Roos Haanter, Itti gaafatamaa



Yüklə 45,11 Kb.
tarix12.09.2018
ölçüsü45,11 Kb.
#81224

Roos Haanter, Itti gaafatamaa

Heloo, maqaan koo Roos Haanter jedhama. Ani yeroo ammaa kana itti gaafatamaa Muummee Barnoota Jalqabaati. Hirmaannaa walga’ii hawaasaa dhimma sadarkaa qindoominaa ilaalchisee taasifame irratti himaachuu keessaniif galateeffachudhaan jalqabuun barbaada. Kun immoo baa’yee barbaachisaa dha. Kun immoo mootumman daa’imman as Waashiingitan keessa jiran akkuma isin taasiftan dhamaatii, qulqullina guddaadhan haala baay’ee bayessa ta’een gargaaruu barbaada.

Bara 2015, qaamni seera tumtuu, heera hojii jalqaba duraa labsee ture, kun immoo heera seena qabeessa warra jalqaba milkaa’an ijaaru, caasaa qulqullina qabu hawaasaa fi DEL waggoota darban keessatti kan hojjete, caaseffama nannoolee mootummaa jidduutii hojjechaa ture. Yeroo darbe , dura taa’aa miseensota murtessituu baasii maaallaqqa waanan tureef, murtee baasii kanarratti dhiibbaa guddaa fidaa tureera, maallaqa doolaaqa miliyoona 160 ramaduu fi itti fufiinsan hawaasaaf dhiyeessuu, kunuunsa qulqulluna sadarakaa olaanaa dhiyeessuu irratti dhiibbaa guddaan fide, akkasumas wantoota barbaachisan as Waashiingtan keessatti dhiyeessu dha.

Jaqabni duraa wantoota bayeessa fi murteessaa ta’an hojjeta:



  • Jalqaba irratti, Warra Jalqaba Irraatti milkaa’an maallaqa barbaachisaa haala itti fufiinsa qabuun gargaaruu. Gara fulduraatti gargaarsa argachuuf dorgommii federaalaa moo’achuu, sirna kana diriirsudhaaf hedduu dhamaneera, amma yeroo haala itti fufiinsa qabuun itti hojiitti hiknu qabna, kun immoo itti gaafatamummaa keenya.

  • Seera qabeessummaa ji’oota 12 argachuu, kun immoo naannoo rakkisaa keessatti inveestmentiin keenya tasgaba’aa akka ta’uu fi ijoollota keenyaaf nagaadhan akka jiraatan gargaara . Daa’imman waggaa kana gargaarsa waarra kennan irraa argachuudhaan jalqaban irri fufuu isaanii mirkaneeffachuu barbaanna. Daa’imman duwwaa utuu hin taane warri gargaarsa godhanis maallaqa isaanii sirnaan kennuudhaaf daa’imni sun saganataa sana keessa jiraachuu isaa mirkaneeffachuu barbaadu.

  • Barnoota jalqabaa keessatti dandeettii hojjetoota jiranii ogummaadhan guddisuuf carraqqii taasifamu maallaqaan ni deegara. Akkuma qulqullinni sirna hojii dabaleen, namoota nu wajjin hojjechuu barbaadaniif carraa kennuu fi hojii isaan hojjetan haala caalmaa qabuun hojechuu keenya mirkaneeffachuu barbaanna, akkasumas sagantaawwan keenya haala qindoomina qabuun walitti fiduudhan mudaa malee akka hojjetamu gocuuu feena.

Guyyaa har’aa kana hojiin guddaan nuti hojjennu – akka nama siyaasa keessa soorama ba’ee deebi’ee of haaressuudhaaf dhama’utti, sagantoota keenya walitti qindeessudhaan gamtaa cimaa ta’e uumu qabna. Dhugummayyuu, immammani seena kanatti na fida. Guyyaa har’aa hundi keenya dhimma waliin hojjechuuf iddoo kanatti argamne, laphee keenya irraa gumaacha keessan kanaaf isin galateeffachuu barbaanna.

Sadarkaa hundumaaf walqixa hojjetu heyyamaaf, SQBJD fi Warra Jalqaba Milkaan dabalatee, sagantaawwan adda otuu hin faca’in, irra deddeebii malee, akkasummas gamtaadhan akka hojjetamaniif bu’aa caalu akka fidan mirkaneeffachuu barbaanna. Kaayyoon walii gala sadarkaawwanii fi heerii ba’an salphaa fi haala mijataa ta’een hojiitti kan hiikaman taasisuu dha. Kunis immoo sagantaalee garaa garaa kessaatti bifa irra deddeebii qabuun akka hin raawwatamne taasisuu dha.

Yeroo ammaa kana wanti na gammachiisu gareewwan akka Hidhata Barnoota Jalqabaa, Badhaadhina Waashingtanii, fi kanneen biro wajjin gamtaa uumuu keenya yoo ta’u kunis immoo wanta hojjennuuf deebii uummataa kan itti argannu abbaa dhimmoota hawasaa wajjin waltajjii akka qabaannu nu taasisa. Hawaasa bal’aa irraa yaada garaa garaa argachuun keenya baay’ee nu fayyada. Gargaargaartota, maatii, hawaasa, kunuunsitoota, irra yaada argachuun keenya hojiin seena qabeessa ta’e dhamaatin keenya kun sirrii ta’uu isaa ittiin madaalla. Haala sirrii ta’een hojjechuu barbaanna. Ogeessota keenya gorfamuu keenya mirkaneeffachuu qabna. Odeeffannoo ogummaa qabu nuuf kennuuf iddoo kanatti argamuu keessaniif guddaa isin galateeffanna. Sagantaan kun dheeraa fi nuffisiisaa akka ta’u nan beeka, haata’uutii ammas yaada keessan dhaga’uuf qophaa’a dha. Galatoomaa!



Heeter Moos, Itti aanaa itti gaafatamaa
Akkami maqaan koo Heete Moos dha. Muummuu Barnoota Jalqabaa keessatti itti aanaa itti gaafatamaa dha. Jalqabuu kootiin dura, Hojii kana nu waliin hojjechuudhaaf iddoo kanatti argamuu keessaniif isin galateeffachuun barbaada. Daqiiqaa xiqqoo fudhachuudhaan waa’ee ilaalacha walii gala hojii qindoominaa isin wajjin haasa’uun barbaada, hojjetoota muumuu keenyaa kanneen biro wajjin immoo gadi fageenyan ilaalla, kun immoo guyyaa har’aa maal akka barannuu beekudhaaf ajjennoo nuuf ta’a

[Caasaa Qindoominaa]

Proojectiin kun sadarkaa qindoomina heeyyamaa, Warra Jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD giddu galeessota heeyyama argatanii fi kunuunsa daa’immaniif maatii keessati godhamu kan of keessatti hammatu ta’a. Hundeen Rog-sagee kanaa heeyyama. Sadarkaaleen heeyyamaa sagantaawwan tajaajilaa fi naannoolee eegumsa , faayyaa fi soorata daa’immaniif akka dhiyeessan gargaara.

Itti aansudhaan, Warra Jalqaba Milkaa’aniif sadarkaa ni qabna, kunis sadarkaa qulqullinaa fi sirna fooyya’insa mootummaa keenyati (SQSF). Heera Jalqabaa duraa irratti, Warri Jalqaba Milkaa’an sadarkaalee gargaartotta walitti dhufeenyaan daa’imman umriin isaanii mana barumsaatin ala ta’eef qopheessun barbaachisaa dha. Sadarkaa sadafaan rogsadee keessa jiru SQBJS ti (SQBJD mootumman keenya, mana barumsaa dura, sagantaa gargaarsa jalqaba barnootaa jedhamu hundeesseera) innis tajaajila hundumaa mana barumsa dura kan kennu dha.

Sadarkaalee tokkon tokkon isaa ilaalleerra - heeyyamaa, Warra Jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD – akka garee qindoominaatti , Warri Jalqaba Milkaa’an itti dabalamanii, garuu utuu heyyamni hin dabalamiin, SQBJD dabalamee, garuu heeyyamaa fi Warra Jalqaba Milkaa’anii utuu hin dabalatiin. Kaayyoon keenya fooya’insaa mul’ataa sadarkaa irratti fiduu dha, jalqaba heeyyama irraa kaanee itti aansudhaan adeemsan gulantaa qulqullinaa ol’aanaarraan gau’uu dha. Sadarkaalee irra hin deddeebinu. Yeroo ammaa kana, sadarkaaleen heeyyamaa fi SQBJD keessa akka jiran ni beekna, irra deddeebii achi keessatti argaman balleessuu barbaanna. Gargaartotta sadarkaa sadan irratti hojjetaniif karaa ifaa fi mul’ataa qopheessu qabne.



[Garee Gorsituu Qindoominaa]

Karoora guddaa kana galmaan ga’uuf, DELn Garee si’eesituu projektii qindoominaa DEL keessaa uummate. Gareen si’eesituu keessaa kun Garee Gorsituu Biyyoolessaa wajjin kan hojjettu yoo ta’u, hojii qindoominaa kana galmaan ga’uuf , qoodatoola barnoota jalqabaa wajjin wal ta’uudhan socha’a. Koreen Gorsituu Biyyoolessaa kun ilaalacha bal’aa maatii daa’immanii fi giddu galeessaa kan waliitti fidu dha. Miseensonni gargaartotaa Warra Jalqaba Milkaa’an, SQBJD fi Wata’iinsa Kunuunsa Daa’immaniif Hojjettu keessaati qooddachuun kan hojjenta yoo ta’u isaan kun walummatti muutummaa kan bakka bu’an ta’u . Gargaartonni geggeessitoota barbaachisoo kanneen barnoota jalqabaa sadarkaa, aanaa, naannoo, fi biyyooleessatti wajjin hojjetu . Namootani 40 ta’an miseensa Garee Gorsituu ta’uun tajaajilu. Jarreen kana wajjin wal ga’ii shank an adeemsifne yoo ta’u gara fuulduraatiis akkuma hojiin babal’achaa adeemen kan mari’annu ta’a.

Koreen Gorsituu Biyyoolessaa kun hojjetoota keenyaaf waa’ee qajeelfama proojektii qindoominaa yaada yeroo amma kana nu fayyaddaa jiru dhiyeesse.

[Qajeelfamoota]

Madaaluu fi daawwachuudhaan haa jalqabnu. Heeyyamni, Warra Jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD gamtaadhaan hawwii madaallii fi daawwanna sadarkaa ni qubu. Qaamni giddu galeessi komii fi sirna hojii irratti maaddaalii fi ilaacha kan taasisu ta’a.

Qajeelfamni itti aanu salphummaa fi bu’a qabeessummaa ta’a. Kana jechuun affaanuma baramaatti fayyadamuu qabna jechuu dha. Akkasumas irra deddebii sadarkaa irraati mul’atus hambisuu qabna. Sadarkaa keenya keessa wanta tokko si’a lam hojjechuus ta’ee dubbachuun hin barbaachisu kan jedhu jira. Kannen akkasii gargaartota keenyatti hammam akka bitaa itti galu tilmaamun rakkisaa miti. Ammas isin wajjin ta’uudhaan guyyaa har’aa carraa itti sireesinu arganeerra.

Qajeelfama iftoominaa jechuun gargaartotaa fi qoodattoota barnoota jalqabatiif sadarkaaleen akkamitti akka qindooman itti himuu dha. Gargaartonni gulantaalean akkamitti akka walitti hidhatan sirriitti arguu danada’uu qabu.

Walqixxummaa barnootaa fi aadaa, Waarra afaan lama baratan, ofkeessaatii hammachuu fi dhiibbaan hawaasaa qajeelfama furtuu ta’an uumu. Kunneen immoo hojichaaf baay’ee barbaachisu. Adeemsa qindoominaa keessattii gaafilee murtaa’n tilmaama keessa galchuu qabna. Guddinna Qajeelfama barnoota Jalqabaa akkuma hundi keenya baranne, barbaachisummaa qo’annaan afaanii fi aadaa Warra Afaan Lama Baratan wajjin tilmaama keessa galchuun hojii qindoominaa hojjetamuuf bu’aa guddaa qaba. Mootumman keenya uummata garaagaraa irraa kan ijaarama waan ta’eef qajeelfama walsimannaa adaatiif iddoo guddaa qabna.
Dhuma irratti, qajeelfamni himaannaan hawaasaa adeemsa kana keessaati argama. Kun immoo iddoo isin keessatti hirmaattani. Mariin har’aa carraa himaannaa hawaasaaf baneme agarsiisa. Yaada fi gorsa mootumicha keessaa argamaniif akka waan ayyaanomneetti of ilaalla. Guyyaa har’aa nu wajjin ta’uu keessaniif galatoomaa.

[Tooftaa Sadarkaa Qindoominaa]

Gareen Si’eessituu Keessaa Qindoominaa projektiitii hojjetoota DEL, heeyyamaa fi Warra Jalqaba Milkaa’an fi SQBJD walitti fide. Xiyyeefannaan garee keenyaa giddu galeessa , umrii barnootan alaa fi kunuunsa daa’imman maatii wajjin jiranii irratti. Warra barachaa jiran tilmaama keessa galchuuf karoorfameera kun immo gara fuulduraatti sagantaa qindoominaa keessatti raawwatama.

Erga gajeelfama hojii keenyaaf qopheessinee booda, sadarkaalee hundumaa fudhachuudhaan mata dureewwan sadan irraatti kurfeessun, sanduuqota armaan gadii keessatti qindeessina :


  • Bu’aa Daa’imaa

  • Hirmaannaa Maatii

  • Naannoo

  • Wal-qunnamtii I

  • Guddina Ogummaa – Leenjii fi Gargaarsa Hojjetootaa

  • Warra Afaan Lama Baratan

  • Wal Simannaa Aadaa

  • Of Kessaatti Hammachuu

  • Heerawwan Heeyyama Hinqindoomnee

DEL maxxansa "Fedhii Bu’uura Daa’immanii Kunuunsuu " jedhamu irratti hundaa’udhaan, heyyamaaf muuxannoo gaarii fudhachuudhaan faayyaa fi nageenya irratti gorsa kenna. "Fedhii Bu’uura Daa’immanii Kunuunsuu " kan inni bakka bu’u sadarkaa xiqqaa fayyaa fi nageenyaa ogeessonni biyyattii daa’imman mana isaanitii alatti kunuunfamuu qabu jedhee amana. "Fedhii Bu’uura Daa’immanii Kunuunsuu " bu’aa hojii walta’insa ogeeyyii namoota dhuunfaa fi uummataa kanneen akka Mana Barumsa Daa’imman Ameerikaa, Gamataa Fayyaa Uummata Ameerikaa fi Giddu Galeessa Qabeenya Fayyaa fi Nageenya Daa’imaa Barnoota Jalqabaa of keessatti qabata. Muuxannoowwan kana walitti fiduu fi tilmaama keessa galchuun hojii qindoominaa keeenya keessa banana jiraachuu fi dhiisuu isaa ittiin maadaalla.

Kanaafuu, qajeelfama kanatti fayyadamuudhaan, dhimmoota qabiyyee adda baafaman fi qabeenya biyyoolessaa kanatti fudhachuudhaan, hojii qindoominaa kana hojjechuudhaaf adeemsa baafachuu qabna.

Tarkaanfin keenya jalqabaa, dhimmoota qindoominaa kanneen akka irra deddeebii, banaa fi afaan wal irraa ciccitaa keessatti walitti dhufeenyi jiraachuu isaati ilaalu dha. Sana booda, filannoowwan adda addaa qopheessudhaan dhimoota ilaalle kana bira ga’uuf dhamaana. Waa’ee Bu’aa Daa’imaa, Hirmaannaa Maatii, Naannoo fi Walitti Dhufeenya, Sirna Barnootaa fi Walqunnamtii, Warra Afaan Lama Baratan, Heerota Qindoomina Keessa Hingalle xinxalleera. Amma waa’ee walsimmannaa aadaa fi hammannaa yoo ilaallu booda garuu dhimmoota hafan ilaalla.

Adeemsi barbaachisaan Koree Gorsituu Biyyoolessaa wajjin wal ta’uudhan hojechuu dha. Koreen Gorsituu kun yeroo isaa aarsaa godhee hojii keenya irra deebi’ee sakkata’uudhan yaada fi tumsa barbaachisaa ta’e waan nuuf kenneef galanni keenya goddaa dha.

Walga’iin akka har’aa kun qindoomina keenyaaf baay’ee barbaachisaa dha. Ilaalchi fi yaadnni keessan gatii guddaa qaba. Namoota achi keessatti hirmaatan hundaaf dhimmi kun ulfaataa ta’ullee odeeffannoon keessan murteessa dha. Kanaf aams galatoomaa!



[Sagantaalee]

Mee sagantaa haa illallu. Akkuma mari’anne, bara kana jalqabatti Koree Si’eesituu DEL fi Koree Gorsituu Biyyoolessaa wajjin haasofnee turre. Qajeelfama qopheessuu, qabiyyee xiinxaluu, bu’aa fi miidhaa filannoo mijeessuu keessatti karaa gaarii qabanneera. Saganticha keessatti, adeemsa odeeffannoo hawaasaa argachuu ni ilaalla. Erga adeemsa keenya guutumaan xumurretti, odeeffannoo hawaasa irraa funaannu irratti hundaa’uun hojii keenya irra deebinee xinxalla. Ganna bara 2016 tti xinxala keenya xumuruun koroora bareeffama duraa sagantaa keenya ni qopheessina.

Yeroo birraa bara 2016, miseensota hawaasaa biyyattii keessa jiran wajjin walitti dhufuudhaan, deebii isaan irraa agrannu irratti hundaa’udhaan bareeffama dhumaa qopheessinee Sadaasa 2016 warra seera tumtuu fi bulchitootaf galchuuf karoorfanneera. Akkuma argitan sagantaan kun waan bira hin ga’amne fakkata (garuu har’a isunumtuu itti walii galuun ajaa’ibsiifattanii deemtu).

[Hiikawwan]

Akka odeeffannoo guyyaa har’aa keessaa isa tokkotti, hojjetoonni DEL kanneen miseensa Koree Si’eesituu ta’an muuxannoo fi ilaacha isaanii akka nuuf qoodan ni barbaanna. Naannoo qabiyyee tokkon tokkon isaaniitiif, ogeeyyin kun ibsa dhimmoota murteessa ta’an arfan irratti ni kennu.

Jalqaba dirra deddeebii ilaalaa. Irra deddeebidhaan, heeyyama, Warra Jalqaba Milkaa’an fi SQBJD keessatti sadarkaawwan dabalataan argamuu isaaniti. Irra deddeebii sadarkaa hambisuu barbaanna.

Kanatti aansudhaan qindoomina afaanii ilaalla. Qindoomina afaanii jechuun keenya, jechoonni adda addaa yaada rime tokko qaban heyyama Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD irraatti hojiirra oolu. Sun immoo numa iyyuu dabalatee bitaa namatti gala, kanaafuu gara fuulduraatti waan tokko jechuu yoo barbaaanne jechuma tokko fayyadamna.

Sana booda fooyya’insa ilaalla. Keessattuu, fooyya’insi heyyama,Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD jidduutti walitti hidhannaa qaba moo hin qabu jennee gaafachuu qabna. Fakkenyota banaa fooyya’insa keessatti argaman eerudhaan yaada furmaataa ittiin rakkoo kana furru barbaaduun dirqama.

Dhuma irratti, qajeelfama Warra Afaan Lama Baratanii xiinxalla, wanta achirra baranne qoodudhaaf. Yaada rimee haaraa arganne kana namoota kaanii wajjin qoodanna. Akkasumas DEL wajjin walitti qindeessina. Warra afaan lama baratan jechuun, warra afaan lama si’a tokkotti baratan, otuu afaan isaanii duraa gabbifatani afaan lammaaffaa kan baratan, yookin dhiibbaa afaan jalqabaa irraan kan ka’e afaan Ingiliffaa siriitti dubbachuu warra hin dandeenye jechuu dha.



[Fakkeenya Ilaalcha Walii Gala Naannoo Qabiyyee]

Piroojektii Qindoominaa kana ifa taasisuu keessatti, gabatee kanatti fayyadamuudhaan walitti qabaatti agarsiifna. Akkuman kanaan dura ibsuuf yaaletti, ammas walsimanna aadaa fi hirmaannaa irraati hojechaa akka jirru yoo ta’u, hubannoo keenya isaniif qoodudhaaf as jirra.

Kanaafuu irra deebi’uudhaan, Muuummee barnoota Jalqabaa wajjin hojjechuuf iddoo kanatti argamuu keessaniif hedduu galatoomaa.

Juudii Jaaraamiilloo, Too’ataa Garee Callalii Seenaa Duubaa

Akkami, Ani Juudii Jaaraamiilloo ti , Yeroo amma kana taa’attuu garee callalii seenaa duubaa fi xinxaltuu imaammata heeyyamaa Muummee barnoota Jalqabaati.



[Bu’aa Daa’imaa fi Hirmaannaa Maatii]

Guddina daa’imaa fi hirmaannaa maatii irraa yaa jalqabnu, kun immoo callallii guddinaa , muuxannoo guyyaa guyyaa, daawwii fi madaallii of keessatti hammata.



[Ilaalcha Walii Galaa Qindoomina Bu’aa Daa’imaa fi Hirmaannaa Maatii]

Yeroo amma kana qindoominni irra deddeebii ykn afaan malee heyyama Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD irratti hojjetamaa jira. Kun immoo walitti dhufeenya maatii, daawwii, callallii gudinaatii fi madaallif gargaara.

Wantoota muraasa fooyya’insaa fi Warra Afaan Lama Baratan kessatti hin hammatamne keessaa:


  • Callaliin guddinaa heyyama keessa hin jiru, garuu Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD keessatti ni argama.

  • Hirmaannan maatii heyyama keessa hin jiru, garuu Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD keessatti ni argama.


[Ilaalcha Walii Galaa Qindoomina Bu’aa Daa’imaa fi Hirmaannaa Maatii]

Dhimmota kana heeyyama kessattis galchuuf ilaalcha keessan baruu barbaanna. Kun fooyya’insa keessatti banaa qabaa?

Lammaffaa, dhimma Warra Afaan Lama Baratan irraatii ammas banaan heyyama , Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD keessatti ni argama.

Callallii gudinaa fi hirmaannaa maatitiif, odeeffannoon isin Warra Afaan Lama Baratan irratti nuuf kennitan waltajjii kana irratti akka waliin mari’annu nu gargaaree jira.



Raaheel Broowun- Keendaal, Too’attuu Sagarkaa Qulqullina fi Sirna Fooyya’insaa (SQSF)

Maqaan koo Raaheel Broowun-Keendaal, Mummee Barnoota Jalqabaa Keessatti itti gaafatamtuu Warra Jalaqaba Milkaa’aniiti. Warri jalaqaba Milkaa’an Waashingtan keessatti sirna fooyya’insa qulqullina madaaluu ti. Guyyaa har’aa waa’ee naannoo fi walqunnamtii wajjin haasofna.



[Naannoolee]

Naannooleen wantoota armaan gadii of keessatti qabata:



  • Iddoo duwwaa fi dibuu

  • Qulqullina Bu’uuraa, qhiqannaa harkaa, mana fincaanii

  • Meeshaalee kutaa

  • Galaa fi Ciree

[Ilaalcha Walii Galaa Qindoomina Naannoolee]

Sadarkaalee hedduun heyyama, Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD keessatti ni argama. Daree fi ERS n qaama meeshaa kanaati.

Dhimma kana irratti, irra deddeebiwwan tokko tokko heyyama fi SQBJD ni mul’atu. Fakkeenyaaf, heyyama fi SQBJD gargaarsa waldhaansa jalqabaa fi dhiyeessa adda addaa ni qabu

Irra deddeebiwwan tokko tokko heyyama, Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD kessatti qulqullina, huccuu fi mana fincaanii fi harka dhiqannaa of kessaatti hamata.

Afaanitti yeroo deebinu, qindoomina gaaritu heyyama, Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD jidduu jira. Haata’uutii, heyyamni hojii wantoota walii gala qabata, Warra jalqaba Milkaa’anii dhimmota gadi fagoo irraatti xiyyeefata. Heyyama keessatti meeshalen taphaa ni jira, Warra jalqaba Milkaa’anii kesatti immoo muuziqaa, biyyee/bishaan, motoraa qaba.

[Ilaalcha Walii Galaa Qindoomina Naannoolee, Kan itti fufe]

Mee waa’ee fooyya’insa kessatti banaa jiru yaa ilaallu. Banaan ta’uu qabu dibaa fi iddoo duwwaa iraatti mul’ata. Dhimmonni kun karaa garaagaratiin heyyama, Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD kessatti raawwatamu. Warri jalqaba Milkaa’an dibaa, teessoo daa’immanii , qindeessa daree, kutaa dhuunfaa/garee xiqqaa irraatti sadarkaa qaba. Dhimmoonni kunneen heeyyama keessatti hin hammatamne. Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD haasaa yeroo laaqanaa qabna, heyyamni garuu hin qabu. Kun immoo banaa fooyya’insa keessatti mul’atu.

Tooftan Warra Afaan Lama Baratanii Warra Jalqaba Milkaa’anii jajjabeeffamuu qaba. Fakkenyaaf, daa’imman afaan manaatti barataniif meeshaalee hin barbaachissu.

[Walitti dhufeenya]

Walitti dhufeenya irraati kanatti aansudhaan gadi fageenyan haasofna. Dhimmi guddaan kun kanneen armaan gadii of keessatti hammata:



  • afaanii fi sababa dhiyeessuu

  • hojiiwwanii fi sagantaa caasaa

  • gargaarsa ajajaa

  • yaad-rimee gabbisuu

  • deebii qulqullina qabu

  • qindeessa afaanii

  • gargaarsa miiraa

  • naannoo gaarii, hamaa fi walitti dhufeenyaa

  • bulchiinsaa fi gorsa amalaa


[Ilaalcha Walii Galaa Walitti dhufeenya]

Walumaa galatti qindoomina garii ta’etu giddugaleessa keessa fi maneen maatii gidduutti hidhannaa cimaadhan argama.

Irra deddeebiirraa yeroo jalqabnu, Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD jiddutti waa hojjechuu qabna. Fakeenyaaf, dhimmoota yaadrimee gabbisuu fi afaan bocuu irratti yaa ilaallu. Heyyamaa fi SQBJD jidduutti walitti dhufeenya daa’immanii, miidhaa daa’imman irra ga’uu, leenjii fi gabaaasa irratti deddebitu mul’ata.

Yaada rimeen walfakkatu heyyama, Warra jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD kessatti jecha garaa garaatin ibsame. Fakkeenyaaf jechootni garaa garaa wa’ee jijjiirama walitti dhufeenta gaarii maatii fi daa’ima jiduu jiru ibsuuf oolan.

Hambisuun dhimmoota sadan irrattiyyuu ilaalamaniiru. Garuu gargaartotatti bitaa galuu kan danda’u jechoota garaa garaatti gargaaramuudhaani. Dabalataan, SQBJD leenjii fi yaada maatii hambisuu fi dhiisun immoo akka adabbitti fudhatamu gaafate. Kun fakkeenya marii banaa fooyya’insa irratti taasifameeti.

[Ilaalcha Walii Galaa Walitti dhufeenya kan itti fufe]

Odeeffanno barbaachisaa keessatti banaa fooyya’insa ni jiru. Fakkenyaaf:



  • Warri Jalqaba Milkaa’an walitti dhufeenya odeeffannoo adunyaa dhuga fi deebii qulqulluna qabu of keessaa qabu. Deebii qulqullina qabu jechuun walitti dhufeenya barsiisaa fi daa’imni taasisan yoo ta’u kunis deebii barsiisan kennuudhan hubannoo da’imaa baldhisuuf kennu dha. Heyyamni hin qabu, kanaaf mariin bana kana irratti ni barbaachisa.

  • Dhiisun kan inni taasifame Warra Jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD yoo ta’u, heyyaman miti.

  • Nagaa gaafachuu fi adda ba’uun naannoolee sadan keessattuu ni argama. Warri Jalqaba Milkaa’an maatii yoo simatu heeyyamni garuu hin godhu.Kun dhimma marii barbaadu.

  • Dhimmonni hundinuu sagantaa baasaniiru kana irratti irra deddeebii hin argine. Haata’u malee, SQBJD barbaachisummaa garee guddaa, xiqqoo,fi tapha bilisaa heyyamni hin qabne ni qaba. Kun immoo gaaffiin fooyya’ansaa akka ka’u taasisa.

  • Warri afaan lama baratan, nannolee sadan keessatu xiyyeffannoon itti hin kennamne, kanaafuu carraan ittin, heyyama, Warri Jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD keessattu rawwatamu uumamuu qaba.


[Ilaalcha Walii Galaa Walitti dhufeenya]

Naannoo fi walitti dhufeenya keessati gaaffii barbaachisaa ta’antu argamu. MariiI look forward to learning about your questions and recommendations in today’s discussion. Galatoomaa!



Anaa Raadkliifi , Xinxaltuu Heyyamaa Ol’aanaa

Ani Anaa Raadkliifi, xinxaltuu heeyyama ol’aantuu Mummuu barnoota Jaqabaa miseensa Koree Si’eesituuti. Waa’e guddina ogummaa, sirna barnootaa fi gargaarsa hojjetootaa irrattii odeffannoo fi seenaa duubaa isiniif qooduu kootin baay’een gammada.



[Guddina Ogummaa, Leenjii fi Gargarsa Hojjetootaa ]

Jalqabuudhaaf, naannoon isaa waan of keessatti hammatu:



  • Barnootaa fi leenjii waraqaa raga, beekamtii, digriiwwan, leenjii jalqabaa fi barnoota waggaa guutuu kan itti fufu

  • Sirna barnootaa

  • Gargaarsa Hojjetootaa kanneen akka gorsuu fi yeroo karoora baasuu

[Ilaalcha Walii Galaa Guddina Ogummaa, Leenjii fi Gargarsa Hojjetootaa ]

Walii galitti, gidduugaleessa fi mana maatiitti qindoomina baay’ee gaarii ta’antu otuu irra hin deddeebi’in afaan qindoominaatin hojjetaman.

Dandeettii barumsa hojjetoottaa kanneen giddu galeessa fi manneen maatiitti adda qoodamaniin irraa haa kaanu. Hojettoota gidduu galeessatiif, gara fuuldurraatti fooyya’insa irratti banana ni mul’ata.

Itti gaafatamtoota giddu galeessaatiif, heyyamni warra digrii qaban hin barbaadu, Warri Jalqaba Milkaa’an hin barbaadan, SQBJDn itt gaafatamtoota hin babaadu.

Barsiisota dursaniif, heeyyamni digrii hin barbaadu. Warri Jalqaba Milkaa’an hanga tookko yoo barbaadu, SQBJDn garuu digrii ni barbaada.

Gargaarsa fi hirphaaf heeyyamni kunuunsa daa’immanii fi leenjin bu’uuraa hin barbaachisu.



[Ilaalcha Walii Galaa Guddina Ogummaa, Leenjii fi Gargarsa Hojjetootaa kan itti fufe]

Kunuunsa daa’imman manneen maatii keessattii, gara fuulduraatti banaan fooyya’insa keessatti argamuu danada’a. Fakkeenyaaf, tola ooltonni reeshoo heeyyamaa waggaa 14 hanga 15 lakkaa’u. Ofiin of madaaluun qaama leenjii godhamee waan hin fudhatamneeef, leenjin irra deddeebi’amuun kennama.

Akkasumas gara fuulduraatti banaa fooyya’insaa ni ta’a jennee kan timaamne heyyamnaa, Warri Jalqaba Milkaa’an fi SQBJD irratti ni mul’ata kun immoo odeeffannoo isin irraa argannu irratti hundoofnee hiikna.

Warri Jalqaba Milkaa’anii fi SQBJD gargaarsa gorsaatti fayyadamu. Heeyyamni garuu hin fayyadamu, kun immoo gara fuulduraatti fooyya’iinsa barbaada.

Yeroo karooraa kutannoo qabuuf, giddu galeessi heeyyamaa yeroo karooraa ni qaba. , Warri Jalqaba Milkaa’an fi SQBJD sagantaa karoora torbanii yookin walirraa hin cinne qabu. Kun immoo banaa fooyya’insa barbaadu dha.

[Ilaalcha Walii Galaa Guddina Ogummaa, Leenjii fi Gargarsa Hojjetootaa kan itti fufe 2]

Tooftaa sirna barnootaattif, gara fuuldurratti banaa fooyya’insa barbaadan argina. Giddu galeessa fi maneen maatiitiif, ,heyyamni falaasama sagantaa hordofa. Warri Jalqaba Milkaa’an immoo falasama sirna barnootaa fi hima sirna barnootaa of keessatti hammata. SQBJDn sirna barnootaa hojjechuuf bay;ee rakkisaa dha. Banaan kun heeyyama irratti akka fooyya’uuf dhimmi falaasama sagantaan sagantaa dhuunfaa wajjin hidhannaa akka qabu maatiin gaafatamuu qabu?

Dhuma irratti, Warra Afaan Lama Barataniif, dhimmoota daangaa darban, banaa heeyyama keessa jiru , Warri Jalqaba Milkaa’an fi SQBJD jalqaba irratti leenjii fi gargaarsa teeknikaa wajjin wal qabata..

[Ilaalcha Walii Galaa Guddina Ogummaa, Leenjii fi Gargarsa Hojjetootaa kan dhumaa]

Agarsiifni dhumaa kun waan har’a hojjetamuu qabu. Yaada fi deebii keessan yoo argate gabbachuu danda’a .

Galatoomaa!



Heezer Weest, Bulchaa Sadarkaa Naannoo

Heloo! Ani Heezer Weestn jedham Mummuu Barnoota Jalqabaa keessatti bulchaa sadarkaa naannoo waajira heeyyama daa’immanii fi miseensa koree si’essituuti. Guyyyaa har’aa kana akka qaama qindoominaa keessaa tokko ta’uu keenyatti, heyyamni giddu galeessaa fi maatii keessatti dhimmoota , Warri Jalqaba Milkaa’an fi SQBJD wajjin hin qindoomne hedduutu jiru. Amma dhimmoota kana erga xiinxallee booddee sadarkaawwan kun akkamitti akka kurfaa’uu qaban wajjin hojjenna.



[Sadarkaa Heeyyamaa hin Qindoomne]

Akka yaada walii galaatii sadarkaan kan inni hammatu:



  • aboo

  • bulchiinsa

  • nageenya

  • dhiyeessa

  • fayyaa fi soorata

[Sadarkaa Heeyyamaa hin Qindoomne 2]

Sadarkaawwan kanaaf, dhimmoota irra deddebii , fooyya’insaa, afaanii hin ilaallu, garuu haala kamiin walitti kurfeessuu akka dandeenyu yaadna. Gareewwan illallee kurfaa’un kan hojjettan walirraa caqasuudhaan akka garee qindoominaatti heeyyama, Warra Jalqaba Milkaa’an wajjin ni hojjeta.



[Sadarkaa Heeyyamaa hin Qindoomne Fakkenya Bulchiinsaa]

Fakkeenya cimaa tokko isiniif kennudhaaf, kun immoo heeyyamn sadarkaa bulchiinsatiin akkamitti akka hojjetu ilaalla.

Imaammanii fi adeemsi xiyyeeffannoo seerota kessaa wajjin ta’uudhan, gareewwan kana tilmaama keeesaa galchuudhaan:


  • Humna namaa [Gartokkeen mana keessa jiraachuu malu]

  • Gabaasaa fi Waraabbii

  • To’annaa Cimaa

  • Hacuuccaa fi Qoqqobbaa

  • Iccitii Eeguu

  • Galmee Daa’imaa fi Maatii

  • Ogummaa Hojjetootaa Guddisuu fi Walqunnamtii

Akkuma barbaachisummaa isaattii, caqasaa qaxxamuraa dhimmoota guddina fi leenjii gummaa, miidhaa fi qoqqoobbaa daa’immanii, to’annaa irraatti taasisuu.

Akkumma dhimmoota kan biroo, guduunfaa dhimma kana irrattis siniif kennuu barbaanna. Yaada fi ilaalacha keessan waa’ee tooftaa gaarii argachuu barbaanna, yeroo nuuf kennitaniif immoo galatoomaa!

Heezer Moos , Itti Aanaa Itti Gaafatamaa

Akkuma amma argitani fi dhageessa, Qindoominni hojii baay’ee barbaada. Adeemsa irraa akkuma barannetti isin irraa baay’ee dhaga’uu barbaanna. We are learning a lot from the process and we are eager to hear from you. Your input is essential. Badhhadhina Waashingtan, Hidha Barnoota Jalqabaa Naannolee, wajjin ta’uudhaan, Guutummaa biyyattii keessatti adeemsifamaa kan jiru Waltajjii Hirmaannaa Uummataa warra hirmaattan irraa dhaga’uu feena.



[Waltajjii Hirmannaa Hawaasaa Har’aa]

Har’a maal hojjenna? Hundumti keenya barnoota jalqabaa Waashingitan odeeffannoo qindoominaa dhiyeesudhaan gaargaarsa fi tumsa keenya keennuuf wajjin hojjenna.

Waltajjiin hawaasaa har’aa odeeffaannoo waljijjiiruudhaaf, deebii argachuufii dhiibbaa fiduudhaafi.

Nuti odeffannoo isin wajjin hirmaannu qabna. Kun immo jalqaba walga’ii keenyaati. Garuu hunduma caalaa kaayyoon hasaa keenya har’aa waa’ee adeemsa qnidoominaa irratti deebii fi dhiibbaa keessan argachuu dha.



[ Hirmannaa Hawaasaa Har’aa Waltajjii 2]

Kanatti aanee kan jiru caaseffama waltajjii keenya har’aati.

Gareewwan hojjettan keessatti hirmaachudhaan carraa muuxxannoo keessan qooduu fi odeeffannoo kennuu argattu. Gareen hojjetootaa kun immoo dhimmoota armaan gadii irraatti xiyyeefatu:


  • Bu’aa daa’immanii fi hirmaannaa maatii

  • Walitti dhufeenya

  • Naannoolee

  • Guddina Ogummaa - Leenjii fi Gargaarsa Hojjetootaa

Qabiyyeen dhimmoota kun sireeffamuuf gaaffii akka dhiyeesitanii fi qabeenyatti akka fayyadamtaniifi. Gareen tokkoon tokkon isaanii gumii tokkummaa walta’iinsa barnoota jalqabaa, hubannaa kunuunsa daa’immanii fi Muummuu Barnoota Jalqabaa kan of keessaa qabu dha. Gareewwan qabiyyee hundinuu gaaffiilee wal fakkaatu dhiyeessu.



Hojiin kun adeemsan kan fooyya’u ta’ee, gaaffii keessan kan keessummeessu, akkasummas yaadni fi fillannoowwan furmaataa isin dhiyeessitan bu’aa guddaa qaba. Amma haa jalqabnu, Galatoomaa!


Yüklə 45,11 Kb.

Dostları ilə paylaş:




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin