Manu’alii A/H/Funca Dudhaa-2003



Yüklə 276,29 Kb.
səhifə1/6
tarix18.08.2018
ölçüsü276,29 Kb.
#72832
  1   2   3   4   5   6

powerpluswatermarkobject12993013 powerpluswatermarkobject12993011Manu’alii A/H/Funca Dudhaa-2003





Baaffata

SEENSA 2

1.Kaayyoo Maanuwaalicha Qopheessuu 4

2.Tooftaa Qophii Maanu’alii 4

3.Ergama, Mul'ataa fi Duudhaalee 5

4.Angoo fi Ga’ee Hojii Biiroo Daldala fi Misooma Gabaa Oromiyaa 6

5.1XIINXALA MAAMILTOOTAA fI DHIMMAMTOOTAA EJANSII GABAA OROMIYAA 12

5.2 Fedhii Maamiltoota fi Qooda qabdoota Calalame Bahe 14

6.Kaayyoo Diriiraa Kaa’uu (Setting Stretche Objective) 15

6.1 Fedhii Maamilaa (Customer), Bu’aa Eegamu (Desired OutComes), fi Kaayyoo Diriira (Stretched Objectives) 16

6.2 Fedhii Qooda Qabdootaa (Motummaa, wajjiraalee motummaa), Bu’aa eegamu (Desired Outcomes) Fi Kaayyoo Diriiraa (Stretched Objectives) 18

7.Karooraa Hojiwwan Misooma Funca Dudhaa Gaggeessuuf 20

8. Ibsa Adeemsa Hojii Ijo Funca Dudhaa Gabaa 20

8.2 Sabsii(Input) fi Bu’aa (Output) Adeemsa Hojii Ijo Funca Dhudhaa 21

9. Bu'aa A/H/I/MFDG Irraa Eegamu (Desired Outcome) 21

10.Daangaa Maanu’alii 22

11.Maappii Adeemsa Hojii Ijo M/F/ D/G (High level map) 23

12.Hojiiwwan GurguddooA/H/I/Misooma Funca Dudhaa 24

13.Ibsa Hojjiilee A/H/I/MFDG keessati Raawwatamu 26

13.1 Qorannoo Funca Dhudhaa Gabaa Gaggeessu 26

-‘comparative advantege’ fi kkf Funca dudhaa keesatti dabala dudhaa 29

15.Gamaagama fi Duub - debii 36



SEENSA


Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma dinagdee ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu galmeessisuun hiyyummaa balleessuu, sirna demookiraasii fi bulchinsa gaarii mirkanessuuf kutannoon sochoáa jira.Sochiilee kanaanis gama hawwaas-dinagdee fi siyaasatiin bu’alee gurguddoo galmeesisee jira. seekteroota dinagdee gurguddoon gaée isaan guddina dinagdee keessatti qabaachuu dandaán akka taphataniif, haala miijessaa tureera, ammas miijessaa jira. Haaluma kanaan, mootummaan poolisii fi karoora tarsiima’aa misooma baadiyyaa baase irrattii akkasumas kallattiilee misoomaa biraa irrattii ifaan akka kaa’ame misooma baadiyyaa gidduu galeessa godhatee galmaan gahuun kan danda’amu qonnaan bulaan oomisha gabaa dhaan barbaadamuu oomishuu dhaan gabaa biyya keessaa fi biyya alaattii dhiyeessuu yoommuu danda’uu dha. Qonnaan bulaanis oomisha oomishee hanga gabaan barbaduu dhiyeessuu kan danda’u oomisha oomisheef gatii wal-madaalaa ta’ee argachuu yoo danda’e qofaa dha. Kanaafuu, tarsiimoon misooma baadiyyaa akka mul’isutti qonnaan bulaan oomisha gabaa dhaan hogganamee akka oomishuu jajjabeessuu fi deeggaruun hojii dursi kennamuufii ta’uu akka qabu ni mul’isa.

Kana gochuufiis hojiilee gabaan walqabatee hojjetaman keessaa inni tokko Misooma Funca Dudha Gabaa ijaaruu akkassumaas kan jiran fooyyeessuu dha. Keessattuu sirna fi Buu’ura gabaa haammayyaa, haaqa qabeessa, ariifachiisaa fi ifa ta’ee diriirsuuf hojiilee hubannoo uumuu irraa kaasee hojiileen garaa garaa hojjetamaa kan turan yoommuu ta’u maanu’aliin kunis hojiimata Misooma Funca Dudha Gabaa fooyya’aa naannoo keenya keessatti diriirsuu ka’umsa godhatee kan qophaa’ee dha.

Adeemsa Hojii Ijo Misooma Funca Dudha Gabaa, Sochi Hojii BDMGO Jijjirama Buu’uraa qopha’e hojii irraa olchuuf Kan garggaaruu maanuwaalii hojiin ittin raawwatamuu (working manual) qopheeessuun barbaachisaadha. Maanuwaaliin qopha’u hojii ijo Misooma Funca Dudha Gabaa sadarkaa feedhii addaan baasuu irraa jalqabe hanga sadarkaa omishaa fiilatamee misoomsuu hojiilee hojjatamaan tokko tokkon Kan ibsuu wan ta’ef qaamolee raawwii A/H/I Misooma Funca Dudha Gabaa kana keessatti hirmaatan hundaaf ni gargaara.

Maanuwaaliin hojii qopha’e Kun kan A/H/I Misooma Funca Dudha Gabaa, Kaayyoo maanu’aalii, Barbaachisuummaa qoraanichaa, Daangaa maanu’aalii, Gurmaa'ina Qorannoo (Organization of the Study), Tooftaa maanu’aalii, ibsaa Adeemsa Hojii Ijo Misooma Funca Dudha Gabaa, yaa’insa adeemsa hojii tokko tokkoo, ibsa yaa’insa adeemsa hojii , chaartti yaa’insaa fi Istaandaardii adeemsaa hojii fi gurmaa’insaa humna nama kan off keessaa qabuu fi ibsuu ta’a.


  1. Kaayyoo Maanuwaalicha Qopheessuu


Ka’umsaa Maanu’alii kanaa inni guddaan rakkoo Adeemsa Hojii Ijoo ‘Misooma Funca Dudha Gabaa’ keestii mul’ateef hikkoo keennudhaan, akkasumas daayinaamiziimii gabaa adunyaa fi sirna globaalizeshinii ilaalcha keessa galchuun, maamiltootnii (Omishtoota, Daldaaltoota, fi Itti-fayyadamtoota Omishaa) tajaajila gabaa haamayaa argatanii, qunamtii wal-qixumaa qabun faayidaa walqixa fi waligaltee irratti hundaa’e akka argatan kan isaan dandeessisu hojimaata jijjiirama bu'uuraa fiduu danda'u diriirsuu dha. Buu’uruma kanaan Kaayyoon isaa:-

  • Hojattootni BDMGO sadarkaa adda addaara jiraan akkaa meeshaatti itti fayyadamun hoji funcaa duudhaa akka hojetaanif ykn galmaan ga’aanf akkaa isan gargarufi

  • Hojiwwan iddoo fi sadarkaa adda addaatti hojjetaman haala fakkaatuun akka raawwatamuu

  • Tajaajila saffisaa, qulqulluu fi gahuumsa qabu yeroo barbaadame keessattii kennuu dandeessisuu fi Itti quufinsa maammilaa mirkaneessuu dha

  • Gabaa fooyya’aa si’ataa ta’e naannoo keenya keessatti diriirsuun qooda qabdoota gabaa naannichaa fayyadamoo taasisuu

  • Hojiilee A/H/I/ Misooma Funca Dudha Gabaa keessa hojjetamuu qaban kaa’uu;

  • Iddoowwan gabaa qulqulinaa fi sadarkaa isaani egatan irratti seeraa fi qajeelfama gabaaiiratti hundaa’ani bitaa fi gurgurtaa gaggeesuu dha;

  • Omishtootnii ykn dhiheesitoni omisha qulqulinaa, sadarkaa fi yeeroo isa egatee gabaaf dhiheesani gatii dafqa isani yoo argatani fi fayyadamtootni omishaa omisha qullqullin, sadarkaa fi yeroo isa egatee bu’a bahiin malee yoo argatani dha.

  • Hirmaatootni gabaa (Omishtoota, Daldaaltoota, Mootumaa, Itti-fayyadamtoota Omishaa fi kkf) gahee isani beekanii gabaa bilisaa fi iftoomina qabuu keesatti argamuu dha.

  1. Yüklə 276,29 Kb.

    Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin