Gamaaggama Raawwii Walakkeessaa kgt-ii


Dhimmoota hojjetaa fi hawaasummaa



Yüklə 286 Kb.
səhifə23/23
tarix20.05.2023
ölçüsü286 Kb.
#127325
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23
Report GTP-II Final Volume-I

Dhimmoota hojjetaa fi hawaasummaa

Walittidhufeenya hojjetaa fi hojjechiisaa (labour relations)fooyyessuudhaan walta’umsa industirii keessatti dagaasuuf jecha hanga bara 2010tti jaarmiyaalee 15,000 keessatti namoota 310,000 tiif labsiirratti hubannoo uumuuf, akkasumas hojjettoota 297,514 jaarmiyaalee 4,729 keessaa baba’aniif leenjii kennuuf karoorfameera. Haaluma kanaan namoota 165,850 (%53.5) jaarmiyaalee 10,835 (%72) keessaa babahan hubannoo akka argatan kan taasifame yemmuu ta’u hojjettoota 76,993 (%26) jaarmiyaalee 4,658 (%98.5) irraa argamaniif leenjiin kennameera. Raawwiin hubannoo uumuu fi leenjii namoota hirmaataniin yemmuu ilaallamu gadi-aanaadha. Kana waan ta’eef mirgi hojjetaa jaarmiyaalee adda-addaa, keessattuu warshaalee invastimantii keessatti dhiibamaa akka jiru hubatameera. Kana waan ta’eefis, leenjii fi hubannoo uumuun kun haala yeroo keessatti argamnuu wajjiin walqabatee bal’inaan kennamuu qaba. Kanaafis tooftaa haaraa baasuun yoo barbaachise ilaaluun ni danda’ama.


Gama too’annoo haala hojii (workplace safety) tiin too’annoon marsaa duraa jaarmiyaalee 22,589 keessatti fi hordoffiin (follow-up) jaarmiyaalee 22,409 keessatti gaggeeffamuuf karoorfamus raawwiin walduraa-duubaan % 39 fi % 34 irratti argama. Raawwiin gama kanaan jirus baay’ee gadi-bu’aadha. Kanaaf sababii guddaa kan ta’e tokko ogeessaa hojii kanaaf ta’u gabaa irraa dhabuun waan tokko ta’ee, jaarmiyaalee too’annoo marsaa tokkoffaa booda hordofamanii haalli isaanii hinfooyya’in irratti tarkaanfiin fudhatamuu dhabuun rakkina ijoo akka ta’e ilaaluu barbaachisa. Invastimantii jajjabeessuun akkuma jirutti ta’ee, invastimantii lammiirratti balaa qaqqabsiisu hanqina isaa akka fooyyeffatu gochuuf hojjechuu barbaachisa. Kanaafuu, yeroo itti-aanutti jaarmiyaalee haaraa too’achuurra kanneen kana dura rakkina qabaachuun isaanii hubatame hanqina isaanii akka fooyyeffatan gochuu barbaachis. Kun akkuma jirutti ta’ee, mallii ittiin leenjiin ogummaa too’annoo haala hojii jaarmiyaalee gaggeeffamurratti humna jaarmiyaalee cimsuun ittifufiinsa hojichaatiif murteessaadha.
Tarsiimoon misoomaa gaggeessinu kan hunda hammate (inclusive) waan ta’eef qaama hawaasaa deeggersa addaa barbaadufis xiyyeeffannaan gahaan kennamuu qaba. Akkuma misooma barnootaa keessatti ilaalle, xiyyeeffannaan barnoota fedhii addaatiif kenname dadhabaa waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo yeroo itt-aanuu ta’ee fudhatama.





Yüklə 286 Kb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   15   16   17   18   19   20   21   22   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin