Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Karoora Guddinaa fi Traansformeeshinii Bara 2008-2012



Yüklə 1,97 Mb.
səhifə5/42
tarix03.01.2022
ölçüsü1,97 Mb.
#39165
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   42

Karoora Guddinaa fi Traansformeeshinii Bara 2008-2012


Intarpiraayizichi hojjii ijaarsa daandii, ijaarsa bishaanii, Ijaarsa gamoo, Suphaa daandii fi hojjiilee ijaarsaan wal-qabatan irratti ni hojjeta. Kana malees meeshaalee hojii ijaarsaan wal-qabatan fi tajaajila kamiyyuu ni oomisha, biyya alaatii ni galcha, ni gurgura, ni kireessa.
Intarpiraayizichi kaayyoo isaa kana galmaan gahuuf, akkasumas karoora guddinaa fi tiraanisfoormeshiin marsaa 2ffaa biyyi keenya qabate akka naannoo Oromiyaatti dhugoomsuuf IIDOn karoora waggaa Shanii kan ofiisaa qopheeffachuun barbaachisaa dha. Faayidaan karoora kanaas dhaabbatichi maal akka hojjachuu qabu, akkamitti akka hojjetu, maaliif akka hojjatu, yoom akka hojjatu fi eenyuun akka hojjatamu beekuuf gargaara. Bu’uurri karoora waggaa shanii kanaa itti fayyadama qabeenya hundaa yeroo barbaadameeti dhimma barbaademeef qixa sirriitiin hojjiirra ooluu isaa agarsiisa. Kana jechuun karoorri kun mul’ata ergamaa fi kaayyoo dhaabbatichaa yeroo kaa’ame sana keessatti galma gahuusaa ibsaa. Haaluma kanaan, karooruma (KGT II) waggaa shanii mootummaa irraatti hundaa’uun karoorri IIDO bara 2008-2012 qophaa’ee jira.
Qabiyyeen dookmantii kanaas, seenaa walii galaa mul’ata, ergama, galmaa fi kaayyoo Intarpiraayizichaa fedhii fi bu’aa qooddatoota (Stoke holders) fi warra interpiraayizicha waliin wal ta’an hojjataan (Collaborators) dhimmoota ijoo furmaata barbaadaan fi tarsimoo sana ittin furuuf ka’aman waliin, ibsa bal’aa karoora wagga 5, hojiirra oolmaa karoorichaa hordoffii fi gamaggama karoora intarpirayiziichaa kan hammatuu dha.


Yüklə 1,97 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   42




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin