Seensa Hima Rakkoo 2



Yüklə 236,66 Kb.
səhifə1/12
tarix26.10.2017
ölçüsü236,66 Kb.
#13854
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12



untitled.png

Baafata

Lak............................................................................................................................................Fuula


BOQONNAA TOKKO 2

1. Gumee Qorannoo 2



1.1 Seensa 2

1.2 Hima Rakkoo 2

1.3 Kaayyoolee Qorannichaa 3

1.4 Gaaffilee Qorannichaa 3

1.5 Mala fi Adeemsa Qorannichaa (Research Methodolgy and Research Approach) 4

1.5.1 Mala Qorannichaa 4

1.5.2 Adeemsa Qorannichaa (Research Approach) 4

1.5.3 Toftaa Ragaan Itti Funaaname 4

1.6 Daangaa Qorannichaa 5

1.7 Qabiyyee Qorannichaa 5

6

BOQONNAA LAMA 6



2. Faayidaa Tekinoloojiin Quunnamtii fi Odeeffannoo Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Keessatti Qabuu fi Muuxannoo Manneen Murtii Biyyoota Biroo 6

2.1. Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo Tajaajila Abbaa Seerummaa Keessatti 7

2.2. Faayidaa Tekinoloojiin Quunnamtii fi Odeeffannoo Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa Keessatti Qabu 9

2.3. Itti fayyadama Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo Irratti Muuxannoo Manneen Murtii Biyyoota Biroo 12

2.3.1. Muuxannoo Manneen Murtii Biyya Singaapor 13

2.3.2. Muuxannoo Manneen Murtii Biyya Hindii 15

BOQONNAA SADII 18

3. Manneen Murtii Oromiyaa Keessatti Gahee Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo: Bu’aalee Argaman fi Hanqinoota Mul’atan 18



3.1. Itti fayyadama Tekinoloojii Quunnamtii Odeeffannoo Manneen Murtii Oromiyaa 19

3.1.1 Bu’uuraalee Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo Guutaman 19

3.1.2 Sadarkaa Itti fayyadama TQO Manneen Murtii Oromiyaa 21

3.2. Bu’aawwan Itti fayyadamni TQO Manneen Murtii Oromiyaa Keessatti Argamsiise 23

3.3. Rakkoolee Itti fayyadama TQO Waliin Walqabatee Manneen Murtii Oromiyaa Keessatti Mul’atan 25

BOQONNAA AFUR 28

4. Ittifayyadama Tekinoloojii Quunnamtii fi Odeeffannoo: Muuxannoo Biyya Keessaa, Qormaatawwan fi Carraawwan Jiran 28

4.1. Muuxannoo Manneen Murtii Biyya Keessaa 28

4.1.1. Muuxannoo Mana Murtii Waliigala Federaala Itoophiyaa 28

4.1.2. Muuxannoo Mana Murtii Waliigala Naannoo Saba, Sab-Lammootaa fi Uummattoota Kibbaa 30

4.2 Qormaatawwan (Challenges) Hojiirra Oolmaa TQO Keessatti Quunnamuu Danda’an 32

4.3 Itti Fayyadama TQO Manneen Murtii Oromiyaa Keessatti Fooyyessuuf Carrawwan Jiran 32

BOQONNAA SHAN 34

5. Guduunfaa fi Kallattii Fuul-duraa 34

5.1. Guduunfaa 34

5.2. Yaada Furmaataa fi Kallattii Fuula Duraa 34

B-Yaada Furmaataa Yeroo Dheeraa (Kallattii Fuula Duraaf Kan Ta’u) 35



BOQONNAA TOKKO

1. Gumee Qorannoo

1.1 Seensa


Tekinoloojiin Quunnamtii fi Odeeffannoo (TQO) fooyya’insa kenninsa tajaajila Abbaa seerummaa keessatti kallattii dhaqabamummaa, si’oominaa, bulchiinsa dhangaliinsa dhimmootaa fi fooyya’insa sirna haqaa akka waliigalaa keessatti gahee guddaa kan taphatu dha.

Manneen Murtii keessatti itti fayyadama TQO kallattii heera mootummaan yoo ilaalamu Heerri Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa keewwatni 37 namni kamiyyuu dhimma Murtiidhaan murtaa’uu qabu, mana murtittii yookiin qaama biroo kan aangoon abbaa seerummaa seeraan kennameefiitti dhiyeessuufi Murtii argachuudhaaf mirga akka qabu tuma. Kunis Manneen Murtii keessatti ga’een TQO Kenninsa Tajaajila Abbaa Seerummaa (KTAS) kessatti kallattii mirga haqa argachuu lammiilee deeggaruun fi dhugoomsuun qabu kan madaalamu akka ta’e ni hubatama. Kana malees, qajeeltoo heera mootummaa keessaa tokko kan ta’e iftoomina kenninsa tajaajila hojiilee mootummaa dha. Kenninsi tajaajila abbaa seerummaas qajeeltoo heera mootummaa kanaan alatti kan ilaalamu miti. Tajaajilli abbaa seerummaa maamiltoota, dhimmamtootaa fi hawaasa hundaaf ifa ta’uu qaba. Kanaafuu, Manneen Murtii keessatti itti fayyadamni TQO bu’uura qajeeltoowwan heera mootummaa kanaan kan ilaalamu ta’a.

Tekinoloojiin Quunnamtii fi Odeeffannoo Manneen Murtii ergama isaanii akka bahan deeggarsa guddaa waan qabuuf Manni Murtii Waliigala Oromiyaas Manneen Murtii Oromiyaa hunda keessatti itti fayyadama isaa ni jajjabeessa. Haaluma kanaan, Manni Murtii Waliigala Oromiyaa kenninsi tajaajila abbaa seerummaa fedhii tajaajilamtoota yeroo yerootti dabalaa deemu bifa walmadaaluun rifoormiiwwan garaagaraa tekinoloojiidhaan deeggarame hojiirra oolchaa tureera. Haa ta’u malee, haala qabatamaa Manneen Murtii Oromiyaa waliin yoo ilaalamu haalli itti fayyadama TQO fi dhiyeessiin jiru bibitinnaa’aa ykn kan walhin fakkaatne waan ta’eef TQOn bu’aa buusuu malu sadarkaa barbaadamuun argamsiisaa kan jiru miti. Qorannoon kunis Manneen Murtii Oromiyaa keessatti TQO karaa guutuu ta’een haala itti fayyadamuun danda’amu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u argannoowwan qorannoo kanaas ittifayyadama TQO waliin walqabatee milkaa’inaa fi hanqinoota jiran adda baasuun karoora Manneen Murtii Oromiyaa waggoota shanan dhufaniif galtee ta’uun kan gargaaru ta’a.

1.2 Hima Rakkoo


Manneen Murtii Oromiyaa keessatti tekinoloojii hammayyaatti fayyadamuudhaan KTAS dhaqabamaa, si’ataa fi qulqulluu akka ta’u gochuuf hojiileen hojjetamaa turan laayyoo miti. Kanaaf jecha waggaa waggaan karoora Manneen Murtii keessatti akka hammatamu gochuun baajeta barbaachisaa ta’e ramaduun meeshaalee TQO toora xiyyeeffannoo Manneen Murtii Oromiyaa milkeessuuf murteessoo ta’aniif xiyyeeffannoon dursaa kennamee hojjetamaa tureera.

Haa ta’u malee, tekinoloojiin hammayyaa Manneen Murtii Oromiyaa keessatti shoora taphachuu qaban walqabatee hanqinaaleen tokko tokko ni calaqqisu. Meeshaaleen tekinoloojii jiran bifa guutuu ta’een hojiirra oolanii kan jiran miti. Ittifayyadamni meeshaalee TQO Manneen Murtii hundattii fi ogeessota hunda biratti kan wal fakkaatu miti. Walumaagalatti, Manneen Murtii Oromiyaa keessatti TQOtti gargaaramuun KTAS bu’aa qabeessa gochuuf rakkoon itti fayyadamaa kan jiru ta’uu isaati. Haala itti fayyadama TQO sadarkaa itti aanutti ceesisuun bu’aa barbaadamu argamsiisuuf immoo rakkoolee hanga ammaa gama kanaan jiran qorannoodhaan adda baasuu fi rakkoolee mul’ataniif fala qorannoo irratti hundaa’e kaahuun barbaachisaa dha. Haaluma kanaan qorannoon kunis ittifayyadama TQO waliin walqabatee hanqinaaale jiran sababoota isaa waliin adda baasuuf kan yaalu ta’a.



Yüklə 236,66 Kb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   12




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin