|
Hanqinaa fi Cimina hojii Bara 2009 keessatti mul'ate
|
səhifə | 20/36 | tarix | 10.01.2022 | ölçüsü | 1,78 Mb. | | #101804 |
| 4. Hanqinaa fi Cimina hojii Bara 2009 keessatti mul'ate
4.1. Cimina
-
To'annoo bara kana geggeeffameen baay'inni daldaltoota seera qabeessa ta'an kan dabale ta'uu
-
Daldala seeraan alaa xiqqeessuuf hojiin hojjetame gaarii ta'uu
-
hubannoon hawaasa daldalaa fi hawaasa bal'aaf kennamaa ture kan yeroo kamiiyyuu caalaa gaarii ta'uu
-
safartuu madaallii iftoomina qabuun bituu fi gurgurruun akka gaggeeffamuuf hojiin hojjetame kan hin tuffatamne ta'uu
-
To'annoo fi Hordoffiin meeshaalee bu'uuraa irratti godhame gaarii ta'uu
-
Aanaaleen keenya baay'een kallattii Godinni kennee fi tooftaa raawwii mataa isaanii fayyadamuudhaan Galmeessa haaraa kennuudhaan hojii jajjabeessaan hojjetamuu
-
Hayyama haaressuu ilaalchisee boqonnaa qophii eessatti qophii dursaa ga’aa gochuudhaan hojii gaariin hojjetamuu
-
Hayyama off-line galchuu ilaalchisee aanoleen keenya hedduun dhimmanii hojjechuudhaan, bakka rakkoon uumamutti Godina quunnamaa adeemuudhaan hojii gaariin kan hojjetamaa ture ta'uu.
-
Raabsii meeshaalee bu’uuraa ilaalchisee hojimaataa fi qajeelfama raabsii eeganii hawaasa fayyadamaa biraan gahuu irratti adeemsa kanaan duraa irraa fooyya’umsi mul’achuu eegeleera
-
Magaalaa Aanaalee tokko tokko keessatti meeshaalee bu'uuraa kuupponiidhaan raabsaa jiraachuu
-
Meeshaalee bu'uuraa gandoolee baadiyaa keessatti galmeedhaan raabsamaa jiraachuu
-
Uummatni waa'ee mirga isaatiif qabsaa'uu jalqabuu
-
Rakkoo raabsii meeshaalee bu'uuraa keessatti mul'atu fayyadamtoonni odeeffannoo kennuu
-
Raabsii fi raawwiin isaa koree gabaa tasgabbeessituu aanaatiin hordofamuu
-
Aanaalee muraasa keessatti raabsiin godhamu baay’ina maatii giddu galeessa kan godhate ta’uu
-
Gatii dabalanii kan gurguran uummataaf akka deebisan tasifamuu
-
Daakuu qamadii mana daabboo hayyama qaban qofaaf qooduu
-
Qorannoo geggeessuudhaan Biiroo amansiisuudhaan Kootaan sukkaaraa godina keenyaatti kuntaalli 2000 dabalamuudhaan waliigala sukkaara kun 5733 akka dabalamu taasisuu
-
Odeeffannoo gabaan funaaname irratti xiinxala geggeessuun ragaa isaa qaama ilaallatuuf dabarsuu jiraachuu
-
Adeemsa hojii midhaanii fi bu'aa Bosonaatiin walqabatee Aanolee baay’een Ciminaa fi hanqina bara 2008 galtee karooraa bara 2009 godhachuuf yaaluu
-
Pootenshaala Midhaan gosa gosaan aanaa ofii bu'uura godhachuudhaan aanoleen karoora godinni gadi buusee wajjin wal simsiisanii baafachuu
-
Aanaaleen tokko tokko pootenshaala midhaan gosa gosaa, kuduraa fi muduraa fi kkf adda baafachuun karorfachuu
-
Dhimma hojii Q/Naamusaa ilaalchisee Midhaa malaamaltummaan geesisaa jiru fi fayyida naamusa gaarii irraati hubannoo umamera Maddootamalaamaltummaa fi kiraasassabdummaa maqisuuf toofta qabsoo farra malaamaltummaa Raawata jiru gaarii ta’u isa
-
Naamusa hojeetoota fi hojii hordoofuun hanqina naamusa jiru sireesuun hubatamera
-
Labsii dambii,seeroota,qajeelfama naamusa gaarii deegeeraman hojeechu jirachu
-
Qaawaa naamusa jiru irraati hojeetootaaf maarii hubannoo cimisuu keenamera
Dostları ilə paylaş: |
|
|