Mootummaa naannoo oromiyaatii



Yüklə 413,82 Kb.
səhifə1/10
tarix24.11.2017
ölçüsü413,82 Kb.
#32730
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   10

MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAATII

ABBAA TAAYITAA MISOOMA JALLISII OROMIYA (ATMJO)



loogoo atmjo
DOKIMEENTII QORANNOO “JBAH”

ADEEMSAA HOJII HORDOFI fI DEEGARSAA ODIITII KESSAA

Waxbaajii, 2006

Finfinnee

Baafataa


KUTAA TOKKO 3

1.SADARKAA KAROORSUU (PLANNING STAGE) 3

1.1Seensa 3

1.2 Aangoo Fi Gahee Hojii Abbaa Taayitichaa 4

1.3.Ergama, Mul’ata fi Duudhaalee Abbaataayitichaa 6

1.4. Haal Duree Hojii Qorannoo JBAH Mijeessuu 7

1.5. Kaayyoo Qorannoo JBAH 8

1.5.1. Kaayyoo Gooroo (General Objective) 8

1.5.2. Kaayyoo Gooree (Specific Objectives) 8

1.6. Daangaa Qorannoo 8

1.7. Tooftaalee Qorannoo 8

1.8. Gurma’ina Caasaa ATMJO Amma Jiruu fi Gahee Hojii 9

1.9Rakkoole Waligalaa Gurma’ina Hojii ATMJO Amma Jiruu 9

1.10 Ga’ee hojii Ademsaa Hojjii Odiitii Keessa 12

KUTAA LAMA 13

2SADARKAA HUBANNOO (UNDERSTANDING STAGE) 13

2.1 Adeemsa Hojii Duraanii (Description of the old Process) 13

2.2 Hojiiwwan Gurguddoo Adeemsa Hojii Odiitii Keessaa 14

2.2.1 Xiinxala Faayinaansii 14

2.2.2 Xiinxala qabeenyaa 14

2.2.3 Xiinxala Tasaa (Surprising audit) 15

2.2.4 Gamaaggama Gabaasa Hojii Odiitii fi Hordoffii /Follow-up 15

2.3 Maappii Adeemsa Hojii Odiitii Keessaa ( Higher level Map) 16

2.4 Maamiltootaa fi Dhimmamtoota Adeemsaa 17

2.4.1 Maamiltoota 17

2.4.2 Dhimmamtoota 17

2.4.3 Rakkoolee Maamiltootaa fi Dhimmamtootaan Ibsaman 17

2.4.4 Fedhii Adeemsa Ijoo Hordoffii fi Deeggarsa Odiitii Keessaa Maamiltootaa fi Dhimmamtootaan Ibsame 17

2.5 Wal-Quunnamtii (Interface) Adeemsi Hojichaa Qaamolee Adda Addaa Waliin Qabu 19

2.5.1 Kan Keessaa 19

2.5.2 Wal-Quunnamtii Alaa 20

2.6 Garaagarummaa Hojichi Ittiin Hojjatamaa Jiruu Fi Fedhii Maamiltootaa (Performance Gap) 21

2.7 Hubannoo Waliigalaa Adeemsichaa Irra Deebii Jijjiirama Bu’uuraa Dura (Senario Before Recalebretion) 22

KUTAA SADII 23

3Adeemsaa Hojii Irra Deebii'anii Kuurfessuu (Redesigning) 23

3.2 Barmaatilee moofaa cabsuu fi yaada haaraa burqisiisuu (Breaking the old assumptions and generating new idea) 23

3.3 Kaayyoo Diriiraa Kaa’uu (Setting Stretch Objective) 25

3.3.1 Maddawwan Kaayyoo Diriiraa 25

3.3.2 Fedhiiwwan maamiltootaa filatamanii fi kaayyoo diriiraadhaaf bu’uura ta’an 25

3.3.3 Fedhii, Bu’aa, Milkaa’ina Galmaa Fi Kaayyoo Diriiraa 26

3.4 Yaa’insa Adeemsa Hojii Haaraa Hordoffii fi Deeggarsa Odiitii Keessaa 27

3.5 Maappii ol'aanaa Adeemsa Hojii Hordoffii fi Deeggarsa Odiitii Keessaa 32

3.6 Maappii Wal-Quunnamtii Keessaa Ibsu 36

3.7 Wal-Quunnamtii Alaa 37

3.8 Bakka Itti Hojjatamuu Fi Ulaagaa Hojicha (Workflow, Place To Be Performed, Time, Standard & Stretch Objective) 39

3.9Adeemsa Hojii Kurfeessuu (Organizing the Process) 46

3.10 Hojiiwwaan Hojjataman, Dandeettii Fi Sadarkaa Barumsaa Barbaachisu 48

3.11 Adeemsa Hojii Odiitii Keessaa Garaagarummaa Adeemsa Hojii Ammaa Fi Haaraa Diriiree 51

3.12 Mappii Gurma’ina Caasaa Garee Hordoffi Dagaagina Naamusaa 52

3.13 Kallattii Hojiin Hordoffii fi Deeggarsaa Ooditii Keessaa 53

3.14 Yaada Waligalaa (Conclusion) 54




KUTAA TOKKO

  1. SADARKAA KAROORSUU (PLANNING STAGE)

    1. Seensa

Akka waligalaatti seenaa biyya keenyaa keessatti waajjirri mootummaa waggoota dheeradhaaf kenni tajaajila fi aadaan hojii osoo hin fooyya’in turuudhan boodatti kan hafe, komiin tajaajilamtoota irraa dhiyaatu yeroo yeroon heddummaachaa dhufuu, dhaabbileen hojii misoomaa irratti hirmaatan haala gahuumsa qabuun bu’aa fi jijjiirama gahaa ta’e fiduu dadhabuu irraa kan ka’e jireenyi ummataa boodatti hafaa fi hiyyumaadhan kan sakaalame ta’uun ni beekama.


Bulchiinsi Mootummaan Naannoo Oromiyaatis rakkoolee hanqina tajaajila maqisuudhaan misooma itti-fufinsa qabuu fi ummata naannichaa sadarkaa sadarkaan fayyadamaa taasisu gaggeessuudhaan hiyyummaa balleessee guddina ariifachiisaa fi jijjiirama amansiisaa ta’e fiduudhaan galma Karoora Guddinaa fi Tiraansifoormeeshinii (KGT) mirkaneessuuf sochii adda addaa taasifamaa jira.
Galma gahuumsa sochii fi tarsiimoo misooma naannichi gaggeessa jiruuf gumaachaa fi deegarsa akka godhu Abbaa Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa (ATMJO) Adoolessaa bara 2005 keessaa lakkoofsaa labsii 180/2005 tiin dhaabate jira.ATMJO Ummata Naannoo Oromiyaa keessa jiraatuuf Bishaan Jallisii Dhiyeessuu fi misooma jallisiii gaggeessuu irratti tajaajila wal-irraa hin cinneen dhiyeessee uummatni jiruu fi jireenyi isaa fooya’e arguf angoo seeraan keennamee itti fayyadamee ergamaa fi mul’ata isaa galmaan ga’uuf, akkasumaas fedhii maammilaa ykn gaaffii maamilaa haala saffinaa fi itti fuffiinsa qabuun deebiisuuf barbaachisaa dha. Abbaatayiticha hojiiwwan Qorannoo fi Dizaayinii, Bulchinsaa Kotraataa fi To’anno hojiiwwan Ijaarsaa, Bulchinsaa Iskimoota Jallisii, Hojii Eksteenshini Misooma Jallisii, hirmaanaa ummataa fi Qooda Fuudhatootaatiin raawwachaa jira.
Haa ta’u malee haali gurmaa’insa fi keeninsiis taajajilaa Abbaatayiticha feedhii maamiltootaa fi Qooda fudhaatootaa irratti hunda’uudhan gutummaan gutuuttuutti haala quubsaa ta’een kenna hin turre. Kanaafu, tajaajila safisaa fi gaha ta’e fedhii maamila irratti hundaa’un kennuuf jijjiirama adeemsa hojii bu’uuraa gaggeessuun murteesa ta’ee argameera.
Kenni tajaajilaa adeemsa hojii quubsaa, gammachiisaa, saffisaa, qusannaa fi kabaja guddaadhaan feedhii fi dantaa hawaasichaa guutuudhaaf raawwatamuudha. Hojiin kunis hojii lakka’amu yookin madaalamu akkasumas safaramuu fi hawaasa tajaajila barbaadu biratti fudhatama kan qabu ta’uu qaba. Kenniinsi tajaajilaa dhimmoota ittiin madaalamu kan akka armaan gadiitti tuqaman of keessatti ni qabata:

  • Tajaajila quubsaa fi gammachiisaa kan ta’e

  • Qulqullina kan qabu

  • Qusannoo kan qabu ta'ee baasii xiqqaadhan kan raawwatamu

  • Kan madaalamuu fi kan safaramu

  • Hawaasa biratti fudhatama kan qabu.

  • Fedhii fi faayidaa tajaajilamtootaa jiddu galleessa kan godhatee fi tajaajilamaadhaaf kabajaa guddaa kan kennu.

  • Iftoomina kan qabu.

Jijjiirama Bu’uura Adeemsa Hojii (JBAH) meeshaalee jijjiiramaa bu’uuraa gaggeessuudhaan raawwii bu’a qabeesaa galmeesuuf gahee ol-aanaa taphata. Haa ta’u malee Abbaataayiticha kan hundeefamee yeeroo gababaa keessa waan ta’eef qorannoon JBAH hangaa ammaati hin gaggeefamne ture. Sababa kanaaf hojimaataa fi gurmaa’insa sirrii ta’e diriirsuu dhabuu, adeemsa hojii wal-xaxaa fi dheeraa ta’ee, akkasumas eggatumaan baldhinaan kan mula’atuu ta’uu. Kana irraa kan ka’ee fedhii maamiltoota fi Qodaa fudhatootaa irratti hundaa’udhaan qorannoo JBAH gaggeesuun murteesa ta’e argame jira.




Yüklə 413,82 Kb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   10




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin