2.4.3 Karoora Hojiiwwan Ijaarsaa Bara 2008-2012
Hojii guddaan IIDOn raawwatu ijaarsa daandii yoo ta’u daandiiwwan ijaaraman daandii bonaa ganna tajaajila kennanii dha. Pirojektootni bara 2008-2012 hojjatamuuf karoorfaman (27 kan harkaa qabuu fi 17 haaraa argamuu kan danda’an ) baay’inaan 44 yoo ta’an dheerinni isaanii kan waliigalaa km 2,241.28 ta’a. Kanneen keessaa waggota shanan dhufan keessa km 1,442.28 hojjachuun, pirojaktoota 31 xummuruuf karoorfameera. Bara KGT II kana keessa hojii ijaarsaa fi suphaa daandii asfaaltii ni raawwatama yoo ta’u dabalataanis hojii gamoo fi bishaanii itti adeemama. Meeshaleen adda addaa kan hojii ijaarsaaf galtee ta’anii fi gurguramanii Intarpiraayizichaaf madda galii ta’an Wiirtu Tajaajila Suphaa Ikupmantii fi Omishaalee (WTSIO) ofii keessatti fi naannoo pirojaktootaatti ni oomishamu. Walumaagalatti barreen kanneen keessa hojii gatii Qr Biliiyoona 9.85 qabu hojjachuuf karrorfameera
Gabatee -14
Dostları ilə paylaş: |