Smbkt intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa


Bu’aa: Baay’ina qo’annoo fi qorannoo hojii irra oole Milkaa’ina



Yüklə 2,07 Mb.
səhifə65/84
tarix09.01.2022
ölçüsü2,07 Mb.
#96981
1   ...   61   62   63   64   65   66   67   68   ...   84
Bu’aa: Baay’ina qo’annoo fi qorannoo hojii irra oole

Milkaa’ina: Galii haaraa dabalataan argame


Ibsa: Hoggantootni, hojjetooni intarpiraayizichaa fi qooda fudhattotni sadarkaa sadarkaan jiran sochii hojii kamiyyuu keessatti hirmaannaa fi waliigaltee maamilaa mirkaneessuuf sirnaa fi hojmaata iftoomina, qulqullina, saffina, haqummaa, gahumsaa fi bu’a-qabeessummaa qabu akkasumas itti gaafatamuummaan keessaatti mirkanaa’e diriirsuun barbaachisaa dha. Gaggeesaan fi hoojjataan adeemsa kanaan dura baratamee fi maamila mufachiisuu danda’u maqsuudhaan milkaa’ina bulchiinsa gaarii fiduun ni barbaachisa.

Kana dhugoomsuuf, intarpiraayziin tajaajiloota barbaachisoo ta’an kamiyyuu maamilaaf baay’inaan, dhaqqabamuumaa, si’ominaa fi qulqullinaan dhiheessuun fedhiin maamilaa akka guutamu taasisuu qaba. Gurmaa’insaa fi hojmaata intarpiraayizii haala fedhii lammii yookiin maamila giddu galeessa godhateen sirreessuun, argannoowwan meeshaalee riifoormii (jijjiiramaa) yeroo yeroon jiran sakatta’uu, hojjetaan beekumsaa fi teeknoloojii ammayyaatiin hidhachiisuu, miira tajaajiltummaa, itti gaafatamuumaa fi ilaacha ummatummaa horate uumuu dha.

Dabalataan sirna keessummeessaa komii diriiiree jiru irra deebiin cimsuudhaan haala maamilii tajaajila kennamaafii jiru irratti komii qabu itti ibsachuu danda’uu fi deebii saffina qabu itti argatu taasisuu dha. Qajeeltoowwan Paakeejii bulchiinsa Gaarii qixa sirrii ta’een hojii irra oolchuudhaan bu’aalee fi muxannoowwaan gaggaarii argaman haala walirraa hincinnee fi itti fuufiinsa qabuun funaanuu, qindeessuu fi erga tokko iddoo hundatti akka babal’atan gochuudhaan kenna tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuun ni danda’ama.


Yüklə 2,07 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   61   62   63   64   65   66   67   68   ...   84




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin