Finfinnee Waxabajjii, 2003


B Kaayyoowwan Tarsiimoo’aa



Yüklə 4,87 Mb.
səhifə84/156
tarix02.01.2022
ölçüsü4,87 Mb.
#33263
1   ...   80   81   82   83   84   85   86   87   ...   156
B
Kaayyoowwan Tarsiimoo’aa
u’aa:
Qulqullina suphaa daandii dabale

Milkaa’ina: Daandii tajaajila itti fufiinsa qabu kenne

              1. Uwwisa suphaa daandii dabaluu

Ibsa (Description): Daandiin bu’uraalee misoomaa mootummaan naannichaa xiyyeeffannnaa itti kenne keessaa isaa tokkoo dha. Waan kanaa ta’eef, yeroodhaan yoo suphame guddina hawaas-dinaagdee keessatti gumaachaa ol’aanaa laachuudhaan jiruuf jireenya hawaasa keenyaa kan jijjiru ta’a.

Haaluma kanaan, daandii ATDO fi hirmaannaa uummataan ijaaramee jiru irratti hubannoo gama suphaa daandii uummataa, bulchiinsa qabeenya daandii, suphaa tooftaa humna dheerina namaa (length person), eegumsa qabeenyaa daandii (daangaa mirga daandii, mallattoo nageenya daandii) uummataa, kontiraakteroota gurguddoo, xixxiqqoo fi gorsitoota adda addaa (mootummaa fi dhuunfaa) hirmaachisudhaan akka suphamu ni taasifama.

Akka haala qabatamaa mana hojii keenyaatiin daandiiwwan hedduun isaanii kan manca’aniif yeroo dheeraadhaaf osoo suphaa hin argatiin tajaajilaa kennaa waan jiraniif komii uummataa iddoo adda addaatti kaasaa tureeraa. Kanaafuu, daandiiwwan tajaajilaa kennaa turuudhaan manca’aniif hordoffii (supervision) fi lakkaa’umsa daandii (roads inventory) taasisuudhaan uwwisa suphaa daandii baay’inaa fi haala tajaajila itti fufinsa hawaasaaf kennuu danda’u irratti hojechuu dha. Kaayyoo kana dhugoomsuuf, ATDO fi Wajjirrii fandii daandiilee baajata waggaa waggaan ramaduun uwwisa suphaa daandii dabaluun xiyyeeffannaan ni hojjatamaa.


Yüklə 4,87 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   ...   80   81   82   83   84   85   86   87   ...   156




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin