Gamaaggama Raawwii Walakkeessaa kgt-ii


Babal’insa bu’uuralee misoomaa fi hooggansa pirojektotaa



Yüklə 286 Kb.
səhifə7/23
tarix20.05.2023
ölçüsü286 Kb.
#127325
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   23
Report GTP-II Final Volume-I

Babal’insa bu’uuralee misoomaa fi hooggansa pirojektotaa

  1. Daandii

KGT II kana keessatti bu’uuralee misooma diinagdee- daandii, bishaan dhugaatii, fi jallisii- babal’isuuf karoorfamee jira. Haaluma kanaan gama daandiitiin hanga xumura bara 2012tti daandiiwwan haaraa km 33, 673 dabalataan ijaaruudhaan uwwisa daandii Oromiyaa gara km 76,986tti guddisuuf, gobbina daandii (road density) bal’inaa lafaatiin km 119.27 / km2 1000 irra ture gara km 212 / km2 1000 tti fi baayina ummataatiin km 1.28 /nama 1000 irra ture gara km 1.97/nama 1000tti guddisuuf maniin waggaa shanii taa’eera. Kana guchuudhaanis fageenya daandii gannaa-bonaa irraa adeemsa km 4.2 hanga sa’atii 1.4 fudhachaa ture gara gara km 2.4 sa’atii 0.79tti gadi-buusuuf karoorfameera. Sochii waggoota lamaa fi walakkaa kana keessatti daandiin km 8,420.15 kan ijaaramee tajaajila kennaa jiru yemmuu ta’u, uwwisni daandii keenya km 51,733.51 irra ga’eera. Kunisa manii hanga ammaa keessaa % 34.3 fi kan waggaa shanii keessaa % 25 qofa akka raawwatame agarsiisa. Gobbini daandiis km 144.5/ km21000 fi km 1.73/nama 1000 irra ga’eera. Manii karooraa hanga yeroo kanaa yemmuu ilaallu gobbini daandii km 186.88/ km21000 fi km 1.83/nama 1000 irra akka ga’u eegama ture.


Daandii haaraa ijaaruun qofti ittifufiinsa misoomaatiif wabii waan hintaaneef, gama tokkoon suphaa daandiwwanii gaggeessuun, gama biraatiin ammo sagantaa waliinga’iinsa daandii wajjiin walqabatee lafa riqaan otuu hin’ijaaramin hafetti riqaawwan ijaaruunis hojiiwwan gurguddoo KGT II kanaati. Haaluma kanaan hanga xumura bara 2012tti suphaa daandiiwwani km 159,550 (cimaa km 48,607 fi salphaa km 111,163) gaggeessuuf karoorfameera. Kana keessaa hanga bara 2010tti suphaa daandiwwanii km 82,728 (cimaa km 25,096 fi salphaa km 57,632) gaggeessuuf maniin taa’ee jira. Raawwiin hanga ammaatti suphaan daandii km 18,905 (karoora hanga ammaa keessaa %23) qofaadha. Sadarkaa suphaatiin yemmuu ilaallamu km 3790 (%15) suphaa cimaa fi km 15,115 (%26) suphaa salphaadha. Yeroo walakkeessa KGT II kana keessatti riqaawwan 337 ijaaruuf karoorfamus kan ijaarsi isaanii xumurame riqaawwan 112 (%33) qofaadha. Walumaagalatti raawwiin karoora misooma daandii keenya milkaa’ina dadhabaa kan argasiise ta’uu isaa ilaaluun ni danda’ama.
Raawwii gadi-aanaa kanaaf wantootni sababii ta’an ijoon fi gurguddoon hojiin ijaarsa daandii bajata “sustainable development goal”yaada keessa galchuun karoorfaman sababa bajtichi argamuu hindandeenyeef otuu hinraawwatamin hafuu fi hanqinoota hooggansa pirojektii gara boodaatti ilaalludha.

      1. Yüklə 286 Kb.

        Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin