf Karoorfamee 429,565 Mirgaa Fi Nageenya Daa’immanii Eegsiisuu Irraatti Hawaasaa 445,000hubannoo Kennuuf Karoorfamee 429,565 Rawwatamee Jira Fi Hojjatoota Sivil Sarvaantii 17,961 Maarii Irratti Hirmaachisuuf Karoorfamee 15,427 Rawwatamee Jira .Fi Bakka Bu'oota Uummataa 56,000 Marii Irratti Hirmaachisuun Mirgaa Fi Nageenyi Daa’immanii Akka Mirkanaa’u Hojjatamee Jira .



Galma5. Daa’imman Haala Rakkisaa Keessaa Jiraniif Deggersaa Fi Kunuunsa Kennamuu Guddissuu

Daa’imman Haala Rakkisaa Keessa Jiraniif Kunuunsaa Fi Deeggersa Guddisuu Ilaalchisee Filannoowwan Kunuunsa Daa'immanii Hawaasa Bu'uureffate Irratti Hawaasa 445,000 Marii Geggeessuuf Karoorfamee 429,565 Rawwatamee Jira. Fi Rakkolee Addaa Addaaf Kan Saaxilama Daa’imman 445,000 Filannoo Kunuunsaa Fi Deeggersa Hawaasa Bu’uuraffate Akka Argatan Guchuuf Karoorfamee 429.565 Rawwaatamee Jira, Dhaabbata Guddisa Daa’immanii Keessa Daa’imman Jira Maatii Isaanii Akka Wal Argan Gochuu Fi Hojii Deggersaa Jabeessuu,Guddifachaa Biyya Keessaa Babalisuuf Hubannoo Uummata Ykn Hawaasa Guddisuu Irratti Xiyyeffataamee Kan Hojjetamee Ta’u Isaattii .

Gama Biraatiin Daa’imman 53 Balaa Tasaa (Emergency) Saaxilaman Deeggaruuf Karoorfamee 617 Deggaramanii Jiru. Fi Deeggarsa Daa'immanii Daa’imman 3560 Baajata Idilee %1 Tin Ddeeggaruuf Karoorfamee 4586 Rawwaatamee Jira. Bifa Walfakkaatuun Daa'imman 112 Deeggarsa Maatii Imaanaa ("Foster Family") Akka Argatan Gochuuf Karoorfamee Daa’immaan 91 Akkaa Bira Ta’an Godhamee Guddifachii Biyyaa Keessaa Karaa Seerattiin Akkaa Rawwaatamuu Ta’ee Jira Fi Daa'imman 89 Guddifachaa Biyya Keessaa Akka Argatan Gochuuf Karoorfamee 72 Kan Kenamee Ta’uu Isatii Aakkaasumas Daa'imman 159 Maatii Isaanitti Deebi'anii Akka Makaman Gochuuf Karoorfamee 134 Mattiiti Makamanii Jiru. Dha.Gama Biraatiin Deeggarsa Daa'imman 179 Daandii Irra Jiraataniif Deggarsaa Gochuuf Karoorfamee 172 Deggarsii Godhameefi Jira.

Galma 6.Humna Raawachuu Fi Raawachisummaa Seektaraa Fooyyessuu

Humna Raawwachuufi Raawwachisummaa Jaarmiyaalee Dubartootaa Ilaalchisee Ijaarsi Dandeettii Jaarmiyaalee Dubartootaa Sadarkaan Jiran 5 Hojiin Dandeettii Gaggeessummaa Isaanii Cimsu Ni Raawwatamrr Jira.

Gareen Misooma Dubartootaa Qaama Jijjiramaafi Raawwii Qofa Osoo Hin Taane Mana Barnoota Shaakallii Domookiraasii Dubartootaa Waan Ta’aniif Jaarmiyaalee Dubartootaa Sadarkaan Jiraniif [ Waldaalee Dubartootaa; Federeeshinii Dubartootaa] Bakka Miseensa Itti Horataniif Madda Gaggeessummaa Waan Ta’aniif Ilaalcha Misoomawaafi Dimokirasawaa Qabaniifi Humni Nama Gahumsa Qabu Itti Horachuun Mootummaa Misoomaawaafi Dimookirasawaa, Bulchiinsa Gaarii Fi Ajandaa Nageenya Qabachuun Gaheen Isaanii Eenyuunu Kan Bakka Hin Buunee Dha.Keessattuu Du’atii Haadhooleefi Daa’immanii Hir’isuun,Hirmaannaa Barnootaafi Bu’a Qabeessummaa Isaaf , Dame Qonnaa Keessaatti Omishaafi Omishtummaa Dabaluun,Dame Misooma IMX Keessatti Carraa Hojii Uumuun; Aadaa Qusannoo Guddisuun Qabeenya Uumamaa Kunuunsuun ;BMG Ittisun Hambisuu Gumacha Adda Gochuu Caalaa Dameewwan Kanneen Keessatti Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dubartootni Qaban Mirga Isaanii Kabachiisuu Keessatti Gahee Tarsiimoo Taphatanii Jiru.

Kanaafuu Garee Misooma Dubartootaa Bakka Dubartootni Adda Duree Itti Bahaniifi Horataman Akka Ta’an Dubartootni Garee Misoomab Akka Ijarraman, Raawwii Isaaniiti Sadarkaa Olaanaatti Akka Ce’an Miseensota Isaanii Ilaalchan , Beekumsan, Dandeettiin Hojiin Ijaarsaa Ni Hojjetamee Jira.

Dhaabbileen Mootummaa Sadarkaan Jiran Dhimma Dubartootaa Dame Hunda Keessatti Akka Galchaniif Humna Raawwachisummaafi Raawwachuu Cimsuuf Hojii Ijaarsa Dandeettii Itti Fufinsa Qabu; Jijjirama Ilaalchaa,Dubartoota Gahoomsuu, Sirna Hojmata Dirirsuun Hojiin Deeggarsaafi Hordoffii Ni Raawwatama. Muuxannoowwan Gaarii Qindeessuufi Babal’isuun ; Dub, Waliin Walqabatee Qorannoowwan 1 Akkasumas Raga Dubartoota Cimsuun Godinaaleefi Naannoo Networkiin Walqunnamsisuun Xiyyeffannoon Itti Kenname Kan Hojjetamee Ta’u Isaattii.

Human Raawwii Fi Raawwachiistummaa Guddisuun Ijaaramoota Daa’immanii Dandeettii Isaanii Cimsuu. Sagalee Ijaarama Daa’immanii Akka Daga’amuu Fi Akka Hirmaatan Deeggaruu,Qaamoolee Dhimmi Ilaallatu Sadarkaa Sadarkaan Jiruu Dhimmaa Daa’immanii Akka Karoora Isaanii Keessa Akka Galchan Darbees Akka Idileessan Humna Raawwii Isaanii Cimsuu,Hojimaata Addaa Addaa 5 Kan Ta’uu Qopheessuu, Qorannoo 5 Geggessuu, Raga Daa’immanii Databasedhaan Hojjechuu Figodinaalee Akka Walquunnamuuf Xiyyeeffannoo Itti Kennamee Hojjetamee Jira.



Yüklə 166,91 Kb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin