Paablik Sarvisii Naamusa Gaarii Gonfate Haaromsa Keenyaaf Sanada Marii Kabaja Ayyaana Guyyaa Pabliik Sarviisii Naannichaaf Qophaa'ee Waxabajjii/2009 Finfinnee



Yüklə 43,56 Kb.
tarix14.01.2018
ölçüsü43,56 Kb.
#37882



Paablik Sarvisii Naamusa Gaarii Gonfate

Haaromsa Keenyaaf

d

Sanada Marii Kabaja Ayyaana Guyyaa Pabliik Sarviisii Naannichaaf Qophaa'ee

Waxabajjii/2009

Finfinnee

  1. Seensa

Bara kana keessa akka biyyaattis ta’e akka naannootti haaromsa gadi fageenyaa gaggeeffameen dhimmoota gurguddaa tokkotokko kaasuun mariin gadi fagheenyaan taasifameera. Dhimmoota kana keessaas fakkeenyaaf faayidaa fi gaheen paablik sarvisii keenyaa haaromsa biyya keenyaa keessatti qabu maal akka fakkaatu, rakkoolee gurguddoo ilaalchaa fi dandeettii waliin wal qabatanii mul’atan irratti mariin sadarkaa sadarkaan qaamolee adda addaa gidduutti gaggeeffamaa tureera. Biyya keenya keenya sadarkaa biyyoota galii giddu-galeessaa argatan irraan gahuuf sochii akka walii galaatti taasifamaa jiru keessatti ilaalchii fi gochi kiraa sassaabdummaa rakkoolee bulchiinsa gaarii kanneen biroo dabalatee hudhaa guddaa ta’aa akka jiran adda baheera. Kana malees, ilaalchotni kanneen akka dhiphummaa, oftuulummaa, mankaraaristummaa amantaa, malaammaltummaa fi kkf sochii misooma hawaas-dinagdee taasifamaa jiru gufachiisuu bira darbanii qaamolee hawaasaa adda addaa biratti komii guddaa kaasuu irratti akka argaman ilaalchisee walii galtee irra gahameera.

Waggoota 25n darban keessatti ijaarsa sirna dinagdee, diimokiraasii fi hawaasummaa keessatti milkaa’inaawwan galmaa’an keessatti paablik sarvisiin biyya keenyaa gahee olaanaa kan taphate ta’uu, akkasumas ijaarsi sirna diimokiraasii fi misoomaa itti fufiinsa qabu biyya keenyaaf filannoo sirrii ta’uu isaa bu’aaleen hanga ammaatti argaman ni mirkaneessu. Kanuma irraa ka’uudhaan tokkoon tokkoon manneen hoji mootummaa rakkoolee bulchiinsa gaarii keessoo mana hojii fi mana hojiin alatti mul’atan sirriitti adda baasuun yeroo itti hiikamanii fi qaama kamiin akka hiikamu irratti karoora hojii qopheeffachuun hojiitti kan galame ta’uun ni yaadatama. Raawwii karoorichaa ilaalchisee akkaataa haala qabatama manneen hojiitiin garaagara haa ta’u malee akka waliigalaatti bu’aan argame jajjabeeffamuu kan qabuu fi hanqinoota tokko tokko sirreessuun fuula duraafis cimee itti fufuu kan qabuudha. Kunis, haaromsi yeroo tokko irratti hojjetamuun kan xumuramuu fi irraanfatamuu qabu utuu hin ta’in, yeroo yeroon guddachaa fi faayya’aa kan deemu, akkaataa yeroon gaafatuun raawwii gaarii fi fooyya’aa galmeessaa haala itti fufiinsa qabuun gara milkaa’ina olaanaatti ce’uuf kan dandeessisuudha.

Bara 2017tti biyya keenya gara boqonnaa jalqabaa biyyoota galii giddu-galeessaatiin gahuuf hojjetaan mootummaa hojii itti bobba’e irratti ciminaa fi itti gaafatmummaan raawwachuutu irraa eegama; naamusa kana dhugoomsuuf barbaachisus qabaachuu qaba. Manneen hojii mootummaa keessatti qajeeltoowwan naamusaa hojjettootni hordofuu qaban bakka baay’eetti maxxanfamanii argamu. Tokkoon tokkoon qajeeltoowwan kanaa akkaataan isaan itti hojiirra oolaa jiran ykn itti fayyadamni manneen hojii hanqina ofii isaa qabaachuu ni danda’a. Haata’u malee, qajeeltoowwan naamusa gaarii hojiirra oolchuun (naamusa gaarii qabaachuun) bakka hojjennuu fi gahee hojii nutti kennameen bu’a-qabeessa ta’uun biyyaa fi uummata keenyaaf gahee guddaa gumaachuun murteessaadha. Waan ta’eefis, manneen hojii biratti hubannoo fi raawwiin gama qajeeltoowwan kanaan jiru maal akka fakkaatu ilaalchisee barreeffamni gabaabaan haala itti dhiyaateera.


  1. Qajeeltoowwan Naamusaa Kudha Lamman (12 Ethical principles)

    1. Haqummaa (integrity)

Haqummaan qajeeltoo naamusa gaarii keessaa tokko yoo ta’u, amantaa fi ejjennoo cimaa, sammuu fi (ilaalcha) yaada sirrii, haqummaa kan agarsiisuu dha. Akkuma beekamu, dhaabileen mootummaa ergama hawaasicha taajiluu kan qabaniidha. Kana jechuun, mootummaan uummataan kan filatame waan ta’eef hojiiwwan misoomaa mootummaan raawwachuuf waadaa seene hojiitti jijjiiruu keessatti tajaajilaawwan qulqullina qaban uummatichaaf kennuun kan beekamaniidha. Kana waan ta’eef, ergamni hojjetaa mootummaas manneen hojii hunda keessatti karaa haqummaa qabuun hojjechuudhaan tajaajila qulqullina qabuu fi yeroo isaa eeggate dhiyeessuun (kennuun) karoora mootummaa mirkaneessuun irraa egama.
Kana gochuuf, hojjetaan mootummaa “akkaatuma gosa ogummaa garaagaraa irratti bobba’een naamusa ogummaa barbaachisu qabaachuu isaa fi hojii akkaataa staandaardii hojichi gaafatuun jechuunis yeroon, qulqullinaan, baay’ina, hangaa fi haala baasii qusachuuf dandeessisuun raawwachaa jiraachuu mikaneessuun barbaachisaadha. Tajaajila gahumsa qabu kennuuf immoo yeroo yeroon beekumsaa fi dandeettii isaa guddisaa deemuun murteessaadha. Gama Kanaan tokkoon tokkoon hojjetaa fi gaggeessaa maal fakkaatan sakatta’uun hanqinoota jiran hatattamaan sirreessuun barbaachisaa ta’a. Hojjetaa haqummaa guutuu qabu hojii isaa kabajuun kaka’umsaan kan hojjetu, miiraa fi fedhii dhuunfaa isaa irratti kan hin hundoofne, nama gowwoomsuu (sossobuu) fi dogoggorsuu irra biliisaa kan ta’e, faayidaalee hin barbaachisne kan hojiin wal qabatu kan hin fudhatne, miira itti gaafatamummaa guutuun cimee ergama isaa kan bahuudha.

Haata’u malee, hojii irratti bobbaane irratti dandeettii qabnu guutuu fayyadamnee hawaasa tajaajiluu irratti fi mana hojii keenya amantaan kan irratti gatamee fi itti quufiinsi tajaajilamtootaa yeroo yeroon dabalaa deemuu isaa sakatta’uun barbaachisaadha. Kanaaf, hojjetaan naamusa isaatiin fakkeenyummaa gaarii qabu tokko faayidaalee hin barbaachisne kan jibbu, namni biraas akka irraa of qusatu kan taasisu, yeroo hojii mootummaa kan kabaju, araada adda addaa miidhaa geessisan irraa kan fagaatee fi kallattii adda addaan fakkeenta ta’uu kan danda’uudha.



    1. Amanamummaa (Loyality)

Qajeeltoon kun, biyyaa fi uummata keenya kan jaallannu, heera keenyaaf amanamoo ta’uu keenya, hojimaata seera-qabeessa ta’an hordofuun kan raawwatnu, mana hojii keenyaa fi namoota waliin hojjetnuuf amanamoo taanee argamuu keenya kan agarsiisuu dha. Dabalataanis, gochoota seeraan alaa fi faallaa naamusa gaarii ta’anii fi naannoo mana hojiitti mudachuu danda’an arginee akka waan hin argineetti darbuu irraa of qusachuudha. Wanti dubbatnuu fi kan hojjetnu walsimuu danda’uu qaba. Sababni isaas, namootni tokko tokko bifa lama kan qaban waan ta’aniif wanti isaan dubbatanii fi kan isaan hojjetan garaagara yeroo ta’u ni argama. Namootni akkanaa kun kana gochuu isaaniitiin “namni nataajjaba ykn namni maal naan jedha” jedhanii yaaduu kan hin dandeenyee dha. Kanneen hatanis yoo ta’an biyya isaanii fi uummata isaanii hatuu irra darbee mataa isaanii irratti rakkoo guddaa kan fidan ta’uu hin hubatan. Sababni isaas, sammuu ofii jalaa bahuun waan hin danda’amneef.
Boqonnaa sammuu kan barbaannu yoo ta’e garuu biyya keenyaa fi uummata keenyaaf akkasumas sammuu keenyaaf amanamoo ta’uu qabna. Mirgoota walqixxummaa heera keenyaan kaa’aman kanneen akka mirga sabaa fi sablammootaa, mirga amantaa, koorniyaa fi kkf sirriitti kabajuu fi kabajchiisuu irratti amanamoo ta’uu qabna.
Qabeenya mootummaafi uummataa akkaataa barbaachisuun eeguu fi kunuunsuu, baajata mana hojii qusannoo fi karaa qisaasama hin qabneen fayyadamuu, bittaa meeshaalee fi tajaajilaawwan adda addaa kiraa sassaabdummaa irraa bilisa taasisuun amanamummaa keenya mirkaneessuu qabna. Biyya biraa hin qabu; biyyi keenya biyyatti Itiyoophiyaa ishee hedduu jaallannu kanadha. Amanamummaan, namni biyya isaatiif kanwareegamu malee biyya isaa kan hin saamne ta’uu qajeeltoo hubachiisuudha.

    1. Iftoomina (Transparency)

Akkaataa heera mootummaa keeyyata 12, keeyyata xiqqaa 1 jalatti taa’een “hojimaatni Mootummaa karaa ifa ta’een uummataaf raawwatamuu qaba’’ kan jedhuudha. Qophii karooraa, hojiiwwan raawwataman fi gamaaggama waliigalaa hawaasichaaf ifa ta’uu qaba. Kenni tajaajilaa, istaandaardii raawwii kenna tajaajilaa fi tajaajilamaa irraa immoo maal akka eegamu ilaalchisee ifatti taa’uu qaba. Waan kana ta’eef tajaajilamaan /Lammiin/ tajaajilaawwan manneen hojiitiinkennaman irratti dursee odeeffannoo fi hubannoo gahaa qabaachuu qaba. Murteewwan Dhaabbilee Mootummaatiin kennaman ka’uumsa maalii fi murtee seeraa kamiin akka murteessan irratti odeeffannoo argachuuf mirga guutuu qaba. Dhimmoota faayidaa uummataatiif jecha iccitii seeraan akka qabaman ta’aniin alatti, mirgi odeeffannoo argachuu hawaasaaf kabajamuu qaba.
Haaluma kanaan, tajaajilamaa (lammii) gara mana hojii keenyaa dhufan simachuun odeeffannoo barbaachisaa kennuu fi gama biraan immoo yaada ykn dhimmoota sirreeffamuu qaban abbaa dhimmaa irraa kennaman fudhachuun sirreessaa deemuu fi yeroo yeroon fooyya’iinsa galmeessuu keessatti iftoominni baay’ee murteessaadha. Dhimma kana irratti raawwiin jiru manneen hojii adda addaa biratti garaagara ta’uu isaatiin, akkasumas gaggeessitoota gidduutti fi raawwattoota gidduutti haalli jiru garaagarummaa qabaachuu waan danda’uuf, gadi fageenyaan sakatta’uun barbaachisaadha.


    1. Iccitii Eeguu (Confidentiality)

Hojjetootni mootummaa fi googgansi sadarkaan jiru odeeffannoo uummanni beekuu qabu dhoksuun isaan irra hin jiraatu. Haata’u malee, dhimmoota akka iccitii dhimma nageenya biyyaa fi nageenya hawaasaa wajjin walqabatan, sadarkaa mana hojiitti iccitiidhaan qabamanii fi akkasumas wantoota hojjetaman, sadarkaa dhaabbilee barnootaatti dhimmi qormaata biyyoolessaan walqabatuu fi kanneen biraanis dhimmoota namoota dhuunfaa ilaallatan adda addaa irratti iccitiin eegamuu qabu. Fakkeenyaaf: ogeessonni fayyaa sababa ogummaa isaaniitiin iccitii yaalamtootaa qaama biraaf dabarsuu ykn manneen hojii keessatti odeeffannoo garee hojii tokko keessa jiru karaa hin barbaachisnee fi miidhaa geessisuu danda’uun qaama biraaf ibsuun irraa hin eegamu.
Kanaafuu odeeffannoo biyya, mootummaa, uummata/lammii/ miidhuu danda’an iccitiin qabuun barbaachisaadha. Kana ta’ee garuu darbee darbee namoonni tokko tokko sababa hojiitiin waan dhagahan qabachuu kan hin dandeenye, bitaa mirgatti qilleensa irra erga oolchanii booda iccitiidhaan nama biraatti hin himin namoonni jedhan ni jru. Odeeffannoon yeroo tokko erga bahee booda iccitii ta’uun isaa akka hafe beekuun barbaachisaadha. Kun ammoo bifa hamiitiinis kan ibsamuudha. Hamiin immoo mana hojii tokko keessatti ilaalcha walii galaas ta’e ilaalcha walii galteedhaan hojjechuun akka hin jiraanne, nageenya iddoo hojii kan gufachiisu, bu’a-qabeessummaa mana hojii irratti rakkoo keessa kan galchuudha. Kana waan ta’eef, manneen hojii keessatti iccitii eeguu ilaalchisee hojjetaas ta’e hooggansa bira hanqinoota jiran adda baasuun murteessaadha.

    1. Amanamummaa (Honesty)

Amanamummaan qajeeltoowwan naamusaa keessaa tokko yoo ta’u, innis dhugaaf dhaabbachuu, dhugaaf jiraachuu, waan sirrii raawwachuu, nama sobuu, dogoggorsuu, sobaan dhugaa namarratti ba’uu, loogiin hojjechuu fi kkf irraa biliisa ta’uu ibsuu fi qajeeltoo gaariidha. Namoonni waan nuti hin barbaadne akka nurratti hin raawwanne akkasuma nutillee nama biraa irratti raawwachuu akka hin qabne kan agarsiisuudha. Seektaroota hunda keessatti bifa adda addaan mul’atus qajeeltoon kun manneen hojii keessatti haala itti ibsamuu fi qabatamaan hojiirraa oolaa jiru irratti xiyyeeffannoon xiinxaluun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, seektara bulchiinsa lafaa keessatti gaggeessitootnii fi ogeessotni hojjetan ragaa (faayila) nama dhuunfaa dhoksuu fi gatuun, kaartaa lafaa tokko irratti namoota adda addaaf kennuun namoota walitti buusuu, deddeebisuu fi kkf ni mul’ata.

Seektara galii keessatti, hojjettootni sassaabbii gibira mootummaa irratti bobba’an faayidaa hin malle fudhachuudhaan ragaa gibiraa dhoksuu fi galii mootummaan argachuu qabu dhorkuun faayidaa dhuunfaa fi kan daldaltootaa bal’inaan ni mul’ata. Bittaa mootummaa waliin walqabatee, (bittaa gurguddaa fi xixiqqaa) namootni kallattiin dhimmichi ilaalu imaanaa itti kenname dagachuun dhuunfaanis gareen dhaabilee meeshaa qulqullina hin qane gatii gadi-aanaadhaan dhiyeessan waliin waliigaluun komiishinii fudhatanii bittaa meeshaalee qulqullina hin yeroo gaggeessan ni mul’ata. Argannoo oditii irratti hundaa’uunis tarkaanfii seeraa fudhahuu dhabuun ni jira.

Kana malees, qaamoleen ragaa fi eeyyama daldalaa kennan abbaa dhimmaa deddeebisuu, faayidaa biraan bitamuun (namoota ulaagaa hin guutneef eeyyama kennuun) kiraa sassaabdummaa keessa yeroo galan deddeebi’ee ni mul’ata. Gama itti fayyadama leecalloo (qabeenya)n immoo, hojiiwwan bu’uuraalee adda addaa gaggeessuu keessatti biyya saffisaan guddachaa jiru ta’uu isheetiin ijaarsaawwan gurguddaan ni gaggeeffamu.

Manneen hojii dhimmi kun kallattiin isaan ilaallatu hojiiwwan ijaarsaa kana gufachiisuu fi yeroo taa’e keessatti akka hin xumuramne taasisuu bira bira darbee baajata hojii kanaaf ramadame kontraaktaroota waliin qixa qooddachuu fi ijaarsi gaaggeeffamu yeroo fi qulqullina barbaachisuun hojjetamee harka uummataatti akka hin dabarre taasisaa jiru. Rakkoolen kunneenii fi kanneen biraanis bakka baay’eetti deddeebi’ee mul’achuun komii hawaasaa kaasuu fi mufii uummataa finiinsuu irratti argama. Kunis, hojii itti kenname amanamummaa guutuun raawwachuun biyyaa fi uummata isaanii tajaajiluu irra fedhii fi faayidaa dhuunfaa isaaniif bitamuun tajaajila hawaasni argachuu qabu dhorkuun uummataa fi mootummaa gidduutti rakkoo uumaa kan jiran ta’uun hubatamuu qaba.




    1. Gaafatamummaa (Accountability)

Hojjetaan mootummaa, hojii hojjetuu fi murteewwan adda addaa murtaa’an akkasumas ka’umsa murtichaa irratti gaafatamummaa fudhachuu fi gaafachuufis qophaa’aa ta’uu qaba. Hojjetaan gaafatamummaa isaa bahu tokko murtiiwwanii fi hojjiiwwan adda addaa hojjetaman barbaachisummaa isaa qulqulleessuu fi ofiifis sababa isaa ibsuuf qophii ta’uu qaba. Gama biraatiin immoo imaammata mootummaa, raawwii seerotaa hojiirra oolchuu keessatti gahee isaa gahumsaan ni bahata. Sirnaa fi hojimaata dhaabilee mootummaa akkaataa barbaadamuun hordofuun hojii isaa guyya-guyyaa ni raawwata.
Gurmaa’iinsa raayyaa jijjiramaa, hojii irra oolmaaa meeshaalee jijjiramaa, bu’aa raawwii hojii madaaluu fi damee uummataa gahumsaan ceessisuu, qajeeltoo hojii gaafatamummaa hordofanii raawwachuu ta’uu ni danda’a. Tokkoon tokkoon manneen hojii keessatti qajeeltoon gaafatamummaa haala kamiin hojiirra oolaa akka jiruu fi hojjetaan dhuunfaas hojii raawwatu keessatti gafatamummaa fudhacha jiraachuu isaa mirkaneessuun barbaachisaadha. Gaafatamummaa akkaataa barbachisaa ta’een raawwachuu dhabuun kenniinsa tajaajilaa irratti rakkoo guddaa ta’aa jira. Rakkoolee bulchiinsa gaarii yeroo adda addaatti ka’aniifis ka’umsa ta’aa jiraachuun hubatameera. Kunis itti gaafatamummaa nutti kenname haala gaariin bahuu dadhabuu irraa kan madduudha. Namni balleessaa raawwate akka hin gaafatamne gochuu, duula ololaa gaggeessuu, ofii biliisa of gochuun qaama biraa yakkamaa taasisuu fi amantaa dawoo godhachuunii dhokachuuf yaaluu kkf dhabamsiisuuf ciminaan hojjetamuu qaba.


    1. Faayidaa Uummataa Dursuu

Tajaajilaa fi galteewwan gama qonnaatiin qonnaan bulaaf ykn horsiisee bulaaf dhiyeessinu, gama hawaasummaatiin, barnootaa fi fayyaatiin, bulchiinsa lafaa, sassaabbii gibiraa, tajaajila qaamota haqaa, dhiyeessii bu’uura misoomaa fi bulchiinsaatiin hojjetaan mootummaa kan dhuunfaa isaa ykn immoo kan hiriyoota isaa osoo hin ta’in kan uummataa dursuu qaba. Faayidaa dhuunfaa isaa irratti yeroo xiyyeeffatu seeraa alummaan akka dagaagu taasisa. Ummanni yoo fayyadame, yoo jijjiirame, jireenyi isaa yoo fooyya’e anis nan fayyadama jedhee yaaduun barbaachisaadha. Sassatuun naamusa badaa dha.
Hojjetaan mootummaa yeroo boqonnaa isaa hojii idileen alatti hojjechuu kan danda’u ta’uun akkuma jirutti ta’ee seektaroota tokko tokko keessatti yeroo boqonnaa dabalataan hojjechuu kan gaafatan yoo ta’e garuu yeroo hunda akkaataa barbaachisaa ta’een hojjechuuf dirqama guutuu qaba. Fayyummaa ummataa balaa irra kan buusan kan akka dawaa adda addaa, ta’annoo meeshaalee nyaataa, harkifannaa projektoota bu’uura misoomaa, kontrobaandii fi daldala seeraan alaa fi kkf hojiiwwan akka fakkeenyaatti tuqamanii dha. Waan kana ta’eef hojjettootni fayyadamummaa uummataa dursuun hojjechuun itti quufiinsa uummataa guddisuun barbaachisaa waan ta’eef, akka mana hojiittis ta’e akka dhuunfaatti qabatamaan hojiidhaan agarsiisuun haala itti danda’amu irratti xiyyeeffannoo kennuun hojjechuun barbaachisaadha.

    1. Aangoo Seera Qabeessaan Fayyadamuu

Manni hojii tokko yeroo hundeeffamu aangoon seeraan kennamuuf ni jira. Kanaafuu hojjettootni mana hojii kanaa socho’uu fi murteessuuf daangaa aangoo mana hojichaaf kenname keessatti ta’uu qaba. Lammii tajaajilamaan seeraan dhimmoota guuttatee dhiyaachuu qabu akka guuttatu taasisuu, guuttatee yemmuu dhufu immoo tajaajila seera qabeessa ta’e kennuufii, tarkaanfiin seeraa yemmuu fudhatamu daangaa taayitaa kennameefitti fayyadamuu, sababa adda addaatiin taayitaa seeraan ala fayyadamuu dhiisuun hojjetaa mootummaa hunda irraa kan eegamuu dha. Taayitaa mootummaan nuuf kennametti fayyadamuudhaan hojjettoota irratti dhiibbaa gaggeessuun, farra dimokiraatawaa ta’uun, hojjettoota gidduutti garaagarummaa uumuun, qabxii madaallii raawwii hojii jallisuun akkasumas tajaajilamaa dhiphisuun, dhamaasuun, faayidaa hin malle gaafachuun kkf mul’achuu hin qabani.

Kanaafuu hangam seeraa fi heera qofa hordofnee hojjenna? Dirqisiisuu fi dhiibbaa taasisuun hojjechiisuuf yaaluun, taayitaa murteessummaa qabnu fayyadamuudhaan mirga kanneen biroo dhiibuu fi sarbuun, hayyama seeraan ala hojii kanneen biroo keessa seenuun fi kkf akkamitti ibsamu? Sadarkaa kamittuu kan mul’atan yoo ta’e hafuutu irra jiraata.



    1. Loogiin Raawwachuu Dhabuu

Hojjetaa mootummaa qofa osoo hin taane namni mataa isaarrattuu loogii akka raawwatu hin barbaadamu. Loogiin sabaan, amantaadhaan, firummaadhaan, walitti hidhamiinsa faayidaatiin hooggansa qabeenya namaa keessatti, bulchiinsa faayinaansii keessatti, kenna tajaajilaa keessatti tasumaa mul’achuu hin qabu. Manneen hojii mootummaa loogii tokko malee tajaajila isaanii ummataaf dhiyeessuu qabu. Seera, danbii fi qajeelfama bu’ureeffachuudhaan murtii madaalawaa ta’e kennuu qabu.

Heerri mootummaa keenya sabaa fi sablammoonni hundinuu wal qixa ta’uu seeraan labsameera. Mirga walqixxummaa ummattootni biyya keenyaa qabsoo isaaniitiin gonfataniiru. Garaagartummaa sabummaatiin loogii raawwachuun heera mootummaa cabsuu ta’uu isaa hubachuun barbaachisaa dha. Amantaaleen hundinuu walqixa. Mootummaan dhimma amantaa keessa, amantaanis dhimma mootummaa keessa akka hin seenne labsameera. Kana jechuun immoo loogiin amantaa bu’ureeffate faallaa seera mootummaati. Kanaafuu loogii ni raawwannaa? Mana hojii keenya keessatti ni raawwataa? Al-loogummaan hojmaata kabajamuu qabuudha.



    1. Seera Kabajuu

Heerri mootummaa keeyyata 9 lakkofsa xiqqaa 2 akka armaan gadiitti labseera. “Lammiin kamiyyuu, qaamni mootummaa, dhaabbileen siyaassaa, waldaaleen biroo akkasumas abbootiin taayitaa isaanii heera mootummaa kabajuu fi seerichaaf abboomamuuf itti gaafatamummaa ni qabaatu” kan jedhuudha. Bu’uura kanaan jalqabarratti sanada waadaa sabaa fi sablammoota biyya keenyaa kan ta’e labsii heera mootummaa kabajuu fi ittiin abboomamuuf itti gaafatamummaa qabana. Itti aansuudhaan immoo imaammata, tarsiimoowwanii fi sagantaalee heera mootummaa irraa maddan raawwachuu qabna.
Seerota, danbiiwwan, fi qajeelfamoonni kabajamuu qabu. Bakka kamittuu gochawwan heera mootummaatiin wal faallessan yemmuu raawwataman callisuun nurra hin jiraatu. Seerotaa fi hojmaata jiran akka raawwataatti cabsuu hin qabnu. Mana hojii keenya keessattis yemmuu raawwatamu arginee akka nama hin arginee ta’uu hin qabnu. Hooggantootni olaanoonis hojmaata seeraan ala ajajaa fi murtiin kennamuuf yoo jiraate akka sirratu beeksisuu qabna. Ajaja seeraan ala kennamu fudhannee keessummeessuu hin qabnu.Yoo nu mudate akka sirratan gochuu qabna malee.Fakkeenyaaf Qacarrii seeraan alaa akka raawwatamuuf,Kaffaltiin seera hin eegne akka raawwatamuuf yoo ajajamne,murtoo seera qabeessa hin taane abbootii dhimmaaf yeroo kennaman callisnee ilaaluun nurra hin jiraatu.Raawwiin seeraan alaa kun akka amala mana hojichaatti waan baay’ee kaasuun ni danda’ama.

Hojjetaan Mootummaa tokko kan ittiin bulu Akkaataa labsii hojjettoota mootummaaf baheen ta’uun ni beekama.Kanaafuu,Seerrii fi hojimaanni Labsicha keessa taa’an kabajamuutu itti jiraata.Labsicha hojiirra oolchuuf kan bahan Qajeelfamoonni fi Danbiiwwanii achi keessa jiranis ciminaan hojiitti hiikamuu qabu.Hooggansas ta’e oggeessi seera kana hordofanii kan hojjetan yoo ta’e waan wal nama dhabsiisu tokko illee hin jiru.Seerri hunduma irratti ol’aantummaa waan qabuuf.Kanaafuu,seerri akkamiin kabajamuu qaba?Dhaabbata/Mana hojii keenyaa keessattis ol’aantummaan seeraa akkamitti hojiirra oolaa jira/Maal fakkaata?/



    1. Gaaffii Uummataaf Deebii Hatattamaa Kennuu (Responsiveness)

Aantummaa uummataa qabaachuun, abbaa dhimmaa kabajaa fi fuula gaariin simatanii yaada isaa dhaggeeffachuun gaaffii inni kaasuuf deebii si’ataa fi haqa qabeessa ta’e kennuun hojjetaa mootummaa kam irraa iyyuu kan eegamuudha. Kanaafuu, mana hojii keenya yokkan dhaabbata keenya keessatti uummata akkamitti simacchaa jirra? Dhuguma uummanni gooftaa keenya jennee amantaan fudhannee tajaajilaa jirraa? Yaada uummanni nuuf laatu yaada gaariin fudhannee sirreessuuf deemna moo hiika biro itti laanna laata? Dhaabbilee fi manneen hojii baay’ee keessa miira tajaajiltummaa gonfatanii kaka’umsa gaarii qabaachuun hojii isaanii gahumsaan kan raawwatan hojjettoonni galateeffaman ni jiru.
Gama birootiin immoo hojjettoonni faallaa kanaa ta’an ni jiru.kunis uummata jalaa osoo hin dhokatin uummanni abelu nama gaarii,abelu immoo nama gadheedha jechuun murtoo laachuun isaa hin dhibu.Kanaafuu,of ilaallee gara isa kamiitti akka kufnu murteessuun kan keenyadha.Kan nuti baqachuu fi sobuu hin dandeenye sammuun keenya murtoo haa laatu.Gama birootiin immoobakka hojii keenyaattis waan wal beeknuuf raga bahuun nu hin rakkisu.Uummata keenyaaf har’as boris,har’as boris yoom iyyuu ulfinaa fi aantummaa qabaachuufii qabna.

Waltajjiiwwan Haaromsaa dabarsine keessatti gaaffiiwwan Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii uummanni kaasaa turee keessaa yeroo gabaabaa gidduutti kan hiikamuun irra turan hammam xiyyeeffannoon itti kennamanii hiikamaniiru? Warreen yeroo giddugaleessa fudhatan hammam xiyyeeffannoon itti laatamee hiikaman? Warreen kaan yeroo dheeraa fudhatan immoo maaliif akka yeroo dheeraa fudhatan uummata waliin marii taasisnee hubannoo uumuun walii gallee jirraa? Yeroon murtaawaan kennameefii hiikuuf immoo hojiitti gallee jirraa? kan jedhaman gaaffiileen kun deebii argachuu qabu. Hojiiwwan Misoomaa keenya keessattis dhimmoonni dhaqqabummaan, qulqullinaa, yeroon xumuramuu dhabuu fi sirna bulchiinsa isaaniitii fi akkasumas fedhii misoomuu waliin walqabatee gaaffiilee hedduun akka jiran ni beekama. Kanaafuu, uummaticha karaa guutuu ta’een hirmaachisuudhaan misoomicha keessatti gahee guddaa akka taphatu goonee gaaffiilee inni qabu sadarkaa sadrakaadhaan hiika itti laachuutu nurra jira. Waan raawwachuu hin dandeenyee fi abdii hin taane uummataaf osoo waadaa hin galin waan gochuufii dandeenyu qofa irratti waliigallee deemuutu nurra jira.Kanaafuu, tajaajila uummata keenyaaf kenninu dhaqqabamaa, haala gaariin keessummeessuu fi deebii si’ataa fi haqa-qabeessa ta’e kennuun duudhaa boriif keenyu osoo hin taane amma raawwachuun kan nurraa eegamuudha.



    1. Fakkeenyummaa Gaarii Qabaachuu (Exercising Leadership)

Namoonni waan nuti dubbannuun osoo hin taane waan nuti goonuu fi amalaa keenyaan nu beeku. Waan kan ta’eef nutis amala gaarii kan qabnu, hojiidhaan kan mul’isnuu taanee argamuu fi miiltoowwan mana hojii keenyaaf fakkeenya gaarii taanee argamuu qabna. Manneen hojii fi dhaabilee keessaa hojjennu keessatti hojii hojjetamu hunda human guutuu fi kaka’umsaan hirmaachuu, bu’aaf gumaachuu,itti gaafatamummaa dhuunfaas ta’e garee gaafatamummaan fudhachuu, dimokiraatawaa taanee jijjiirama itti fufsiisuun aadaan hojimaata haarawaan hojjechuu akka gabbatu gochaa, mana hojii ykn dhaabbata keessaa hojjennu keessatti amanamummaan akka gabbatu,doggogora uumame dafanii fudhatanii sirreessuuf deemuuf fakkeenya taanee of qopheessuu qabna.

Hooggansi dhaabbilee/manneen hojii mootummaa hojjettoota isaaniitiif fakkeenya ta’uutu irra jiraata.Kanaafuu, hooggantoonni dimokiraatwoo ta’uu,ittigaafatamummaa kan fudhatan,kiraa sassaabdummaa kan haraameffatan,hojjettoota isaanii hojiif kan kakaasan, naannoo hojii mijaawaan akka jiraatu kan godhan,seera kan eeganii fi eegsisan,loogii irraa biliisa ta’anii garaamummaa fi kabaja namaaf kan qaban ta’anii argamuu qabu. Dhaabbata sirrate akka qabaanuuf wantoota armaan olii kana raawwachuun murteessaadha.

Yeroo hunda fakkeenya godhannee akkuma kaasnu Manni barumsaa tokko hoogganaa isaa akkuma fakkaatu Dhaabbileen immoo hooggantoota isaanii fakkaatu jedhama.Kun immoo dhugaadha. Kanaafuu, sadarkaa mana hojii keenyaattis ta’e akka dhuunfaatti fakkeenyummmaan qabnu akkamiin ibsamaa?


  1. Kallattii Hojiirra Oolmaa Qajeeltoowwan Naamusaa

Milkaa’ina ergama keenyaatiif hojiirra oolmaan dudhaalee kanneenii baay’ee barbaachisaa akka ta’e dudhaalee hunda jalatti kaasnee ilaalleerra. Qajeeltoowwan kanneen sirriitti hojiirra oolchinee jennaan immoo fayyadamummaa uummataa mirkaneessuurraa darbee dhuunfaa keenyaatti namoota gahumsa qaban,namoota barbaadamoo fi gahumsa hooggansaa qaban taana.Kanaafuu tokkoon tokkoo Dhaabbilee fi namoota dhuunfaa karaa baay’ee bu’a qabeessa ta’een kallattii dudhaaleen kun ittiin hojiirra ooluu danda’an filannoowwan adda addaa burqisiisuun itti fadamuu ni danda’u.Kun akkuma jirutti ta’ee:

    1. Tokkoon tokkoon raawwataa Raawwii raawwatu keessatti dudhaalee kanaan of ilaalaa fi of gamaaggamaa akka deemu dandeessisuu,kun hooggansas kan dabalatuudha.Qajeeltoowwannaamusaa kudha lamaan kutaalee hojii hunda keessatti hojiirra oolchuun jijjiirama amalaa fiduutu irraa eegama. Kunis akka kanaan dura baratametti barreechanii barreesssuun keenyan dhaabbilee irratti bareedinaaf maxxansuu qofa osoo hin taane hojiitti hiikamuu qabu.

    2. Gammaaggamni sadarkaa dhuunfaatti taasisamu qophaa isaatti gahaa waan hin taaneef Dhaabbileen waltajjii garee fooyya’insa Hojii (GFH) keessatti gareedhaan qajeeltoowwan kun akkamiin kabajamaa fi hojiirra oolaa akka jiran sakatta’uun barbaachisaadha. Guddinaa fi jijjiiramaa yeroo ammaa mul’achaa jiru faana wal qabsiisuun wal irraa barachuu fi wal ijaaruufis meeshaa gudhatanii itti fayydamuu qabu.

    3. Garee Fooyya’insa Hojii (GFH) /Tokko shanee tti aanee Gurmaa’insi jiru gareen Raayyaa Jijjiiramaa Siivil Sarvisii (RJSS) Waltajjii marii uumuudhaan Gabaasa gabaabaa Tokko Shanee (Garee Fooyya’insa Hojii) irraa dhiyyatu dhaggeeffachuun haalli tokko isa tokkorraa itti baratuu fi ijaaramu uumamuudanda’uu qaba.

    4. Sadarkaa mana hojiitti raawwiin (hojiirra oolmaa)dudhaalee naamusaa garee jijjiiramaa hunda biratti maal akka fakkaatu koree manaajimentiin madaalamuu qaba. Waltajjii waliigalaa hojjetaa irratti qaama gabaasaa ta’ee hoogganamu qaba.

    5. Qajeeltoowwankun cabuu waliin walqabatee haaluma kanaa olitti ibsameen qajeeltoo itti gaafatamummaa fi olaantummaa seeraa kabajuu bu’uureffachuun qajeelfama naamusaa mana hojii keenyaa irratti hundaa’uun sirreessaa deemuun ni danda’ama.

Gudunfaa

Baroottan darban keessatti muummee qonnaa, fayyaa fi barnootaan akkasumas bu’uuraalee misoomaatiin, walumaagalatti gama siyaasaan, dinagdee fi hawaasummaatiin injifannoowwan baay’ee galmeessinee jirra. Milkaa’ina injifannoowwan kanaa keessatti hojjetaan mootummaa gahee olaanaa kan taphate akka ta’e ni beekama. Mootummaanis gahee isaa kanaaf ajaa’ibsiifannaa guddaa qaba. Waanta’eefis, raawwii dudhaalee naamusaa irratti yeroo mari’atnu, adeemsaawwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii milkaa’oo ta’an kanaan hammatamuun ta’a. Kuins, haaromsa biyya keenyaa saffisa olaanaadhaan dhugoomsuuf akka nu dandeessisuuf dha. Biyyi keenya gara biyya abdii guddaa qabduutti kanceete yoo ta’u, abdiin kun dagaagaa akka deemuuf immoo itii gaafatamummaa guddaan lammiilee keenya irraa kan eegamuudha. Hojiirra oolmaa (raawwii) dudhaalee naamusa gaarii kanas arguun kan danda’amu miira itti gaafatamummaa kanaan hammatamuun dha. Kanaaf, hundi keenya naamusa gaarii gonfachuun harka wal qabatnee haaromsa biyya keenyaaf haa kaanu!





Yüklə 43,56 Kb.

Dostları ilə paylaş:




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2022
rəhbərliyinə müraciət

    Ana səhifə