Motummaa naannoo oromiyaatti biiroo industirii fi misooma magaalaa oromiyaa


Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo fi Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo Karoora



Yüklə 1,3 Mb.
səhifə4/14
tarix12.01.2019
ölçüsü1,3 Mb.
#96402
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14

Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimoo fi Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo Karoora

  • Toora Xiyyeeffannoo


    Toorri xiyyeffannoo tarsiimoo’aan utubaa milkaa’inaa ti. Seektarri Industirii fi Misooma Magaalaa Mul’ataa fi Ergama isaa gama bu’aa qabeessa ta’een galmaan gahuuf dhimma murteessoo (ijoo) ta’an addaan baasuun, seektaricha keessatti gufuuwwan /pains/ furmaata barbaadanii fi dandeessistootni /enablers/ guddinaa fi misoomaaf gumaacha ol’aanaa qabaniif kan akka carraa fi cimina jiru duguuganii fayyadamuudhaan gufuwwan jiran hiikuu irratti xiyyeeffachuun ni hojjetama. Haa ta’u malee, hojiiwwan seektaricha keessatti hojjetaman hundinuu milkaa’inni isaanii kaayyoowwan seektarichaa galmaan ga’uuf qaban walqixa miti. Kanaafuu, hojiileen ijoo ta’anii fi mana hojichaa hunda ilaallatan adda baasuun ciminaan irratti hojjechuun barbaachisaa dha. Dhimmootni akka seektarichaatti toora xiyyeeffannoo ta’anii filataman hundi guutummaa guutuutti yoo hojjetaman ergamaa fi mul’anni seektarichaa galma ni gahu, rakkooleen ijoo seektarichaa furmaata ni argatu. Kunis cehumsa dinagdee gara industiriitti godhamu waliin jiruu fi jireenyi uummata naannichaa akka fooyya’u ni taasisa. Akka seektarichaatti misooma industirii fi magaalaa itti fuufiinsa qabuu fi hawaasni sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamaa ta’u mirkaneessuuf waggoota shanan jiran (2008-2012) keessatti toorawwan xiyyeeffannoo sadan armaan gadii irratti xiyyeeffachuudhaan kan hojjetamaa jiru dha.

    Isaanis:

    1. Misooma Industirii

    2. Misooma Magaalota Hammayyaa’aa

    3. Gahumsa Odeeffannoo Gabaa Hojii fi Humna Misoomaa
      1. Ibsa fi Bu’aawwan Toora Xiyyeeffannoo Tarsima’aa

        1. Misooma Industirii


    Dinagdee qonnaan dursamu irraa gara dinagdee industiriin hogganamuutti cehuuf bu’uura industirii naannicha keessatti kaa’uun hojii murteessa dha. Haaluma kanaan, naannoo keenya keessatti industiriiwwan xixiqqaa, giddugaleessaa fi gurguddoon akka hundeeffamanii fi babal’ataniif pootenshaala industirii qorachuu fi beeksisuu, teeknoloojii industirii biyya keenyatti barbaadaman addaan baasuu fi qindeessuu, gurmaa’insi IMX sadarkaa olii hanga gaditti jiru bifa iftoomina qabuun akka raawwatamu gadi fageenyaan hubannoo argatee misooma itti fufiinsa qabu fi uummatni irraa fayadamu galmeessisuu fi hiyyummaa dhabamsiisuu, hojii dhabeeyyii bifa hammachuu danda’uun gurmeessuu fi akka hojitti galan gochuun qaamoleen adda addaa misooma IMX cimsuudhaaf qooda qaban akkaataa ittiin tumsa gochuu qaban hubachiisuun hirmaachisuu dha.

    Haaluma kanaan muuxannoowwan gaggaarii sektericha keessatti galma’an/argaman/ qindeessuun babal’isuu fi teeknoloojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an sadarkaa hundaatti yeroo muraasa keessatti hojirra oolchuudhaan Intarpiraayizoota Maaykiroo fi Xixiqqaa keessumattuu dubartootaa fi dargaggoota baay’inaan akka keessatti hirmaatan deeggaruun qabeenya horatanii gara invastimantii xixiqqaa, giddugaleessaa fi gurguddaatti akka ce’an taasisuun, jiruu fi jireenyi isaanii akka jijjiiramuu fi guddina hawaas-dinagdeef gumaachuu akka danda’an taasisuu dha.

    Gama biraatiin qorannoo adda addaa gaggeessuun carraa fi qabeenya investmantii jiru addaan baasuun abbootiin qabeenyaa fedhii horatanii gara invastimantii akka dhufan odeeffannoo sirrii ta’ee qopheesuun, bifa hammayyaa fi bu’a qabeessaa ta’een tamsaasuun invastimantiin akka babal’atu taasisuun, magaalaa fi baadiyyaa walitti hidhamuun akka guddatan hojjechuu dha. Akkasumas, bu’aa qabeessummaan invastimantii akka mirkanaa’uuf deeggarsii fi hordoffiin ittifufiinsa qabu gochuun invastaroonni hojii qabatamaa keessaa akka galan haala mijeessuun carraa hojii bal’aa hoji-dhabdootaaf akka uumamuu taasisisuu yoo ta’u, industiriiwwan oomisha alatti-ergan (export) sadarkaa isaanii eeguun gabaa addunyaa keessatti dorgomaa ta’uun sharafa biyya alaa argamsiisanii fi al-galtee bakka bu’u (import substitution) irratti hojjetan jajjabeessuu dha.

    Walumaagalatti industiriiwwan guddina diinagdee ariifachisaa fiduuf shoora olaanaa akka taphatan gochuun nageenya industirii irratti hojjechuun murteessaa dha. Kanaafuu industiriiwwaan oromiyaa keessa jiran hunda keessatti walitti dhufeenyii hojjetaa fi hojjechisaa gidduu jiru cimee nageenyii fi qunnamtii industirii gaarii akka uumaamu taasisuuf seeroota dhimma hojjetaa fi hojjechisaa irrattii hubannoo fi leenjii kennuu, waldaatiin akka ijaaramaniif haala mijeessuu fi bakki hojii balaa industurii fi dhibee sababa hojiitiin dhufaan irraa bilisa akka ta’u hordoffii wal irraa hin cinnee sadarka sadarkaan gaggeessuun fayyummaa fi nagummaan hojjetootaa akka mirkana’u haala hojii fi bakka hojii mija’aa ta’e akka uumaamu taasisuun naannicha keessatti nageenyii industirii eegamee ce’umsa dinagdee gara industiriitti taasifamu milkeessuu dha.



    Bu’aa Toora xiyyeeffannoo: Industiriwwan guddina dinagdeef bu’uura ta’anii uummanni irraa fayyadame.
        1. Misooma Magaalaa Hammayyaa’aa


    Hojiin misooma magaalaa hojii misooma waliigalaa kallattii hawaas-dinagdee fi naannoo (Industirii, Daldala, Gabaa, Bu’uura Misoomaa, Miidhaginaa fi Qulqullina Eegumsa Naannoo Magaalaa, Qonna Magaalaa fi Tajaajilaa Hawaasummaa) kan ofkeessatti hammatuu fi qindoomina qooda fudhattootaa fi walitti hidhaminsa hojii kan gaafatu dha. Guddinni fi saffisni misooma magaalaa kan hundaa’u kallattii si’oomina misooma baadiyyaa irratti waan ta’eef, guddinni misooma baadiyyaa guddina misooma magaalaa keessatti gahee guddaa qaba. Kanaafuu, walitti hidhaminsi lamaan isaanii misooma biyyaa kan mirkaaneessu ta’a.

    Akkasumas, gidduugaleessa guddina baadiyyaa qopheessuun gandoolee baadiyyaa gara magaalummaatti guddataa jiran qorachuun ulaagaalee magaalaa warra guutaniif qaama seerummaa kennuu, akkasumas, sadarkaa magaalotaa fooyyessuu fi pilaanii magaalaa ammayyeessuun guddina magaalaa pilaaniin hogganuun misooma magaala keessatti gaggeeffamu haala ammayya’een akka raawwatamu taasisuu dha.

    Haaluma kanaan, sagantaa raawwii bulchiinsa gaarii magaalota keessatti diirirsuu fi kenninsa tajaajila fooyyessuun aadaan dimokiraasii akka dagaaguu humna raawwachiisummaa mana maree bulchiinsa magaalotaa cimsuun xiyyeffannoon hojjechuu dha. Bu’uuraalee misoomaa sadarkaa sadarkaan diriirsuu keessatti rakkoo mana jireenya magaalota haala qorannoo irratti hundaa’een hiikuu, gamoowwan mootummaa sirna hammyyaa’een bulchuu fi tajaajila hawwataa fi dorgomaa ta’e akka kennuu danda’an taasisuu, magaalonni naannicha keessatti argaman hundi wiirtuuleen misooma hawaas-dinagdee akka ta’an ijaarsalee sadarkaa isaanii eeganii akka ijaaramanii fi naannicha keessatti industirii konistiraakshinii akka babal’atu kontraaktarootaa fi gorsitoota ulaagaa guutaniif heyyama ijaarsaa kennuu fi gahumsa isaanii cimsuu, haala heyyama isaniitiin akka hojjetan to’annoo fi hordoffii gochuu, sadarkaa isaanii guddisuu, ijaarsaaleen naannicha keessatti gaggeeffaman qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggatee akka hojjetamuu fi jiruu fi jireenyaa hawaasaatiif mijaa’aa akka ta’u ni hojjetama.

    Walumaagalatti sochii toora kanaa milkeessuu keessatti magaalonni galii isaani akka dabaluuf hirmaannaa uummataa gama hundaan cimsuun hordoffii fi deggarsa walirraa hin cinne gochuun magaalota hammayyaa’anii fi bulchiinsi gaariin keessatti mirkanaa’ee iddoo misoomni hawaasuummaa (social development) fi dinagdeen itti dagaagee, rakkooleen jireenya hawaasummaa (social problems) xiqqaatee fi wabiin nageenya hawaasummaa ittii mirkanaa’u gochuu irratti ni hojjetama.



    Bu’aa Toora xiyyeeffannoo: Magaalota bulchiinsi gaarii keessatti mirkanaa’ee jiruu fi jireenyaaf mijawaa ta’an.
        1. Gahumsa Odeeffannoo Gabaa Hojii fi Humna Misoomaa


    Qorannoo fedhii gabaa hojii fi sadarkaa ogummaa qulqullina isaa eeggate akka qophaa’u gochuudhaan leenjii gahumsa (skill, knowledge and attitude) qabu kennuu fi madaallii gahumsa ogummaa kennuudhaan humna misoomaa gabaa hojii keessatti dorgomaa ta'e qopheessuun barbaachisaa dha. Haluma kanaan, hojii dhabeeyyii keessumattuu dargaggoonnii fi dubartoonnii akkasumas namoonni harka qaleeyii ta’anii rakkoolee hawaasummaa adda addaa keessa jiraataniif carraa leenjii ogummaa fi gorsa adda addaa akka argatan gochuudhaan gahumsa horatanii gurmaa’uunis ta’e dhunfaadhaan hojii ofiin uummachuun hirmannaa fi itti fayadamummaa sochii dinagdee keessatti qaban ol guddisuudhaan qooda fudhattoota akka ta’an gochuu dha. Akkasumas, Barnootaa fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa irraa dandeettii fi gahumsa horatanii misoomni IMX hojii irra oolee cee’umsa gara industirii giddu-galeessaa fi gurguddaatti taasifamuuf bu’uura akka buusuu fi invastimantii naannichaa keessatti gaggeeffamuuf galtee gahumsa humna namaa gaafatu deebisuun lammiilee hojii dhabdoota ta’an fayyadamtoota taasisuu irratti xiyyeffatamee ni hojjetama.

    Haaluma kanaan tajaajila industirii ekisteenshinii ilaalchisee Intarpiraayizoota Maaykiroo fi Xixiqqaa hojiirra jiran qaawwa ogummaa isaan qaban qorachuun leenjii fi gorsa gahumsa isaan gonfachiisu kennuu, akkasumas paakeejii deeggarsa sadarkaa seektarichaan hojjetamanii fi qindoominaan hojjetaman adda baasuu fi qindeessuun hojiirra oolchuun bu’aa qabeessummaan gabaa hojii keessatti qaban cimee dorgomaa ta’uun akka hojjetan ni taasifama. Dabalataanis dandeetiin itti fayyadama teeknoloojii humna misoomaa/IMX kun akka cimuu fi qooda teeknoloojii waraabuu, kuusuu, kalaquu fi fooyyessuu keessatti gahumsa kanaaf barbaachisu horatanii akka hojjetanii fi teeknoloojii ceesisuudhaan dorgomaa cimaa akka ta’anii fi galiin ofdanda’anii gabaa keessa akka turaan taasisuu irratti xiyeeffatamee ni hojjetama.

    Gama biraatiin, gahumsa raawwachisummaa karoora misooma magaalaa, ‘Urban Management’ fi ‘Urban Engineering’ haala ittifuufinsan cimsuu fi magalonni ofiin ofbulchuu keessatti mana marii magaalotaa cimsuuf leenjii fi gorsa qorannoo irratti hundaa’e qaamolee qooda fudhatan hundaaf kennuurratti xiyyeeffatamee ni hojjetama.

    Ragaa fi odeeffannoon qabeenya humna namaa, fedhii humna namaa gabaan barbaaduu fi humna namaa hojii irratti bobba’e akka naannootti jiru beekuun haala qulqullina qabuun qindaa’ee jiraachuun isaa karoora misooma bahu qaama imaammataa fi tarsiimoo misoomaa biyyaa baasuuf waan gargaaruuf adda baasuun qindeessuu; tajaajila ejansiiwwan dhuunfaa hojii fi hojjetaa wal-qunnamsiisan babal’isuun, aadaa hojii fi gorsa ogummaa irratti hubannoo guddisuu hojii fi hojjetaa akka walqunnaman taasisuun dhimma irratti xiyyeeffatamee raawwatamuu qabuu dha.

    Walumaagalatti, seektara kana keessatti qindoominaa fi gurmaa’ina adda addaatiin odeeffannoo gabaa hojii fi humna misoomaa cime hundeessuun raayyaa misoomaa gahumsa qabu uumuudhaan mul’ataa fi ergama galmaan gahuu irratti xiyyeefatamee ni hojjetama.

    Bu’aa Toora xiyyeeffannoo: Humna namaa gahumsaan horatamee, dinagdee dabale  

    Ka’umsa KGT-2ffaa


    1. Tooraa fi Imaammatoota Diimookraatawaa fi Misoomawaa Biyya Keenyaa

    Biyyii keenyaa erga mootuummaa dimokiraatawaa fi misoomawwaan hogganamuu fi buluu calqabde imaammatoota, tarsimoowwaan of sagantaaleen misooma baadiyyaa fi magaalaa bahani hojirraa olaaniiru.Imaammatni Misoomaa Magaalaa haadhoo fi imaammatootin xixxiqqaan kan akka Imaammataa fi Tarsiimoo Misoomaa fi Manajimeentii Lafaa Magaalaa, Imaammata Misoomaa Induustrii Konistraakshiinii, Imaammataa Dhiyeessii Mana Jireenyyaa Magaalaa fi Fireemiworki Taarsiimoo fi fireemaworkiiwwan adda addaa misoomaa fi bulchiinsa gaarii deeggaraan bahani hojirraa oolaa kan turan yoo ta’u, bara 2006 imaammatni misooma magaalaa irraa deebiin fooyyaa’ee, leenjiin hoggansaa fi ogeeyyii irratti kennamee hojiitti galameera. Imaammatootaa fi fireemworkiin misooma magaalaa kuninis, akka biyyaatti kan bahan yoo ta’u, akka naannootis walsiimsiisuun ittin hojjatama tureera.

    Imaammatootaa,tarsimoowwanii fi fireemiworki, sagantaalee bahan kana wolitti qindeessani walsimsisuun raawwachuu kan gaafatuu waan ta’eef sirritti hubbachu barbaachisa. Leenjiin bal’aan sadarkaa sadarkaan hoggansaa, hojjatootaa fi hawaasaa bal’aa keennuun murteesa dha. Gamaa kanaanis, wolitti hidhaaminsaa baadiyyaa fi magaalaa cimsuun kallattii misoomaa akka walto’ataa deemuu godhama tureera.



    1. Mul’ata Yeroo Giddu galeessaa fi Yeroo Dheeraa Biyya keenyaa (Oromiyaa)

    Ummatni keenya kanaan dura akka biyyaattii misooma, bulchiinsaa gaarii, akkaasumas imaammataa fi tarsiimoowwaan nageenyaa irratti waliigaluun biyyii teenyaa gudinnaa diinagdee ariitiin tiraansformeeshiinii fiduuf sadarkaa sadarkaan hirmaannaa ho’aa tasiisuun fayyaadamummaa ummataa mirkaneessuuf, akkaasumaas sirna dimokiraasii keenya ijaaruuf akka biyaattii kan tarreefaman imaamataa fi tarsiimoowwan sektaraalee ittifuufsiisuuf murtee dabarsee waan jiruuf akka ka’uumsaattii fudhatameera.

    Ummatootiin biyyaa keenya mul’ata yeroo giddugaleessaa fi dheeraa qaban irrattii waliigaluun KGT2 (2008-2012) tiraansfoormeeshiinii haroomsa biyyaa keenya safisiisuun bara 2017tti biyootaa galii gidduugaleessaa cinaa hirirsuuf mul’ata qabame akka ka’uumsatii fudhatamera.



    Mul’atni biyyaa keenya yeroo gabaabaa keessatti biyyaa guddatee kan galii calqabaa doollaaraa (USD) 1,000, yeroo gidduugalleessatti 1,500 irran gahuuf karoorrii tiraansformeeshiinii bahee hojjatama jira. Kanaanis, waggoota darban 12f diinagdeen biyyaa keenyaa dijiitii lamaan wolitti aansuun guddachaa dhufeera. Bara 2006 Doollaaraa 632 irraa akka gahee, dhuma bara 2007tti Doollaaraa 700 akka gahuu tilmaameera. Kanaaf, Bara 2017tti biyyaa galii gidduugaleessa irra gahuuf hojjatama jira. Kun hojjii cimaa kan nu gaafatu, dhaamattii fi hiixxatani karoorsuu, ciminaan raawwaachuu fi kuutannoo kan gaafatuu waan ta’eef raayyaan ijaaramne hojjachu akka gaafatuu beekame ka’uumsaa KGT2 ta’e karoorafameera

    1. Ka’umsaa fi Raawwii KGT-1ffaa

    Biiroon Industrii fi misooma magaalaa jijjiramaa biyyaatti keessattii dhufuuf tumsuuf bara 1997 irraa kaasee hojiiwwan magaalaa keessatti hojjataman bal’inaan itti deemuuf kutaannoo mootuummaan misoomawaan keenyaa taasiseen imaammata misoomaa magaalaa, tariimoowwanii fi sagntaalee fi pirojaaktootaa isa irraa boccaman, akkasumaas paakkeejii misoomaa induustrii fi magaalaa fi paakkeejjii bulchiinsaa gaarii magalootaa qopheessuun hojiirra oolchuu isaan bu’aawwan gama misoomaa fi bulchiinsa gariin galma’ani jiru. Haaluma kanan Bara 2002 gaheen induustrii keessatti qabu %4 kan hincaallee yeroo amma kana %8 irraa kan gahee yoo ta’u, reel istaateeiinis %8 irra gaheera. Waligalan Galmoota bara KGT1 keessatti qabaman keessaa caalaman raawwaneera.hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsaa gaarii mirkaneessuu keessattis ciminaa, hanqinaalee fi rakkoollee jiran yeroo yeroon sakata’uun furmaataa ka’aa deemuun murteessaa akka ta’e hubbatamu qaba.

    1. Fedhiiwwan, Komeewwanii fi Gaaffiiwwan Haaraa Uummatni Keenya Qabu;

    Ummaatnii keenyaa kan baadiyyaas ta’ee kan magaalaa bu’aawwan tooraa keenya irra argateen sirna ijaarsaa dimokiraasii keessatti gahee isaa bal’inaan bahaa jira. Ummatni keenyaa misoomaa irra dhandhaamachu calqabu isaattiin waltajii dimokiraatawaa qopha’uuf irratti ji’a sadii sadiin marii ummataa magaaloota wajjiin hoggansii sadarkaa sadarkaan jiruu gadbu’ee gaggeesuurratti sodaa tokko malee komiiwwan qabuu fi ciminaa, hanqinaa fi rakkoollee keenya nutti agarsiisaa jira, kun sirnichi kan gonfaachissee waan ta’eef ifaa bilisa ta’ee komiiwwan gara misoomaa fi bulchiinsa gaarii jiran kaasaa jira. Hawwasaa fedhi qabu (demanding society) uumuu keenyaan bu’aa guddaa ta’u kan hubbatame yoo ta’u rakkoollee kaassaa jiru keessaa magaalootaa keessatti keenninsii tajaajilaa foyyee qabaatuus, ammaas haala riiformii irra ta’een iddoowwan muraasaa ta’an keessatti deemaa akka hinjirreef abbaa dhimma dedeebisuun akka jiru, bu’uura misoomaa akka ibsaa, teelee fi bishaan irratti hanqinnii bal’aan akka jiru, gama daandii dhagaa boccamaa fi ciraachaa, akkasumaas bu’uuraalee misoomaa biros ilaalchisee hojiin gaariin hojjatamus, ammas gama pirojaaktootatiin rakkoollen qulqullinnaa, harkifannaan fi baajataa ka’ameen yeroon xumuramu dhabbuu akka jiru, fedhiin mana jireenyaa bal’aan jiraatuus deebiin kennamuu harkifata ta’u, fi lafaa gahaa mana ijaarsaa fi hojiiwwn biroof ooluu qopha’ee akka dhiyaataa hinjirree, induustriin babalaachuun gaarii ta’uus, sakkata’insa dhibbaa naannoo (EIA) osoo hingeggeesin warshaa dhaabuu fi kunis naannoo irratti faalamaa bishaanii, qilleensaa fi biyyoo geessisa akka jiruu, daldallii keenyaas haala riiformii irra ta’een fooyeesuuf itti deemame bu’aa gariin argamus ammas daldallii seeraan alaa,raabsaa meeshaalee bu’uuraa mootuummaan deeggrree dhiyaataa jiru, taariffaa geejibbaa kabajuu dhabbuu fi balaa tiraafikaa qaqabaa jiru guddaa ta’uu fi kkf akkasumaas ilaalchii fi gochii kirsaasabdummaa lafaa, daldalaa, bittaa mootuumma pirojaktoota gurguddoo dabalate fi galii wolitti qabuun jiru akka jiruu fi kan biros misooma magaalaa fi bulchiinsa gariin walqabsiise komiiwwan ifaa fi bilisa ta’anii kaasaa kan jirani dha.Kunis deebii gahaa fi hattatama kan barbaaduu waan ta’eef KGT 2 keessattii riifoormiiwwan bahan qabannee ciminaan hojiirra oolchuu waan gaafatuuf akka ka’uumsatti fudhatameera.

    1. Carraa Bal’aa (Potentional) Naannoon Keenya Qabdu

    Naannoon Oromiyaa qabeenyaawwan qabduu keessaa humna namaa gahaa omishaawwaa ta’ee fi baayeen umurii omishawaa ‘Productive Labor Force’ keessaa jiran kan qabduu yoo ta’u humna namaa bal’aa qabnuu kana barnootaan qarruun, faayyaan isa eegamee teekinoolojii ammayyaa fayyadamuun akka hojiitti boba’uu tasiisuu, lafaa bal’aa qabunu karooraan hojirra oolchu, laggeewwan baayee qabnu jaliissii oolchuu fi humna ibsaa maddisiisuu danda’an qoraannoo fi qua’annoon sakata’uun duguuggnee yoo ittifaayyadamne, akkasumaas kappitaalaa xiqqaa qabnu Kuussachuun’capital Accumuation’ gara invastimeentii bal’aa fi gurguddaa ‘Opportunity For Hudge Investment’ keessaa gaalchuuf carraa gudda qabna. Oromiyaan daandiiwwan geejibbaa lafarraa fi qilleensaatti dhiyoo waan jirtuuf omishaa haala salphaan omishuun gabaa aduunyaatti dhiyyeessun galii guddaa argaachuuf caarraa ni qabdi. Oromiyaan carraa invastimeentii harkiissuu bal’aa waan qabduuf magaalaa keessaa fi baadiyyatti carraa hojii bal’aa uumuu ni dandeetti. Kanaaf, caarrawan qabnu kan akka humna namaa, bishaan, albudoota adda addaa fi lafaa, akkaaumas bineensoota bosona ekoo-turiizimii harkisuu dand’aan waan qabduuf carrallee qabdu kana yoo ittifaayadamte galma akka biyyaa fi naannootti ka’ame kan gara biyyaa galii giddugaleessatti makaamuuf tasiiftuu keessatti gahee guddaa qabdi.

    1. Ka’uumsa Barbaachisoo ta’an Kan biro (Sustainable Development Goals (UN), Mallattoo fi waligalteewwan adda adda biyyii keenya malateessitee)

    Dhimmoota akka aduunyaattii waliigalteef konveenshiinoota ittifuufiinsa gudinnaaf ni tumsuu jedhame mallaateesinees beekamani KGT2 keessattii xiyyeefannoon itti kennamau qaba. Galmoota misoomaa 2015ALA/2007 ALI booda jiraanii fi ”Ajandaa 2063”, mul’ataa fi tarreefama sagantaalee ta’an ilaalchaa keessaa galchuun imaamatootaa fi tariimoowwan biyyaa keenya wajjiin walsimsiisuun hojirra oolchuu gaafata.Humna dandeettii manuufachaarngii keenyaa cimsuun, omishaalee al-ergee keenya dorgomummaa isaanii guddissuun dameewwan sadarkaa gudinnaa irra jiran akka afriikaattii dorgomaa tasiisuuf xiyyeefannoon hojjaachuu dha. Akka idil-aduunyaattii fi haala diinagdee naannoo keenya hubbachuun daldalaa, invaastimeentii fi teekinolojiiwwan jiran ilaalchaa keessaa galchuun ciminaan carraalee argaman hundaatti fayyadamu qabna.Akka idil-adduunyaatti jijjiramaa qilleensaa waldeeggaruun hojjaachuu, shoreerkeesummaa fi mankraareesitumma amantaa dawoo godhate irratti qabsoo tasiifamuun, akkaumaas nageenya fi tasgabbii buusuuf hojiiwwan hojjataman akka ka’uumsatti fudhatamaniiruu.

    1. Yüklə 1,3 Mb.

      Dostları ilə paylaş:
  • 1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   14




    Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
    rəhbərliyinə müraciət

    gir | qeydiyyatdan keç
        Ana səhifə


    yükləyin